Waliigaltee Ameerikaa fi Iraan hordofee gatiin boba'aa hir'achaa jira
Gatiin boba'aa haalaan hir'ataa jira. Gatiin gabaa istookii Eeshiyaa waliigalteen nagaa mallattaa'a abdii jedhuun haalaan dabalaa jira.
Tiraamp irra caalaan qabxiilee mariif dhiyaatanii irratti waliigalleerra jedhan.
Garuu gareen US bakka bu'e ariitiidhaan waliigalticha fudhachuu akka hin qabne hime.
Gatiin boba'aa Wiixata ganama Eeshiyaa keessaa baarmeela tokkotti 5.5% hir'ateera. Ameerikaa keessatti ammoo 5.8% hir'ate. Baarmeelli tokko gara doolaara 90tti gadi bu'eera.
Tiraamp akka jedhanitti Hulaan Hormuuz waliigalticha yoo xumuran ni banama.