Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe
Gabaasni haaraa Kongiresiin US baase waraana Iraan irratti waraanni US hangam akka miidhame mul'ise. Gabaasni kun waliigalatti xiyyaaronni US 42 yeroo waraana kanaa Iraaniin haleelamanii barbadaa'uus agarsiiseera.
Gabaasni kun Tajaajila Qo'annoo Kongireeshinaalii US [US Congressional Research Service] kan qophaa'e yoo ta'u, odeeffannoo Ministeera Ittisaa US, Ajaja Giddugaleessaarraa, akkasumas miidyaaleerraa argamanirratti hundaa'uunidha.
Gabaasni kun marsariitii Kongiresii US irratti maxxanfameera.
Qajeelchi qo'annoo rakkoo kutaa karoora waraanaa mudatee ture ilaalchisee odeeffannoo kenneeraaf.
Gabaasni kun meeshaaleen manca'an jeettiiwwan waraanaa, dirooniiwwan, helekooptara hidhannoo qaban, akkasumas xiyyaara oppereeshinii addaaf bobba'an hammata.
Gabaasni kun aanga'aa Ministeera Ittisaa US, Juules W. Harsit jedhamu waabeffachuun Ameerikaan baasii xiyyaarota miidhaman suphuufi bakka buusuu dabalatee waraana kanarratti dolaara biliyoona 29 ol baasuu ishee agarsiiseera.
F-15E
Xiyyaarri gabaasicha keessatti eerame xiyyaara gosa F-15E Strike Eagle jedhaman afur dbaalata.
Ajaji Giddugaleessaa US akka jedhetti xiyyaaronni kunneen Kuweet keessatti kan rukkutamanii kuffiifaman yoo ta'u, "humnoota walootiin osoo hin eegamiin" akka haleelaman ibsameera.
Kana keessaa taatee tokko keessatti loltoonni ja'a osoo hin miidhamiin oolaniiru.
Ajajaan Giddugaleessaa US akka jedhetti, Ebala 5, 2026 jeettiin waraanaa F-15E Strike Eagle Iraan keessa balali'aa osoo jiruu kufee kan caccabe yoo ta'u, oppereeshinii baraaruu bal'aa gaggeeffameen paayiletoonni jeettii kanaa baraaramuu danda'aniiru.
Gabaasni kun ibsa Caamsaa 19 bahes kan waabeffate yoo ta'u, jeettiin waraanaa US F-35 Lightning II jedhamus sirna ittisa misaa'elaa Iraaniin rukkutamee badeera.
Yeroo sanatti Ajajaan Giddugaleessaa US akka mirkaneessetti xiyyaarri US F-35 Lightning II Iraan keessatti waan haleelameef dirqamaan qubateera, garuu nagaan qaan qubateef paayiletiin haala fayyaa gaarii ta'e keessa jira jedhe.
Haata'u malee, Wiirtuun Oppereeshinii Waraanaa waan mudate kanarratti ibsa bal'aa hin dhiyeessine. Miidiyaan Ameerikaa CNN garuu xiyyaarri kun akka halelametti gabaase.
Bara 2026 keessa dura ya'aan US Joint Chiefs of Staff, Jenraal Daan Keeyin, gaafa Ebala 3 A-10 Thunderbolt tokko diinaan rukkutamtee kan kufee kan caccabedee ture, garuu paayiletiin ooleera.
Xiyyaara boba'aa KC-135tiif guutu
Dabalataan, xiyyaarri taankarii KC-134 daangaa qilleensaa Iraaq keessatti caccabee paayiletoonni ja'a akka dhumaniif sababa ta'eera.
Xiyyaaronni biroo shan ammoo haleellaa misaa'elaa buufata waraanaa Prince Sultan kan Sa'ud Arabiyaa keessa jirurratti raawwatameen barbadaa'aniiru.
Kana malees, gabaasni kun xiyyaarri basaastu US E-3 Sentry ergama addaaf bobbaate Sa'ud Arabiyaa keessatti haleelamteetti.
Booda suurri bahe akka agarsiisutti hafteen xiyyaara kanaa bakka lamatti caccabdee mul'atti.
Xiyyaara E 3 Sentry
Gabaasni kun akka ibsutti, Bitootessa 28 misaa'eliin fi dirooniin Iraan Buufata Humna Qilleensaa Prince Sultan irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaniiru. Haleellaa kanaanis xiyyaarri E-3 Sentry akka manca'e gabaafameera.
Gaafa Bitootessa 7, xiyyaaronni kunneen bakka nageenyi isaanii eegamaa hin taane dhaabbatanii mul'atu ture.
Yeroo sanatti, suuraawwan bakka sanaa argaman akka agarsiisutti xiyyaarri US Air Force caccabaniiru.
Gareen BBC dhimma akkasii qulqulleeffatuu akka mirkaneeffatetti viidiyoon waraabame mooraa Prince Sultan keesatti ture. Bakki kun ammoo magaalaa guddoo Sa'ud Arabiyaa Riyaadirraa kiiloomeetira 100 fagaatee argama.
Gamoowwan suuraafi viidiyoo keessatti mul'atan kanneen akka wiirtuu daataa fi man-kuusaawwan jiran suuraawwan saatelaayitiirraa argaman waliin wal fakkaatu.
Jeettii waraanaa komaandoo MC 130J
Gaafa Ebla 5, xiyyaaronni Komaandoo US MC-130J lama oppereeshinii baraaruu gargaara turan rukkutamanii kufuu gabaasni kun agarsiiseera. Kun ammoo jeettiin waraanaa F-15E Strike Eagle Iraan keessatti erga caccabeen boodadha.
Gabaasni kun akka jedhetti, xiyyaarota keessaa tokko ka'uu kan dadhabde yoo ta'u, peeyiletoonni garuu baraaramaniiru.
Iraan xiyyaara F-15E Eagle biraa rukkuttee akka kuffiiste gabaasni kun kan mul'ise yoo ta'u, paayiletiin maqaan isaa hin eeramne tokko keessa waan tureef oppereeshiniin baraaruu guddaa akka taasifamuuf sababa ta'eera jedha gabaasichi.
Gabaasaaleen miidiyaa Iraan irraa dhaga'aman yeroo oppereeshiniin paayiletoota baraaruuf gaggeeffametti humnoota US fi Iraan gidduutti walitti bu'insi tureera.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp taatee kana "oppereeshinii baraaruu baayyee guddaa" xiyyaarota baayyee hirmaachise jechuun ibse.