Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoon Roobeetti 'booksiifi dhiitichoo' daboo irraa hafan amma maalirra jiru?
Taateen jimaata darbe buufata konkolaataa magaala Roobee keessatti mudate dhalootni safuu irraa sigigaachuu kan akeekee fi namoota hedduu kan dheekkamsiise ture.
Maanguddoon ganna 60 Obbo Waaqoo Kadir Jimaata ganama imaltuu dhuunfaa isaaniif magaala Roobee irraa gara Agaarfaa deemuuf bariidhaan ture buufata konkolaataa maagaala Roobee kan seenan.
Yeroo gara buufata konkolaataa seenuuf deemaa jiranitti, mooraa buufatichaan alatti dargaggeessi tokko miira dheekkamsaatiin 'koottu' jedhee akka isaan waame yaadatu.
"Haalli waamicha isaa nagaadhaaf akka hin taane waan naaf galeef dafee dafee deemeen buufata konkolaataa keessa seene. Kanin dafee ol seenuu filadhes achi keessa namni baayyeen waan jiruuf, qaamni nageenyaas ni jiraata jedhee waanan yaadeefi" jechuun BBCtti himan.
Dargaggeessi kun isaanuma faana mooraa seenuun 'bilbilakoo hatte fidi' jechuun dubbii akka isaan jalqabes himu.
"Bilbila maaliiti ani kanan qaba jedheen bilbilakoo itti agarsiise. 'Isa dhoksite fidi' jechuun booksiidhaan akka isaan dhaanuu eegales dubbatan.
Ergasii dargaggoonni 'hattuudha' maqaa jedhuun viidiyoo isaan waraabaa mooraa buufata konkolaataa keessa iyyisiisaa yoo tuman mul'isa .
Reebicha kanaan duratti akka hattuu hin taane, afaanii fi ragaa of harkaa qaban itti agarsiisuuf yaalanilleen hiree dhagahamuu hin arganne.
'Hamma viidiyoo irratti mul'atee oli kanin reebame'
Obbo Waaqoon viidiyoo yoo isaan daboodhaan reebaman mul'isu irra deebi'anii ilaaluun 'xiinsammuu kiyya' miidha jedhanis reebichi isaanirra gahee fi wanni viidiyoodhaan mul'ate walqixa akka hin taane himu.
"Yoo xiqqaate daqiiqaa 10 hanga 15 kan ta'u kan na duuka deemanii booksiidhaan, kaalchoodhaan na reebaa turan.
Nan iyye, nan iyye, namni narraa qabuu hin dandeenye. Erga nareebanii quufanii qaamni nageenyaa dhufee hundi keessanuu waajjira poolisii deemtu' jedhanii kan narraa dhaaban" jedhu.
Haleellaa kanaan fuula isaaniira miidhaan gahuu fi morma isaaniirra reebicha gaheen midhaan liqimsuuf akka rakkatan, qubni isaanii tokkos akka cabe himu Obbo Waaqoon.
Cubbuu maaliitan qaba, anis akka mucaakoottin du'aa?
Obbo Waaqoon yeroo reebichi kuni isaanirra gahu akka malee iyyaa akka turan viidiyoo kanarraa mul'ata.
Turtii BBC waliin taasisan irratti akka dubbataniti, iyyi isaanii 'Anis akkuma mucaakoottan du'aa?' kan jedhu itti dhagahamaa turuu eeran.
"Mucaan kiyya Ramadaan Waaqoo jedhamu kan umriin 20 keessaa bara 2010 sababa lola daangaa Somaalee waliin ture irratti 'Humni Addaa Somaalee' uleedhaan reebanii ajjeesan. Reeffa isaatuu argadhee hin awwaalle."
"Madaan mucaa kiyyaatuu osoo nakeessaa hin bahin akka nama abaarsa qabuu anillee akka mucaa kiyyaattin ajjeefamaa kan jedhu sammuutti nadhufeen iyyaa ture" jedhan.
Obbo Waaqoon erga haleellaan kuni isaanirra gaheen booda tumsa hawaasaa fi qaamolee mootummaan deeggarsa argachaa turan.
*Hospitaalli Meelbaa jedhamu waan narra gahe kana dhagahuun yaalii guutuu saantima tokko osoo nan kaffalchiisin naaf kennanii jiru. Galata Waaqaa amma wayyaan qaba. Ijikoo, ilkaankoo hin badne" jedhan.
'Uummannikoo haa galatoomu'
Abbaa Ijoollee ja'aa kan ta'an Obbo Waaqoo Kadir, miidhaan isaanira qaqqabe kuni viidiyoodhaan waraabamuun wanti isaanirra gahe xiyyeeffannaa akka argatuuf akka isaan gargaare himu.
"Ani nama viidiyoo sana waraabe hin beeku. Anumatti taphachuuf waraaban jedheen yaadaa ture. Mucaa magaalli tokko moobaayila na fuuldura qabaa yoo nawaaraabu argaan ture" jedhu.
Dallansuu haleellaa isaanirra gahe hordofee miidiyaa hawaasummaa irratti deemaa ture shakkamtoonni miidhaa kana maanguddoo kanarraan gahan akka too'atamaniif gumaacheera.
Qajeelchi Poolisii Godina Baalee fi magaala Roobees shakkamtoota gocha safuu hawaasaa cabse kana raawwachuun shakkaman too'atee seeratti dhiheessuuf adeemsarra jiraachuu ibsanii ture.
Obbo Waaqoon gochi isaanira gahe safuu dhabuu dargaggoota muraasaa malee waan magaala Roobee fi uummata Oromoos ibsu miti jechuun ibsu.
"Gochaan kuni waan aadaa keenya ibsu miti, waan Itoophiyaas ibsu miti. Waan Oromoos ibsu miti. Namni waldhagahuu, dhugaadhaan deemuu qaba malee humnan qaba jedhanii nama miidhuun safuudha" jedhan.
Qaamni nageenyaaa dura dubbicha salphisanii ilaaludhaan laaffisanii ture. Erga uummanni viidiyoo kana ilaalee sagalee naaf dhageessisee xiyyeeffannaa guddaa itti kennuudhaan bakka isaan jiranii gurra qabanii hunda isaanii too'atani jedhu maanguddoon kuni.
"Hawaasni kiyya kan sagalee naaf ta'e, qaamni seeraa jara kana too'atee seeratti dhiheesse baayyee haa galatooman. Qaama yaadaanis, gochaanis deeggarsa naaf godhan nangalateeffadha" jedhan.
Obbo Waaqoo Kadir Eenyu?
Godina Baaleetti dhalatanii kan guddatan Obbo Waaqoo Kadir umrii isaanii keessaa waggoota 40 caaluuf nama ogummaa fayyaatiin hawaasa tajaajilaa turanidha.
"A.L.I Bara 1978 gargaaraa fayyaatin leenjifameen ummata Walloo beelaan buqqa'ee naannoo Wallaggaa qubatan ogummaa kiyyaan akkan tajaajiluuf Awuraajjaa Qeellamitti ramadamee aanaalee adda addaa keessa hojjedhe."
"Ergasii ammoo gara naannoo dhaloota kiyyaa Godina Baaleetti deebi'een Hospitaala Gobbaa hojjedheera. Guyyaa barachaa halkan hojjechaan barnoota kiyyas fooyyeffadhe" jedhan.
Ergasii ammoo Hospitaala Goobbaa erga hojjechaa turanii booda hanga ji'a darbe kana soorama bahanitti waajjira eegumsa fayyaa aanaa Raayituu keessa hojjechaa turan.
Tibbana umriin isaanii 60 erga guutee soorama isaanii mirkaneessifachuuf asiif achi osoo socho'aa jiranii haleellaan kuni buufata konkolaataa Roobee keessatti isaan mudate.
Ogeessa fayyaa waggoota 40 caalaniif ogummaa isaaniitiin hawaasa tajaajilaa turanii fi tibbana haleellaan irra gahe kanaaf qaamoleen mootummaa fi namootni dhuunfaa deeggarsa adda addaa gochaafii jiru.