Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imimmaaniifi kabaja - Peep Gaardiyoolaan yeroo gaggeeffame maal jedhe?
Peep Gaardiyoolaan Maanchister Siitiif waan qabu hunda kenne. Jireenya isaa, gaa'ila isaa haga dhabutti kan geessise hojii Maanchister Siitii keessatti jalqabe haga galmaan gahutti hin bahu jechuuni.
Etihaaditti kan dhufe waggaa 10 dura ture. Ergasii Maanchister Siitiin akka Awurooppaatti kileba cimaa fi sodaatamu tahe. Waggaa 10 waancaa 20 mo'achuun jaalalaa fi ulfinaan nagaa dhaammatte.
Kaleessa tapha xumuraa Etihaad irratti Astoon Viilaa waliin yeroo taphatan xiyyeeffannoon nama hundaa tapha mo'achuu miti. Yeroo dhumaaf leenjisaa Maan Siitii gaggeessuu malee.
Peep imimmaan isa hudhaa nagaa dhaammate. Taphattoonni isa waliin kilebicha keessatti seenaa hojjetan kan akka Bernaardo Silvaa, Joon Istoonsi fa'aas kaleesuma isa waliin nagaa dhaammatan.
Peep Gaardiyoolaan tapha xumuraa isaa Etihaad irratti taphachuun carraa gaarii ture. Lakkoofsi deeggartoota Istaadiyeemicha galanii rikardii cabseera.
Gaardiyoolaan Silvaa akka malee jaallata. Waa'ee isaa dubbachuuf yeroo jedhu imimmaan isa hudha. Silvaa kaleessa taphattoota Astoon Viilaa dabalatee kabajaan gaggeessan.
Lakkoofsa 20 uffachuun kan taphataa ture Silvaan Gaardiyoolaa wlaiin waancaa 20 mo'atanii deeman.
Akka taphattoota kaanii galchii hedduu hin lakkoofsifne. Garuu lafee dugdaa maanchister Siitii yoo tahu akkaataa Gaardiyoolaan barbaaduun taphattoonni kaan akka taphatan kan hedduu gargaaru tokko Silvaadha.
Suuraan Silvaa fi Peep Gaardiyoolaa bifa bareedaan kaafame kilebicha keessattiw arra seenaa hojjete akka Yaayaa Turee, Keevin De Biruunii fi Aguweeroo fa'aa cinatti fannifama.
Shurraabii isaa adiin fuula isaarraa imimmaan haqataa dubbachuuf yaalaa kan ture Peep miira isaa ibsachuuf jechoota dhabaa ture.
''Boqonnaan kun yeroo hundumaa jiraata'' jechuun deeggartota kubba miilaaf dhaame. Peep akak Maanchister Siitii turee leenjise Baarseloonaas tahe Baayern Muunik keessa hin turre.
''Silvaan taphni osoo hin jalqabiin dura miira keessa galee ture. Yoo boo'uu barbaaddes boo'i. Yoo kolfuu barbaaddes kolfi. Miirakee ibsachuu qabda. Ani hin boo'u garuu yoo namni biraa osoo boo'uu arge nan boo'a'' jedhe.
Gaardiyoolaan yeroo isa dhumaaf leenjisuuf Etihaad galu arguuf jecha deeggartoonni Maan Siitii alatti hiriiruun isa eegaa turan.
Taphattoonni Maan Siitii taphni osoo hin jalqabiin dura dirree seenuun barreefama:
''Waggoota 10 Peep wlaiin- Tapha kan jijjiire, seenaa kan hojjete, bara baraan Siitii'' jechuun isa galateeffachaa turan.
Waggoota 10 keessatti taphoota 593 kan leenjise Peep taphoota 416 mo'atee, 86 qixa bahuun taphoota 91 qofa mo'ame.
Waancaa Piriimer Liigii jaha, Shaampiyoonsi Liigii tokko, FA Kaappii sadii, Karabayoo Kaappii shan mo'ateera.
Maanchister Siitiin isa dura seenaa akkasii takkaayyuu galmeessee hin beeku. Maanchister Yuunaayitid Siir Aleeksi Fergusan jalatti, Liiverpuul Boob paasilii jalatti kan bara 1970 fi 1980 keessa galmeessan malee kilebni UK seenaa milkaa'aa akkasii qbau muraasa.
Leenjisaan Astoon Viilaa Unaay Emiree, ''leenjisaa adda tahe'' jechuun mucaa biyya isaa jajeera.
Etihaad keessaa gara kaabaatti jiru 'Pep Guardiola Stand' jedhamee moggaafame.
''Amma miira keessa galeera. Maaliif akkas na jaallattu? Maaliif kana na gootu? Jaalala akkasii argee hin beeku, waggaa 10'f leenjisaa keessan tahuukotti kabaja guddaatu natti dhagahama. Abbaan koo umuriin isaa waggaa 95 tahe har'a as jira.
Wow! Isatti hin beekamu tahuu mala. Garuu bara baraan maqaankoo fi kan maatiikoo asitti barreefamee jiraata.
Kun kabaja guddaadha'' jedhe.
''Taphattoonni hin beekan malee yeroo hundaa achi [bakka maqaa isaan moggaafame] taa'een isaan to'adha. Taphattoonni hundinuu seenaa kana itti fufsiisuuf itti gaafatamummaa qabu.,'' jedhe.
'Deeggartoonni Maan Siitii Maareshkaaf obsuu qabu'
Peep Bernaardoo Silvaa si'a 460 hiriirsee taphachiise. Erga leenjisummaa jalqabee haga kana taphataan taphachiise hin jiru.
Peep gaardiyoolaan taphoota hunda %70 ol mo'ateera. leenjisaan haga kana mo'ate Ingiliz keessa hin jiru.
Waancaawwan hedduu mo'achuudhaan Sir Aleeksi Fergusan qofa isa caala. Kanumayyuu Fergusan waggaa 26 keessatti yoo tahu Gaardiyoolaan waancaa tokkoon qofa kan caaalame waggaa 14 keessattidha.
Kana booda itti gaafatamummaa guddaan Eenzoo Maareshkaa irra jira. Maareshkaan Peep irraa hedduu barateera. gargaaraa isaa tahee kana dura Maan Siitii keessa waan hojjeteef waan isa eeggatu beeka.
Peep ammoo deeggartoonni obsuu akka qabani fi Maareshkaaf yeroo gahaa kennuu akka qaban dhaame.
Itti dabaluun isan ani hojjedhe koppii gochuu [ garagalchuu] osoo hin taane tooftaa taphaa mataa isaan hojjechuu akka qabus himeera.
Arteettaan barana Arsenaaliin shaampiyoonaa kan taasie waggaa afur Gaardiyoolaaf gargaaraa tahee hojjeteera.
Arteettaan waggaa afur waliin turre keessatti waan heduu isarraan baradhe. Eenyummaakoo har'aa kana kan hojjete Peep Gaardiyoolaadha jedhe.
Xiinxaltoonni ammoo leenjisaan kamiyyuu kallattiin Peep bakka bu'uu hin danda'u jedhu. Akkuma Sir Aleeksi Fergusan yeroo bahu Deevid Mooyes Man Yuunaayitiditti isa bakka bu'uun rakkate Eenzoo Maareshkaan waan akkasii keessa gala jedhe.