Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan fi US xumuramuuf jedha, maaltu itti aana?
Iraan fi US quba walitti qabuun wal gufachiisuuf yaaluu malee marii nagaa milkeessuuf gumaachaa hin jiran.
Iraan akka mariif hin teenye kan gufuu itti ta'e uggura imala galaanarraa US gaggeessaa jirtu ta'uu himatti.
Paakistaan akka waraanni US dooniiwwan buufata Iraan seenanii ba'an akka hin uggurre tattaaffii gochuu eegalteetti.
Kana hordofee Iraan marii Islaamaabaad irratti hirmaachuuf fedhii agarsiisuu qondaalli olaanaan biyyattii Wiixata ganama (har'a) Rooyitarsitti himaniiru.
US fi Iraan osoo marii hiika qabu hin gaggeessin waliigalteen dhukaasa dhaabuu torbee lamaaf labsamee ture xumuramuu ga;eera.
Qondaalli Iraan biyyisaanii marii Islaamaabaad irratti hirmaachuuf murteerra ga'uu hin ibsine. Iraan ammayyuu gochi uggura doonii Ameerikaadhaan raawwatamaa jiru gufuu marii kanaati jetti.
Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii ''US jalqabarraa waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuun'' adeemsi dippiloomaasii akka gufatuuf sababa ijoo ta'uu ibsan.
Abbaas Araagchii gita isaanii kan Paakistaan Ishaq Dar waliin wayita bilbilaan dubbatan haalota jiran hundayyuu xiyyeeffannaan madaalaa jiraachuu fi ammallee waa'ee marii kanaa irratti murtoo dhumaarra akka hin geenye ibsan.
Duratti qondaalli Iraan bakka bu'uun mari'atan Mohammad Baqe Qalibaf, Pirezidantii US Doonaald Tiraampiin himachuun, ''Iraan marii iftoomina hin qabnee fi balaa qabu hin fudhattu,'' jechuun X gubbaatti mxaansanii turan.
Qondaalli Iraan kun Tiraamp dooniiwwan ugguruu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuun Iraan irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu balaaleffatan.
Waraana guyyoota afurtamaaf walitti aansuun gaggeeffamaa turee fi lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amanii galaafate booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga'ame torban kana keessa xumurama.
Waliigalteen kun daran kan qorame xumuramuu jala wayita ga'uudha. Kunis erga US doonii Iraan iddoo isheen uggura keesse keessa darbuuf jedhu to'atteeti.
Iraan erga dooniinshee to'atamee booda haaloo ba'uu murteessite.
Tiraamp marii Islaamaabaadiin waliigalteerra akka ga'amu fedhii qabaachuu ibsaa gama kaaniin ammoo uggura dooniiwwanii akka itti fufa dhaadata.
Iraan kun dhimma waliin hin deemne ''yaada wal-dhiitu'' jechuun fudhatama dhabsiiste.
Gatiin boba'aa akka hin daballee fi daldalli addunyaa akka hin goolamneef waliigalteen murteessaa ta'e irra ga'amuu qaba jedha Tiraamp.
Iraan ammoo waan hunda caalaa Ulaa Hormuz kan daldala boba'aa addunyaaf akkaan murteessaa ta'e to'achuun dandataashee eegsifachuu feeti.
Waraanni akka itti fufne yoo barbaadame Ulaan Hormuz to'annooshee jalatti akka beekamu, qoqqobbiin akka irraa ka'uu fi dhimma sagantaa nukilaraa isheerratti dhiibbaan jiru akka salphatu barbaaddi Iraan.
Mariin kun akka abdii hin qabne kan taasisan keessaa dhimmi ijoon kan biraan Pirezidantii Itti Aanaan US JD Vaansi gara Islaamaabaad imaluu irratti odeeffannoo jiru.
Rooyitarsi maddeen isaa irraa akka qulqulleeffatetti JD Vaansi gara Islaamaabaad imaleera kan jedhu dhugaa miti.
Qondaalli US kun hanga Wiixata har'aatti Waashingitan jira akka gabaasa Rooyitarsitti.
Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu torbee lamaaf turu kan labse Ebla 7 turu, garuu guyyaa kam akka xumuramu ifatti hin keenye.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun tattaaffii Paakistaaniin kan irra ga'ame yoo ta'u kunis erga Tiraamp Iraan guutummaatti balleessuun ''qarooma ishee duubatti deebisuuf'' dhaadateeti.
Maddeen Paakistaan kan Rooyitarsi argate akka mul'isanitti waliigalteen kun Roobii borii halkan Kamisatti bari'u (halkan keessaa sa'aatii 9:30 irratti) xumurama.
Tiraamp erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamee marii taa'amerraa Ameerikaan kan duraa caalaa buufachuu miidiyaa hawaasummaa isaarratti barreesseera.
Keessattuu dhimma nukilaraa irratti kana bara 2015 (bara bulchiinsa Obaamaa) ture caalaa waliigaltee gaariin uumamuu ibse.
Yeroo hafte keessatti waliigalteen dhumaa irra ga'an maal akka ta'e ifa ta'uu baatus, Tiraamp garuu bu'aa gaariin hatattamaan ni argama jedha.
''Haala kamiinuu dhiibbaa jala hin jiru. Garuu inuma ta'a. Birqabaan bu'aan akkaan saffisaa ta'e ni argama,'' jechuun Truth Social irratti maxxanse.
US osoo dhukaasa dhaabuun yeroonsaa hin obba'in marii Paakistaanitti deebi'uu akka feetu ibsaa turte.
Haata'u malee Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan ''dubbiin ijaaraa hin taanee fi yaadi waldhiitaan'' Ameerikaan dhiheessitu gufuu marii kanaa ta'uu dubbatan.
Ameerikaan ammallee Iraaniin harka kennachiisu feeti jedhan.
''Iraanonni humnaan dantaasaanii dabarsanii hin kennan, akkasiin harka hin kennan,'' jechuun X irratti barreessan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun wayita labsamu ulaagaawwan kaa'aman keessaa tokko Iraan akka Ulaa Hormuz bantu, kaan ammoo Ameerikaan akka Iraan haleeluu dhaabdu.
Hataa'u malee Iraan Ulaa Hormuz bantus Ameerikaan ammoo dooniiwwan ishee ugguruu eegalte.
Sababa kanatti Iraan deebistee ulaa kana cufteetti. Dhukaasi dhaabbatus biyyoonni lameen haala kanaan waraana dippiloomaasii itti fufaniiru.
Biyyoonni lameen waraana dippiloomaasii kan dhiphisanii mari'atanii waliigalumoo hammeessanii waraana duraatti deebi'u kan jedhu gaaffii ijoo ta'eera.