Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara Boeing 787 jaha biroo ajaje
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota ammayyaa Boeing 787 jedhaman jaha biroo ajajuu mirkaneesse.
Xiyyaaronni kuni imala qilleensaa dhaabbatichi gara biyyoota Afrikaa, US, Awurooppaafi Eeshiyaatti taasisuuf isa gargaara jedhameera.
Waliigalteen kunis Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi dhaabbata Booying gidduutti Ameerikaatti taasifameera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa kana dura xiyyaarota ammayyaa 787 20 ta'an bituuf ajajeera jedha gabaasni Rooyitars.
Dhaabbatichi xiyyaarota 787 26 ta'an bara 2028 eegalee akka fudhatu ibseera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa bakkeewwan akka gara Awustiraaliyaatti balali'uuf jedhee hanqinni xiyyaaraa isa mudateera.
Isa furuuf akka kuni gumaatu Hojii Gaggeessaan Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw dubbachuun isaanii gabaafameera.
Sagantaa dhiheenya Waashingitanitti qophaa'e irratti Ministirri Faayinaansii Itoophiyaa Obbo Ahimad Shidee, US'tti ambaasaaddarri Itoophiyaa Binnaalf Andu'aalam fa'illee hirmaataniiru.
Kanaan ala miseensonni bulchiinsa Pirezidant Tiraamp argamaniiru.
Itoophiyaan buufata xiyyaaraa guddaa Afrikaarraa kan jalqabaati jedhame dhiheenya magaalaa Finfinnee, Bishooftuutti ijaarsisuu eegalteetti.
Ijaarsa buufata xiyyaara kanaaf dolaara biliyoona 12.5'tu barbaachisa.. Ijaarsi isaas bara 2030 ni xumurama jedhamee eegama.
Ijaarsa buufata xiyyaaraa kanaaf Daandiin Qilleensa Itoophiyaa qaamolee garagaraa irraa deeggarsa gaafataa jira.
''Buufatni xiyyaaraa haaraa imaltoota miiliyoona 60 simachuu danda'a'' jedhan Obbo Masfin ijaarsi akkasumas keessi isaa haalaan ammayyaa akka ta'e ibsuun.
''Buufanni xiyyaaraa kuni Dubaay Afrikaa yookiin Istaanbul Afrikaa akka ta'u barbaanna,'' jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Guddinni buufata xiyyaara haaraa ijaaramaa jiru buufata xiyyaaraa Boolee, Finfinnee jiru dachaa afurin caala jedhameera.
Lakkoofsi imaltootaa yeroo yerootti waan dabalaa dhufeef ga'umsi buufata xiyyaaraa amma jiru waggaa lama sadii dhufanitti humna isaa guutuu gaha jedhaniiru Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa kana dura.
Baankiin Misooma Afrikaa ijaarsa buufata kanaaf kan oolu dolaara miiliyoona 500 Daandii Qilleensa Itoophiyaaf akka liqeessu ibseera.
Sochii dolaara biiliyoona 8.7 walitti qabus akka dursu ibseera.
Dhaabbileen US garagaraallee ijaarsa buufata xiyyaaraa kana keessatti qooda fudhachuuf akka fedhii qaban ibsameera.
''Dhaabbilee faayinaansii US irraa deebii argataa jirruun gammachuu qabna,'' jeedhan Obbo Masfin Xaasaw.
Buufanni xayyaraa kun daldala alaa, tuurizimiifi investimantii akka saffisiisuuf akka itti abdatame Hoji Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasawu sagantaa jalqabsiisa ijaarsaarratti himaniiru.
Ijaarsa buufata xiyyaaraa kanaaf maallaqi doolaara Ameerikaa biliyoona 12.5 ta'u kan barbaachisu yoo ta'u, kana keessaa dhibbeentaa 30 daandiin qilleensichaa kan uwwisu ta'a.
"Dhibbeentaan 70 hafemmoo liqaadhaan kan uwwifamu ta'a" jedhan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasaw.
Ijaarsi marsaa jalqabaas ALI walakkeessa bara 2022'tti akka xummuramu eegama.
Giddugala balallii biyyattii kan ta'e Buufatni Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee waggaatti imaltoota miliyoona 25 keessummeessu kan danda'u yemmuu ta'u, lakkoofsi imaltootaas bara 2020tti humna buufata xayyaarichaatii ol akka ta'u eegama.
Buufanni Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee hojiilee babal'insaa dabalataa irratti ijaaruuf iddoo akka hin qabne kan himan Masfin Xaasaw, "buufata xayyaaraa haaraafi guddaa magaalaa Finfinneen alatti ijaaruun dirqama ta'eera" jedhan.
Kanaafis buufanni xayyaaraa haaraan kun lafa hektaara 3809 irratti kan ijaaramu akka ta'e himaniiru.