KALLATTIIN, US buufata Iraan Odola Laraak jiru haleelte

Humni US buufatawwan Iraan lama Odola Laraak irra jiru haleeluu aanga'oonni biyyattii himan. Kun ammoo erga dhuma Adoolessaa as haleellaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessite isa jalqabaati jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan buufata waraanaa UAE, Qaaxar fi Joordaan haleeluu beeksiste

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan Wiixata kana haleellaa adda addaa lama buufata waraanaa Emereetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) keessa jiru haleelte.

    Akkasumas buufata waraaanaa Qaaxar fi Jordan keessa jiru haleeluu fi diroonii Ameerikaa MQ-9 ulaa Hormuz irratti kuffisuu beeksifte.

    Ibsa waraanni Iraan baaseen, buufata waraanaa Al Minhad UAE keessatti argamu irratti xiyyeeffatee, iddoo helikoptarootaa fi humnoonni Ameerikaa keessa jiran haleeluun haaloo bahuu ibse.

    Iraan buufata Al Minhad bakka ijoo humnoota alaa deeggaruu fi dabarsuuf gargaaru keessaa tokko jechuun ibsite.

    Gareen Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) ammoo diroonii Ameerikaa MQ-9 jedhamu misaa’ela ittisa qilleensaa fayyadamuun kuffisuu beeksise. Diroonittiin erga rukutamteen booda bishaan Galaana Arabaa keessatti kufte jedhe.

    Haleellaan kun kan raawwatame Ameerikaan Dilbata galgala odola Laark, Ulaa Hormuz keessa jiru irratti, iddoowwan misaa’elli Iraan irraa dhukaafsaman irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu ishee erga beeksistee booda.

    Akka miidiyaan mootummaa Iraanii gabaasetti, haleellaa Ameerikaa kanaan loltootaa fi jiraattota Iraanii tokko tokko du’uu fi madaa’uu isaaniitu ibsame.

    Kana malees IRGC Wiixataa buufata waraanaa tokko Qataar keessa jiru fi buufatawwan waraanaa sadii Jordaan keessa jiran irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Haleellawwan kunneen muddam Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru, keessumaa naannawa ulaa Hormuz irratti, daran hammeessera.

  2. Atileetiin Itoophiyaa rekardii cabsuun maraatoonii Siidinii injifate Addisuu Goobanaa eenyu?

    Atileet Addisuu Goobanaa rikardii bakkichaa cabsuun maraatoonii Siidinii injifate

    Madda suuraa, Runner's world

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Addisuu Goobanaa rikardii bakkichaa cabsuun maraatoonii Siidinii injifate

    Atileetiin Itoophiyaa umrii waggaa 21 Addisuu Goobanaa dorgommii figicha maraatoonii Siidinii rekardii cabsuun injifateera.

    Atileetiin kun bara darbe lammaffaa kan ba'e yoo ta'u barana garuu 2:04:42n xumuruun rekardii bakkichaa qabateera.

    Atileet Addisuu Goobanaa xumura irratti atileetii biyyasaa Cimdeessaa Dabalee bira kutuun sekendii sadiin caalee xumureera.

    Atileetiin Itoophiyaa umrii waggaa 22 Cimdeessaa Dabalee lammaffaan xumure.

    Atileetota Itoophiyaatti aanuun sadaffaa kan ba'e atileetii Lesuutoo Tebello Ramakongana yoo ta'us innis sekendii 10 irraa fagaachuun 2:04:57n xumure.

    Atileetiin kun atileetii Keeniyaa Alfoonsi Simbuu injifachuun sadaffaa ba'e.

    ''Baayyee gammadeera. Bara darbe lammaffaan ture. Dogoggora kiyyarraa baradhee har'a rekardii cabseera,'' jedhe Atileet Addisuu Goobanaa.

    Atileet Addisuu Goobanaa injifannoo isaa kanaaf Doolaara Awustiraaliyaa kuma 100 argateera.

    Akkasumas ammoo rekardii bakkichaa waan fooyyesseef maallaqa dabalataa doolaara kuma 25 argata.

  3. US buufatawwan Iraan Odola Laraak jiru haleelte

    Doonii galaanraa mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    Humni US buufatawwan Iraan lama Odola Laraak irra jiru haleeluu aanga'oonni biyyattii himan. Kun ammoo erga dhuma Adoolessaa as haleellaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessite isa jalqabaati jedhameera.

    Humnoonni Eegumsa Warraaqsaa Rippablika Islaamaa Iraan (IRCG) osoo rookkeettii kara Ulaa Hormuuzitti dhukaasuuf qophaa'anii argamaniiru," jechuun US keessatti michuu BBC kan ta'e CBS dubbi himaa Ajajaa Giddugaleessaa US Tiim Awukiins waabeffachuun gabaaseera.

    IRGC Dilbata haleellaan US gaggeessite kun namoota lama ajjeesuun lama biroo madeessuu isaa himuun, "deebii haaloo ba'uu akka kennu" dhaadateera.

    IRGC gara boodaarra buufata waraanaa US Yordaanos keessa jirurratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu miidiyaan mootummaa Iraan gabaaseera.

    BBC'n yaada akka kennuuf Ajajaa Giddugaleessaa US gaafateera.

  4. Handaara galaanaa kaaba Saayipirasitti dooniin dhidhimuun namoonni 8 du’an, 18 achi buuteen dhabame

    Bidiruu dhidhimte

    Kaaba Saayipiras handaara galaanaatti bidiruun dhidhimuun yoo xiqqaate namoonni saddeet yoo du’an, 18 kan ta’an achi buuteensaanii dhabamuu bulchiinsi Turkii naannawa sanaa ibse.

    Naannawa kanatti bulchiinsa Turkii ofiin of bulchitu kan taate kan hoogganan Unal Ustel, bidiruun kun imaltoota 259 fi hojjettoota sadedeet qabattee Dilbata handaraa Kyrenia irraa ka’uu ibsan.

    Taatee kanaan walqabatee kaapteeniin bidiruttii fi miseensonni hojjettootaa torba to’atamuun akkaataa balaan kun itti mudaterratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu qondaalli kun miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniiru.

    Aanga’oonni Turkii hojii lubbuu baraaroo qindeessuun hojjechiisaa jiru, namoonni bidiruu irra turan hedduun baraaramuu fi kanneen dhabaman barbaaduun itti fufuu himan.

    Bidiruun kun yeroo ammaa galaanatti dhidhimtee jirti, aanga’oonni waan mudate sirriitti hubachuuf bilaak booksii bidiruttii barbaadaa jiru.

    Naannawa balaan kun itti mudatetti helikooptaroonni, bidiruuwwan eegdota handaara galaanaa fi ambulaansiiwwan hedduun ramadamaniiru.

    Kaaba Saayipirasitti Rippaabilika Turkii ofiin of bulchitutti ministira geejjibaa kan ta’an Erhan Arikli imaltoonni 100 ta’an hadaara galaanaatti baafamuu ibsan.

    Rippaabiliki Turkii kun ofiin of bulchuu haa labsattuyyuu malee beekamtii kan qabdu gama Turkii qofaani.

    Pirezidantiin Turkii Resip Taayip Erdohaan balaa mudateen gadduu ibsanii, hojiin lubbuu baraaruu osoo adda hin citin itti fufa jedhan.

    Bidiruu dhidhimte