Biyyoota Afrikaa 10 bara 2026 keessa idaa olaanan irra jiru

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Liqiin ol'aanaan Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi liqeessitoota alaa biroo irraa fudhatamu diinagdee biyyoota Afrikaa irratti dhiibbaa yeroo dheeraa uumuu danda'a.

Keessumaa, mootummoonni bajata biyyoota isaanii utubuuf ykn investimentiiwwan murteessoo ta'an deeggaruuf liqii humnaa olii irratti kan hirkatan yoo ta'e, miidhaan isaa guddaadha jedha gabaasni Business Insider Africa.

Liqiiwwan IMF irraa argaman yeroo baay'ee biyyoonni gaaga'ama diinagdee keessa jiran keessaa akka ba'an gargaaruuf kan oolu yoo ta'eyyuu, ba'aan liqii yeroo dheeraa abdii guddinaa danquu, jijjiirama maallaqaa (currency flexibility) daangessuu fi carraa gaaga'ama alaatiin dhalatu kanneen akka gatiin boba'aa dabaluu, qaalayiinsa diinagdee addunyaa ykn galiin shaqaxoota alatti ergamanirraa argamu kufuu fa'i hordofsiisuu danda'a.

Akka gabaasa Rooytarsitti taateewwan dhiheenya kana Mozaambiik akkasumas Angoolaa keessatti mul'atan sodaa waan kanaa ifatti argarsiisu.

Mozaambiik haalli maallaqa ishee gar-malee wal xaxaa ykn gad-bu'aa deemaa jiraachuu isaa waliin walqabatee, dhiheenya humni ishee liqii kaffaluu danda'uu danqaa guddaa keessa ishee galcheera.

Gabaasaaleen akka agarsiisanitti, xiinxaltoonni idil-addunyaa fi dhaabbaleen madaallii diinagdee (rating agencies) sadarkaan liqii Mozaambiik to'annoon ala bahaa akka jiru akeekkachiisaniiru; kunis biyyattiin dhumarratti liqii alaa ishee isa guddaa irra deebitee daldaltoota waliin mari'achuuf akka dirqamtu yaaddoo uumee jira.

Haalli akkasii ofitti amanamummaa invastarootaa xiqqeessuu, carraa gabaa kaappitaala idil-addunyaa argachuu daangessuu, fi baasii liqii mootummootaa fi daldalaaf dabaluu danda'a.

Biyyi takka dhugummatti maallaqaa fi diinagdeedhaan tasgabbooftuu miti jedhamee yoo hubatame, abbootiin qabeenyaa balaa mudatu damdamachuuf jedhanii yeroo baay'ee dhala ol'aanaa gaafatu.

Kunis baasii liqii gara fuulduraa dabaluudhaan, diinagdee biyyaa maraammartoo keessa galcha; kun immoo mootummootni dameewwan oomishtummaa (manufacturing), tajaajila fayyaa, misooma bu'uuraa, ykn barnootaa guddisuu mannaa liqii duraan jiru kaffaluuf qofa akka liqeeffatan isaan godha.

Akka gabaasa Rooytarsitti, haalli Angoolaa mudate dhiibbaan liqii biyyoota qabeenya uumamaa akka boba'aan badhaadhanillee yeroo dheeraaf turuu akka danda'u dha.

Biyyattiin ji'oota dhihoo boba'aarraa baay'ee kan buufatte taatus, liqiin ishee gara fuulduraatti sadarkaa balaafamaarra gahuu akka danda'u akeekkachiisni kennameefii jira.

Taateen Angoolaa mudate, diinagdeen dhiibbaa liqii hamaa jalatti kufe tokko, wayita maddi galii isaa jijjiiramellee tasgabbaawuuf yeroo dheeraa akka itti fudhatu hima.

Kana malees, liqii ol'aanaan ofirraa baasuun dandeettii mootummaan dhimmoota diinagdee ijoo ta'aniif deebii hatattamaa kennuuf qabu akka harki hanqatu argisiisa.

Biyyoonni Afrikaa bara 2026 idaa IMF olaanaa ofirraa qaban dolaara Ameerikaatiin kan asii gadii kana fakkaata :

1. Masrii 7,245,182,524

2. Kooti Divuwaar 3, 603,438 ,776

3. Keeniyaa 2, 873,418, 234

4. Gaanaa 2,728,468,500

5. Angoolaa 2,437,716,676

6. DRC 2,196,550,004

7. Itoophiyaa 1,764,502,000

8. Taanzaaniyaa 1,335,730,000

9. Zaambiyaa 1,271,660,00

10. Kaameruun 1,152,990,000

Biyyoota Afrikaa 10 kan liqii gad aanaa ofirraa qaban (hanga Ebla 2026)

1. Naamibiyaa 0

2. Leesotoo

3. Komoroos

4. Jibuutii Djibout

5. Saa'o Toomee fi Pirisippee

6. Ikuwaatooriyaal Giinii

7. Giinii Bisaawoo

8. Keeo Veerd

9. Buruundii

10. Siishelsi