Itoophiyaan hidha dabalataa ijaarti taanaan nageenya bishaan keenya eeguuf qophiidha- Masirii

Madda suuraa, African Ministers' Council on Water
Itoophiyaan lageen biyyashee, kanneen gara Abbaayitti yaa'an dabalatee, madda anniisaa elektirikiif akkasumas misooma biyyaaf itti fayyadamuu akka dandeessu wayita ibsitu, Masiriin komii dhiheessiteetti.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa Habtaamuu Ittafaa gaaffii fi deebii miidiyaa biyyattiin Afaan Ingiliziin dabarsu POA English jedhamu waliin taasisaniin, Itoophiyaan hidha haaromsaa irratti dabalataan lageen biyyasheerratti hidha hedduu ijaaruu akka itti fuftu ibsaniiru.
Kanaafis eeyyamni qaama alaa akka hin barbaachisnee fi dhimmi kun dhimma birmadummaa biyyattii ta'uu dubbatan.
Masiriin akkaataa bishaan guutuu fi oppireeshinii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee waliigalteen akka irra ga'amuu fi dantaan ishee akka mirkanaa'u waggoota kurna caalaniif gaafataa turte.
Ammas hidha dabalataa Itoophiyaan akka hin ijaarre akeekkachiisa dabarsiteetti.
Ministirri dhimma alaa biyyattii Badir Abdillaatii Itoophiyaan hidha dabalataa laga Abbayyaa irratti ijaaruu akka hin qabne akeekkachiisuun, Masiriin qabeenya bishaan ishee eegsifachuuf mirga qabaachuu dubbatan.
Miidiyaa Sa'uudii Arabiyaa Al Arabiya jedhamu waliin gaaffii fi deebii taasisaniin ''Masiriin akka hidhi dabalataa laga Abbayyaa irratti ijaaramu hin eeyyamtu,'' jedhan.
Erga Itoophiyaan hidha dabalataa ijaaruu akka dandeessu yaada dhiheessitee torban lama keessatti Masiriin yeroo sadi akeekkachiisa kenniteetti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Qondaalli Itoophiyaa Habtaamuu Ittafaa biyyattiin ''laga Abbayyaa fi lageen biroo [yaa'a Abbayyaa ta'an] misoomsuu itti fufti. Hidha dabalataas ni ijaarti,'' jedhan.
Kunis uummata biyyattii miiliyoona 130 fayyaduuf pirojektii karoorfame keessaati jedhan.
Miidiyaan Masirii ahramoline jedhamu qondaalli Itoophiyaa kun ''Masiriin ammallee ilaalcha bara kolonii qabdi'' jechuun himachuu gabaase.
Kanarraa ka'uun ''bara 1940oota irraa qabdee misooma Itoophiyaa mormaa jiraachuu'' dubbachuusaanii gabaasa kana keessatti eerameera.
Qondaalli Itoophiyaa kun laga Abbayyaa irratti hidha dabalataa ijaaruuf karoora qabame irratti mormii Masirii irraa dhagamaa jiru kuffisuu kan gabaase miidiyaan Masirii kun, ''lagi Abbayyaa uummata Masirii miiliyoona 110 ta'aniif utubaa jireenyaati,'' jedhe.
Torban darbe keessa Ministira Muummee Masirii Musxafaa Madbuulii, Ministira dhimma alaa Badir Abdellaatii, Ministira bishaanii fi jallisii Hanii Suwaayilaam dabalatee qondaalonni Masirii hedduun biyyasaanii akka Itoophiyaa hidha dabalataa ijaartu akka hin eeyyamne ibsaniiru.
Itoophiyaan beekamtii fi waliigaltee biyyoota yaa'a gadii malee lageen gara Abbaayyaatti yaa'an irratti yoo hidha ijaarte hariiroo gama kanaan jiru balaa hamaaf saaxila jedhan qondaalonni Masirii kunneen.
Badir Abdellaatii gaaffii fi deebii miidiyaa Arabnews jedhamu waliin taasiseen Kaayiroon misoomaawwan bu'uuraa fi hidha yaa'a Abbayyaa irratti ijaaraman hedduu keessatti hirmaannaa akka qabdu eeruun ''Masiriin misooma biyyoota Afrikaa hin mormitu,'' jedhe.
Garuu mirgi misoomaa jedhamu kun mirga biyyoota yaa'a gadii kan ilaalcha keessa galche ta'uun dirqama jedhe.
''Dantaa fi nageenya bishaan keenyaa mirkaneessuuf mirga qabna. Karaa seera qabeessa ta'een yoo ta'e malee waliigaltee dhimma laga Abbayyaa kamuu hin fudhannu,'' jedhe qondaalli Masirii kun.
Miseensa Koree dhimma alaa Masirii keessaa kan ta'e Mohammad Hegazii ergaan Abdellaatii waan sadi jedhe- Tarkaanfii garee tokko qofaan fudhatamu kuffisuu, hidha dabalataa akk hin ijaaramne gochuu fi tarkaanfii mirgaa dantaa fi nageenya bishaan keenya mirkaneessu fudhachuu.
Mohammad Hegezii ''amma dubbiin gara Itoophiyaa jira. Dhimma Hidha Haaromsaa irratti marii gara waliigaltee seera qabeessaatti geessu irratti yoo waliigalan rakkoon gara furamuutti deemuu danda'a,'' jedhe.
Garuu yoo Itoophiyaan rakkoo amma jiru osoo hin furin hidha biraa ijaaruutti deemti ta'e karaan furmaata dippiloomaasii baayyee dhiphata jedhe qondaalli Masirii kun.
















