Dhimmoota dureessa ta'uuf isin gargaaran 10 kanneen beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Jeef Beezoos dureeyyii addunyaa kanaa keessaa tokko yoo ta'u, qabeenyi isaas gara doolaara biiliyoona 269 hanga biiliyoona 290 gidduutti tilmaama.
Innis dhaabbilee guddicha addunyaa irratti milkaa'ina qaban keessaa tokko kan ta'e Amaazoon abbummaan hooggana.
Dhaabbanni teeknooloojii kun osoo abbaan qabeenyaa dhaabbatichaa Jeef Beezoos carraaqqii guddaa hin goonee hin milkaa'u ture jechuun soba miti.
"Dhaabbanni kana mana gurgurtaa nyaataafi dhugaatii irraa gara dhaabbata daldala tajaajila guutuu kennutti jijjiiruun beekumsa, ija jabiinaan balaa fudhachuu, karooraa fi kalaqa guddaa gaafata," jedha gaazexeessaan Deeviid Baaker, kan agarsiisa "Inside the Mind of Jeef Beezoos" jedhu hojjate.
Mul'anni Jeef Beezoos waa'ee hojii uumuu (entrepreneurship) qofa osoo hin turre, mull'anni isaa wantoota inni baayyee eddoo kennuuf hojjachuu ture.
Gaaffiin guddaan, Beezoos akkamitti dhaabbaticha sadarkaa amma irra gaheen geessuu danda'e? kan jedhudha.
Kunoo dhimmota 10 milkaa'ina abbaa qabeenyaa Amaazoon, Jeef Beezoos'f gumaachan isiniif dhiyeessine dubbifadha.

Madda suuraa, Getty Images
1. Yoo qalbiin itti yaaddee haalaan itti fayadamame rakkoon hundi furmaata qaba
Beezoos umurii ijoollummaa isaa irraa kaasee humna kalaqaatti amana ture.
Yeroo boqonnaa gannaa hunda yeroosaa akaakayyuu isaa kan magaalaa xiqqoo Teeksaas keessa jiraatu waliin dabarsu ture. Yeroo sanatti wantoota ogummaa teeknikaa fi kalaqa barbaadan hojjechuu fi suphuu ture.
Yeroo tokkos, akaakayyuun isaa, erga balaan konkolaataa mudatee quba isaa dhabee booda, kalaqa Beezoos wantoota ammayyaa irraa hojjate irraa maallaqa guddaa argatan.
Innis yaalii baqaqsanii hodhuun teknooloojii ammayyaa fayyadamuun qubni harkaa qaama nama tolcheetiin tolfameef.
Kunis seenaa Beezoos hanga har'aatti himuudha.
2. Maamilli yeroo hundaa sirriidha
Hojii gaggeessaan Amaazoon duraanii, Toom Albaarg, Beezoos ''maamiltoota waliin walitti dhufeenya uumuudhaaf nama uumamaan kennaa qabuudha'' jechuun ibsaniiru.
Itti dabaluudhaanis: "Addunyaa jijjiiruu barbaada, garuu yeroo hunda yaadni isaas maamiltoota gammachiisuu irratti xiyyeeffata. Yoo maallaqa qabaatte waan baay'ee hojjechuu dandeessa."
3. Kan darberraa baradhuu, achii fuulduratti tarkaanfadhu
Yunivarsiitii Haarvaarditti Piroofeesara Dinagdee kan ta'an, Suunil Guptaa, kalaqa Amaazoon akka bu'aale haaraa oomishuu fi tajaajiloota haaraa uumuu kana akka "duubatti deebi'uu fi sana booda gara fuulduraatti tarkaanfachuuti" jechuun ibsaniiru.
Kana jechuunis, Beezoos waan keessa darbe ilaaluudhaan erga sababoota rakkoolee dhaabbata isaa duuba jiran qorateen booda, hubannoo argate sanatti fayyadamuun gara fuulduraatti tarkaanfata jechuudha.
Kana jechuunis Amaazoon maamiltoonni isaa maal akka barbaadan yaaduudhaan jalqabuun, sana booda akka waan fedhan sana argatan mirkaneessuuf hojjeta.

Madda suuraa, Reuters
4. Guyyaa hundi haaraadha
Gabaasni waggaa Amaazoon bahan hundi, xalayaa jalqabaa dhaabbatichi abbootii aksiyoonaa isaatiif barreesse keessaa caqasaman qaba.
Ergaan kunis guyyaa hunda akka "guyyaa jalqabaa" dhaabbata tokkootti ilaaluun barbaachisaa ta'uu cimsee ibsa. Kana jechuunis fedhii kalaqaa fi milkaa'ina daldalaa eeguu itti fufuun jechuudha.
Beezoos barbaachisummaa hubannoo sanaa irra deddeebi'ee cimsee dubbateera.
"Wanti guddaan dhaabbatichi guyyuma sana reefuu akka jalqabeefi bu'uurri isaas kaa'amaa jira jedhanii yaaduudha," jedhan.
5. Caalaa haxxee ta'i
Bara 2000tti itti fayyadamni interneetii baayyee ol ka'uun nageenyi dhaabbatichaa balaa jala waan bu'eef, Beezoos tarkaanfii attatamaa fudhachuun Amaazooniin invastaroota alaatiif bane. Tarkaanfii kunis tarkaanfii ija jabinaan hojjetame yoo taʼu, dhumarratti buʼaas argamsiiseefiira.
Kallattiin inni baayyee ittiin hin milkoofne tokko, daldala bilbila harkaatiin ture. Haa ta'u malee, Beezoos amantaan hoggansaa fi murtoo cimaa murteessuu irratti qabu olaanaadha.
Akkasumas, pirojektoota tokko tokko dhiisuudhaan kaan haaraa ammoo waan muuxannoo isaa irraa barateetti fayyadamuun jalqabuun isaaf waan hin baratamne miti.
Hojii gaggeessaan Amaazoon duraanii fi barreessaan kitaaba 'The Amazon Way' jedhamuu, Joon Roosmaan, Jeef Beezoos ''eessa akka deemu ykn akkamitti akka achi ga'u osoo hin beekin murtoo taasiisuuf fedhii hin qabu,'' jechuun teknooloojii Aleeksaa akka fakkeenyaatti kaasuun dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
6. Kufaatiin qaama daandii milkaa'inaati
Kufaatiin pirojektootaa sadarkaa fedhii Beezoos itti gaafatamummaa fudhachuuf qabu qofa osoo hin taane, erga kufanii boodas itti fufuuf kutannoo qabaachuu isaa kan agarsiisuudha.
7. Yaaluu keetti hin gaabbiin
Kufaatii sodaachuu dhiisuu jechuun yaaluutti gaabbuu dhiisuu jechuudha.
Beezoos dhimma kana irratti ejjennoo isaa wayita marii hoji gaggeessaa olaanaa dhaabbata maxxansaa 'Axel Springer' kan ta'an, Maatiyaas Doopfineer waliin taasisaniin ifa godheera.
"Wantoota yeroo umuriin keessan waggaa 80 ta'u itti gaabbitan yeroo yaaddu, yeroo baay'ee wantoota hin hojjennedha. Wantoota hojjenne garuu ittiin hin milkoofne ykn wantoota fasha'aaniitti gaabbuun baay'ee hin mul'atu," jedha.
8. Yaadawwan kee ibsi
Barreessaan Biraadii Stoon akka amanutti, hoji gaggeessaan olaanaa Amaazoon walgahii kutaa boordii dhaabbatichaa irratti murtii dhumaa kennuu irratti dimokiraasiitti hin amanu. Haa ta'u malee, Beezoos falmiin ifaa fi amanamaa ta'e barbaachisaa ta'uu ni amana.
Joon Roosmaan gama kanaan Amaazoon dhaabbilee walfakkaatan biroo irraa adda jedhee amana.
9. Dorgommii irratti hirmaadhu
Beezoos dorgommii guddaan dhaabbilee teeknooloojii biroo irraa isa mudateera. Biraadii Stoon akka fakkeenyatti teeknooloojii Aleeksaa kaasaan.
Yeroo Apple Siri uumuutti, Googlen ammoo gargaaraa sagalee waan adda addaa ibsuu fi hojjechuu danda'u uumuus qaba ture.
Akkas jedhe: "Amaazoon duraanuu dhaabbata guddaa fi teeknooloojii irratti adda duree tureedha, garuu Jeef Beezoos sababiin yeroo sanatti abdii kutachuu hin barbaannee fi dhaabbileen biroo akka milkaa'an gochuu hin feeneef," pirojektii Aleeksaa kan carraa hojii 10,000 uume gaggeesse.
10. Egereef karoorsi

Madda suuraa, Getty Images
Karoorri yeroo dheeraa milkaa'ina Beezoos fi Amaazoon keessatti qaama ijoo ta'uun beekama.
Joon Roosmaan, Beezoos ''bu'aa argachuudhaaf waggoota 10f eeguuf hayyamamaa fi obsa qaba. Guddina fuuldura isaa argu galmaan ga'uufis kutannoo qaba'' jedheera.



















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)