Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US Iraanirratti haleellaa haaraa gaggeessuu beeksifte

Waraanni US kibba Iraanitti wiirtuwwan misaa'elaafi bidiruuwwan waraanaa saffisaan deeman irratti haleellaa haaraa gaggeessuu beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraanitti guyyoota 90 intarneetiin deebi'ee akka banamu Pirezidaantiin biyyattii ajajan

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan erga waraanni Iraan eegalee intarneetiin biyyattiitti guutummaan deebi'ee akka banamu ajaja dabarsuu isaanii Rooyitars gabaase.

    US fi Israa'el wal-ta'uun guyyaa Iraanirratti waraana labsanii kaasee Iraan guutummaatti intarneetii cufte.

    Erga waraanichi eegalee guyyoota 90 boodadha Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan intarneetiin deebi'ee akka banamuuf ajaja kan dabarsan.

    Lammiileen Iraan akkamiifi yoom intarneetiin akka banamuuf ifaa miti.

    Dhaabbanni addunyaarratti intarneetiin banamuufi cufamuu hordofu NetBlocks akka gabaasetti, lammiileen Iraan hedduun intarneetiin erga jalaa citee guyyoota 87 ta'eera.

    Akka gabaasa kanaatti lammiilee Iraan muraasa qofatu intarneetii gatii qaaliin argachuun danda'amu kan akka VPN fa'aa fayyadama.

  2. Godaantonni Itoophiyaa 200 Jibuutiidhaa deebifaman

    Godaantonni Itoophiyaa 200 ta'an Jibuutiidhaa gara Itoophiyaa akka deebifaman taasifamuu Embasiin Itoophiyaa Jibuutiitti argamu beeksise.

    Embaasichi akka himetti, Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) waliin ta'uuni baaburaan gara Itoophiyaa kan deebise.

    Godaantota al-idilee jedhee ibse kana biyyatti deebisuu akka itti fufullee beeksiseera.

    Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gara biyyoota giddugala bahaa deemuu barbaadan Jibuutii keessa qaxxaamuru.

    Haa ta'u malee, beela, dheebuufi dhibee garagaraaf akkasumas dallaalota waliin dhahan harkatti lubbuun isaaniillee darba.

  3. Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni magaalaa guddoo Yukireen gadhiisanii akka bahan Raashiyaan akeekkachiiste

    Raashiyaan haleellaa guddaa karoorsen jira jechuun lammiileen biyya alaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv gadhiisanii akka bahan akeekkachiiste.

    Mooskoon kana kan beeksiste haleellaa guddaa magaalattii irratti erga gaggeessitee booda yoo ta'u, haleellicha itti fufuuf karoora qabaachuu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa akka beeksisetti, haleellaan haaraan karoorfame wiirtuuwwan omisha diroonii, ajaja waraanaa irratti kan xiyyeeffatu ta'uu ibsuun, namoonni naannoo waajjiraalee bulciinsa mootummaafi waajjiraalee waraanaa akkasumas wiirtuwwan waraanan wal-qabatan irraa akka fagaatan akeekkachiise.

    Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni "hatattamaan" magaalaa Kiiv gadhiisanii akka bahaniifi lammiileen Yukireen ammoo gamoowwan bulchiinsafi kan waraanaa irraa akka fagaatan beeksiste.

    Yukireen ammoo sodaachisi Raashiyaa mancaatii gaggeessun "sodaa uumuu" irra kan darbe waan addaa hin qabu jechuun michoonnishee Mooskoo irratti akka dhiibbaa godhaniif waamicha dhiyeessote.

    Yukireen daangaa Raashiyaan to'atte keessatti haleellaa cimaa gaggeessuun namoonni heddu du'uu hordofee Raashiyaan haaloo bahuuf akkuma dhaadatte, Sambata darbe haleellaa guddaa maaglota Yukireen irraatti gaggeessuun mancaatii guddaa qaqqabsiistetti.

    Haleellaa kanaan misaa'ela ammayyaa dhiyeenya ifa gootefi saffisa sagalee dachaa hedduun imalu Oreshinik jedhamus akka fayydamtetu himama.

  4. Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe

    Gabaasni haaraa Kongiresiin US baase waraana Iraan irratti waraanni US hangam akka miidhame mul'ise. Gabaasni kun waliigalatti xiyyaaronni US 42 yeroo waraana kanaa Iraaniin haleelamanii barbadaa'uus agarsiiseera.

    Gabaasni kun Tajaajila Qo'annoo Kongireeshinaalii US [US Congressional Research Service] kan qophaa'e yoo ta'u, odeeffannoo Ministeera Ittisaa US, Ajaja Giddugaleessaarraa, akkasumas miidyaaleerraa argamanirratti hundaa'uunidha.

    Gabaasni kun marsariitii Kongiresii US irratti maxxanfameera.

    Qajeelchi qo'annoo rakkoo kutaa karoora waraanaa mudatee ture ilaalchisee odeeffannoo kenneeraaf.

    Gabaasni kun meeshaaleen manca'an jeettiiwwan waraanaa, dirooniiwwan, helekooptara hidhannoo qaban, akkasumas xiyyaara oppereeshinii addaaf bobba'an hammata.

    Gabaasni kun aanga'aa Ministeera Ittisaa US, Juules W. Harsit jedhamu waabeffachuun Ameerikaan baasii xiyyaarota miidhaman suphuufi bakka buusuu dabalatee waraana kanarratti dolaara biliyoona 29 ol baasuu ishee agarsiiseera.

  5. Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeesse

    US kibba Iraanitti haleellaa haaraa gaggeessuu beeksifte. Haleellaa kanaanis buufataalee misaa'elaa, fi bidiruuwwan waraanaa fanjii kaa'uuf yaalaa turan irratti xiyyeeffachuus ibsite.

    Ajaji Giddugaleessaa US ibsa baaseen "haleellaa of ittisuu" jechuun yaaddoo humnoonni Iraan waraana US irratti uume maqsuuf haleellaa fudhatame ta'uus beeksise.

    Dubbii himaan Ajaja Giddugalaa US Kaapteen Tiim Haawkiins waraanni US "yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti loltoota keenya ittisuuf jecha tarkaanfii of-ittisuu ni fudhata" jedhan.

    Iraan haleellaa US kana ilaalchisee homaa hin jenne. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baqayi haleellaa kana dura ibsa kennaniin, marii US fi Iraan gidduutti gaggeeffamuun jijjiiramni hammi tokko jiraatus garuu waliigalteerra gahuun "waan battalatti ta'u miti" jedhan.

    Haleellaa haaraan US Iraanirratti gaggeessite kun marii gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaan inni fidu ifa miti.

    Haleellaa kana booda ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo Iraan waliin waliigalteerra gahuun akka danda'amu ibsuun, ammayyuu biyyoota lamaan gidduu ergaa wal-jijjiiruun akkuma itti fufetti akka jiru ibsan.

  6. Feraariin konkolaataa elektirikii jalqabaa isaa ifa godhe

    Warshaan konkolaataa qaalii oomishuun kan beekamu Feraariin yeroo jalqabaaf konkolaataa elektirikii hojjete ifa godhe.

    Dhaabbati xaaliyaanii konkolaataa ispoortii oomishuun beekamu kuni gatii konkolaataa kanaa $640,000 jedheera.

    Maqaan ishee 'Luce' jedhamti. Hiikni isaas Afaan Xaaliyaaniin 'ifa' jechuudha.

    Dizaayiniin ishees kan Feraariin itti beekamurraa adda - teessuma shan qabdi.

    Namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti yaada isaanii kennan jajanii, kaan busheessanii waa'ee konkolotaattii barreessan.

    Konkolaataa kana oomishuuf waggaa shan itti fudhatuu dhaabbatichi ibseera.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu ibsite. Iraan haleellaa kanaaf deebii kennuu maltii?

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenya. Karaa marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo nu hordofaa.

    Dhiyaadhaa!