Obasaanjoo fi Hoogganaa TPLF Dabratsiyoon gidduutti maaltu mudate?

Waliigaltee Piriitooriyaa irratti mariisistoota keessaa tokko kan turan pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseegun Obasaanjoo Wiixata kaleessaa ''daawwannaa tasaa'' gara Tigraayitti taasisuu bulchiinsi naannochaa TPLFn hoogganamu ibse.
Bulchiinsichi mootummaa federaalaa waliin marii eegaluuf haaldureewwan bu'uuraa fi ijoodha jedhe tarreesseera.
Daawwannaan Obasaanjoo kun ''sagantaa dursee karoorfame'' akka hin taane bulchiinsi dura taa'aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu Kibxata har'aa ibseera.
Mariin Obasaanjoo fi Dabratsiyoon gidduutti gaggeeffame muddama mootummaa federaalaa fi TPLF tasgabbeessuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsa kana keessatti eerameera.
Pirezidantii bulchiinsa naannoo Tigraay kan TPLFn durfamuu kan ta'an Dabratsiyoon Waxabajjii darbe wayita Obasaanjoon Tigraay daawwatan ''marii gaggeessan bu'uura godhachuun to'annoo fi hordoffiin hiika qabu gaggefefamuu dhabuusaatti akka mufatan'' Obasaanjootti himuu eereera ibsi kun.
''Ergasii muddamni hammaachuu'' akka Obasaanjootti himanis ibsameera.
Obasaanjoon Waxabajjii darbe Maqalee daawwachuu booda, Hagayya keessa humnoonni federaalaa fi humnoonni Tigraay bakka daangaa Sudaanitti argamtu ''Sharariinaa'' iddoo jedhamtutti walitti bu'anii turan.
Ji'a kana keessas kan Wiixata kaleessaa dabalatee yeroo garagaraatti haleellaawwan diroonii raawwatamuu aanga'oonni Tigraay ibsaa turan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Mootummaan federaalaa dhimma walitti bu'iinsaas ta'e haleellaawwan diroonii jedhaman irratti hanga yoonaa ifatti yaada hin kennine.
Haata'u malee aanga'oonni TPLF hidhattoota biyya keessaa fi qaamolee alaa waliin ta'uun garee ''Tsimdoo'' jedhamu ijaaraniiru jechuun himata.
Aanga'oonni TPLF gamasaaniin kora hawaasaa gaggeessan hundarratti ''mootummaa federaalaa aangoorraa buusuuf'' ejjennoon mul'isan muddama ture daran hammeesseera.
Bulchiinsi Tigraay yeroo ammaa kan TPLF jalatti taliigamu ibsa Kibxata har'aa baaseen ''mootummaan federaalaa dhimmoota bu'uuraa irratti fooyya'iinsa qabatamaa fi dhugaa ta'e'' taasisuu dhabuun himateera.
''Waadaawwan hojiirra hin oolle waggoota afran darban argaa turuu'' kan ibse TPLF, adeemsa muddama uumame furuu caalaa hammeessaa deemu ''kana irra deebi'uuf dantaa siyaasaa tokkollee akka hin qabne,'' ibseera.
Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon mootummaa federaalaa waliin mariin kan eegalamu yoo ta'e, ''dhimmoota ijoo'' deebi'uu qabu jedhan Obasaanjoof ibsaniiru jedha ibsi kun.
Haaldureewwan eeraman keessaa ''qoqqobbiiwwan diinagdee kaasuu, weerara humna waaraanaa dhaabuu fi muddama dhalate tasgabbeessuu,'' kanneen jedhan qabxiilee ijoodha.
''Birmadummaa bulchiinsa Tigraay bakka duraatti deebisuu, buqqaatota kabajaa fi nageenyasaanii karaa hin miineen deebisuu fi seera qabeessummaa TPLF iddootti deebisuu'' qabxiileen jedhanis akka haaldureetti eeramaniiru.
Bulchiinsi Tigraay kun marii mootummaa federaalaa waliin taasifamu kanaaf yeroo murtaa'aan akka kaa'amu akkasumas qaamoleen idiladdunyaa dhiibbaa uumuu danda'an akka keessatti hirmaatan gaafateera.
Obasaanjoon mootummaa federaalaa waliin erga dubbatanii booda torban tokko ykn lama keessatti akka Tigraayitti deebi'an dubbachuun ibsa TPLF kana keessatti eerameera.



















