Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Arsenaal mo'ataa?

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonnikoo abidda tufuuf qophiidha. Ispoortiing Lisban irratti arguuf deemtu kan jechaa ture Arteettaan taphichi qixa 0-0 xumuramuun galchii tokkittii torbee darbe lakkoofsisaniin darban.
Inumaayyuu Arsenaal waancaaf imalaa jiru hin fakkaatan. Garuu kan barbaachise taphicha mo'achuu erga tahee ergama isaanii milkeessaniiru.
''Dhamaatii isaanii nan hubadha. Kaka'umsa isaanii nan arga'' jedhe Mikeel Arteettaan.
Seenaa Arsenaal waggaa 140 keessatti waan tahee hin beekne galmeessaa jiru kan jedhe Arteettaan walitti aansuun walakkaa xumura Shaampiyoonsi Liigiif gahaniiru.
Dhuguma Arsenaal seenaa isaa keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atee hin beeku.
Qabxii kana duuba dhamaatii addaatu jira. Dhuguma Arsenaal tapha ittiin beekamu hin agarsiifne tahuu danda'a,'' jedhe.
Taphoota shanan darban irratti galchii sadii qofa lakkoofsisan. Garuu falaasamni taphaa haaraa qabxii tahaa? Moo mo'atanii bakka barbaadan sana gahuutu milkaa'ina?
Taphattoonni isaa tapha'a ajaa'ibaa taphachuun Arteettaaf homaa gatii hin qabu jedhe xiinxalaan kubba miilaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal kan barbaade karaa kamiinuu tahu qabxi argatan qofa darbuun ergama isaanii isa dhumaati.
Bukaayoo Saakaa, Odeegaardii, Kaalafiyoorii fi Juliyaan Tiimber fa'aa bakka hin jirretti Arsenaal ofiif seenaa hojjetan.
Deklaan Raatis reefu dhukkubsatee fayyee isumaan taphate. Maduweekeen osoo dhukkubuu taphatee bahe.
Arteettaan miidhama sasalphaa ammayyuu gareekee irratti argaa jirtaa jedhamnaan: ''Eeyyee, Garuu yoom miidhaman, amala akkamii agarsiisu ture jedhee yeroon yaadu waan ajaa'ibaati'' jedhe.
Kileba Ingilizii tokkicha as gahe kan taaneefii dorgommiin kun baay'ee waan ulfaatuufi. Liigii kunii fi guyyaan taphaa waan baay'atuuf qabxii akkasii galmeessuun ulfaata jedhe.
Yaaddoo Arsenaal amma qabu tapha Maanchister Siitii waliin qabuuf taphataan jalaa akka hin miidhamne kan jedhu qofadha.
''Nuyi karaa hundumaa guutuudha ofiin hin jennu. Kana ni amanna. Ofirrattis beekna. Garuu waan taphattoonni kunneen hojjetan gatii guddaa qaba,'' jedhe.
Taphataan duraanii Maanchister Siitii Needum Onohaa ''waggaa lamaaf wlaitti aansanii walakkaa xumuraaf gahuun isaanii waan guddaadha. Har'a garuu carraa goolii baay'ee hin uumne. Tarii marsaa itti aanutti ni galchu taha'' jedhe.
Deklaan Raayis ammoo isa bara darbee irraa sadarkaa tokko fuulduratti deemuu qabna, waancaaf gahuu qabna jedhe.
Mo'ichi isaanii akka kileboota gurguddoo Awurooppaa kaanii amansiisaa miti. Garuu Arsenaal tapha kana injifachuuf waan gahu agarsiisaniiru. Riyaal Maadrid argineerra. Goolii afur lakkoofsisan. Garuu mo'amanii keessaa bahan,'' jedhe.
Arsenaal ammoo galchii tokkittii daqiiqaa dhumaatti Havert kana dura lakkoofsiseen darban. Yoo galchii lakkoofsisuu baatanis galchiin irratti osoo hin lakkaa'amiin taphoota lamaan dabarsuun isaanii gatii argachuu qaba jedhe.
Baayern Muunik Riyaal Maadridiin mo'achuun walakkaa xumuraaf darbeera. Tapha Shaampiyoonsi Liigii sirrii fi hawwataa argine.
Falmii jabaan kan irratti mul'atedha.
Kiliyaan Imbaappee, Vinishiyeesh Juunerii fi Beelingihaam fa'aa waan danda'an hundaa Munikitti godhaniiru.
Baayern garuu bara kana gahumsa addaa irra jira. Haarii Keen, Oolisee fi Diyaaz taphattoota Maadrid caalaa galchii lakkoofsisuun kileba isaanii walakkaa xumuraaf dabarsaniiru.
Injifannoon isaaniis waancaa injifachuu garee danda'u tahuu agarsiisa jedhe. Viinsent Koompaaniin leenjisaa dargaggeessa Baayern Muunik keessatti waan dinqii hojjetedha.
Amma Kompaaniin leenjisaa muuxannoo guddaa qabu Luwis Eneriikee waliin walitti dhufu.
PSG yeroo jalqabaaf bara darbe shaampiyoonsi Liigii mo'ate. Bara kanas walakkaa xumuraaf dhaqabuu isaa kileba waancaa isa dhugaa tahuu mirkaneessera jedhan xiinxaltoonni.
Dembeeleen bara darbe Ballon d'Or mo'ateera. Bara kana gahumsa wal fakkaataa irra tahuu baatus carraa waancaaf gahuu qabu.











![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)
