Sababoota namoonni akka of ajjeesan taasisaniifi mallattoolee qalbeeffachuu qabnu

Madda suuraa, Getty Images
"Namoonni of ajjeesuu barbaadan baay'een fedhiinsaanii du'a osoo hin taanee waan isaan dhiphisaa turerraa boqochuudha" jedhu Tumsaa Pirofeesaraa kan ta'an Daani'el Tolasaa.
Itoophiyaa keessatti dhimmi dargaggoota lubbuu ofii dabarsanii irra deddeebiin marsaalee hawaasaarratti yeroo ka'u mul'ata.
Garuu lubbuu ofii dabarsuu yookiin of ajjeesuun maali? Sababoonni, mallattoolee fi furmaannihoo?
Tumsaa Pirofeesaraa Daani'el Tolasaa Ispeeshaalistii yaalii dhibee sammuu yemmuu ta'an, "yeroo gaaga'ama (cirisis) keessa gallu sammuun keenya inni rakkoo hiiku sammuu keenya isa miiraan gaggeeffamuun mo'atama. Kanarraa kan ka'edha namni tokko gara of ajjeessuutti kan deemu" jedhu.
Lubbuu ofii dabarsuun umrii kamirrattuu raawwachuu akka danda'u kan himan ogeessi kun, umriin gochaan kun baay'inaan itti raawwatamu jiraachuu himu.
"Darbee darbee mudachuu danda'us namoota umriinsaanii waggaa 15 gadi ta'e biratti kan baratame miti. Waggaa 15-24 kan jiranirratti baay'ee baay'ata.
Akkasumas gaafa umriin dabalaa deemu waggaa 45 ol immoo amala dabaluu qaba" jedhan.
"Sababni of ajjeesuu % 90 ol dhibee sammuun walqabata..."
Dhibeen sammuu sababoota namoonni itti of ajjeessan keessaa isa ijoo akka ta'e Tumsaa Pirofeesaraa Daani'el Tolasaa himu.
"Namoonni of ajjeessan dhibbeentaa 90 ol dhibee sammuu tokko yookiin isaa ol ta'een walqabata. Jeeqamuu fayyaa sammuu keessaa kan akka mukuu hamaa, iskizofireeniyaa fi dhibeewwan araada waliin walqabatan gumaacha guddaa qabu" jedhan.
Dhibee sammuun alatti dhimmoonni namoonni akka of ajjeessaniif saaxilamummaa guddisan akka jiranis ogeessichi himu.
Haaluma kanaan "namoonni kana dura of ajjeessuuf yaalanii olan/olfaman carraan gara fulduraatti of ajjeesuu isaanii olka'aadha" jedhan.
Kana malees namoonni dhibee dhukkuba dandamachuuf rakkisu (traumatic pain) fi itti fufiinsaan nama dhukkubu qabanis saaxilamummaansaanii ol ka'aa akka ta'e himaniiru.
Dabalataan gaaga'amni diinagdeefi hawaasummaa namoonni akka of ajjeessaniif sababa ta'uu akka danda'an himuun, "Hojii dhabdummaa, hojiirraa buqqa'uu, fira qabnurraa adda bahuu fi kkf carraan balaa of ajjeesuuf nusaaxiluu isaanii ol ka'aadha" jedhan.
Mallattoolee namoonni of ajjeesuuf jedhan agarsiisan...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni yaada of ajjeessuu qaban mallattoolee garagaraa akka agarsiisan Tumsaa Pirofeesaraa Daani'el Tolasaa himu.
"Mallattooleen isaan agarsiisuu danda'an, 'ani osoon jiraachuu baadhee' jechuudha. Gaafa kana jedhu namni kun 'nagargaaraa' jechaa jira jechuudha" jedhan.
Dabaluunis "yeroo baay'ee namoonni waan akkanaa yemmu dubbatan irrratti haasa'uuf qophaa'ummaa hinqabnu. Garuu namni mallattoo akkasii yeroo agarsiisu qalbiifi yeroo kennanii dhaggeeffachuun barbaachisaadha" jedhu.
Kana malees, namnoonni "wanti kun humna kootii ol ta'eera, kanan dandamachuu danda'uu ol ta'eera. Dhukkubbiin kun, rakkoon kun kanan danda'uun ol ta'eera" yemmuu jedhanis xiyyeeffannoo kennuu akka qabnu ogeessichi himu.
Mallattoon namoonni yaada of ajjeessuu qaban agarsiisan inni biraan wantoota ittiin of miidhuu danda'an bituu yookiin qopheessuudha.
"Inni kan biraan amala nama gaggeessuuti. Fira dur dafanii hin bilbilleef bilbiluu akkasumas meeshaa baay'ee mararsiifatan namaaf kennuu jalqabuudha. Mallattoo akkasii gaafa namarratti arguu jalqabnu 'maalif?' jechuu qabna" jedhu.
Hirriiba dhabuu, namarraa adda of baasuufi kunuunsa dur ofiif taasisan gadi buusuu namootarratti yemmuu agarruttis itti siiqanii haasofsiisuun akka barbaachisus himu.
Dabalataan meeshaalee namoonni kunneen ittiin of miidhuu danda'an naannoo isaaniitii fageessuu, hariiroo hawaasummaa adda kutan akka itti fufan gochuu akkasumas bakka isaan gammachiisu akka deeman gargaaruun barbaachisaa akka ta'es ogeessichi himu.
"Wantoonni kuni hundi hinfooyyessan taanaan garuu gargaarsa ogeessaa akka argatan taasisuun barbaachisaadha" jedhan.
Dargaggoonni yaada akkanaa qaban maal gochuu qabu?
Namoonni yaada of ajjeessuu qaban dhimmicha akka mallattoo dhibeetti ilaaluun nama dhiyootti himuun gaarii akka ta'e Tumsaa Pirofeesaraa Daani'el himu.
"Namoota nu gargaaruu danda'an, icciitii keenya nuf qaban fi osoo nun farrajin nu dhaggeeffatan mariisisuun isa jalqabaati" jedhan.
Hariiroo uumama waliin qabnu fooyyeessuun, wantoota dur nugammachiisan gochuun yaada sana keessaa bahuuf yaaluun akka barbaachisus himan.
Kana malees namoonni yaada of ajjeessuu qaban jireenya kophummaa keessa jiru yoo ta'e deeggarsa maati yookiin hiriyaa akka argataniif haala mijeessuun gaarii ta'uusaas himu.
"Kuni hundi bu'aa hin fidne taanaan yaadni of ajjeesuu % 90 ol dhibee sammuu wajjin kan walqabate waan ta'eef, dhibee sammuu gosa 300 oltu jira. Kanaaf gargaarsa ogeessotaan kan badu waan ta'eef gara mana yaalaa deemanii gargaarsa gaafachuuf duubatti jechuu hinqaban" jedhan.
Dabaluunis "gorsitoota amantiitti siiqanii dhimma akkasii mariisisuun gargaarsa argachuuf akka jajjabaatan gorsina" jedha.
Dhiibbaa miidiyaa hawaasaa...
Qoccollaan gama miidiyaalee hawaasaan raawwatamu (cyber bullying) of ajjeesuu namootaaf sababa ta'uu akka danda'u irra deddeebiin himama.
Qoccollaan gama miidiyaa hawaasaan taasifamu kun osoo namoonni biroon ilaalanuu yookiin arganuu kan qaqqabu ta'uunsaa miidhaansaa akka guddatu taasisuu akka danda'u Tum. Pro. Daani'el himu.
"Ani miidiyaa hawaasaa yeroon fayyadamu, dhimmoota dhuunfaakoo yeroon qoodufi hiriyoota yeroon horadhu 'waan akkamiin dandamadha; waan akkamiimmoo dandamachuu hinqabu' kan jedhu of beekuun qaba" jedhu.
Gama biraatiin akkaataan namni ittiin of ajjeesuu danda'u miidiyaa hawaasaarratti ni barreeffama, ni dubbatama yookiin ni agarsiifama yoo ta'e, inni kun namoota yaada of ajjeessuu qabanfi akkatti itti godhamu hinbeekneef mala barsiisuu ta'uu akka danda'u himu.
Haa ta'u malee miidiyaa hawaasaa waa'ee rakkinichaa hubannoo uumuufi namoota yaada akkasii qabaniif gochaa kanarraa akka of baraaraniif gargaarsa ittiin gochuu akka dandeenyus kaasu.
Itoophiyaatti of ajjeesuun dabalaa jiraa?
Akka Itoophiyaatti lakkoofsi namoota of ajjeesanii dabaleera yookiin xiqqaatera jechuuf ragaan quubsaan akka hinjirre Tumsaa Pirofeesaraa Daani'el himu.
Haa ta'u malee carraan oduu namoonni of ajjeessan jedhu dhagahuu keenya sababa miidiyaa hawaasaatiin dabaluusaa kaasu.
"Akka biyya keenyaatti of ajjeesuun waan itti qaana'amuuf fi dhokfamuuf yeroo baay'ee baafamee hindubbatamu.
Ammammoo miidiyaan hawaasaa dhufee carraan dhagahuu keenya waan guddateef waan dabale nutti fakkaachuu danda'a. Garuu qorannoo dabaleeras hir'ateeras jechuu nu dandeesisu hinqabnu" jedhan.
Gama biraatiin Itoophiyaa keessatti dhimmi of ajjeessuu xiyyeeffannoo gahaa akka hin arganne kan kaasan Tumsaa Piroofeesaraa Daani'el, hubannoon akka hawaasaati rakkinicharratti qabnus gadi aanaa ta'uu himaniiru.















