Dhakaawwan dhaabbatoo Geedi'oo iccitiin duubee isaanii qoratamee hin dhumne

Itoophiyaa keessa dhakaawwan dhaabbatoon seenaa baroota dheeroo qaban kutaalee adda addaa keessatti argamu.
Naannoo Kibba Itoophiyaatti Godinni Geedi'oo ammoo bakka dhakaawwan kunneen heddumminaan itti argamani.
Hawaasni Geedi'oo dhakaawwan kunneen akaakilee fi abaabilee isaaniirraa dhaalanii kunuunsuun dhaloota amma jiru Kanaan gahan.
Cichoominnii fi dadhabbiin dhalootni wal harkaa fuudhee kunuunsee ammaan gahe kuni ammoo akka A.L.A bara 2023 firiin isaa mul'ate.
Dhakaawwan dhaabbatoon Geedi'ootti argaman qabiyyee teessuma lafaa aadaa Geedi'oo keessaa tokko ta'uun Hambaa Addunyaa ta'ee UNESCOtti galmaa'e.
Seenaan Dhakaawwan dhaabbatoo kanaa maali?
Magaala Guddoo Godina Geedi'oo kan taate Diillaa irraa gara Kibbaatti kiiloomeetira muraasa, aspaaltii gara Gujii fi Booranaa geessurra akkuma imalleen gara bitaatti daandii cirrachaarra gara mandara tokkootti seenne.
Iddoon kuni daandii Guddicha Moyyaalee deemurraa fageenya gabaabaa qaba. Mandara xiqqoo sochiin namaa fi daladalaa hoo'aa hin taane akkuma geenyeen mooraan bal'aa dalleeffamee jirutti baane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mooraan kuni akkuma Baha Afrikaattuu bakka dhakaawwan dhaabbatoon itti baayinaan argamu isa hangafaati.
Ogeessota qajeelcha aadaa Geedi'oo fi Jiraattota naannoo waliin ulaa mooraa kana yoo ol seennu dhakaawwan dheerina adda addaa qaban, bocni isaanii akka waa ibsan akeeku rukkatanii argine.
Irra hedduun dhakaawwan kunneenii ciciisanii kan argaman ta'ulleen dhakaawwan samiitti oljaajjanii jiranis lakkoofsan laayyoo miti.
Bocni dhakaawwan kunneenii irra hedduun qaama saalaa dhiiraa waan fakkaatu qabu. Kaan ammoo wantoota barreeffama fakkaatanii fi bobboca adda addaa kan ofirraa qabanis jiru.
Mooraa kana keessa dhakaawwan dhaabbatoo 1,563 akka jiru odeeffanne. Dheerinni dhakaawwan kunneenii ammoo meetira saddeetii hanga seentimeetira 50 gidduudha.
Aadde Muluu Zawudee Geedi'oo keessa ollaa bakka dhakaan dhaabbatoon tuutiin itti argamu kanaa jiraatu. Isaanis dhakaawwan kunneen eeguu fi kunuunsuu abbootarraa akka dhaalanii fi ammalleen kunuunsaa jiraachuu himan.
"Akaakoon keenya 'dhakaan kuni keenya kan Geedi'ooti. Karra keenya' yoo jedhanin dhagahe. Warra keenya duriitu dhaabe.
''Dhakaawwan kuni yteroo keessa kukkufee ciciisee ture. Warri mootummaa dhufanii kaasaa jennaan uummanni muraasa kaasee dhaabe" jedhan.
Iddoo dhakaawwan dhaabbatoon jiran kana qonnis ta'ee beelladootni akka hin seenne irraa eegaa har'aan gahuus himu.
"Ani bakkuma kanatan dhaladhee guddadha. Bakka kana midhaan hin facaafamu, beelladootni akka hin seennes irraa eegame. Namuu dhakaawwan kana tuquu fi sochoosuun dhorkaadha" jedhan.
Daangaa lafa dhakaawwan kunneenii keessa namootni qubatanii turan abbootiin warraa 28 kaafamanii beenyaan kanfalameefii lafichi dalleeffamuun daangeffamuus himu.
Akka aadde Muluun jedhanitti, dhakaawwan kuni fuula duratti hawaasa naannootiirra Darbee Itoophiyaafuu bu'aa guddaa fida jechuun abbootiin gadaa dhaamaa turrus yaadatu.

Obbo Taarikuu Galgalee qajeelcha aadaa Geedi'oo keessatti ogeessa yoo ta'u waggootaaf hojii dhakaawwan kunneen daawwachiisuu hojjetaa turan.
Akka isaan jedhanitti Baha Afrikaa keessatti dhakaawwan dhaabbatoo kuma kudhan ta'u jira jedhamee tilmaamamu keessaa kuma j'a kan ta'u Godina Geede'oo keessatti argama.
Isa keessaa ammoo lafa Hektaara tokkoo fi walakkaa ta'u keessa kan jiru wiirtuun dhakaa dhaabbatoo Calbaa Tutittii isa gudaadha.
"Mooraa kana keessa dhakaawwan dhaabbatoo 1,563tu jira. Bakki argamaa inni biraa bakka Tuuttoo Falaa jedhamuu fi Seedee merkaatoo jedhamanitti. Kana malees Oyiruu qonnaan bultootaa keessattuu ni argama" jedhan.
Buufataallee gurguddoon bakka dhakaan kuni baayyinaan itti argaman daangeffamanii eegumsi taasifamaa fi jiraachuu himan.
Dhaloota Kiristoosiin dura kan dhaabatani
Akka Obbo Taarikuun jedhanitti dhakaawwan dhaabbatoo Geedi'oo keessa jiran kana qorattoonni biyya keessaa fi alaa muraasni yeroo dheeraa fudhachuun qorannoo taasisaa turaniiru.
"Dhakaawwan kuni dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa saddeettaffaa hanga 11ffaa keessa akka dhaabbata ragaaleen mul'isu. A.L.I bara 1986 Qorataan Biyya Faransaayi Ruujer Jeesoo jedhamu asdhufee qorannoo godheera"
"Yeroo inni bakka kana qotee qorannoo taasisu wantoota argamantu ture. Lafee namaa, hojiiwwan harkaa akka suphee, faaya harkaa adda addaa argamaniiru" jedhan.
Sirna Gadaa waliin hidhata qaba
Hawaasni Geedi'oo kan Hawaasa Oromoo waliin ollaa ta'e kuni akkuma saba Oromoo sirna bulchiinsaa Gadaa mataasaa qaba.
Hawaasni Geedi'oo sirna Gadaatiin akka ofbulchu kan dubbatan Ogeessi aadaa Obbo Taarikuun gadaa keessatti kadhaan nitaasifama, waan Gadaan godhi jedhe nigodhama waan dhorke hin godhamu jedhu.
Bocnii fi qabiyyeewwan dhakaa kanaa hedduunis bulchiinsa sirna Gadaa kan ibsu akka ta'es dubbatu.
"Abbaan gadaa Bokkuu harkatti qabata. Bokkuu fi boca dhakaawwan kanaa yoo laalte tokkuma. Warri abbaa Gadaa addarratti kan kaa'atu, kallacha kan jedhamus jira. Innis kanumaan walfakkaata" jedhan.
Dhakaawwan dhaabbatoo Geede'ootti argaman keessaa inni dheeraan meetira saddeeti. Kunis sirna Gadaa waliin hidhata qaba jedhu. Bara bulchiinsa Gadaa Waggaa saddeet ta'e kan akeeku akka ta'e himu.
Bakki dhakaawwan dhaabbatoo Geedi'ootti argamuu fi lafeen namaa umrii waggaa kuma sadii caalu keessaa akka argame himamu ammoo bakka Tuuttoo Falaa jedhamu.
Mooraa kana keessa dhakaawwan dheerina giddugaleessaa fi gaggabaabaa ta'antu argama. Haalli teessuma lafaa fi dhakaawwan kunneen itti dhaabbatanii jiran nama ijumaan ilaaluufuu iddoo awwaalchaa akka ta'e tilmaamuu danda'a.
Obbo Damissee kachaaraa ollaa wiirtuu dhakaawwan dhaabbatoo Tuutoo falaa kana jiaartu. Dhakaawwan kana kunuunsuun imaanaa abboota nutti dhaamanii amma gara fuula waaqaa jiraniiti jedhu.
"Bakki kuni Tuuttoo falaa jedhama. Wanni fala jedhaniif bakka kanatti yoo waaqa kadhatan bokkaa yoo kdhatan bokkaa, nagaadhaaf, yeroo waraanaas , yeroo namni dhukkubsates asitti kadhatama. Falatu argama. Kanaaf tuutoo falaa jedhama" jedhan.
Dhakaawwan mooraa kana keessaa boca adda addaa qabu. Bakka awwaalchaarra kan dhaabbatan waan ta'eef irra hedduun isaanii saala nama awwaalame sanii waan calaqqisiisu ofirraa qabu.
"Dhakaawwan kuni waggaa hedduu kan ture. Awwaalcha kanarra dhakaa dhaabbate yoo laalte eenyummaa abbichaa ibsa. Dhiira yoo ta'e dhakaa kanarraa boca qaama saalaa dhiiraa ofirraa qaba. Dubartii kan taate ammoo boca dubartii, harmaa fi qaama kaan sirritti mul'isa" jedhan Obbo Damisseen.

Qorannoon dhakaawwan dhaabbatoo bakka awwaalchaa kana jiranirratti taasifameen abbootiin durii Geedi'ioo awwaalcha kana yoo raawwatan meeshaawwan aadaa fi qabeenya abbichaa ta'an faana awwaalaa turuus dubbatan.
"Qorannoon bakka kanatti yeroo taasifamuti qotamee wanti argame kan muldhisu faayawwan adda addaa qabeenya abbaa sanaa ibsani. Namootni kuni yeroo awwaalaman qabeenya isaanii faana akka awwalamaa turan mul'isa" jedhan.
Hambaawwan aadaa qorannoodhaan iddoowwan dhakaa dhaabbatoo kana keessaa qotamanii bahan yeroo ammaa muuziyeemii biyyaalessaa keessatti akka argamantu himama.
Waa'een dhakaawwan dhaabbatoo umrii jaarraa hedduu lakkoofsisanii kuni qorannoo muraasni taasifamulleen bareeffamootaa fi suurawwan dhakaawwan kanarratti kaafamanii mul'atan ammalleen qorannoodhaan ergaan isaanii hin baramin jira.
Bakki seenaa qabeessi Godina Geedi'ootti argamu kuni turistootni muraasni dhufanii akka daawwatan himamulleen wiirtuuwwan kunneenitti bu'uuraaleen daawwattoofaaf barbaachisan waan hin guutamneef fayyadamoo ta'uu akka hin dandeenye jiraattonni BBCti himaniiru.












