US halkan lama keessatti Iraan keessatti qiyyaafannoowwan 170 rukutuu himte. Kuni haleellaa marsaa lammataa US Iraan keessatti sa'aatii 48 darbe raawwattedha.
Guduunfaa
Ulaa Hormuuz irratti dooniiwwan haleelamuu booda US fi Iraan wal haleelan
US bidiruwwan Iraan 60 dabalatee qiyyaafannoowwan 80 caalan haleeluu himte
Iraan ammoo wiirtuuwwan waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessatti argaman haleeluun haaloo ba'uu himte
"Araagchii ibsa kennaniin gochi kun waliigaltee ji'a darbe biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffame, kan qabxiilee 14 of keessaa qabuu fi waliigaltee wal hubannoo (MoU) kan cabse ta'uu ibsan.
Iraan waliigalteen walhubannoo ji'a darbe mallattaa'e sirni gaggeessaa kun waraanaan akka hin gufanne wabii ta'uu danda'a jettee abdatti.
Haata'u malee akkaataa US fi Iraan waliigaltee kana itti hubatanii fi waraanni isaan deebi'anii walirratti banan kun sirna kanaaf yaaddoo guddaa ta'eera.
Biyyoonni lameen hanga sirni gaggeessaa kun xumuramutti marii gidduusaanii torban tokkoof dhaabuurratti waliigalaniiru.
Garuu Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp wayita sirni gaggeessaa kun eegalu ''qondaalota Iraan walitti qabaman dhukaasa tokkoon fixuu dandeenya,'' jedhee ture.
''Garuu ammoo nama waliin mari'annu dhabuu waan dandeenyuuf hin rukunnu,'' jedhee ture.
Murteen sirreeffama gatii kun tasuma kan murtaa'e osoo hin taane, magaalattiitti i qorannoo saayinsawaa bal'aa gaggeessuun dandeettii kaffaltii qabatamaa jiraattotaa tilmaama keessa kan galche ta'uus ni eera ibsi kun.