Waancaa Addunyaa 2026: Dhuguma Arjantiinaaf addatti loogiin taasifamaa jiraa?

Arjeentinaa bara 2022- Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa yeroo tahan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arjeentinaa bara 2022- Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa yeroo tahan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Arjantiinaan Waancaa Addunyaa bara kanaa harkatti galfachuuf tattaafii cimaa gochaa jirti. Morkiin biyyoonni biroon taasisaa jiran cimaa ta'uusaatiin ifaajiin Arjantiinaa kun waanuma eegamudha.

Biyyattiin tapha moo'anii darbuutiin Keep Veerdeefi Masrii salphaatti injifattee dabarti jedhamee yaadamee turus biyyoonni lachuu Arjantiinaaf qormaata cimaa ta'anii turan.

Dhumarrattis Arjantiinaan biyyoota lachuu galchii walfakkaataa 3-2 ta'een injifatte.

Haa ta'u malee taphni Arjantiinaan Gibxii waliin taasifte kan komiin heddu irratti ka'edha. Gibxiinis waldaan kubbaa miilaa idil addunyaa FIFA'n murteessitoota taphicha gaggeessan akka ari'u gaafii dhiyeessiteerti.

Taphicha booda leenjisaan garee biyyaalessaa Gibxii, Hossaam Hassan, "waan sirrii hintaaneetu nurratti raawwatame" akkasumas "haqa dhabneerra" jedhan.

Dabaluunis FIFA'n taphicharratti walaba hinturre, Arjantiinaaf loogiin taasifameera jechuunis komatan.

"Gareen waancaa addunyaa darbe injifate (Arjantiinaan) dorgommii keessa akka turu barbaadaniiti ta'a. Meesiinis dorgommicha keessa akka turu barbaadaniis ta'uu danda'a" jedhan.

BBC'nis yaadni Arjantiinaan waancicha akka fudhattuuf hojjetamaa jira jedhu hagam ragaadhaan kan deeggaramedha kan jedhu xiinxaleera.

Komiin Masirii hagam sababa qabeessa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gibxiin hanga taphichi xummuramuuf daqiiqaawwan 11 qofti hafanitti galchii 2-0'n Arjantiinaa dursaa erga turtee booda dhumarratti galchii 3-2'n injifatamuunshee akka nama aarsu tilmaamuun salphaadha.

Silaa biyyattiin Arjantiinaa osoo injifattee seenaa waancaa addunyaashee keessatti yeroo jalqabaatiif marsaa nuusa xummuraa geessi turte.

Haa ta'u malee Arjantiinaan daqiiqaawwan muraasa keessatti galchiiwwan 3 lakkoofsisuun abjuu Gibxii akka hurkaatti bittiinsite.

Gibxiinis murteessaan lammii Faransaay Fraansuwaa Leteksiyee fi waahillansaa "dogongoroota ciccimoo narratti raawwataniiru" akkasumas "dhimma walfakkaataa anaafi Arjantiinaaf ija garagaraan ilaalaniiru" jechuun himatte.

Galchii 1-0'n dursaa kan ture gareen biyyaalessaa Gibxii (Fara'oononni), taphataasaanii Musxafaa Ziikkoon daqiiqaa 60'ffaarratti galchii erga lakkoofsisee booda taphataan Gibxii inni biraan Marwaan Attiyaa miila taphataa Arjantiinaa Lisaandroo Maartineezirra ejjeteera jedhamee, balleessichis VAR'n sakatta'amee galchichi haqame.

Silaa galchiin kun osoo haqamuu baatee Gibxiin taphicha mo'achuu dandeessi jechuun mirkanaan dubbachuun rakkisaadha.

Gama biraatiin Gibxiin, Eenzo Fernaandez Arjantiinaaf galchii ishee dhumaa osoo hin lakkoofsisin dura balleessaawwan taphattootakoorratti raawwataman lamaaf rukkuttaa peenaalitii argachuun qaba ture jetti.

Balleessaawwan Gibxiin himattu kunneenis 'taphataan Arjantiinaa Aleeksis Maak Allister taphataakoo Haamdii Faatii harkaan qabee ture akkasumas Mohammad Saalaan immoo Huliyaan Alvaareziin sakaalameera' kan jedhanidha.

Garuummoo balleessaan Saalaa irratti raawwatame kan taphataa Arjantiinaaa Maartineez irratti raawwatameen wal yaa fakkaatu malee rukkuttaa peenaalitii kennisiisuuf gahaa hinturre.

Silaa balleessaan Saalaa irratti raawwatame saanduqa peenaaliitiin ala osoo ta'eera ta'ee Gibxiin carraa galchii Arjantiinaa haqsiisuu fooyyee ni qabaatti turte. Sabanisaas VAR balleessichi peenaalitii ni kennisiisamoo hinkennisiisu osoo hintaanee akkuma balleessaa Maartineez xiinxale Saalaa irratti balleessaan raawwatameeramoo hin raawwatamne kan jedhu murteessa ture.

Dhimmi kun akkaan falmisiisaa akka ta'e ni beekama. Haa ta'u malee yaada Meesiif loogiin taasifamaa jira jedhuuf garuu ragaa quubsaa hinta'u.

Faransaayii fi murteessitoota Arjantiinaa

Guyyaa Kamisaa Faransaay fi Morookoon tapha nuusa maayiin kan wal morkatan yemmuu ta'u, Waancaa Addunyaa baranaa keessatti yeroo jalqabaatiif murteessaan taphichaa, gargaartonnisaa lamaan, murteessaan afraffaan akkasumas murteessitoonni eeggattummaan taa'an hundi lammii biyya tokkooti. Kan Arjantiinaa jechuudha.

Namni VAR hogganus lammii Argantiinaa akka ta'e FIFA'n boodarra beeksiseera.

Yaadni dhimma murteessitootaa kanaan walqabatee ka'us 'Arjantiinaan Faransaay akka mo'amtu ni barbaaddi, murteessitoonni hundi lammii Arjantiinaa ta'uunsaaniimmoo fedhii Arjantiinaa milkeessuuf mijataadha' kan jedhudha.

Tapha Faransaay fi Morookoo kana murteessaa ta'uun kan taphachiisan Faakundoo Tello, tapha nuusa maayii waancaa addunyaa murteessummaan yemmuu hogganan waancaa addunyaa darbetti aansuun inni ammaa yeroo lammaffaafi.

Kanaaf murteessaan beekamaafi kabajamaan kun tapha kana bifa sirrii hintaaneen ni hogganu jedhamee hin eegamu.

Haa ta'u malee akkaataan namoonni dhimmicha itti hubatan waan salphaatti callifamee bira darbamuu miti. Sababnisaas Arjantiinaa fi Faransaay morkattoota cimoo ta'uunsaanii osoo beekamuu tapha Faransaay irratti murteessitoota Arjantiinaa ramaduun dhimma ilaalcha gaarii uumu miti.

Meesiin kaardii diimaa osoo hin kennaminiif hafuusaatiin galchiiwwan shan lakkoofsiseera

Gara taphawwan ramadiitti duubatti deebinee taatee silaa Meesiin kaardii diimaa akka argatu taasisu tokko yaa ilaallu.

Tapha Arjantiinaan Aljeeriyaa waliin taasifteen Meesiin dursaa garee Aljeeriyaa kan ta'e Ayisaa Mandii irratti balleessaa raawwatus kaardiin osoo hinkennaminiif darbeera.

Torbee darbemmoo taateen guddaan kanbiraa tokko uumameera. Tapha US fi Bosniyaa gidduutti taasifamaa tureen taphataan US Folaarin Balogun balleessaa Meesiin taphataa Aljeeriyaarratti raawwateen walfakkaatu raawwate. Taphataan US kunis kaardii diimaan adabame.

Warri US booda keessa kaardiin diimaan taphataasaaniif kenname akka haqamu yemmuu iyyatanitti muddannoo Meesii akka agarsiistuutti eeruun akka ta'e amanama.

Silaa tapha Aljeeriyaarratti Meesiin kaardii diimaan dirreerraa baheera osoo ta'ee galchiiwwansaa lammaffaafi sadaffaa Aljeeriyaarratti akkasumas Ostiriyaarrattis galchiiwwan lama hin lakkoofsisu ture.

Kana malees tapha garee isa xummuraa kan Jordaan walin taphatanfi galchii itti lakkoofsiserrattis hin hirmaatu ture.

Kanaafuu Meesiin tapha Aljeeriyaarratti kaardii diimaan adabameera osoo ta'ee galchiiwwan saddeet amma qabu keessaa galchiiwwan shan hinqabaatu ture.

Dhimmi kun Meesiin bifa addaatiin ilaalamaa jiraachuusaa agarsiisaa?

Murteessitoonni taphattoota Arjantiinaaf kaardii keelloo xiqqaa kennaa jiruu?

Taphattoota Waancaa Addunyaa kanarratti morkachaa jiran keessaa taphattoonni 17 sababa kaardii keelloo qabaniin balaan taphoota walakkaa maayiin ala ta'uu irratti aggaamameera.

Haa ta'u malee Gonzaaloo Montiyeelin ala taphattoonni Arjantiinaa biroon yaaddoo kanarraa bilisa.

Garuu lakkoofsi kaardii keelloo gareen tokko argatu lakkoofsa balleessaa garichi raawwateen walmadaalaa?

Arjantiinaan giddugaleessaan tokkon tokkoon balleessaawwan 19.7'f kaardii keelloo tokko argatteerti.

Biyyoonni reeshoo kaardii keelloofi balleessaa kan Arjantiinaatii ol qaban biyyoota sadi qofadha. Isaanis Cheek Ripablik giddugaleessaan balleessaawwan 37.0'f kaardii keelloo tokko, Noorweey balleessaawwan 24.0'f kaardii keelloo tokko akkasumas Tuuniziyaan balleessaawwan 27.0'f kaardii keelloo tokko argataniiru.

Gama biraatiin biyyoota ammallee dorgommicha keessa jiran keessaa Ingilaand biyya jabinaan adabamaa turtedha. Biyyattiin giddugaleessaan balleessaawwan 7.7'f kaardii keelloo tokko argachaa turteerti.

Haaluma kanaan Arjantiinaan Inglaand caalaa balleessaawwan baay'ee dalagdus lakkoofsi kaardii keelloo taphattoonishee argatan garuu kan Ingilaandiin yeroo madaalamu walakkaa qofa ta'a.

Kanaafuu lakkoofsa balleessaa taphattoonni Arjantiinaa raawwataniin yeroo madaalamu Arjantiinaan dhuguma ija addaan ilaalamaa jirti kan jedhu akkeekuu danda'a.

Kanaan dura Infaantiinoon akkamiin Meesiin akka taphatu gochaa ture?

Pirezidaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo Meesiin dorgommiilee waldichi qopheessurratti yeroo hirmaatu arguu kan jaalatu fakkaata.

Fakkeenyaaf Tapha Waancaa Kilabootaa Addunyaa isa jalqabaa bara darbe US'tti adeemsifame yaa fudhannu.

Kilabni biyya dorgommicha keessummeessitu US bakka bu'uun dorgommicharrati hirmaatu yeroosaa eeggatee osoo hintaanee barfatee ture kan beekame.

Namoonni hedduun kilabni US bakka bu'u kilaba shaampiyoonaa biyyattii kan bara 2025 injifate akka ta'e eegaa turan. Haa ta'u malee akkas hinturre.

Intar Maayaamiin bara dorgommii idileetti qabxii olaanaa waan kuufateef badhaasa Meejar Liig Sookar Sappoortars Shiild (MLS Supporters' Shield) kan bara 2024 argatee ture.

Garuummoo Loos Anjalas Gaalaksiin tapha moo'anii darbuu bara taphaa idileen booda taasifamu injifachuun shaampiyoonaa dorgommichaa ta'e.

Haa ta'u malee kilabni Tapha Waancaa Kilabootaa Addunyaaf filame kilaba Meesiin keessatti taphatu Intar Maayaamii ture.

Haaluma kanaan Meesiin Isteediyeemii Intar Maayaamii kan ta'e Haard Rookitti tapha baniinsaa Al Ahilii waliin taasifamerratti taphachuuf carraa argateera.

Ramaddii Waancaa Addunyaa Arjantiinaaf mijate

FIFA'n akkaataa biyyoonni Waancaa Addunyaaf itti ramadamanirratti ji'a Mudde darbe jijjiirama xiqqaa garuummoo faayidaansaa guddaa ta'e taasiseera.

Waldichi biyyoonni gabatee kubbaa miilaa addunyaa FIFA irratti sadarkaa 1-4 jiran: Faransaay, Arjantiinaa, Ispeen fi Inglaand hanga taphoota walakkaa maayiitii bifa wal arguu hindandeenyeen akka ramadaman taasise.

Haaluma kanaan biyyoonni afran kun taphoota ramaddii garee bira darbaniis walii isaanii hin morkanne.

FIFA'n gareeleen kubbaa miilaa biyyaalessaa ciccimoon taphoota moo'anii darbuu walakkaa maayii dura jiran irratti akka wal hin morkanne gochuuf seera kana baase.

Haa ta'u malee seerri kun akkaataa biyyoonni taphoota ramaddii itti xummuranirratti hundaa'uun biyyoota afraniif karaa gaarii saaqa.

Fakkeenyaaf Arjantiinaan gama kanaan fayyadamaa kan taate fakkaata. Biyyattiin gabatee kubbaa miilaa addunyaarratti sadarkaa 67'ffaarrtti kan argamtu Keep Veerdee fi sadarkaa 29'ffaarratti kan argamtu Gibxii waliin akka morkattu ta'eera.

Tapha nuusa maayiin immoo sadarkaa 19'ffaarratti kan argamtu Siwizarlaand waliin morkatti.

Inglaandis tarii tapha walakkaa maayiirratti Arjantiinaa kan morkattu yoo ta'een ala haalli biyya sadarkaa 1-10 keessatti argamu itti morkattu hinjiru.

Gama biraatiin garuu Ispeen sadarkaa 5'ffaarratti kan argamtu Porchugaal kan ijifatte yemmuu ta'u, itti aansuun immoo sadarkaa 9'ffaarratti kan argamtu Beljiyeem morkatti. Faransaay immoo sadarkaa 7'ffaarratti kan argamtu Morookoo morkatti.

Kanaafis gama kanaan Arjantiinaan biyya karaa salphaarra deemaa jirtudha jechuun ni danda'ama.

Peenaaliitiiwwan Arjantiinaan itti fufiinsaan argachaa jirtu

Arjantiinaan Waancaa Addunyaa bara 2022 yemmuu injifattu riikardii haaraa galmeessistee turte.

Biyyattiin dorgommicharratti peenaaliitiiwwan shan kan argatte yemmuu ta'u, kunis seenaa Waancaa Addunyaa keessatti lakkoofsa peenaaliitii isa olaanaa biyyi tokko argattedha.

Waancaa Addunyaa bara kanaarrattis hanga ammaatti Arjantiinaan peenaaliitiiwwan sadi argatteerti. Haa ta'u malee peenaaliitiiwwan lama wayita Oostiriyaa fi Gibxii waliin taphatan argatte Meesiin gara galchiitti osoo hinjijjiiriin hafeera.

Gama biraatiin Inglaand fi Siwizarlaand peenaaliitiiwwan lama yemmuu argatan, Beeljiyeem, Faransaay fi Noorweey immoo hanga ammaatti peenaaliitiiwwan tokko tokko argataniiru.