Ameerikaan xiyyaarota waraanaa F-35 Turkii hidhachiisuun maaliif Israa'el yaaddesse?

Xiyyaarota waraanaa ammayyaa'oo F-35 jedhaman

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarota waraanaa ammayyaa'oo F-35 jedhaman
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tibbana walga'ii NATO Iirratti hirmaachuuf wayita Turkii Ankaaraa dhaqanitti pireezdaantii Turkii Resip Tayyip Erdohaan waliin waanti mari'atan keessaa tokko waa'ee xiyyaara waraanaa USF-35 ti

Dureewwaan biyyoota lamaanii Ankaaraatti gaazexeessitootaaf wayita ibsa kennan Turkiin meeshaa ittisa qilleensaa akka argattu qoqqobbii irra kaa'ame ture kan kaafamu ta'uu eeran.

Tiraampis mootummaa isaanii dhimma kana irratti hojii akka itti fufu dubbachuun, "Turkiin xiyyaarota waraanaa F-35 akka argachuu dandeessu ni ilaalla," jedhan

Kun ammoo Israa'elitti hin tolle.

Turkiin bara 2019 keessa sirna ittisa qilleensaa S-400 Raashiyaa irraa erga bittee booda, Ameerikaan sagantaa F-35 keessaa ishee baasuun xiyyaarota sana itti gurguruu dhaabdee turte.

Akkasumas, seerota mootummaa Ameerikaa jalatti uggura meeshaa waraanaa muraasa irra kaa'uun hariiroon biyyoota lameenii dhiibbaa keessa gale.

Amma garuu mariin haaraan gaggeeffamaa jira, hariiroo mootummaa Ameerikaa fi Turkii fooyyessuuf yaalii taasifamaa jiru keessaa isa tokko ta'uun ibsameera.

Haa ta'u malee, yaadni Turkiin F-35 akka argattu jedhu mootummaa Israa'el keessatti yaaddoo guddaa uumee jira.

Israa'el waggoota hedduuf biyyi biraa Bahaa Giddugaleessaa keessatti humna waraanaa qilleensarraa ammayyaa ta'e qabaachuu fi akka ishee hin caallee eegsisuuf hojii guddaa hojjechaa turte.

MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun karoora Ameerikaan xiyyaarota waraanaa F-35 Turkiin akka argattu hayyamuu motummaan Israa'el akka hin simanne ifatti mormeera.

Dhimma kana dura Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin mari'achuun yaaddoo mootummaa isaanii ta'uus ibsuu Rooyiters kan gabaase.

Netanyahuun Turkiin mootummaa Ameerikaaf michuu amanamtu miti. Akkasumas, gareewwan Israa'eliif diina ta'an waliin hariiroo qabdi jechuun yaaddoo ibse.

Ministirri ⁠Ittisaa Ameerikaa ⁠Piit Heegsees dhimma kana irratti Netaaniyaahuu waliin mari'achuuf karoora qabatee ture sababa muddamni Baha Gidduugaleessaatti hammaateen haquu gabaasne turre.

Xiyyaara kana maaltu adda godha?

Tayiip Erdohaani fi Tiraamp

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Tayiip Erdohaani fi Tiraamp
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyaarri F-35 xiyyaara waraanaa ammayyaa, gahee waraana hedduu bahuudha.

Xiyyaarota dhaloota 5ffaa (Fifth Generetion) jedhaman kan teeknooloojii olaanaa hubannoo namtolchee (AI) dabalatee, fi dandeettii odeeffannoo haala qabatamaa yeroo funaanuu danda'u qabudha.

Kana malees saffisa guddaa sa'aatii tokkotti km 1,900 balali'uu danda'a.

F-35n sirna teknoolojii ammayyaa fayyadamuun qiyyaafannoo adda baasuu fi haleeluu akkasumas xiyyaarota biroo irratti qiyyaafatan adda baasuu danda'a.

Dandeettiin kun hojii lola qilleensaarraa ammayyaa keessatti tarkaanfii guddaa ts'ee fudhatama.

Raadaraan adda baafamuu fi hordofamuu kan hin dandeenyeefi kana jalaa miliquuf teknooloojiin kan qophaa'e xiyyaarri kun xiyyaarota waraanaa addunyaa irratti sadarkaa olaanaa qaban keessaa tokko ta'uun ibsameera.

Xiyyaarri kun tilmaamaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 80n kan gurguramu yoo ta'u, xiyyaarota waraanaa addunyaa irratti qaalii keessaa tokkodha.

Humni Qilleensaa Ameerikaa F-35A harkisa lafaa dachaa sagaliin dandamachuu akka danda'ullee ibseera.

Kana jechuun balaliisaa hawaa keessatti garagalchuu ykn sochii saffisa guddaa qabu yeroo raawwatu humna harkisa lafaa idilee dachaa sagal dandamachuu danda'a.

Yeroo ammaa kana F-35 sagantaa meeshaa waraanaa addunyaa irratti isa guddaa fi qaaliidha.

Teeknoolojiin xiyyaara kanaa gara waggaa 30 hanga 40 akka turu eegama.

Biyyoota F-35 qaban kam fa'i?

Kaartaa biyyoota F-35 qabanii

Madda suuraa, F-35

Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa biyyoota F-35 qabanii

Biyyootni xiyyaara kana hidhatan saganta tokko jalatti gurmaa'uun sagantaa xiyyaaraa F-35 jedhu jalatti waligaltee mallatteessanii qabu.

Akka sagantaa F-35tti bara 2030tti xiyyaaronni F-35, 550 ol Awurooppaa ni argamu jedhamee eegama.

Ameerikaan alatti biyyoota biroo 19 xiyyaarota F-35 kana qabu ykn bitachuuf ajajataniiru.

Biyyoonni sagantaa F-35 kana qabaachuu keessatti hirmaatanis Ameerikaa, UK, Xaaliyaanii, Nezerlaand, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Awustiraaliyaa, Deenmaark fi Noorweey dha.

Biyyootni biroos akkataa michummaa Ameerikaa waliin qabaniin sagantaa kana jalatti hammataamaaniiru

Kanaaf hanga ammaatti biyyoonni xiyyaara F-35 hidhatan:

Ameerikaa

UK

Xaaliyaanii

Nezerlaand

Noorweey

Awustiraaliyaa

Jaappaan

Kooriyaa Kibbaa

Israa'el

Deenmaark

Beeljiyeemi fi

Poolaandi

Biyyoonni waliigaltee kana mallatteessanii fi waggoota dhufan keessatti xiyyaarota kana ni argatu jedhamee eegamu ammoo:

Jarman

Kanaadaa

Finland

Siwiizarlaand

Singaapoor

Giriik

Rippabiliika Cheek fi

Rumaaniyaa fa'i.

Turkiin saganticha keessa kan turte ta'ullee sababa isheen Raashiyaarraa xiyyaarota waraanaa S-400 jedhaman bitteef qoqqobbiin irra kaa'amee ture.

Amma garuu Tiraamp Turkii sagantaa kana keessatti deebisu mo ni dhiisu kan jedhu irratti ammatti waanti ifa ta'e hin jiru.

Tiraamp hayyamus dhimmi kun gamanaumaa miseensota Kongiresii Ameerikaa tokko tokko irra komiin ka'aa jira.

Gurgurtaa xiyyaara F-35 fi meeshaalee waraanaa walumaa galatti Turkitti akka hin gurguramne ugguruuf tattaaffii taasisa jiru.

Turkii keessatti dimokiraasiin akka hin jirree fi lammiileen Ameerikaa tokko tokko hidhamuu, akkasumas xiyyaarota Raashiyaa bituu ishee akka sababootatti eeru.

Turkiin xiyyaarota waraanaa F-35A ja'a bitachuuf Ameerikaaf Doolaara biiliyoona 1.7 kaffaltee turte. Garuu hanga yoonaa ishe hin geenye.