Aangoon Taaddasee dheereffamuun "seera-qabeessa" ta'uu Waajirri Ministira Muummee BBCf ibse

Yeroon aangoo isaa kan dheereffame pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Taaddesee Warradee kan muudame waggaa tokko dura ture

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroon aangoo isaa kan dheereffame pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Taaddesee Warradee kan muudame waggaa tokko dura ture
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ministirri Muummee Abiy Ahmed (PhD) yeroo aangoo pirezidantii bulchiinsa mootummaa yeroofii naannoo Tigraay Taaddesee Warradeef kan dheeressaniif bu'uura seeraa waliigaltee Piritooriyaatiin booda baheen waan ta'eef "seera qabeessa" akka ta'e waajirri isaanii BBCf ibseera.

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF), murtee Mootummaa Federaalaa mormee ibsa baaseen aangoon Leetenaant Jeneraal Taaddesee kan dheereffame "waliigaltee Piritooriyaa dura seerota ba'aniin" akka ta'e eeruun ture.

Ibsa Roobii Waajira Ministira Muummeetti kennamerratti barri aangoo pirezidaantichaa dheereffamuu ilaalchisee kan eerame danbii A L I bara 2013 yeroo waraana Tigraay ba'eefi Waliigaltee Piritooriyaatiin booda ammoo shaarame ture.

Danbiin yeroo waraanni sun ture hundeeffameefi bulchiinsa yeroo naannichaa Dr. Muluu Nagaan durfamu hundeesse kun, waliigaltee Piritooriyaatiin booda shaarameera.

Waliigaltee Piritooriyaatiin booda naannicha hogganaa kan ture pirezidantii duraanii Getaachoo Raddaa kan muudame danbii haaraa A L I bara 2017 baheenidha.

Itti-gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajira Ministeera Muummee Biillenee Siyyum deebii Jimaata har'aa Ebla 2, 2018 (A L I)tti deebii barreeffamaan BBCf ergiteen, ibsicharratti danbiin shaarame kan eerame "dogoggoraan" akka ta'e ibsiteetti.

Itti-gaafatamtuun Pirees Sekireetaarii kun, "gama keenyaan kan uumame dogoggora eruurrattidha, ni sirreeffama" jetteetti. Hanga gabaasni kun bahetti ibsicharratti sirreeffamni akka hin taasifamiin BBCn hubateera.

Biilleneen aangoon pirezidantii mootummaa yeroo Tigraay waggaa tokkoof kan dheereffame seera A L I bara 2015 ba'eefi bu'uura bara darbe ittiin muudameen akka ta'e deebii kenniteen ibsiteetti.

Itti-gaafatamtuun Pirees Sekireetaarii kun, bara aangoo " dheeressuun kan taasifame bu'uura danbii waggaa tokko dura yeroo muudamni kennamu ture [2015] akka ta'e ibsiteetti.

Bu'uuruma kanaan murteen aangoo dheeressu kun "seera-qabeessadha" jechuunis ibsiteeti.

TPLF murtee mootummaa federaalaa kana ilaalchisuun Kamisa Kaleessaa A L I Ebla 01, 2028 halkan ibsa baaseen, aangoon pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Leetenaant Jeneraal Taaddasee Warradee akka dheeratu taasifamuun "murtee addatti ofumaan" kenname akka ta'e ibsuun mormeera.


MM Abiy Kibxata raawwiin waggaa tokkoo naannoo Tigraay yeroo dhiyaateefitti

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Kibxata raawwiin waggaa tokkoo naannoo Tigraay yeroo dhiyaateefitti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka waliigaltee Piritooriyaatti bulchiinsi yeroo Tigraay kan hundeeffamu "qaamolee waliif mallatteessan lamaan, kana jechuun TPLF fi mootummaa Itoophiyaa" gidduutti "marii siyaasaa" taasifamuun akka ta'e ibsicha keessatti eereera.

"Gufuuwwan baayyeen mudachaa turanillee, waliigaltee Piritooriyaa mallatteessuun booda A L I bara 2015 booda bulchiinsi yeroo naannichaa kan hundeeffame "marii qaamolee lamaan gidduutti taasifameen" akka ta'e kaaseera.

"Haata'u malee, mootummaan Itoophiyaa gocha waliigaltee Piritooriyaa cabsii raawwachaa ture [itti fufeera]" jechuun waa'ee aangoo pirezidant Taaddasee torban kana keessa dheereffamee kaaseera.

Akka ibsa TPLF kanatti, mootummaan federaalaa turtii bulchiinsa yeroo waggaa tokkoon dheeressuun "seerota waliigaltee Piritooriyaa bu'uura godhachuun", akkasumas waliigaltee bifa waaraan dhukaasa dhaabuu "guutummaan guutuutti cabsuun" jedheera.

ibsa Waajirri Ministera muummee Abiy, aangoo Letenaant Jeneraal Taaddesee dheeressuun isaanii kennamerratti kan eerame, erga waraanni Tigraay jalqabamee booda danbii mana-maree ministeerotaa A L I bara 2013 baheenidha.

Jaqabamuu waraanichaatiin booda kan hundeeffame bulchiinsi yeroo jalqabaa Dr. Muluun Naggaafaa hogganaa turan hundeessuufi danbiin bahe waliigaltee Piritooriyaatiin booda shaarameera.


Pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay Leetennaant Jeneraal Taaddasee Waradee fi dursaa TPLF Dr. Gabretsiyon Gabremikaa'el

Madda suuraa, Office of the President-Tigray/woyen

Akka waliigaltee Piriitooriyaatti Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay kan hundeeffamu qaamolee lamaan waliigalticha mallatteessan jechuunis Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF)fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti haasaa siyaasaa godhamuun ta'uu ibsichi eereera.

''Gufuuwwan hedduun mudachaa kan turan ta'us, waliigaltee Piriitoriyaa booda ALI bara 2015 Bulchiinsi Yeroo hundeeffame haasaa qaamolee lamaan gidduuttu gaggeeffameen ta'uu ibseera.

Haata'u malee, jechuun ibsichi dheereffamuun turtii aangoo Pirezidant Taaddesee Worredee ammaa kun mootummaan Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa cabsuun itti fufuusaa agarsiisa jedhe.

Akka TPLF jedhutti Mootummaan Federaalaa turtii aangoo Bulchiinsa Yeroo kan dheeresse seerota waliigaltee Piriitooriyaa dura turan irratti hundaa'uun akkasumas dhukaasa dhaabuu mallattaa'e cabsuudhaanii.

Turtiin aangoo Taaddesee Worredee dheeraffamuusaa ilaalchisee ibsi Waajira Ministira Muummeerraa bahe waraanni Tigraay eegaluu booda ALI bara 213 danbii Mana Maree ministirootaan darbe waabeffate.

Waraanni eegalamuu booda Bulchiinsi Yeroo naannichaa kan jalqabaa Dr Muluu Naggaan hoogganaamaa ture hundeessuuf danbiin bahe Waliigaltee Piriitooriyaa booda shaarameera.

Pirees Sekireetariin Waajira Ministira Muummee yaada BBCf kennaniin xalayaa sana irrattio dogoggorri danbii waabeffachuu mudachuu himan.

Danbiin seera duraanii bakka bu'e, pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannichaa filachuuf aangoon kan Ministira Muummee ta'uu himuun waliigalticharratti hundaa'uun marii gaggeeffamuun akka ta'es eeran.

TPLF ibsa guyyaa kaleessaa baaseen yeroon aangoo pirezidantii bulchiinsichaa ''qaamolee waliigaltee mallatteessan gidduutti marii godhame tokko malee fi murtee kophaatti dabarfameedha'' jedhe.

''Beekamtii fi hirmaannaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayiin alatti murtee Mootummaan Itoophiyaa kophaatti dabarse ta'uu uummata keenya hundaaf, jaarsolii waliigaltee Piriitooriyaaf akkasumas hawaasa idila addunyaaf hubachiisuu feena'' jedhe.

Pirees Sekireetariin Waajira Ministira Muummee himannaa TPLF mariin ''siyaasaa nu waliin godhame hin jiru'' jedhuuf ammatti deebii hin kennine.

Waajirri Ministira Muummee ibsa Roobii darbe baaseen aangoon Pirezidantichaa waggaa tokkoon akka dheereffamu kan murtaahe, gabaasa dhiyaate, Mootummaan Federaalaa dhimmoota naannoo keessa seenuu hayyamuuf labsii bahee fi danbii Bulchiinsa Yeroo hunda hammataa ijaaruuf bahe bu'uura godhanuun akka ta'e ibseera.