BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Maqalee, Aksumi fi Maayicew guyyoota darbanii fi amma maal keessa jiru?
Humnootni Mootummaa federaalaa fi miiltoo isaanii kan ta'an humnootni nagaa Tigraayi magaala Guddoo naannoo Tigraayi ,Maqalee seenuu isaanii hordofee jiraattonni BBC'n dubbise magaalotni Maqalee, Aksumii fi Maayicew haala akkamii keessa akka jiran himan
KALLATTIIN, 'Shaakala siyaasaa lola aadeffate gara mariifi waldhaggeeffachuutti jijjiiruuf ni hojjetama'
Pirezidant Taayyee Asqesillaasee siyaasa Itoophiyaa lolafi walitti bu’iinsa aadeffate hambisuun shaakalliin siyaasaa biyyattii nagaa, marii, beekumsafi waldhaggeeffachuurratti kan hundaa’e akka ta’uuf mootummaan xiyyeeffannoo akka hojjetu himaniiru.
Humna waraanaa jabaa, ulaa galaanaa fi heeraa fooyyessuu - karoora MM Abiy itti aanan
MM Abiy Ahimed waggoota shanan dhufaniif Ministira Muummee Itoophiyaa ta'uun erga irra deebiin filatamanii booda, haasawa taasisaaniin hojiiwwan mootummaa isaanii yeroo itti aanu keessatti raawwachuuf karoorfaman keessaa ijoo ta'an kaasaniiru.
Sa'udiin namicha ergaa Feesbuukiirratti maxxanseef du'a itti murteessiteef dhiifama akka gootu gaafatamte
Dargaggeessi waggaa 24 Anojaan Sivarasaa hojiif biyya itti baqate Sa'ud Arabiyaatti manni-murtii ijibbaataa ergaa fuula Feesbuukii isarratti baaseen amnataa Islaamaa fi Nabiyyuu Mohaammad arrabsuu isaatiin himatee murtee du'aatu isa eeggata.
Abiy Ahmed irra deebiin Ministira Muummee Itoophiyaa ta’uun filataman
Filannoo waliigalaa torbaffaa booda har'a mootummaa haaraan Itoophiyaa keessatti hundeeffame. Filannoo ministira muummee dabalatee muudamni adda addaa akkasumas murteewwan adda addaa taasifamaniiru
Tiraamp xayyaaronni waraanaa US UK keessaa kan baafaman yaaddoo nageenyaaf ta'uu ibse
Pirezidaant Doonaald Tiraamp US xayyaarota waraanaa fageenya dheeraa imaluun haleellaa gaggeessaan buufata waraanaa UK keessaa kan baaste "yaaddoo nageenyarraa" kan ka'e ta'uu ibse.
Waraanni Yaman hidhattoota Huutii ulaa Baab el-Mandab keessaa ari'uu ibse
Humnoonni mootummaa Yaman kan deeggarsa Sa'uudii Arabiyaa qabuu magaalota handaara galaanaa kanneen akka Morka to'achuun hidhattoota Huutii ulaa Baab el-Mandab keessaa gussaa jiraachuu ibsan.
Rakkoon Maanchistar Siitii mudate waa'ee faayinaansii Maanchistar Yunaayitid maal hima?
Gabaasni koree Pirimeer Liigii gochaalee seeran alaa Maanchistar Siitiin waggoota darban keessa raawwate ifatti kaa'era. "Galiin kilabichaa akka malee arbeeffamee paawundii miliyoona 830 ol guddatee dhiyaatera."
Seenaa, adeemsafi caaseffama Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa
Gamoon Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Kiiloo Afur jiru siyaasa Itoophiyaa keessatti taatewwan heddu keessummeessera. Gamoo kana keessaa labsiiwwan garaa garaa heddu bahaniiru. Bakka waraanni itti labsame, araarri itti bu'e ta'eera.
Biyyoonni ollaa Masiriitti ibsa waloo baasuu booda Itoophiyaan ejjennoo ibsite
Dureewwan Masirii, Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan Dilbata, Onkoloolessa 4, 2026 dhimma Galaana Diimaa fi laga Abbaay dabalatee seeronni lageen daangaa qaxxaamuran irratti hojjetan kabajamuu fi hojiitti hiikamuu akka qaban ejjennoo isaanii ibsaniiru.
"Qaamni dhimma Itoophiyaa keessa seenu gatiisaa akka argatu shakkiin hin jiru"
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa ce'uun waraana guyyoota darban gaggeeffaman keessatti hirmaachuu kan ibsan qondaalli olaanaan mootummaa Itoophiyaa Abraham Balaay (PhD) ''deebiin mootummaa Itoophiyaa akkaan hamaa ta'a,'' jedhan.
Biyyoonni Itoophiyaan himattu Masirii, Ertiraa fi Sudaan el-Alamiinitti maal mari'atan?
Gaanfa Afrikaatti yeroo kamuu caalaa wayita walitti bu'iinsii fi muddamni hammaatee jirutti Masiriin hooggantoota naannawa kanaa michuuwwan ishee ta'an mariisisaa jirti.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu lolli eegale
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi eegale.
Viidiyoo, Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa walqabatee hojii dhaabeera.
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
''Jigiidha'' - Tumsa hidhattootaafi akeeka MM Abiy irratti xiinxala Jawaar
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa
Itoophiyaa;- Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomuu isaani ilaalchisee waanti gama mootumman jedhame maali? Dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa waanti jedhan kunooti.
Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
Baqattoonni Itoophiyaa waraana Huutii gidduutti danqaman birmannaa gaafatan
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran waraana Huutii akkaan babal'ataa jiru gidduutti danqaman birmannaa gaafataa jiru. Magaalaa Sana'aa qabatanii kan jiran hidhattoonni Huutii kutaaleen Yaman gara kaabaa hedduunis to'annoosaanii jala jira.
'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa oomisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee? Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Ispoortii
Fiigicha badhaasa hanga birrii miiliyoona 1 argamsiisu dabalatee taateewwan Irreechaa ijoo
Irreecha bara 2026 waliin walqabatee taateewwan adda addaa magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Atileet Tigist maraatoonii Barliin irratti erga miidhamtee maal keessa jirti, egeree isheef yaaddessaadhaa?
Atleet Tigist Asaffaa erga maraatoonii Barliin irratti miidhaan isheerra gaheen booda wallaansa baqsanii yaaluu milkaa'aa ta'e gaafa Wixataa taasifachuu ishee leenjisaan ishee BBCtti himeera.
'Siitiin waancaawwan injifate akka dhabu yoo murtaahes Yunaayitidiif hin malu'- Rooniy
Maanchister Siitiin himannaawwan seera faayinaansii cabsuun irratti dhiyaateen badiin irratti argamuu booda waancaa mo'ate akka dhabu yoo ta'e waancaan kamuu Yunaayitidiif hin maluu jedhe taphataan duraanii garichaa Waaynii Rooniy.
Haakariin Maanchistar Siitii barbadeessuuf yaale Ruyii Piintoo eenyu?
Maqaan Ruyii Piintoo jedhamu maqaa deeggartoonni Maanchistar Siitii akkaan beekanidha. Deeggartoonni kilabichaa maqaa nama kanaa qofa osoo hintaanee hojiisaas sirriitti beeku. Piintoon haakarii lammii Porchugaal kilaba kubbaa miilaa beekamaa Maanchistar Siitii galaafachuuf yaaledha.
Hireen Maan Siitii itti aanu maal ta'a? Gadi bu'uu? Waancaan irraa fudhatamuu? Ol iyyachuu?
Seera maallaqaa Piriimer Liigii cabse jedhamuun Maanchester Siitiirratti himannaawwan 115 waggaa lamaa oliif irratti dhiyaate dhumarratti murtee argateera.
'Kallattii jireenyaa koo kan jijjiirte haadha manaa kooti'
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti Mikeel Arteetaa akka taphataattis akka leenjisaattis beekna, garuu gameessi kubbaa miillaa kun eenyu?
'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?
Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.
Kaarik ammallee 'dhiibbaan na dhiphisu hin jiru' jechaa jira, garuu dhiphachuu hin qabuu?
Maanchester Yunaayitid Roobii galgala taph Karabaa'oo Kaap marsaa duraarratti Biraayitaniin 3 fi 2'n mo'amee keessaa baheera. Kun ammoo Fulbaana 4 bara 1976 booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti goolii 2 fi 0n dursaa osoo jiru mo'amuu isaati.
Naayiroobiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuu mo'achuun Afrikaaf seenaa guddaadha- Haayilee Gabresillaasee
Atileetii jabaan Itoophiyaa, yeroo lamaaf shampiyoonaa Oolompikii fiigicha meetira kuma kudhanii (10,000m) ta'e, Haayilee Gebrasillaasee, Kibxata ganama "oduu dinqisiisaa" jechuun Afrikaa guutuu baga gammaddan jechuun murtoo seena qabeessa kana hordofee ergaa isaa dabarseera.
Arsenaal taphataa umrii waggaa 16 Maksi Dowmaan kunuunfachuu qaba- Arteettaa
Taphataa ol adeeman dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti ga'umsa isaa addunyaatti mul'ise Maksi Dowmaan tumsaa fi hordoffii akka barbaadu leenjisaan isaa Mikeel Arteettaan dubbate.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.












































































































