Mootummaan tarkaanfii humnaa fudhatus hidhattoonni maaliif hin dhabaman?

Madda suuraa, EBC fi SM
Mootummaan Itoophiyaa rakkoo hidhattoota waliin jiru furuuf akkuma tattaaffii taasisu yeroo kaan ammoo ''humnaan akka dhabamsiisu'' himaa ture.
Haata'u malee seenaa biyyattii keessatti ''qabsoon hidhannoo'' erga eegalee sochiin hidhattootaa dhaabbatee hin beeku ykn hidhattoonni dhabamanii hin beekan.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Adoolessa 7, 2026 paarlaamaa biyyattiitti wayita dubbatan riphee loltoonni ''shiftoota'' jedhanii waaman amala yeroo dheeraaf turuu akka qaban eeran.
''Lolli shiftootaa waraana fuulaa fi fuulatti gaggeeffamu (conventional war) waliin waan wal hin fakkaanneef, uummati qaamolee seera kabachiisan tumsuun akka sochiinsaanii to'atamu gochuutu irraa eegama,'' jedhan.
Hidhattoonni maqaa amantii ykn maqaa sabaa dhahatanii falmii gaggeessan akkamiin akka waggootaaf turan biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti arguu dandeessu jedhan MM Abiy.
''Fakkeenyaaf Bokoo Haraam yoo fudhattan mootummoonni Naayijeeriyaa jijjiiramanis ammallee inuma jira,'' jedhan.
''Mootummaan hidhattoota kunneen irratti tarkaanfii fudhachuu yeroo yeroon ni ibsa, gabaasi ni dhihaata, garuu humnoonni kunneen yeroo mara jiru. Amaluma isaaniiti.''
Ogeessa seeraa idiladdunyaa fi dippiloomaatii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa amalli sochii hidhattootaa kun Itoophiyaa keessatti qofa kan daangeffame osoo hin taane dhimma addunyaa mara keessa jiru jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhalli namaa gareenis ta'e dhuunfaadhaan kaayyoosaa galmaan ga'achuuf hidhatee bosona seene hanga kaayyoonsaa galma ga'utti turuun waanuma addunyaarratti mul'atuudha jedhan.
''Namni kaayyoo malee bosonatti hin galu. Waan dirqamsiisutu jira. Mirgaa wajjin walqabatee waan itti hin tolletu jira. Kanaaf bosona seena namni.''
Itoophiyaa keessatti hidhattoota akka Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), Faannoo, TPLF kan kaasan Obbo Baayyisaan, ''kunneen callisaniima bosonatti kan galan miti. Kaayyoo isaan baasetu jira. Kaayyoon sun bu'uura seeraa fi heeraa qabaachuu fi dhiisuun gaaffii biraadha. Garuu kaayyoo malee manaa hin baane,'' jedhan.
Akka fakkeenyaatti Addi Bilisummaa Oromoo, akkasumas warri amma bosona jiran- Waraanni Bilisummaa Oromoo, qabsoo kan eegalan bara mootummaa kanaa miti kan jedhan Obbo Baayyisaan ''waggaa 60 ol lakkoofsisaniiru. Gaaffiin isaanii waan hin deebineef ammallee turan ta'uu danda'a. Mootummaanis isa kana beekuu qaba,'' jedhan.
''Mootummaa kana dura ture kan bosona galan. Gaaffiin yeroo sana ture ammas nuuf hin deebine, yookiin walakkaan deebi'ee walakkaan hafe jedhaniiti malee gaaffii malee laga hin taa'an.''
Kanaafuu karaa hidhannoo dhiisanii ''karaa nagaatti deebi'uuf '' gaaffiinsaanii deebi'uufiitu irra jira jedhan.
''Gaaffiinsaanii hanga hin deebinetti harka laadhatees, mootees humnaan yoo deebiste kun deebii miti. Mootummaa fi hidhattoota gidduutti gaaffiin ka'e sun irratti mar'atamee hundeerraa yoo furame malee sochiin hidhattootaa yoomuu hin dhaabbatu,'' jedhan.
Addunyaarrati hidhattoonni qawweedhaan jaarraa walakkaa oliif qabsoo gaggeessan hedduun jiraachuu kan kaasan Obbo Baayyisaan ''har'a qawweedhaan yoo harka kennachiistes gaaffiin qaban deebii hin arganne taanaan yeroo eeggatee inuma ka'a, yoo ka'uu dadhabe mucaasaatu ka'a,'' jedhan.
Ministirri Muummee Abiy haasaa paarlaamaaf taasisan keessatti hidhattoota balleessuutti maaltu akka qormaata ta'u akkasumas furmaata waan jedhan akkanaan ibsaniiru.
''Amala waraana konvenshinaal ta'erratti arginu kan shiftoota waliin taasisnu keessatti arguu dhiisuu dandeenya. Akkasis ta'ee garuu hariiroon mootummaa fi uummataa, humni fi tokkummaan yoo cimaa deeme, hir'ataa, dadhabaa badaa deemu, ammoo shakkii hin qabnu.''
Obbo Baayyisaan ammoo qaama hidhatee kaayyoo hedatee ba'e, waraana kallattiis ta'e riphee loltummaa keessatti hirmaatu, hanga gaaffiinsaa deebi'utu balleessuun akka hin danda'amne ibsan.
''Yoo mootummaa waliin mari'atanii hundeesaa jalaa kutan [gaaffii bu'uuraa hidhannoo ykn qabsootti nama galche deebisan] malee wanti kun hin dhaabbatu.''
Isa MM Abiy yoo mootummaa fi uummati hariiroosaa akkaan cimsate humni hidhattootaa dadhabaa deemuun baduu isaaniif sababa ta'uu kaasan irratti ammoo akkas jedhan Obbo Baayyisaan:
''Ijoolleen kun waaqaa gadi hin buune ykn biyya olaatii dhufan miti. Sabuma kana keessaa ba'an. Uummannis ijoolleensaanii nagaan akka jiraatan barbaadu malee mootummaa waliin walii galanii irratti duulu yaada jedhu an hin qabu.''
Ijoolleen kunis qaamuma sababa kanaati waan ta'eef sabaa fi mootummaan walii wajjin ta'anii ijoollee kana miidhu yaadi jedhu dadhabaadha jedhan.
Inumaa yaadota akkanaa kennuu dhiisanii marii dhugaadhaan rakkoo furuurratti yoo xiyyeffatan wayya jechuun gorsu.
Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota waliin mari'achuun rakkoo furuuf fedhii akka qabu ibsus, garuu miirri hidhattoota tuffachuu fi humnoota isaa saadee dubbachuu ni mul'ata.
Kun mataansaa rakkoo akka hidhattoonni turaniif sababa ta'uudha.
Obbo Baayyisaan ''ana qofatu goota'' jechuun kun hin baasu jedhu.
''Nuti gootaa, raayyaan ittisaa gootaa wayita jettu warri hidhatanii jiranis lammiileema Itoophiyaati. Gootummaa inni tokko himatu inni kaanis inuma qaba. Ijoolleen kun ilmaanuma saba tokkooti. Kanaafidha waraanni waliinii kan cimuuf. Namootuma walfakkaatantu wal waraanu waan ta'eef hin dhumu.''
''Sabi gootummaansaas, gaarummaansaas, dabummaansaas tokko ta'etu wal waraana waan ta'eef waraanni waliinii ni cima,'' jechuun haala Itoophiyaa keessa jiru ibsan.
''Haasaa duwwaadha kan kana furuu danda'u.''
Mootummaan Itoophiyaa yeroo garaagaraatti hidhattoota waliin ni mari'ata, yeroo garii ammoo hidhattoota barbadeessineerra jedhee dhaadata.
Haata'u malee hidhattoonni inumaa kan duraarra ni heddummaatan malee hin dhabamsiifamne.

Madda suuraa, EBC
MM Abiy Ahmad rakkoolee biyyattii keessa jiran kamuu mariidhaan furuuf mootummaansaanii qophii ta'uu ibsaniiru.
Garuu qaamni birmadummaa Itoophiyaatti yaaddoo ta'u yoo jiraates biyyattiin humna ittiin ofirraa qolattu akka qabdu ibsan.
Walitti bu'iinsa mudatu walitti dhihaannee mari'achuun hiikuuf gama keenyaan tattaaffii keenya itti fufna jedhan.
''Marii dhugaa fi hunda hammate akka gaggeessinuuf irra deddeebiin mana maree kanatti affeereera,'' kan jedhan MM Abiy, hidhattoonni Naannoo Oromiyaa keessa socho'an hedduun mariidhaan, karaa nagaan deebi'aa jiraachuu kaasan.
''Obboloonni keenya hafanis karaama kanaan akka deebi'an barbaanna.''
Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mariin marsaa lama Taanzaaniyaatti taa'e rakkoo jiruuf furmaata waaraa osoo hin kaa'in hafeera.
Inumaa mariiwwan kunneen ilaalchisee mootummaas ta'e hidhattoonni wal himataa turan.
Hidhattoonni karaa nagaan uummatatti deebi'anis qabiinsa isaaniif taasifamurratti wayita komii dhiheessan, inumaa gariin harka mootummaatti hanga ajjeefamuu akka ga'an odeessaaleen garaagaraa ba'aa turan.
Kun ammoo hidhattoonni meeshaa hiikkachuu dhiisanii qabsoo hidhannoo akka itti fufan sababa ijoo ta'eera.
Gama kaaniin sochiin hidhattootaa dantaa qaamolee adda addaan faalamuun, murni heddummaachuu fi sochiin hidhannoo madda maallaqaa waliin hidhata qabaachuun Itoophiyaa keessatti bal'inaan kan baratamedha.
Kunis sochiin hidhannoo walxaxaa akka ta'uu fi furmaata kaa'uufillee rakkisaa akka ta'u taasiseera.
Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa haala hidhattootaan walqabatee muuxannoo biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti argatan irraa ka'uun ''waggoota fudhatus furmaati marii malee hin jiru,'' jedhan.
''Biyya tokko keessatti qaamni isa kaan caalu hin jiru. Fakkeenyaaf dhimma Oromoo yoo fudhanne inni Kiiloo Afur jirus inni bosona jirus ilmaan saba tokkooti. Oromoon Oromoo caalu hin jiru. Kanaaf furmaati jiru walbira taa'anii mari'achuudha.''
MM Abiy mootummaansaanii ammas marii hunda hammateef kutannoo akka qabu ibsan, kana keessatti hidhattoota waliinis mari'achuuf balballisaanii banaa ta'uu himan.
''Gama keenyaan hunda waliin mari'achuu barbaanna, kan jiru kana, maaliif, waraanni waan nu hin baasneef. Waliin taanee biyya waloo ijaaruu wayya jennee waan amannuuf. Kana cimsinee itti fufna.''
Itoophiyaa keessatti mootummaan federaalaas ta'e mootummoonni naannolee hidhattoota waliin mari'achuun rakkoo furuuf fedhii akka qaban, akkasumas hidhattoonni karaa nagaatti akka deebi'an waamicha dhiheessaa turaniiru.
Hidhattoonni ammoo gamasaaniin mootummaan kutannoo akka hin qabnee fi dhugaadhaan nagaa kan barbaadu akka hin taane ibsu.
Kanas ta'ee hidhattoonni karaa nagaatti deebi'uun mootummaan galche akka jiran ibsamaa ture.
Kana keessatti dhimmi ijoon ''hunduu sirriitti walhubachuu fi yaada walii kabajuu'' akka qaban dubbatan Obo Baayyisaan.
Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa miseensonni kallattii qabsoo jijjiirrachuun qawwee dhiisanii galanis, kanneen ammoo bosonatti hafanis dhalli namaa yaada adda addaa qabaachuurraa waan madduuf rakkoo hin qabu jedhan.
''Yaada adda addaa namoonni qaban kunneen ammoo waliin taa'anii ifatti yaadasaanii ibsachuun, dubbachuun furuu qabu,'' jedhan.

Madda suuraa, SM
Haala kanaan lolli ykn sochiin hidhattootaa xumura argachuu akka danda'u kan kaasan Obbo Baayyisaan, ''warri hidhattoonni hin badan ykn lolli riphee loltootaa hin dhumu,'' jedhan kanarratti akka xiyyeeffatanii hojjetan dhaaman.
Haalli hidhattoota Itoophiyaa, keessattuu kan Oromiyaa kan biyyoota addunyaa biroo hedduurraa adda kan jedhan Obbo Baayyisaan ''hidhattoonni biyyoota kaanii hedduunsaanii biyyoota garagaraa keessa faca'anii waan jiraniif waliin mari'atanii furmaata kaa'uun ni rakkisa,'' jedhan.
''Kan warra kaanii xaxaadha. Keenya biyyuma tokko keessa waan jirruuf gaaffiin jirus ifadha. Gaaffiin Oromoon qabu maal akka ta'e sirriitti tarreessitee dhiheessinaan osoo qaama biraa of keessa hin galchin ofumaa waliin mari'attee furachuu dandeessa. Nagaadhaan haasa'uutu dhibe malee lolli inni kan keenyaa baayyee salphaadha.''
Mariin hidhattootaa fi mootummaa gidduutti eegale osoo bu'aa hin buusin hafe yaada jedhu akka hin fudhanne kan dubbatan Obbo Baayyisaan ''mariin osoo bu'aa hin buusin xumuramu akka hin jirre,'' eeran.
''Mariin hin dhume kan jedhu hin jiru. Waggaa dhibbayyuu mari'achuu danda'u. Mariin sun marsaa sanatti fiixaan hin baane malee ni kufe hin jedhamu. Yoom fi eessatti akka ta'e hin beeku malee itti deebi'anii inuma mari'atu.''
Mariin hidhattootaa fi mootummaa gidduutti gaggeeffamu akka itti fufuu fi rakkoon karaa marii nagaan akk furamuuf ammoo namoonni akkasaanii muuxannoo qaban gumaachuu akka qaban dhaaman.
''Lolli hundumtuu dhumarratti marii araaraan dhuma. Kan keenyas akkasuma. Kanaaf mariin dhaabachuu hin danda'u.''












