Peep Gaardiyoolaan waa'ee Arsenaalii fi waancaa Piriimer Liigii mo'achuu maal jedhe?

Arsenaal v Maanchister Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arsenaal v Maanchister Siitii: Tapha Karabayoo Kaappii 2025-26 irratti
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchister Siitiin waancaa ''foolii fuudhaa jira'' jedhe taphataan duraanii maanchister Yuunaayitid Gaarii Neevil.

Maanchister Siitiin kaleessa dirree isaan ala imaluun Cheelsii 3-0 injifatee deebi'e. Kun Maanchister Siitiif akka tapha waancaa ture.

Arsenaal dirree isaa irratti osoo hin mo'amiin taphoota 11 kan dabarse Barnimooziin 2-1 mo'ame.

Arteettaan ''kun waanuma kubba miilaa keessatti mudatudha. Garuu akka nama fuularra buunyaan nama dhaheeti'' jedhe.

Taphattoota isaarra goree dubbachuun kan beekamu Arteettaan maaltu akka mudate hubachuuf rakkisaadha jedhe.

Hedduu mufachuu kan ibse Arteettaan taphoota isaan hafan mo'achuun dirqama akka itti taheefi taphattoota isaa waliin akka qophaa'an dubbate.

Maanchister Siitiin ammoo carraa Arsenaal kennaafii jiru tokkoyyuu osoo hin balleessiin taphoota isa hafan mo'achuun Arsenaalitti dhiyaachaa jira.

Arsenaal qabxii jahaan qofa Maanchister Siitii caala. Siitiin tapha haftee tokkos qaba. Torban dhufu ammoo Maanchister Siitiin dirree isaa Itihaad irratti Arsenaal keessummeessa.

Gara tapha Cheelsii fi Maan Siitiitti yoo deebinu Siitiin boqoannaan dura hagas mara gahumsa guddaa jedhamu hin agarsiifne ture.

Raayaan cherkii kubba bareedaa Niikoo Oraayileef dabarseen, Oraayileen galchii lakkoofsisuun Siitiin caalmaa fudhachuu jalqabe.

Jeeremii Dookuu fi Maark Geehii galchii lakkoofsisuun Maan Siitiin olaantummaa guddaan injifate.

Cheelsiin Eenzoo Maareshkaa ari'uun Liyaam Roozinaar erga qacaree akka eegetti deemaafii hin jiru. Cheelsiin walitti aansee taphoota sadii mo'ame.

Hirmaanaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf amma yaaddoo keessa galaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaardiyoolaaf ji'i Eeblaa kun ji'a milkiiti. Gareen Gaardiyoolaa amma taphoota 32 keessaa 29 mo'ateera.

Kan isaan ji'a kana keessa mo'aman waggaa shan dura ture.

Arteetaa fi Gaardiyoolaa wal bira qabnee yoo ilaalle, Gaardiyoolaan ji'a Eeblaa kana keessa taphoota 38 leenjisaa tahee taphateera.

Isaan keessaa 30 mo'atee taphoota shan qixa bahee sadii mo'ameera. Arteettaan ji'a wal fakkaataa kana keessa taphoota 25 taphate.

Isaan keessaa taphoota 11 mo'achuun torba mo'amee, taphoota torba biroo ammoo mo'ameera. Arteettaaf ji'i kun yeroo milkaa'ina isaa miti.

Bara 2022-23 Arsenaal guyyoota hedduu [248] tahan sadarkaa tokkoffaa irra ture.

Taphoota 32 taphatanii qabxii shaniin dursaa turan. Maan Siitiin garuu yeroo sana tapha lama haftee qaba ture.

Dhumarratti Maan Siitiin waancaa injifate. Bara kanas seenaa kana irra deebi'aa?

Kaleessa Arsenaaliin fuulduratti ilaalaa jirtaa? jedhamee kan gaafatame Gaardiyoolaan; ''eeyyee'' jechuun deebise.

Waancaa mo'achuu yoo barbaanne taphota nu hafan hunda mo'achuu qabna. Har'a Cheelsiidhaan mo'amnaan garuu hundinuu beeka. Arsenaaltu waancaa fudhata'' jechuun Arsenaal Barnimooziin mo'amuun dura dubbatee ture.

Arsenaal dhiibbaa keessa galeera. Roobii dhuftu Ispoortiing Liisban waliin gara walakkaa xumura waancaa Shaampiyonsii Liigiitti darbuuf taphatu.

Arsenaal daqiiqaa dhumaati galchii Kaayi Haavert 1-0 mo'atee deebi'us qabxii amansiisaa miti.

Sanaan booda Dilbata dhufu ammoo Maanchister Siitii morkata. Kun taphattoota Arsenaaliif dadhabbiidha.

Maanchister Siitiin galchiif akka durii Haalaand irratti qofa hirkachaa hin jiru. Rayaan cherkii kubba mijeessee kennuun Piriimer Liigii keessaa Buruunoo Fernaandezitti aanee lammaffaa irra jira.

Yeroo Cheelsii mo'atan deeggartoonnii fi taphattoonni Siitii akka ajaa'ibaatti gammachuu isaanii ibsatan.

Siitiin taphoota sadan darban Arsenaal, Liiverpuulii fi Cheelsii irratti galchii sagal lakkoofsise.

Galchiin tokkoyyuu irratti hin lakkaa'amne.

Waancaa Karabayoo kaappii fudhataniiru. FA Kaappii walakkaa xumuraaf darbaniiru.

''Taphoota sadan darban akka gaariittii darbine. Garuu ammatti garee cimaan Ingiliz keessaa Arsenaaliidha. Akka Awurooppaattis Arsenaal garee cimaadha,'' jedhe Gaardiyoolaan.

Arsenaal Piriimer Liigii dursuu fi Shaampiyoonsi Liigii sadarkaa tokkoffaan darbuu isaanii hordofee Gaardiyoolaan kan dubbatedha.

Tarii morkataan Maan Siitii osoo Riyaal Maadrid tahuu baate isaanis carraa Shaampiyoonsi Liigii keessatti nuusa xumuraaf darbuu qabu ture.

''Arsenaaliin mee ilaalaa. Lakkoofsi waan himu qaba. Osoo addaan hin kutiin gahumsa agarsiisan. Tapha dhufuuf garuu haala gaariin qophoofna'' jedhe.

Gaardiyoolaan tapha isa Arsenaaliin mo'atan irraa waan fooyyessan akka qaban hime.

Cimina gareekee kan ibsu akkaataatti taphattee mo'attudha jedhe.

''Arsenaal garee taphoota 49 keessaa sadii qofa mo'amedha. Shaampiyoonsi Liigii keessatti ammoo takkaa qofa mo'ame. Namni tokkoyyuu garee keenya [Maanchister Siitii] Arsenaal caalaa gahumsa qaba jedhee doolaara tokkoon qotinyaa hin galu'' jedhe.

Rayaan Cherkii fi Dookuu kan galateeffate Gaardiyoolaan takka takka Haalaanditti siqee taphachuu irra karra eegaa keenya Doonaarumaa cinattan isa arga.

''Achuma turi. Kubba achumatti siif fidna jedheen itti hima jedhe. Piriimer Liigiin isaaf haaraadha. Sanuu cimina guddaa agarsiiseera'' jedhe.

Maan Siitiin taphattoota gameeyyii akka Keevin De Biruun, Gundohaan, karra eegaa isaanii Edersan kilebicha keessaa baasuun kan akka Doonaarumaa, Cherkii fi Semenyoo mallatteesisan.

Kan na gammachiisu akka gareetti ijaaramaa jiraachuu keenya jedhe Gaardiyoolaan.