Bulchaan aanaa Dagam 'hidhattoota WBO'n' ajjeefaman

Obbo Tafarraa Dasee

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Shawaa Kaabaatti Bulchaa aanaa Dagam kan tahan Obbo Tafarraa Dasee dilbata kaleessaa waaree booda hidhattootaan ajjeefaman.

Maddeen BBC akka himanitti Obbo Tafarraan aanaa Dagam ganda Aannoo Qarree jedhamutti ajjeefame.

Haleelaa kana kan raawwate hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tahuu maddeen BBC himaniiru.

Dabalataan haleellaa hidhattoonni WBO geessisan jedhame kanaan bulchaan gandichaa Obbo Asfaawasan Hayilee fi namootni biroo miidhamanis hospitaalatti yaala argachaa jiru.

Namoonni miidhaman kunneen Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunvarsiitii Salaaleetti yaalamaa jiraachuu maddeen BBC himaniiru.

Qaamoleen bulchiisa aanaa Dagamis ta'e godina Shawaa kaabaa Waa'ee ajjeechaa bulchaa aanaa kanarratti hanga ammaa wanti jedhan hin jiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf gara bulchaa godinaatti bilbillee nuuf hin kaasan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo waa'ee ajjeechaa kanaa irratti ibsa hin kennine.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ajjeechaan akkanaa Godina Shawaa Kaabaatti yoo raawwatu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2025 keessa bulchaan aanaa Suluultaa Obbo Abbabaa Warquu ajjeefamuu mootummaan ibsee ture.

Ajjeechaa bulchaa Aanaa Sulultaa kanarratti raawwatameef mootummaan qaamolee hidhataniifi 'faallaa imala jijjiiramaa dhaabbatan' jedhe himate.

Aanaan Sulultaa ibsa Guraandhala 13 bara 2025 fuula miidiyaa hawaasaa irratti baasen, qondaalli mootummaa kun osoo hojiif imalaa jiranii qaamolee hidhataniin ajjeefamuu beeksise.

"Obbo Abbabaa Warquu … dirqama hojii isaanitti kenname bahachuuf imaanaa uummataa of harkaa qaban kabajanii gara hojiitti imaluuf wayita ka'anitti ajjeechaa gara jabinaa qaama hidhateen irratti raawwatameen addunyaa kanarraa du'aan boqataniiru," jedha ibsi aanichi baase.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gamasaan ibsa Guraandhala 13, baaseen aanaa Sulultaatti haleellaa gaggeessuufi bulchaa aanichaa Obbo Abbabaa Warquu ajjeesuun qondaalota mootummaafi qaamolee nageenyaa biroo to'achuu beeksise.

Mootummaan 'ABO Shanee' jechuun waamu bal'inaan keessa socho'an keessaa isa tokko.

Aanaaleen akka Kuyyuu, Dagam, hidhabuu Abootee, Warra Jaarsoo, Giraar Jaarsoo, Darraa fi yaayyaa Gullallee ammoo erga sababa Kanaan hawaasni yaaddoo keessa jiraachuu eegalee waggoonni lakkaa'amaniiru.

Aanaalee kunneen keessatti ajjeechaan, buqqaatii fi namoota ukkaamsanii maallaqa ittiin gaafachuun oduu guyyuu dhagahamudha.

Magaalonni godinichaa sochii dinagdee hoo'aan beekaman akka Garba Gurraachaa abbootiin qabeenyaa keessaa godaananii sochiin dinagdee qabbanaa'eeera.

Bara 2024 keessa Jiraattonni godinichaa gaga'ama lubbuu, mancaatii qabeenyaa fi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru dhuma dhabeera jechuun akka aadaatti meeshaa Ulfootiin bahanii araaraf waaqa yoo kadhatan mul'atan.

Kadhaan 'Araaraf Waaqatti boo'udha' jedhame kuni kutaalee godinichaa rakkoo nageenyaan raafamaa jiran hedduu keessatti gamtaan gaggeeffamaa ture.

Maanguddoon aanaa kuyyuu irraa BBC'n dubbisee fi namoota kadhannaa kana qindeessan keessaa tokko ta'uu himan "Salaale dur maqaa gaarii qaba. Abbootiin keenya fi Gootonni salaalee Kaleessa qabsoo gabrummaa sabarraa ittisuuf Oromoofuu bu'uura kaa'ani. Har'a wanti jiru faallaa kanaati. Sabuma tokko gidduu jaalalli dhabame" jedhan.

"Namni keenya wal ajjeesuu qofa miti kan ajjeefameyyuu awwaala dhabaatii jira. jireenyi uummataa baayyee miidhame. Uummanni buqqaatiirra jira" jedhan.