Sodaan waraana Iraan jiraatullee Musliimonni miliyoona 1.5 ol ta'an Hajjiif Sa'ud Arabiyaa jiru

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Baha Giddugaleessaa sababa waraana Iraaniin rakkoo hamaa keessa jiraatus, hordoftoonni amantaa Islaamaa guutummaa addunyaarraa imala Haajii waggaa waggaan gaggeeffamuuf Sa'ud Arabiyaa galaniiru.

Namoonni Sa'udii ala ta'an miliyoona 1.51 bakka gara garaa irraa akka dhufaniiru aanga'oonni biyyattii torban darbe beeksisaniiru.

Lakkoofsi kun kan bara darbee waliin yeroo ilaalamu 11,000 dabaleera. Musliimonni imala amantaaf Sa'udii kan gahan wayita waraanni Ameerikaa, Israa'el fi Iraan ji'oota sadii lakkoofsise irra deebiin jalqabuu danda'a sodaan jedhu naannicha keessatti dabalaa jiruttidha.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a darbe keessa hojiirra ooluu osoo hin jalqabiin dura, Iraan misaa'elootaa fi dirooniiwwan baayyee gara Sa'ud Arabiyaa fi biyyoota Galoo Galaanaa birootti dhukaasteetti.

Teehraan haleellaawwan kanneen kan raawwatteef deebii haleellaa qilleensarraa Ameerikaa fi Israa'el irratti raawwataniifidha.

Iraan ji'a Bitootessaa keessa haleellaa buufata humna qilleensaa Piriins Sulxaanitti dhiyootti raawwatteen loltoota Ameerikaa dabalatee namoonni nagaa lama ajjeefamaniiru.

Ministeerri Ittisaa Sa'udi Arabiyaa torban darbe viidiyoo fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti gadhiiseen, magaalaa qulqulluu Makkaa irraa bahee bakka jiru meeshaaleen ittisa qilleensaa qubsiifamuu agarsiiseera.

"Humnoonni ittisa qilleensaa samii bakkeewwan qulqulluu eeguun, akkasumas yaaddoowwan qilleensarraa dhufan qolachuun nageenyaa fi boqonnaa sammuu keessummootaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaan irra jira," jedha.

Imaltoota keessaa kan ta'ee fi umuriin isaa 50oota keessa kan jiru lammiin Masirii Mohaammad Chahaad Ameerikaa fi Iraan waliigalteerra gahuu danda'u abdii jedhu qaba.

"Waraanni Iraan keessa jiru guutummaa addunyaarratti dhiibbaa uumeera. Namni kamiyyu biyyoota, akkasumas ummattoota biroorratti waraanni akka gaggeeffamu ykn miidhaan akka irra gahu hin barbaadu," jechuun burqaa oduu AFP'tti dubbate.

Imaltoonni kaan gamasaaniitiin waraana ji'ootaaf itti fufeen waan ta'uu malurratti ifatti waan beekan dhanbuurraan, balaliin addaan cituu, akkasumas gatiin imalaa qaala'uun booda Sa'ud Arabiyaa galuu danda'uu isaaniitiif gammachuu qabu.

Lammiin Morookoo umuriin isaa waggaa 68 ta'e Jeerish Mohaammad gama isaatiin, "Guutummaa jireenya koo keessatti yeroo umuriin koo waggaa 40 ykn 50 keessa jiru imala kana gochuuf barbaadaan ture. Bara kana abjuun koo dhugoome," jedha.

Haajiin utubaawwan Islaamaa shan keessaa tokko yoo ta'u, kan taasifamus akka Islmaatti kalaandarii Addeessaa irratti hundaa'uun ji'a 12ffaa irrattidha.

Tokkoo tokkoon Musliima ga'eessa ta'ee humna maallaqaa qabuu fi fayyaa qaamaa qabu hunduu jireenyasaa keessatti yoo xiqqaate takkaa gocha raawwachuu qabudha.

Imaltoonni Haajii bara kanaa imala guyyaa jalqabaan gara masjiida Makkaa jirutti yeroo qajeelan, akkasumas Kahaabaa si'a torba naanna'uun sirna amantaa yeroo raawwatanitti ho'i biyyattii digirii sentii-giredii 45 irra jiru dandamachuuf dirqamaniiru.

Itti aansuun ammoo magaalaarraa kiiloomeetira 5 fagaattee kan argamtu Miinaa kan deeman yoo ta'u, halkan sana dunkaana keessatti dabarsu.

Bakki itti aanu deeman gara Gaara Arafaat Nabiyyuu Mohaammad itti barnoota isaa isa dhumaa itti kenneedha. Gaara kanarratti kadhannaan/solaati guyyaa tokkoof taasifamu akka goolaba sirna Haajiitti fudhatama.