Karra eegaan duraanii Arsenaal balaa konkolaataan du'e

Aleeksi Maniinjer; Oostiriyaa 1999

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aleeksi Maniinjer; Oostiriyaa 1999
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Karra eegaan duraanii Arsenaal balaa konkolaataa isa mudateen umurii isaa waggaa 48tti du'aan addunyaa kana irraa boqate.

Aleeksi Maniinjer osoo konkolaachisaa jiruu baaburri konkolaataa isaatti bu'uun du'e.

Magaalaa Saalzibarg keessatti bakka daandiin konkolaataa fi baaburaa wal qaxxaamurutti akka lubbuun isaa darbe poolisiin ibseera.

Maaniinjer Arsenaaliif bara 1997-2002 giduu taphoota 64 irratti hiriiree taphateera. Waancaa Piriimer Liigii fi FA Kaappii Arsenaal wlaiin mo'ateera.

Biyya isaa Oostiriyaaf ammoo taphoota 33 irratti hiriiree taphateera. Isa dhumaaf ammoo Waancaa Awurooppaa bara 2008 gaggeeffame irratti hiriiree taphateera.

"Aleeksander Maniinjer kubba miilaa Oostiriyaaf dirree keessaa fi alatti ambaasadara guddaa ture,'' jedhe Federeeshiniin Kubba Miilaa Oostiraa ibsa gaddaa baaseen.

Pirofeshinaalummaan isaa fi nama itti amanatan tahuun isaa adda isa taasisa jedhe.

Waan inni milkeessaef kabajatu mala kan jedhe daarikterri federeshinichaa bara baraan yaadatama jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin Saalzibarg akka jedhetti jalqaba yeroo poolisoonni achi gahan meeshaa onnee dammaqsu fayyadamuun isa oolchuuf yaalanii ture. Garuu hin milkoofne jedhe.

Maniinjer yeroo balaan kn isa mudatu konkolaataa isaa keessa qofaa isa ature. Konkolaachisaan baaburaa akka hin miidhamne poolisiin ibseera.

Aleeksaander Maniinjer tapha kubba miilaa kan jalqabe qe'eema dhaloota isaatti kan argamu Reed Buul Saalzibarg keessatti yoo tahu, kileboota Awurooppaa keessaa 14 tahaniif taphateera.

Isaan keessaa Juuvantas, Yuudiniizee, Oogsubargii fi Arsenaal kaasuun danda'ama.

Umurii isaa waggaa 39tti bara 2016 kontiraata yeroo gabaabaa Liiverpuuliif mallatteessee ture.

Garuu osoo tapha tokko irrattiyyuu hin hirmaatiin bahe. Yeroo Arsenaal keessa ture yeroo dheeraa miidhamaan dabarse. Deevid Siimaanitti aanee filannoo lammaffaa tahuun Arsenaaliif taphateera. Bara 1997-98 ammoo yeroo Deevid Siiman miidhame isa bakka bu'uun taphataa tureera.

Bara sana Arsenaal rukuttaa peenaaliitiin WestHaam mo'atee akka FA Kaappii marsaa jahaffaaf darbu gargaareera. Akkasumas injifannoo Arsenaal Maanchister Yuunaayitid irratti bara sana argate irrattis gahumsa guddaa agarsiisuun hedduu jajamee ture.

Inumaayyuu taphataa cimaa Pirimer Liigii ji'a sana keessaa tahuun Bitootessa 1998 filameera.

Leenjisaa fi karra eegaa duraanii Arsenaal Arsen Weenger

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa fi karra eegaa duraanii Arsenaal Arsen Weenger

Bara 197-98 kara eegaan isaanii kun meedaaliyaa kilebichi mo'atu argachuuf taphoota barbaachisan hundaa taphachuu baatus medaaliyaa akka argatu murteessanii kennaniif.

Arsenaal ibsa baaseen ''Arsenaal gadda tasa karra eegaa duraanii Aleeksi Maniinjer mudateen hedduu gaddeera,'' jechuun fuula X isaanii irratti maxxansaniiru.

''Maatii isaa hundaaf jajjabina hawwina. Gaddi keenya guddaadha'' jedhan.

RB Saalzibarg ''gaddineera'' yeroo jedhan Liiverpuul ''akka malee gaddine'' jedhan.

Liiverpuul inumaayyuu jalqaba bara dorgommii kanaatti taphataa isaanii cimaa Deegoo Jootaa balaa konkolaataan waan dhabniif gadda guddaa keessa turan.

Kun taphataa kilebichaaf mallatteessee beeku keessaa nama lammaffaa waggaa tokko keessatti balaa konkolaataan lubbuun darbedha. Maaniinjer yeroo Jijii Buufon miidhame gara taphoota 42 taphateera.

''Har'a guyyaa gadda guddaa itti dhageenyedha.

Yeroo nu waliin dabarse gahumsa guddaa agarsiisuu isaa qofa osoo hin taane nama amala addaa qabu tahuu usaa agarsiisuuni ture. Akka kileba keenya Juuvantasitti gadda guddaa nutti dhagahame ibsanna jedhe.