Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanamoo araara? Wantota afur mootummaafi TPLF gidduutti uumamuu malan
Haala mootummaa federaalaafi Naannoo Tigraay gidduu jiru yoo ibsan ''waraanni eegaleera'' jedhu hayyuun heeraa siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan Dr Adam Kaase.
Akka isaan jedhanitti wanti adda hin baane ''dhukaasni yoom eegala'' kan jedhudha.
Waliigalteen Piritooriyaa waraana lammiilee hedduu galaafate dhaabsise yeroo kamuu caalaa balaa keessa waan seene fakkaata.
TPLF waliigaltichi ''diigameera'' jechuun ejjennoo isaa ibseera. Kanaafis, mootummaa federaalaa himate.
Mootummaan Ministira Muummee Abiy Ahimad dhimma kanarratti hanga yoonaa ifatti yaada kenne hin qabu.
TPLF mana maree filannoo waggaa jaha dura taasifameefi waraanaaf akka ka'umsaatti ilaalamuun hundaa'es hojiitti deebiseera.
Manni maree kunimmoo Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el pirezidantii akka ta'an filateera.
Tarkaanfiin kuni aangoo Bulchiinsa Yeroo waliigaltee Piritooriyaan hundaa'e buteera.
Ministira Muummee Abiy Ahimadiin aangoon isaanii waggaa tokkoof akka dheeratu kan taasifaman Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/Janaraal Taaddasaan ifatti aangoorraa bu'uun isaanii ibsamuu baatu, aangoon isaanii waan jalaa fudhatame fakkaata.
Bu'uurri seeraa Bulchiinsa Yeroo akka dhumate kan dubbatu TPLF, sababa kanaan ''hiituun [mootummaa federaalaa waliin qabu] citeera'' ejjennoo jedhu qaba.
Haalli Naannoo Tigraay 'itti aanee maal ta'a?' kan jedhu ifatti hin beekamne.
Haalichi haala amma jiruun itti fufamoo mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhata?
Aangoo kan dhuunfate TPLF gara tarkaanfii waraanaa seenaa? Moo qaamoleen lamaan waliigaltee wayiirra gahu?
Tilmaamota afur wantoota mudachuu malan irratti ogeeyyii dubbifneerra.
''Muddamni itti fufa''
Durumaa waliigalteen Piritooriyaa qormaata keessa turuus sochiin TPLF immoo balaa hamaa keessa galcheera. Ta'us, gama mootummaa federaalaa wanti jedhame hin jiru.
Dr Dabratsiyoon ALI Ebla 30, 2018 kaabinee isaanii yeroo duraaf yeroo walitti qabanitti aangoon bulchiinsa yeroo ''humnaan qabamaa'' akka jiru kan dubbatan L/ Janaraal Taaddasaan, eegasii sagaleen isaanii hin dhagahamne.
TPLF fi kaabineen Dr Dabratsiyoon hundeessan murtee mootummaa naannoo murteessaa hooggansa itti fufeera.
Haayyuu heeraafi siyaasaa kan ta'an Dr Adam Kaasee akka dubbatanitti, yeroo ammaa Naannoo Tigraay keessa ''nagaas waraanas kan hin taane'' jira jedhu.
Kunis, hariiroo mootummaa federaalaafi bulchiinsa naannichaa wal xaxaa godha jechuun himu.
Bulchiinsi Yeroo mootummaan federaalaa ''hundeesseera, beekamtii nan kennaaf'' jedhu yoo diigame ''haala kamiin naannoo Tigraay waliin akka wal quunnamu hin beekamu'' jedhu.
Durumaa ''boba'aafi shaqaxoonni bu'uuraa sadarkaa murtaa'aan'' qofa naannicha seenaa turan si'achi naannicha seenuun gaaffii keessa akka seenu himu.
Dhimmi deeggarsa bajataa federaalaas dhimma biraa gaaffii kaasuu akka ta'e dubbatu.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay baatii Ebla keessa deeggarsi bajataa federaalaa hangamin akka ciccite xalayaa ibsu Ministeera Maallaqaaf ibsee ture.
Akka xalayichi himutti, Onkololeessa eegalee birriin biiliyoona 17.1 naannicha gahuu qabu keessaa kan gahe birrii biliyoona 8.5 qofadha.
BBC'n deeggarsa bajataa naannichatti ergamu gaafachuuf Ministeera Maallaqaa irraa odeeffachuuf yaaliin irra deddeebiin taasise hin milkoofne.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad garuu baatii Onkololeessa darbe parlaamaatti dhihaatanii ibsa yeroo kennanitti ''bajatni mootummaan federaalaa naannoo Tigraayiif ramadu misoomaaf osoo hin taane hidhataaf [hidhannoof] oolaa jira,'' jechuun himatanii turan.
Xalayaan Bulchiinsi Yeroo Tigraay Ebla keessa bahe bajata naannicha gahuu qabu keessa 50% ergamuu ibseera.
Yeroo ammaa mootummaan federaalaa kaabinee Dr Dabratsiyoonif beekamtii hin kennu. Garuu, bajata ni ergaaf dhimmi jedhu gaaffii ka'aa jirudha.
Yunivarsitii Kalgaarii Kanaadaa argamutti kan barsiisaniifi siyaasa kan xiinxalan Dr Getaachaw Asaffaa mootummaan federaalaa ''bajata dhowwachuun akka ta'an haa taa'an jedhee yeroo muraasaaf isaan dhiisuu danda'a'' jechuun tilmaama isaanii kaa'u.
Akka xiinxala isaaniitti taanaan garuu callisi mootummaa federaalaa kuni hanga xumuraa kan itti fufu osoo hin taane hanga haalli guutamutti ''yeroo kan eegudha.''
Dr Getaachaw callisa amma mul'atuuf dhimmoota sababa ta'uu malan keessaa filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa torbaffaafi mootummaan isa hordofee hundaa'u akka jiran himu.
Yeroon dhufu ganna ta'uun isaa akkasumas walitti bu'iinsi giddugala bahaa keessa jiru mootummaan federaalaa tarkaanfii deebii kennuu tursuu isaaf yaada keessa galchuu mala jedhu.
Dr Adamis yaada walfakkaataa qabu. ''Wanti amma jiru nagaas waraanas kan hin taane itti fufuun isaa tarii yeroo xiqqoof malee waan itti fufudha jedhee hin yaadu'' jedhu.
Bulchiinsi mootummaan federaalaa beekamtii hin kennineef aangoorra waan hin jirreef ''bajataafi meeshaalee ijoo kaanirratti to'annoo qabu akka cimsu'' kan dubbatan Dr Adam, kunimmoo TPLF hanqina kana guutuuf ''guutummaan guututti biyyoota alaa waliin hariiroo'' akka uumu gochuu akka danda'u hubachiisu.
''Kunimmoo, mootummaa federaalaa dheekkamsa biraa keessa [akkasumas] tarkaanfii biraa keessa galchuu danda'a'' jechuun dhimmi kunis sababa walitti bu'iinsaa ta'uu akka danda'u eeru.
Mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhata
Dr Adamis ta'e Dr Getaachoon mootummaan federaalaa akka waraana duraanii walitti bu'iinsa bal'aa keessatti carraan seenuu isaa dhiphaa ta'u dubbatu.
Walitti bu'iinsi wayii garuu ka'un isaa akka hin hafne ta'u tilmaamu.
Dr Adam ''mootummaan federaalaa yoo fayyadamuu barbaade irree baay'ee qaba'' yaada jedhu qabu. ''Osoo waraana hin seeniin dhiibbaa uumuu yoo barbaade, keessumaa bajata ilaalchisuun dhiibbaa cimaa'' gochuu akka danda'u amanu.
Waraanni kan eegalu yoo ta'e walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraafi Oromiyaa jiranirraan kan ka'e ''dhiibbaa jala kan bu'e'' mootummaan federaalaa, ''loltuu bakkee garagaraatii walitti qabaa dirree waraanaa galchuu'' akka qabu dubbatu.
Haala kana keessatti naannoo akka Benishaangul Gumuz keessatti dabalatee ''walitti bu'iinsa amma jiran qofa osoo hin taane walitti bu'iinsonni haaraa carraan mudachuu isaanii olaanaadha,'' jedhu.
Amajjii gara dhumaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Kibba Gondarii keessaa yeroo bahetti hidhattoonni Faannoo naannicha keessa sosso'an magaalota kanneen akka Dabra Taabor keessatti haleellaa guddaa uumanii turan.
Naannoo Oromiyaafi naannolee Kibba Itoophiyaa keessatti sochii Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofee hidhattoonni haleellaa raawwachuun isaanii gabaafameera.
Dr Adam sababni akka lammaffaatti eeran waraanni yoo eegale ''seenessa Itoophiyaan guddachaa jirti jedhu ni diiga,'' kan jedhudha.
''Lammaffaa [waraanni eegaluu] 'Itoophiyaan haaromaa jirti, guddachaa jirti, jijjiiramaa jirti' seenessa jedhu kan adda kutudha.
''[Kanaaf] mootummaan federaalaa waraanicha ni barbaada jedhee hin yaadu,'' jedhu.
''Tarii gama TPLF fi Ertiraa, gama TPLF fi Sudaan wanti qindaa'e yoo uumame tarii waan sana ofirraa maqsuuf gara waraanaa seenuu danda'a'' jechuun mootummaan federaalaa tarkaanfii ofirraa deebii kennuu yeroo fudhatu carraan walitti bu'iinsi uumamuu danda'u akka jiru akeeku.
Dr Adam mootummaan federaalaa gara waraanaa seenuuf fedhii akka hin qabne amananis haalli kuni ''carraa ulaa galaanaa deebisuu uuma'' xiinxala jedhu qabaachuu akka malu dubbatu.
Mootummaan Ministira Muummee Abiy Ahimad ALI Bara 2016 eegalee dhimma Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka qabu ibsu dubbataa jira.
Miidiyaaleen mootummaas Asab qaama Itoophiyaa akka turte seenesse ibsu leellisaa jira.
Mootummaan ulaa galaanaa argachuu kan barbaadu karaa nagaafi karaa daldalaa [kennanii fudhachuun] ta'u irra deddeebiin ibsuus, Ertiraan immoo maqaa ulaa galaanaan Itoophiyaan na waraanuufi jechuun himatti.
Ministirri Muummee Abiy ''dhiibbaan gaafa dhufe dhiibbaa ofirraa deebisuu qofa osoo hin taane filmaata ilaalu'' akka qaban kan himan Dr Adam, ''dhimmi kuni yoo dhufe inumaa 'carraa jiru fayyadamnee ulaa galaanaa arganna' ilaalcha jedhu jiraachuu danda'a,'' jedhaniiru.
Dr Getaachoon gama isaaniin mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa ni fudhata ilaalcha jedhutti akka caalsisan dubbatu.
Erga Waliigaltee Piritooriyaatii gaafa Manni Maree Tigraay hojiitti deebi'e yeroo jalqabaaf samii magaalaa Maqalee irratti yeroo jalqabaaf jeettiiwwan waraanaa mul'achuu isaanii akka fakkeenyaatti kaasu.
Waraanni bal'aa carraan mudachuu isaa dhiphaa akka ta'e kan dubbatan Dr Getaachoon, ''tarkaanfiin ajajoota siyaasaafi waraanaa filaman irratti qiyyaafate fudhatamuu danda'a,'' jedhaniiru.
''Hidhataa Naannoo Affaar keessa jira jedhamu fayyadamuu, isaan deeggarus ta'uu danda'a,'' jechuun ilaalcha isaanii qoodaniiru.
Humni ajajoota waraanaa Humnoota Tigraay keessaa bahaniin kan hundaa'e gareen ''Humna Nagaa Tigraay'' jedhamu Naannoo Affaariifi bakkeewwan kibba Tigraayitti akka sosso'u dubbatama.
Gareen kuni humnoota Tigraay waliin walitti bu'iinsa yeroo taasisees qaba.
Miseensonni garee hidhattoota kanaa ''Manni Maree Nagaafi Jijjiiramaa'' Tigraay sochiin jedhamu ALI Caamsaa 09, 2018 Finfinneetti hundaa'u hirmaatanii akka turan ibsameera.
Ministira Muummee Abiy Ahimadiin dhimmoota Baha Afrikaarratti kan gorsan Obbo Getaachoo Radaa dabalatee humnoonni siyaasaa Tigraay garagaraa keessatti hirmaataniiru.
Kaayyoon isaas ''humna fonqolcha mootummaan Tigraay to'ate dhabamsiisuu'' akka ta'e ibseera.
Dr Getaachoon mootummaan federaalaa walitti bu'iinsan ala dhimmoota akka bajataa fa'i kan adda kutu yoo ta'e dhiibbaan isaa ''tarkaanfii waraanaarraa gadi akka hin taane'' ibsaniiru.
"TPLF tarkaanfii ni fudhata"
Dr. Getaachoon TPLF "tarkaanfii waraanaa" ni fudhata jedhee hin amanu jedha. TPLF tarkaanfii kana kan hin fudhanneef ammoo "waan hin barbaadneef osoo hin taane tarii piraagimaatikii ta'uurraa kan ka'edha" jedha xiinxalaan kun.
Xiinxalaan kun sababiin tokko aanga'oonni TPLF gara tarkaanfii waraanaatti hin galleef hariiroo "mootummaa Ertiraa waliin qaban" akka ta'e ibsa.
Gama TPLF irraan tarkaanfiin kan fudhatamu taanaan humnoonni Tigraay bulchiinsa yeroo ammaa naannoo Amaaraa jalatti bulaa jiru gara Tigraay lixaatti qajeeluu akka danda'an kan dubbatu xiinxalaan kun, dhimmi kun ammoo hariiroo "mootummaa Ertiraa waliin qaban" waliin qaban akka wal xaxaa taasiu eera.
TPLF raawwatamuu dhabuu Waliigaltee Piritooriyaa waliin walqabsiisuun dhimmoota cimsee kaasu keessaa bakkeewwan wal falmisiisoo ta'aniifi namoota bakka sanarraa buqqa'an osoo hin deebi'iin jiraniidha.
Amajji darbe humnoota federaalaa fi Tigraay gidduutti walitti bu'iinsi kan ka'eef humnoonni Tigraay gara Tsallamtitti sochii taasisuu isaaniin akka ta'e Leetenaant Jeneraal Taaddeseen dubbatee ture.
Leetenaant Jeneraal Taaddeseen akka ibsetti, humnoonni Tigraay gara naannoo Tsallamtii keessa akka socho'an kan taasifamaniif dhimmoonni namoota buqa'anii "irra deebiin ajandaa ta'ee akka ka'u" gochuudhaaf ture.
Dr. Getaachoon garuu aanga'oota TPLF waliin hariiroo akka qabu kan ibsamu "mootummaan Asmaraa, Tigraay Lixaa gonkumaa deebiyee Sudaan waliin walitti ba'uu kan jedhu senaariyoo barbaadu miti," jedha.
Aanga'oonni TPLF "Shaabiyaan waan barbaade haa jedhu malee nuti kana ni raawwanna jedhanii waan deeman natti hin fakkaatu" jechuun ilaalcha isaa ibsa.
Mootummaa Federaalaa waliin "rakkoon keessa galan ni jira, rakkoo isaanii ilaalanii kan baasan natti fakkaata" jechuun sababa biraa dhiyeessa.
Hayyuun heera mootummaafi siyaasaa Dr. Adam akka itti ilaalu kanarraan addadha. Aanga'oonni TPLF "waraanatti akka galaniif Sudaan fi Masiriirraa tarii ammoo gama Ertiraatiin dhiibbaan irratti taasifamuu danda'a," jedha.
Aanga'oonni TPLF biyyoota kanneen waliin hariiroo akka qaban ifatti dubbachuu hin barbaadan. Haata'u malee, humnoonni TPLF fi mootummaan Ertiraa karaa gurmaa'ina "Tsimdoo" jedhamuun qindaa'uu miidiyaaleen qaamoleen lamaanitti dhiyaatan ni ibsu.
Dhiyeenya kana ammoo namoonni gareewwan mootummaa Itoophiyaa morman biyya alaa jiran akka bakka isaan buusan himame maqaa "Tsimdo" jedhu kanaan Sudaan keessatti sagantaan gaggeeffameera. Namoonni Sudaan fi Ertiraa irraa akka ta'an ibsame Poort Sudaan keessatti qophii turerratti haasaa taasisaniiru.
Raayyaan ittisaa Itoophiyaa gamasaatiin qindoomina kana "lafarratti hojiitti hiikna jedhee taakkuu tokko sochii" qaamoleen socho'anirratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiiseera.
Dr. Adam akka dubbatutti, dhimmi bulchiinsawwan falmisiisoo ta'an gufuu itti ta'uu danda'anillee, aanga'oonni TPLF humnoota Faannoo waliin carraan ittiin "qindoomina uumuu" uummachuu danda'an cufaa miti.
TPLF tarkaanfii naannicha to'achuu kan fudhateef "hanga turaa deemne dadhabbiin keenya bal'ataa deema, haalli jiru jijjiiramuu qabu," ejjennoo jedhuun akka ta'e ibsa Dr. Adam.
"Dhiibbaan dhukaasuu TPLF irra jira. Sababiin isaa ammoo baajataan, boba'aan, dhimma lafaan bakka hundatti, dhimma haqaan [karaa nagaa] 'nan fida' waan jedhu jiraachuu danda'a.
Haala kamiiniyyu mootummaan federaalaa waan barbaade fedhiin kan raawwatuuf natti hin fakkaatu" jedha.
"Mariin ni gaggeeffama, waliigalteerra ni gahama"
Xiinxaltoonni lachuu 'waliigalteerra ga'amuu danda'a' kan jedhu guutummaan guutuutti tilmaamaan ala gochuu baatanis, carraan ta'uu isaa dhiphaadha gamaggama jedhu qabu.
Mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay akka waliigaltee Piritooriyaa waraana dhaabeetti marii siyaasaa akka taasisan eegama ture. Amma irra deebiin mariif kan taa;an yoo ta'e TPLF, "diigameera" kan jedhe Waliigaltee Piritooriyaa irratti hundaa;uun gaggeeffamuu danda'aa? Kan jedhu gaafii jedhu kaasa.
Ofumaan mariif taa'u moo kan araarsuti jira? Kan jedhus gaaffii biraatu jira. Warra Waliigaltee Piritooriyaa mariisisaa turan keessaa tokko kan ta'e pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Aliiseegun Obasaanjoo Gamtaan Afikaa, "Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbii fiduudhaaf carraaqqii taasisu akka deeggaru" gaafa Caamsaa 6 muudameera.
Dr. Getaachon garuu dhimmi marii kann ka'u yo ta'e "Ameerikaatu walitti fida jedheen amana" jedha. Kana waliin walqabsiisuun dhiyeenya kana ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos daawwannaa Ameerikaatti taasise eereera.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Caamsaa 3 yeroo Dr. Geediyoon waliin wal argetti, "gahee murteessaa Itoophiyaan Baha Afrikaatti walitti bu'iinsawwan furuu fi tasgabbeessuuf qaabdurratti" waliin dubbachuu isaa ministeerri dhimma alaa US beeksiseera.
Hariiroowwan Ameerikaa waliin taasifaman "ilaalcha keessa kan galche tasgabbii naannichaati" jedha Dr. Getaachoon.
Gama Ameerikaatiin dhufaa kan jiru "ergaa tokko qofaa miti, baayyee ta'ee kan kan wal keessa fuudhamedha" kan jedhu Dr. Adam, jaarsummaa Ameerikaarraa abdii baayyee hin qabu.
"Waliigaltee yoo jedhame yoo xiqqaate TPLF [akka paartiitti] galmeessuu fi karaa federaalaatiin baajata gadhiisuun jiraachuu qaba. TPLF ammoo keessumaa walitti dhufeenya Ertiraa fi qaamoleen biro waliin taasisu jijjiiruun irra jiraata" jedha Dr. Adam.
Amma "wal amantaa dhabuun"aan isaanii gidduu jiru garuu kan gochuuf carraan dandeessisu " xiqqaa" ta'ee kaasa.
Dr. Getaachoon gama isaatiin, amma aangoo Tigraay kan to'ate TPLF "waan barbaadu" waan goodheef, "mootummaan IToophiyaa akka isa fudhatuu fi isaaf mirkaneessu" barbaada amantaa jedhu qaba.
"Mootummaan federaalaa gara mariitti gala yoo ta'e ammoo [fedhii TPLF] akka jirutti ni fudhata jedhee hin yaadu" jedha.
Akka ibsa Dr. Getaachootti, dhimmi mariin gaggeeffamuu kan murtaa'u "warri akka Ameerikaa Tigraay ilaalchisuun hanga maaliitti deemu?" kan jedhurratti hundaa'a.