Tiraamp yeroo UK daawwate maaliif xiyyaara jijjiiree gale?

Madda suuraa, Reuters
Tiraamp tibbana yeroo kora NATO Turkiitti adeemsifame hirmaatee deebi'e UK irra goruun humna waraanaa US achi buufatee jiru daawwatee ture.
Dubbii ijoo kan ture garuu buufata humna qilleensarraa Ameerikaa Ingilaandi jiru RAF Mildenhaal jedhamutti xiyyaara duraan ittiin imalaa ture jijjiiruun kan biraatiin galuu isaati.
Tarkii Ankaaraa irraa ka'uun hanga Ingilaand gahutti xiyyaaraa 'Air Force One' jedhamuun imale.
Buufata Humna waraanaa qilleensarraa Ameerikaa Suufoolk jirutti ammoo xiyyaara dhiyeenya Kaataar irraa kenneedhaan argataniin galan.
Imala gara Turkiitti taasifne kanuma duraan barame 'Air Force One' jedhamuun imaluun barbaachisaa ture jedhe Tiraamp.
Gaazexeessitoonni isa waliin imalaa turan foddaa xiyyaaraa akka mul'atutti akka haguuggii isaa irraa hin kaasne ajajamniiru.
Tiraamp ajajni kun kan kennameef sababa ''garee hin amanamne kanaaf'' jedhe. Dubbiin isaa kun Iraaniin jechuu barbaadeeti.

Madda suuraa, RAF Mildenhall
Xiyyaarichi ni haleelama yaaddoo jedhu qabdaa jedhamee yoo gaafatamu Tiraamp: ''Yeroo hundayyuu yaaddoo haleelamuu nan qaba. Namoota haleeluu barbaadan keessaa ani nama jalqabarra jirudha'' jedhe.
Truth Social irratti akka maxxansetti, xiyyaarri haaraan kennaadhaan argate Mildenhaalitti isa eegaa ture. Humni waraanaa US achi jiru carraa xiyyaaricha daawwachuu argateera jedhe Turaamp.
''Loltoota keenya dhiiraa fi dubartii goota tahan kabajuuf jecha akka daawwataniif xiyyaara 'Air Force One' jedhamu gara Buufata Humna Qilleensaa Mildenhaalitti ergine'' jedhe.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, RAF Mildenhall
RAF Mildenhall Tiraamp buufaticha daawwachuu isaan akka boonanii fi yaadannoo guddaa tahe ibsan.
Fuula miiidyaa hawwaasaa isaa irratti RAF, humni qilleensaa, maatii fi hojjettoonni buufatichaa xiyyaara haaraa pirezidaantichaa daawwachuuf carraa argatan jedhe.
Gammachuu isaaniis ibseera. Daawwannichi loltoota kanneeniif akka kabajaa fi beekkamtii kenne ibsan.












