Halaand Ingilaanditti dhiibbaa uumaa jechuun miidiyaa itti qare

Madda suuraa, Getty Images
Tapha hirboo maayii Waancaa Addunyaa gaafa Sambataa Ingilaand waliin qaban irratti dhiibbaan ijoo Ingilaand irra jira jedhe jifataan Noorwey Erliing Halaand.
Akkasumas seeqaa miidiyaan hanga danda'ame dhiibbaa jabaa garee Tomaas Tuheelin leenji'u kanarra akka kaa'u hime.
Noorweey erga bara 1998 Waancaa Addunyaa dorgomtee hin beektu garuu barana Ayivorii Koost fi Biraazil mo'achuun sadarkaa kana gahaniiru.
Faallaan Ingilaand yoo xiqqaate Waancaa Addunyaa sadan darban irratti hirboo maayiirratti jechuunis nuusa xumuraa gahaniiru.
Ta'us, erga bara 1966'tii waancaa kaasanii hin beekan.
Dhiibbaan ijoo Ingilaand irra jiraa jedhamee kan gaafatame jifataan Maanchistar Siitii Halaand,: ''Sirrii, dhugaadha,'' jedhe.
''Akkan yaadutti dhiibbaa kamuu dhiirota Ingilaand irra kaa'uu qabdu,'' jechuun gaazexeessitootatti dubbachuun miidiyaa itti qare.
Taphataan umrii 25, Halaand, taphoota 14 Noorweyiif booda kana taphate hundarratti galcheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sochii kana biyya keessatti dhalate, Ingilaand irrattis itti fufsiisuuf yaada qaba.
Halaand Liids, Ingilaand keessatti dhalate. Abbaan isaa Alf-Inge Ingilaandiif waqtii bonaa keessa Liids irraa gara Maanchistar Siitii adeemuun jiraachuu eegalaniiru.
Yeroo Halaand waggaa dura barruu TIME irratti mul'ate Noorwey Waancaa Addunyaa injifachuuf carraa 0.5% qabdi jedhe.
Waancaa Addunyaa baranaa irratti kan Biraazil irratti lama kan galche dabalatee walumaa gala tapha afur irratti galchii torba inni galche Noorweey biyyoota saddeet hafan keessa tokko akka taatu gargaareera.
''Ani hin eegne. Dhugaa dubbachuuf hirboo maayii Waancaa Addunyaarratti Noorwey argun anaanuu na ajaa'ibsiseera,'' jechuun hime.
Biraazil injifachuun Noorweyiif waan guddaa ta'uufi hirboo maayii irratti Ingilaand morkachuun waan addaa akka ta'ellee hime.
''Waan Noorwey keessa jiru yoo ilaaltanii jiraattan haalli jiru haalaan addadha,'' jechuun hime.
Yeroo Waancaa Addunyaa kanatti beekamtiin Halaand Ameerikaa keessatti guddoo dabale.
Kunis, galchii galchuun, nameenya isaafi dhimmoota garagaraani.
Ayivorii Koost irratti erga galchee booda Halaand gara Daalaas adeemuun koofiyyaafi boottii bitachuuf gabaa bahe.
Kanas viidiyoon waraabee chaanaalii YouTube isaarratti gadhiisee viidiyoon kuni guyyaa shan keessatti si'a miliyoona jaha ol ilaalame.
''Waan gaariidha sababiin isaa Ameerikaanota nan jaalla, sitti tolu. Ni qoosu kanaafuu nan isaan jaalla.''
Halaand Waancaa Addunyaa amma adeemaa jiruun dorgommiis ta'e bakka leenjii akkasumas isteediyeemii jiraniin gammachuu akka qabu hime.
Halaand viidiyoo biraa irratti dorgommii cabbiirratti dorgomamuus dhaqee daawwateera.
Gareen isaa erga Biraazil injifatan booda ''Viking row'' kan jedhaniifi gareen isaa akka doonii tooraan ta'anii innimmoo akkan nama bishaan duubatti dhiibu fakkeessu ittiin beekamaa ta'eera.
''Qoosuu taphachuu nan jaalla.''
Leenjiin, taphaaf of qopheessuun akkuma jirutti qoosuun taphachuun, akkasumas gammaduun barbaachisaadha jedhee gorsa.
''Osoo Waancaa Addunyaa taphataa jirru itti gammaduu qabna. Sababiin isaa wanti akkanaan itti fufu hin jiru. Yeroo as jirrutti ittiin gammaduu qabna.''
Tapha sammuutii?
Maanchistar Siitii keessatti michuu Halaand kan ta'e Nikoo Orelii yeroo ammaa Waancaa Addunyaarratti Ingilaandiif taphataa jira.
Taphataan ganna 21 kuni erga Siitiif taphatuu eegalee reefu waggaa lamadha.
Isa Halaand dhiibbaan cimaa Ingilaand irra jira jedhee sana taphataan kuni ''tapha sammuu'' ta'uu danda'a jechuun hima.
Halaand gareewwan Waancaa Addunyaa baranaarratti eegaman keessaa tokko Ingilaandidha jedheeras.
''Mee ilaali, isaaniis garee cimaadha. Kanas dorgomiicha irratti mul'isaniiru. Waa'ee taphattoota muraasa qofa yaadda'uu qabna miti - isaan akkuma gareetti cimoodha.
''Taphaafi falmii bareedaa ta'uf deema,'' jechuun tapha Noorweey waliin qaban dubbate.
''Maal akka ta'e hundi keenya beekna. Galchii galchuu danda'a akkasumas galchii garee faallaa biratti balaa buusa. Yaaddoo jabaadha,'' jedhe.
Gargaaraa leenjisaan Ingilaand Antoonii Baaris Norweey akka nama tokkotti osoo hin taane akka gareetti cimaa ta'uufi tapha kanaaf qophaa'uu hime.












