' Iraan lammata ulaa Hormuz akka hin cufne waadaa galtee' -Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Iraan 2ffaa ulaa Hormuz akka hin cufne walii galtee jirti jechuun Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii' Truth' irratti barreessan.
Barreeffama isaanii keessatti har'a addunyaaf ''guyyaa guddaa fi ifaadh'' jechuun ibsuun, Ministira Muummee Paakistaan Shahbaz Shariif fi ajaja waraana Paakistaan Asim Munir galateeffataniiru.
AkkasumalleeTiraamp Sa'udii Arabiyaa, Katar fi UAE galateeffataniiru. Pirezidaantiin Ameerikaa Iraan lammata ulaa Hormuz akka hin cufnee fi “akka meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne” walii galteetti jechuun barreessan.
Iraan gargaarsa Ameerikaatiin fanjiiwwan galaanaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti awwaalaman qulqulleessuuf adeemsa irra akka jirtus ibsan.
Tiraampi itti dabaluun ammas walii galteen Iraan waliin taasifame Libaanos kan hin hammanne ta’uu cimsanii dubbataniiru
Yaada Tiraamp ulaa Hormuuz kana irratti kennan booda TVn mootummaa Iraan amma “qondaala waraanaa olaanaa” tokko wabeeffachuun akka jedhetti, darbiinsa dooniiwwan kanaa “karaa murtaa’een” fi hayyama humna galaanaa IRGC tiin qofa akka ta’u ibseera.
Akka TVn mootummaa Iraan qondaala waraanaa olaanaa kana wabeeffachuun gabaasetti, dooniiwwan daldalaa malee kan waraanaa ulaa Hormuz keessa darbuun ammallee “dhorkaama”dha
Iraan dubbii Tiraamp kan ''Iraan lammata ulaa Hormuz akka hin cufne waadaa galtee' jedhu irratti deebii kennite. Dubbi himaan pirezidaantii Iraan 'dubbiin kun olola diinaa bu'uura hin qabne' jechuun qeeqan.
Dubbi himaan pirezidaantii Iraan Seyyed Mohammad Mehdi Tabatabi, gama Ameerikaan Tiraamp “Waadaa isaanii yoo ganan bu’aan isaa deebi'ee hamaa ta'a'' jechuun ibsan.
“Kutaan ulaa Hormuz haala daangeffameen deebi’ee banuun isaa jalqabbii Iraan qofa yoo ta’u, itti gaafatamummaa kan uumuu fi waadaa cimaa gama qaama garee biraa qorachuuf kan tajaajiludha,” jechuun dubbataniiru.


















