Ingilaanditti Muhaammad maqaa daa'imman dhiiraa baay'inaan moggaafame tahe

Daa'imman taphataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ingilaandiifi Weelsitti bara 2025 maqaa baay'inaan daa'imman dubaraafi dhiiraaf moggaafame beeksifameera.

Dubaraaf maqaan Liilii jedhamu baay'inaan baafamuun sadarkaa lammaffaarra jira.

Oliiviyaan waggaa kudhaniif maqaa baay'inaan daa'imman dubaraaf bahe dha. Muhammad maqaa wagga sadiif walitti aanuun baay'inaan daa'immaniif moggaafame taheera.

Maqaan dubaraa kanaan dura sadarkaa lammataarra ture Amiliyaan sadarkaa sadaffaatti gadbu'eera. Nohaan maqaa sadarkaa lammaffaa irratti dhiirotaaf bahe dha.

Liyoon ammoo maqaa sadarkaa sadaffaa irratti baay'inaan dhiirotaaf moggaafame taheera.

Odeeffannoon kana Dhaabbata Istaatistiksii Biyyaalessaa UK'tu galmee daa'imman haaraa dhalataniirraa gadhiise.

Kileer Giriin marsariitii Namberry jedhamurratti maqaa ijoollee kanaa galmeessiti. Oliviiyaafi Muhaammad baranas maqaa baay'inaan moggaafame tahuun na hin dinqinee jetti.

''Gulantaa moggaasa maqaa sadarkaa jalqabaarra jiru irratti yeroo baayyee jijjiiramni hin uumamu, maqaan tokko takka beekame jennaan yeroo dheeraaf ni tura,'' jechuun BBCtti himte.

Maqaan Oliiviyaa bara 2025 keessatti daa'imman dubaraa 2,286 Ingilaandiifi Weelsi keessatti dhalataniif moggaafame.

Liilii fi Ameeliyaan daa'imman 2,249 fi 2,153 tahaniif moggaafamuun sadarkaa lammataafi sadaffaa qabataniiru.

Maqaan dubartoota baay'inaan moggaafaman ''kan maqaa masoo tahuu danda'uuni dha'' jetti Kileera

Akka Kileer jettutti maatiin ijoolleensaanii hoggantoota akka tahan barbaadanillee yeroo ijoollee tahan maqaa mararteefi qoosaan ittiin waamaman kennuufi.

Maqaan Muhaammad haala adda addaan qubeeffamu daa'imman dhiiraa 5,957 tahaniif moggaafameera.

Mohammed maqaa daa'imman 1,712 qabatee sadarkaa 20ffaa, Mohammad moggaasa maqaa 895 qabatee sadarkaa 55ffaarra jira.

Maqaan Nohaa, Liyoo jedhaman daam'imman 4,075 fi 3,278'f moggaafamuun walduraaduubaan lammaffaafi sadaffaarra jiru.

Bara 2025 keessa maqaan Muhammad baatii hunda irratti baay'inan daa'immaniif moggafamuun sadarkaa tokkoffaa ture.