Gaazexeessaa Sudaan waggaa sadiif addunyaarraa fo'amee ture bilbillisaa banamnaan ergaan gaddaa lola'eef

Madda suuraa, Mohamed Suleiman
Mohaammad Suleemaan Amajji darbe waajira telekoomii magaala buufata doonii Poort Sudaanitti argamu akkuma seeneen boo'uu jalqbe.
Lolli waraana mootummaa Sudaaniifi Human Addaa biyyattii gidduu erga jalqabee bilbilasaa argee hin beeku.
Gaazexeessaan kuni magaalaa lixa biyyattiitti argamtu Elfashaar keessaa akkatti bahu dhabee erga tureen booda amma Poort Sudaan kan qaqqabe yoo tahu yeroo kana hunda mala koominikeeshinii malee turuufi gidiraa argaa ture ibsuu hin akka hin dandeenye dubbata.
''Waajira keessatti namoonni bilbilaan yeroo dubbatan yoon argu miira koo to'achuu hin dandeenye, waggaa sadii darbeef bilbilli koo sagalee hin qabu ture akkuma siim kaardii koo galcheen imimmaan koo bu'e,'' jechuun BBCtti hime.
Yeroo bilbillisaa banamu ergaan gaddaa yaa'uu jalqabe. Waayelotasaa lubbuu dhabaniifi ergaa hiriyyootasaa lubbuun jiraachuusaa gaafatan.
''Guyyoota muraasaan dura namni tokko bilbilee kanan du'e itti fakkaatee na gaafatee ture. Hammaa vidiyoodhaan na argautti hin amanne ture, yeroo an argu garuu hirqinfatee boo'e,'' jedha.
Mohaammad akka jedhutti odeeffannoon addaan cituun hammuma hokkora kanaa isa jeeqaa ture.
Haala ture yeroo ibsu,''ajjeechaa tarsimawaa dirooniifi boombiidhaan taasifamu akkasumas ji'oota 18f magaalaa Elfashaar dhumaatiin argaa ture ibsuuf hafuuratu na ciccita,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Onkololeessa darbe humni addaa yeroo magaalattii to'atu ''guyyaan dhumaa addunyaa waan dhufe fakkkaata ture,'' jedha.
El-fashaar to'annoo jala ooluun waraana waggaa sadii dura jalqabe kana gara siqiqii biraattii geesseera.
Waraanichi kutaalee biyyattii garagaraattii kan babal'ate yoo tahu, keessumaa naannoo lixa biyyattii iddoo Daarfur jedhamutti akkaan hammaateera.
Lolli kuni gara waggaa sadaffaatti yeroo ce'aa jirutti biyyattiin Humna Addaa fi waraana mootummaa gidduutti hiramtee jirti. Lammiileen Sudaan rakkoo namoomaa hamaa jedhamu kanaan buqqa'anii jiru.
Tattaaffiin dippiloomaasii Ameerikaa otoo hin milkaa'in hafeera. Gareeleen lamaan deeggarsa waraanicha akka itti fufan dandeessisu argachaa jiru.
Seenaan Mahammad lammiilee nagaa dhabuun nyaata, mana, jireenyaafi eenyummaa isaanirraa akka molqu kan agarsiisu dha.
Namoota nagaa El-fashaar yeroo naannichi to'atame magaalattii keessatti balaan beelaa mudatee akka ture UN himeera.
Mahaammad ''karaa irratti daa'imman du'an argina ture,'' jedhe
''Dubartoonni sababa beelaan ijoollee isaanii baachuu dadhabanii karaa irratti gatanii yeroo boo'an argineerra. Namoonni qaamaan beeknullee waanti goonuufi hin jiru ture. Nyaatni hin turre. Bishaanis hin turre. Gargaarsi yeroo hatattamaa hin jiru ture. Kanaaf bo'aa reeffa isaanii baattee itti fufta,'' jechuun ibsa.
Namoonni gariin gara magaala fooyyee qabdu Taawilaatti baqachuuf yeroo yaalan karaan reeffaafi nama madaa'een guutamee ture. Reeffi argitu kan lakkoofsaan ibsamu miti,'' jedha.
Otoo bilbila gargaarsa ittiin waamnu qabaannee nama madaa'e otoo arginuu dhiisnee hin deemnu ture.
''Waan sammuu namaaf ulfaatu kan irra deebi'ee ibsuu hindandeenyetu jira. Kan nama gaddisiisu ammoo miidiyaaleen kana sagaleefi suuraan waraabuu dhabuu isaaniiti,'' jedha.
''Addunyaan Elfashaar keessa maaltu akka adeemu hin beeku,'' jechuun hadheeffatee dubbate.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Humni Addaa RSF jedhamu sarbamni mirgaa raawwatamuu amanus hammi balaa mudatee harbeeffameera jedhu. Haa tahu malee qaamni lamaan yakka waraanaa raawwachuun shakkamu.
Mallii quunnamtii magaalattii waraanni jalqabee baayyee otoo hin turiin ture guutummaatti kan addaan cite.
Namoonni gariin meeshaalee istaarliink dhoksaan galchuun intarneetii saatalaayitii fayyadamuu danda'anillee yeroo waraanni magaalattii to'ate garuu dhiyeessiin tajaajilaa daangeffaamaa ture. RSF illee waanuma arge hunda barbadeessaa ture.
Gaazexeessitoonni humnoota gama lamaaniinuu ''basaasaaf itti fayyadamtu'' jedhaamuun balaaf saaxilamaa waan turaniif dhugaan achii otoo hin bahiin hafeera.
Mahaammad akka lammiilee Sudaan biroo Adoolessa 2024 yeroo manasaatti deebi'u isarraa fageenya meetira lama irratti haleellaan raawwatee ture.
Inni haleellaa irraa hafus eessattiyyuu bilbiluu wan hin dandeenyeef sa'atii walakkaaf lafarra akka ciise dubbata.
''Otoon yeroos madaa'eera tahee nan du'a ture,'' jedhe.

Madda suuraa, Reuters
Dirooniin magaalatti keessa yeroo marsan ergaan namoonni akka baqatan taasisu kennamaa hin turrre jedha.
Inumaa bilbilli sababa ifa agarsiisuun qiyyaafannoo keessa waan galuuf yaaddoo uumaa ture.
''Yeroo waraanni jalqabe mana keessatti siree jala ykn dahoo qotatte keessatti dhokatta ykn waanuma si golgutti baqatta. Lafa akkaan ho'u kana keessatti waraanni sa'atii torbaaf itti fufuu danda'a jedha. Waan argitu hunda dubbachuu waan hin dandeenyyeef callistee turta,'' jedha.
Mahaammad daa'imman baayyee yeroo dhuman argeera.
''Harreen gaarii harkisullee yeroo rukutamu daa'imman irratti du'aniiru,'' jedhe.
Mahaammad gidiraa kana hunda keessattillee abdiii hin kutanne ture. Maatiisaa waliin Quraan qara'aa, salaataa dabarsaa turan.
''Salaata waaree boodaatti aanee Quraana qaraana, yeroo haleellaan jiraatu ammoo ni baqanna, kaabaan gaafa dhufu gara kibbaa, kibbaan gaafa dhufu ammoo gara kaabaa baqataa turre,'' jedha
Dhumarratti imala baatii lama fudhateen kara Chaadiin godhee magaalaa mootummaa waraanaa gara taate Poort Sudaan dhaqqabe. ''Buufata xiyyaaraa akkauman gaheen addaan kufee hirqinfadheen boohe, nagaan nan qaqqaba jedhee yaadee hin beeku,'' jedheera.
Mahammada amma iddoo nagaa jiraatus sanadoota eenyummaasaa ibsan hunda dhabee jira. Deebisee argachuuf falmii birookiraasii keessa seenee jira.
''Waajiraalee 22 olitti marmaaree dhumarratti haadha keefi ragaa baatota biroo fidii kootuu naan jedhan,'' jedha. Anillee argadhe, nama waraana kanaan hunda dhabe akka tahu yaadi,'' jedha.

Madda suuraa, Mohamed Eid
Amma addunyaa waliin wal argus gidiraa argaa ture yeroo dubbatu addunyaa Sudaanirraa fuulaa garagalfate jedha
''Addunyaa kanarra seerri idil addunyaa jedhamu hin jiru,'' jedha.
''Biyyoota Gamtoomanii waan jedhamu hin jiru, otoo dhaaboti namoomaa jiratanii Elfashaar keessa namni guyya guyyaan hin du'u tur, hin beela'u, hin dheebotu dirooniifi fanjiidhaan hin du'u,'' jedhe.
''Dhukaasa dhaabuun hin jiru, qorichi hin jiru, dahoon hin jiru,'' jedha.
Addunyaan waraana Sudaan dhaabuus tahe deeggarsa namoomaa dhaabsisuu hin dandeenye. Biyyooti Gamtoomanii Sudaan deeggaruuf qarshii biiliyoona 2.87 na barbaachisa jedhee keessa hark 16.2 qofa argate.
Mohaammad Suleemaan Sudaan amma biyya qoqqoodamteefi bittinnoofte dha. Garuu seenaa kana himuun faayidaa guddaa qaba,'' jedha.











![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)
