Itoophiyaan ulaa galaanaa argattu malee naannichi nagaa hin argatu' - MM Abiy

Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, EBC

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argattu malee naannawi Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.

Bulchaan Itoophiyaa gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa lammiilees ta'e dhaabbilee badhaadhinaafi nageenya naannichaa na ilaallata jedhan mara waan xiyyeeffannoo guddaa kennuufi qabanidha jedhan.

Gaaffiifi deebii addatti miidiyaa biyyaalessaa EBC waliin taasisaniifi kutaa lamaan tamsa'e irratti ulaa dhabuun Itoophiyaan industiriidhaan dorgomaa akka hin taane hanqina uuma jechuun dubbatan.

Dabaluunis, ulaa galaanaa dhabuun icciitii akka hin qabaanne nu godhe jechuunis komatan.

''Itoophiyaan lammiilee ishee soortee, of dandeessee, addunyaarratti dorgomtee biyya caalte ta'uf wantoota ijoo nu hanqisan keessaa tokko inni guddaan buufata doonii dhabuudha.''

Dhimmi ulaa galaanaa dhiibbaa inni qabu ''dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu'' ta'u namnuu karaa salphaa waan hubatu natti fakkaata jedhan sababa waraana Iraaniin Ulaan Hormuuz cufamu isaan rakkoo uumame akeekun.

''Ulaa galaanaa dhabuun icciitii dhabuudha. Nuti aadaa qabna. Aadaan keenya osoo beelofnes dheebonnes yeroo gaddaas yeroo gammachuus akkaataan icciitii keenya dhokfannu qabna.

''Ulaa galaanaa yoo hin qabdu ta'e [nama, biyya] icciitii hin qabne taata,'' jechuun ibsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fakkeenyaan yoo ibsanis, ''saatalaayitiinis, saayibariinis karaa biyyoota biraa yoo darbu dijitaalli, daataan icciitiin hin qabamu. Icciitiin hin jiru jechuudha'' jedhan.

''Icciitiiwwan biyyaa jiru'' kan jedhan MM Abiy, ulaa galaanaa dhabuun waan biyya dhabsiisa jedhan akkanaan ibsu.

''Icciitii dijitaalaa dhabsiisa, wantoota alaa galchitu namni hunduu beekuu hin qabu. [Ulaa dhabuun icciitiin akka hin galchine godha.]

''Akkuma mana tokko keessa waan bittu waan gurgurtu ollaan beekuu hin qabnetti jechuudha. Waan alatti gurgurtu icciitiin akka hin gurgurre godha,'' jedhan.

''Dorgommiin ji'opolotiksii waan beekamuuf sochiikee kamuu namni kan beeku yoo ta'e gabaabumatti gufatuu waan danda'uf.''

Itoophiyaa guddina dinagdee ishee caalaatti fufsiisuuf lojistikiin waan ijoo akka ta'e ibsiti.

Ulaa dhabuun immoo rakkoo lojistikii uumeea, akka aangawoonni jedhanitti. Miidhaa ulaa dhabuun qabu biyya ollaa waliin wal qabsiisanii dubbatu.

''Miini tokko Chaayinaatii galee Naayiroobiitti gatiin itti gurguramu kan nubira gurguramuun yoo wal bira qabamu kan keenya daballii gatii 30% qaba.

''Baasii waan qabuuf jechuudha,'' jechuun kunis ''sababa ulaa galaanaan qofa daballii gatii olaanaa ni jira'' akka ta'e dubbatan.

''Ulaa galaanaa dhabuun, buufata doonii dhabuun, hanqinni lojistikii badhaadhina Itoophiyaa akka hin mirkanoofne gufuu guddaa ta'e itti fufudha.

''Bara keenyas, bara nu booda jirus. Dhimma kanarratti lammiilee dubbiin hin galleef yoon argu baay'ee na dhiba.

''Dhimmi ulaa galaanaa dhimma biyya ykn mootummaa qofa osoo hin taane lammii tokkoon tokkoo irratti dhimma qunnamudha [dhiibbaa qabudha]. ''

''Osoo Galaanni Diimaa cufame bansiisuun unu caalaa eenyuf ajandaa ta'uu danda'a?'' jechuunis gaafatu.

''Haala amma jiruun osooma Afrikaa qofa fudhatte akka Baha Afrikaa kan miidhame hin jiru,'' jechuun ulaan cufamuun dhiibbaan isaa ''kallattii'' akka ta'e eeran.

Rakkinicha furuufillee biyyoota ollaa waliin wal ta'un laafaa waan ta'ef kunis rakkinicha hammeessa jechuun ''ollaan keenya yaaduu qabu, addunyaan yaaduu qaba'' jechuun dubbatan.

Mi'oota galaanarra fe'amaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Sababa US fi Israa'el Iraan irratti waraana bananiin Iraan Ulaa Hormuz cufuun gatiin boba'aa akka dabalu, akka gabaa hin baanes dhorke.

Ulaan Hormuuz dhiheenya Iraan jiru ulaa boba'aa addunyaa keessaa 20% keessa darbudha.

Sababa ulaan kuni cufameef biyyoota rakkoo seenan keessaa tokkommoo Itoophiyaadhuma.

MM Abiy rakkoon hanqina boba'aa hanga furamutti ummanni boba'aa jiru 'qusannaan' akka fayyadamu dhaamanis turan.

Waraanni Giddugala Bahaa hammeesse Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaaf ''balaa hamaa fidee dhufaa jira'' jechuun gabaasni haaraa bahees mul'iseera.

'Itoophiyaan ulaa dhabde hafti jechuun gowwummaadha'

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaa ulaa galaanaa 'dhowwachuun' sirrii miti jedhu.

''Biyya Itoophiyaa ummata addunyaan sadarkaa 10ffaarra jiru biyya [dur] rakkoo ulaa galaanaa hin qabne karaa salphaan seera daldalaan, mariidhaan ulaa argachuun osoo danda'amu,'' kuni milkaa'uu dhabe jedhan.

Dubbii isaaniin ''fiixee Mitsiwwaa hanga fiixee Mogadishootti 5000km bakka qabeenyi baay'ee jirutti hamminaan, dubbachuu dhabuudhaan, qajeelfama kennanii fudhachuu jedhuun amanuu dhabuun waliin jiraachuuf qophii ta'u dhabuun qofa Itoophiyaa ulaa galaanaa malee hambisuun bara kamiyyuu nama hin baasu.

''Nu qofaaf miti safara [ollaa] keenyaafis hin baasu. Dubbatanii, mari'atanii hundaaf akka tolutti yoo furuun dhabame akkasumaan yoo itti fufe akkuma agarru sana,'' jechuun sababa Ulaan Hormuz cufameef muddama dhalate eeran.

Mootummaan dhiibbaa kana xiqqeessuuf falli gabaabaa buufata doonii Mojoo fi Dirree Dhawaatti hojjetaa jirra jedhan MM Abiy.

''Baaburri jira, buufanni doonii jira, daandiin guddaa jira'' jechuun kuni ''gatii xiqqeessuuf'' nu fayyada jedhu gatii kiraayiif Jibuutitti dur bahu xiqqeessuuf.

Falli dheeraan immoo ''Itoophiyaa ulaa galaanaa yoo argachuu dhabde hin guddattu qofa osoo hin taane naannichi hin jijjiiramu, safarichi nagaa hin argatu daldalli addunyaas ni danqama.

''Daldalli addunyaa biyyoota akka Itoophiyaa dhiibbaa qabaniin bakkeewwan to'atamuu qaban, biyyoonni gurguddoo akka Itoophiyaa humna qaban dhimmicharraa yoo fagaatan biyyoonni xixiqqoo ulaawwan sana eeguu waan hin dandeenyef isaaniifis [biyyoota] addunyaa biroofis balaa,'' fida jedhan.

Sababa kanaanis, gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa ''dhimma irratti falmuu hin qabne hamma danda'ame karaa nagaa mariin [deebi'uu] kan qabu garuu dhimma dirqama ta'uu qabudha.

''Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee hafti jedhee namni dhihoos fagoos yaadu yoo jiraate gowwaadha.

''Dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu xiqqeessanii badhaadhina yaaduun hin danda'amu.''

Buufatni doonii Itoophiyaaf haaraa hin turre. Waggootaaf buufata doonii Asabiin fayyadamaa turte.

Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture.

Daldalaafis tahe buufata humna waraana galaanarraaf yaaddoo hin qabdu ture.

Haa ta'u malee, bara 1993 dhaabate. Kunis, Ertiraan lola waggoota 30 booda Itoophiyaarraa walabummaa waan gonfatteefi.

Walabummaan Ertiraa Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageesse.

Gabaa addunyaatti akka hin dorgomane wanti nu danqu tokko qulqullina, yeroon gabaa baasuu, akkasumas baasii lojistikiidha jedhu MM Abiy.

''Kunneen yoo hin furamne dorgomaa ta'u hin dandeenyu.''

MM Abiy Ahimad dhimma ulaa galaanaa waggaa lama dura yoo kaasan Gaanfa Afrikaatti muddama uumee ture.

''Waggaa lama sadii dura mootummoota jajjaboof sochiin galaanarraa balaan qunnamuu danda'a.

''As keessatti qooda dhabnee yoo turre miliyoonni 130 [ummata] balaarra bu'a ejjennoo jedhu dhiheessina turre.

''Yeroos homtuu waan hin turreef hammana fudhatama hin arganne. Amma garuu dhimma namoonni baay'ee itti amanaa jiranidha,'' jedhan.

Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa, Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu muddama jabaa uumee ture.

Dhimmumti kuni Itoophiyaafi Ertiraa muddama jabaa akkuma uumetti jira.