Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Mariin nagaa hin milkaa'u taanaan Iraaniin nan haleela- Tiraamp

Mariin marsaa lammataa US fi Iraan gama lamaanirrayyuu homaa waan haaraa dhabuu hordofee Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan yoo waraanni itti fufes ''adda waraanaaf kaardiiwwan biroo qopheessaa'' akka jiran dubbate.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan maricha irratti hirmaachuushee hanga ammaa hin mirkaneesine- Paakistaan

    Iraan maricha irratti hirmaachuushee hanga ammaa karaa idilee hin mirkaneesine jedhan ministirri Paakistaan.

    Min. Dhimma Alaa Paakistaan Iraan irraa haga ammaa hirmaachuu isaanii ilaalchisee deebii hin arganne jedhe.

    Atullaa Taraar Paakistaan akak biyya jaarsummaa mijeessaa jiru tokkootti qondaalota Iraan waliin walitti fufinsaan dubbachaa jirra jedhan.

    Iraan maricha irratti akka hirmaattuu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu dura waliin dubbachuun gaariidha jedhe.

    ''Paakistaan qondaalota Iraan amansiisuuf dhamaatii guddaa taasisaa jirti. Iraan garuu haga ammaa hin deebisne.Tiraamp Iraan jila ishee erguu malee carraa biraa hin qabdu, kanaan ala ni haleellaa jedhe.

  2. 'Iraan jila ishee gara Islaamaabaad erguu malee filannoo biraa hin qabdu' - Tiraamp

    'Iraan jila ishee gara Islaamaabaad erguu malee filannoo biraa hin qabdu' jedhe Tiraamp.

    Gaaffii fi deebii CNBC, waliin tolcheen Tiraamp Ameerikaan waan jabaarratti waliigalti jedhe. Namoota gaggaarii faana mari'ataa hin jirru garuu ''baay'ee itti milkaawaa jirra'' jedhe.

    Yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuurratti jijjiiramni yoo jiraate gaafatamee, "Isa hin barbaadu'' jedhe.

    Tiraamp "Haleeluun eegaa jira jira, isatu ilaalcha sirrii dha''.

    Waliigalteerra gahuuf yeroo gahaa hin qabnu, Iraantu waliigaluu qaba. Yoo Ameerikaa faana waliigalan isaaniif ''hiree baay'ee gaarii dha''.

  3. Roodiriin miidhameera, Gaardiyoolaan qophii qaban dubbate

    Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan tapha boru Barnilee waliin qabaniif Roodiriin miidhamuu hime.

    Yoom akka deebi'u himuu baatanis tapha FA Kaappii Saawuzhampitan waliin qabaniif gahuu akka malu hime.

    Erga Arsenaaliin mo'atanii kana booda al takkaafiyyuu of dagachuu hin qabnu jedhe.

    Gareen lamaan Arsenaalii fi Maan Siitii tapha tokkoyyuu mo'amuu akka hin qabne beeku kan jedhe Gaardiyoolaan tokko mo'amnaan yeroon itti deebinee falmannu hin jiraatu jedhe.

    Ruuben Diyaaz ammayyuu miidhamarra jira. Bakka isaa Kusaanoov haala gaariin taphataa jira.

    Gaardiyoolaan taphoonni isa hafan cimaa tahuu himuun isaan keessaa Everteen akka malee akka itti cimu ibse.

    Xiin-sammuu fi qaamaan garee waa mo'achuuf dhiibbaa jala jiruuf taphni kun ulfaataadha jedhe. Yoo mo'aman waancaa dhabuu akka malan akeekuun.

    Akkuma Arsenaal irratti taphanne Barnilee irrattis gahumsa wal fakkaataa agarsiisuu qabna jedhe.

  4. Ameerikaa fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuun wal himachaa jiru.

    Pirezdandiin US Donaald Tiraamp Iraan ''irra deddeebiin'' waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbite jechuun himatan.

    Tiraamp fuula miidyaa hawaasaa ofii Social Truth gubbaatti yoo himatu, odeeffannoo bal'aa dhimmicha ilaalchisee homaa hin kennine.

    Iraanis gama isheetiin Ameerikaa waliigaltee cabsite jechuun himatte. Dilbata waraanni Iraan ''shiftooma galaanarraa US'' kan jedhuun irratti haaloo bahuuf dhaadatee ture. Dooniin waraanaa Ameerikaa doonii fe'iisaa alaabaa Iraan ofirraa qabdu Galoo galaana Omaan keessatti itti dhukaasee ture. Ameerikaan dooniin tun uggura Ameerikaan keesse darbiteet haleelamte jette.

    Muummeen waraanaa Iraan gochi Ameerikaa ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuudha'' jedhe.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu maal jedha?

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraanii fi US Ebla 08 seenan waliigaltee torban lamaafwaliigalamee fi boru xumurama.

    Tiraamp, waliigaltichi Iraan Ulaa Hormuz deebistee banuuf kan itti waliigalte jedhe. Teehraanis dooniiwwan ulaa kana keessa dabarsuuf tole jechuu himte. Imali dooniiwwan kanneenii waraana Iraaniin akka to'atamus himtee ture.

  5. Chaayinaan jaarsummummaa paakistaan taasisaa jirtu akka deeggartu himte

    Paakistaanitti Ambaasadara Chaayinaa kan tahan jaarsumummaa Paakistaan Iraanii fi Ameerikaa gidduutti taasisaa jirtu haalaan akka deeggaran himan.

    Min. Dhimma Alaa Paakistaan marii nagaa kana Chaayinaan haala gaariin deeggaraa jirti jedhan.

    Ambaasaddarri Chaayinaa Zaayidoong naannichaa fi akka addunyaatti nagaa buusuuf shoora Paakistaan bahaa jirtu dinqisiifataniiru.

  6. Humni waraanaa US doonii Iraan to'ate nagaan US geessisuu ibse

    Humni waraanaa US doonii waraanaa Iraan to'atan balaa tokko malee halkan edaa biyyattii dhaqqabsiisuu ibse.

    Hidhata Iraan gargaaraa jiru addaan kutuuf dooniiwwan gara Iraan imalanii fi Iraanii bahan akka hin darbine dhorkaa kan jirtu Ameerikaan doonii fe'insaa Iraan to'atte nagaan Indoo-Paasfik dhaqqabsiisuu himte.

    Dippaartimantiin Waraanaa US, ''to'annoo galaanarraa taasiseen doonii biyya hin qabne to'achuun nagaan qubachiiseera'' jedhe.

    Maqaan doonii kanaa M/T Tifaanii jedhamti. Dippaartimatichi suuraa fi viidiyoodhaan doonii Iraan to'ate kana qoodeera.

    Ammas galaanarra to'annoo taasisu cimsee akka itti fufu himuun ''qaamni bishaanii idil-addunyaa bakkatti dooniiwwan akka hin imalle dhorkaman itti kooluugalan miti'' jedhe.

    Ragaan bakka doonittiin geesse hordofu akka agarsiisutti erga ganama kana Garba Hindii keessatti humna waraanaa Ameerikaan butamtee amma Kibba Baha Siri Laankaatti KM 700 fagaattee argamti.

    Boba'aa feetee deemaa kan turte taankeriin kun dandeettii haga toonii 300,000 fe'uu qabdi.

    Doonittiin Biiroo To'annoo Qabeenya Alaa Ameerikaan qoqqobamtee jirti.

    Dooniin Tiifaanii jedhamtu kun Eebla 10 Naannoo Galoo galaanaa baatee naannoo Sirilaankaatti Buufata doonii Galee jedhamutti Ebla 18 dhaabbatte.

    Doonittiin kan imalaa turte gara Siingaapooritti ture jedhame. Garuu qabeenyummaan ishee kan kaampaanii Indiyaanaa yoo tahu, Iraaniif deeggarsa dedeebisuun warra himataman keessaati.

  7. Jaarsummaan Iraanii fi US gidduu kun booda Paakistaanitti balaas fiduu mala

    Paakistaan marii marsaa lammeessoo US fi Iraan keessummeessuuf qophaawaa jirti. Mariin kun ni jiraataa fi hin jiraatuu ammallee hin mirkanoofne. Humnoonni nageenyaa fi poostaroonni ''Marii Islaamaabaad'' daandii magaalaa guddoo biyyattiirra guutanii jiru.

    Ejjennoon biyyattiin qabdu US, Iraanii fi Biyyoota Galoo galaanaan akka amanamtu ishee godheera.

    Ameekaa faana hariiroo gaarii qabaachuun ishee waraana US fi Israa'el Iraan irratti banan akka hin balaaleffanne ishee hin goone.

    Wayita Iraan buufataale boba'aa Sa'ud Arabiyaa haleeltus, Sa'udii waliin waliigaltee tumsa waraanaa kan waliin qabdu, Paakistaan jechoota jajjaboodhaan Iraan qeeqxe.

    Yoo mariin kun fashale, Paakistaan ollaa ishee faana lolatti seenuu dandeessi. Paakistaan bara darbe Sa'udi Arabiyaa faana waliigaltee tumsa waraanaa mallatteessitee qabdi. Sa'udin immoo lolli kun dhaabbachuun dura dirooniiwwan Iraaniin haleelamaa turte. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu bor dhuma.

    Yaaddoon akka addunyaatti jiru guddaa dha. Paakistaaniif garuu karaa baay'een yaaddoo dha.

  8. Tiraamp nama "sobuufi waan godhu hin beeknedha" - Jeneraala Iraan

    Qondaalli waraanaa olaanaan Iraan Doonaald Tiraamp nama sobuufi dhukaasi akka dhaabatuuf wawwataa jiru ta'uu dubbachuusaanii miidiyaan Iraan Fars News Agency gabaase.

    Akka gabaasa kanaatti, qondaalli waraanaa Iraan Meejar Jeneraal Abdullaahii Eedonni warraaqsa Islaamaa Iraan waraana USfi Israa'el kiyyoo keessa galchu himuun biyyoonni lamaan dhukaasa dhaabuuf akka kadhatan gochuu ibsan.

    HUmno Egdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) USfi Israa'el "burjaajii keessa galchuun humna fixatanii waan godhan akka dhaban taasiseera," addumatti dhimma Ulaa Hormuuz irratti Iraan olaantummaa irratti argachuu himan.

    Doonaald Tiraamp ammoo "nama sobuufi waan godhu hin beekne" jechuun ibsuu isaanii miidiyaan Iraan kun gabaase.

  9. Iraan ''dirree waraanaaf kaardiiwwan haaraa qopheessaan jira' jette

    Yeroon dhukaasa dhaabuu US fi Iraan xumuramaa wayita jirutti Iraan dirree waraanaaf kaardiiwwan haaraa qopheessaan jira jette. Yaadni kun kan dhagaahame mariin marsaa lammataa gaggeeffamuuf gama lamaan irraayyuu wanti haaraan wayita hin jirrettidha.

    Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan yaada X gubbaa qoodeen Iraan torbanoota lamaan darban ''adda waraanaa gubbaatti kaardiiwwan haaraa qabattee dhiyaachuuf'' qophaa'aa turre jedhe. Dabaluun ''doorsisa'' jalatti marii nagaa godhamu ''hin fudhannu'' jedhe.

    Gama kaaniin Pirezidant Doonaald Tiraamp waliigalteerra gahuuf dhiibbaan itti cimeera jedhamuu busheesse. Itti aanaan isaa JD Vaans ammoo Kibxata kana mariif gara Islaamaabaad imala jedhameera.

    Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu torbanoota lamaaf waliigalamee ture dheereffamuuf hireen jiru xiqqaadha jedheera. Waliigalteen kun guyyaa boruu obba'a.

    Galoo Galaanaa keessatti US ulaa Iraan dooniiwwaniin cuftee jirti. Dilbata darbes doonii daldalaa Iraan qabatteetti. Qaamni lamaanuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun walkomatu.

  10. Ameerikaan lammii Iraan Sudaanitti meeshaa daddabarsite jette to'atte

    Aanga'oonni Ameerikaa dubartiin lammii Iraan taate maqaa biyyasheen gara Sudaanitti meeshaa waraanaa daddabarsiti jedheen to'achuu himan.

    Shamiim Maafii dubartii ganna 44 hayyama jireenyaa Ameerikaa(green card) kan qabdu yoo ta'u buufata xiyyaaraa Los Aanjalas keessatti Sambata darbe to'annoo jala ooluu Abbaan Alangaa ibseera.

    Dubartiin kun gurgurtaa dirooniiwwan, boombiifi fiiwuuzii boombiifi rasaasaasota hedduu biroo Iraaniin omishaman Sudaanitti akka gurguraman akka dallaalaatti hojjetaa turte'' jedhu Abbaan Alangaa US Biil Esaayiil.

    Gurgurtaan meeshaalee waraanaa kun Ministeera Ittisaa Sudaaniif akka ta'ellee ibsameera. Ragaan Mana Murtii akka agarsiisutti gurgurtaan kun hanga doolaara miliyoona 70 baasa.

    Dubartiin dhorkaa US Iraanirra keesse kan namni lammii US ta'e ykn US keessa jiraatu meeshaalee Iraanitti omishaman hayyama addaa malee akka hin gurgurre jedhu cabsiteetti jedhame.

    Dubartiin kun Mana murtiin balleessaan yoo irratti murame hanga waggaa 20 itti murtaahuu danda'a.

  11. Tiraamp hanga walii galteen Iraan waliin taasifamutti US uggura Hormuz hin kaaftu jedhan

    Ameerikaan uggura buufata doonii Iraan irratti goote hanga Teehraan waliin waliigalteerra hin geessu hin kaaftu jechuun preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan dubbate yoo ta’u, mariin haaraan waraana kana xumuruuf taasifamuufi dhiisuu isaarratti mirkanaa’uu dhabuun itti fufee jira.

    Cufamuun kun kan ta’e, dooniiwwan boba’aa dabalatee, Sambata darbe ulaa kana keessa ykn naannoo sana jiran Teehiraaniin irratti xiyyeeffatamuusaanii gabaasa ba’aa jiruun ture.

    Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) murtee isaa kanaaf uggura Ameerikaa itti fufee jiruuf komate, murteen kun kan dhufe ministirri dhimma alaa Iraan toora doonii addunyaa ijoo ta’e kana yeroodhaaf banamuusaa erga beeksisanii guyyaa tokko booda.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp akka jedhetti, Iraan daandii galaanaa gara ji’a lamaaf cuftee turteef Ameerikaa “maqaa balleessuu” hin dandeessu – kana gochuun Teehraan ammoo gatiin anniisaa addunyaa akka ol ka’u taasiseera.

    Humni galaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) ibsa Sambata darbe baaseen ''doonii kamiyyuu bakka buufata ishee Galoo Galaana Pershiyaa ykn Galaana Omaan irraa socho'uu hin qabu'' jechuun akeekkachiiseera.

  12. Cufamuu ulaa Hormuuzin biyyoonni caalatti miidhamoo ta'an kam fa'i?

    Hindiin boba'aa ulaa Hormuuz keessa darbu gara biyyashee galchuudhaan sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta'u, boba'aawwaan ulaa kana qaxxaamuran keessaa tilmaamaan gara dhibbeentaa 14 qabatti.

    Diinagdeen Hindii guddachaa dhufuu fi fayyadamni boba'aa ishee dabalaa dhufuu isaatiin daandii boba'aa Baha Giddugaleessaa irratti hirkattumaan ishee guddaadha.

    Addunyaa irratti boba'aa biyya alaa galchuudhaan biyyoota fuldura jiran keessaa tokko kan taate hindiin jikita boba'aa ulaa Hormuuz keessa darbu bittee calaluun gabaaf illee dhiyeessiti.

    Akka tilmaamatti jikita boba'aaHindii galchitu keessaa dhibbeentaan 40–60 karaa ulaa Hormuz darba , dhiyeessiin gaasii uumaama ishee kan gara dhibbeentaa 50 ol ta'u Hormuz irratti hirkatee jira.

    Cufamuu ulaa kanaa ykn tasgabbii dhabuun kun Chaayinatti aanee Indii kan miidhu yoo ta'u, erga waraanatii as maddoota dhiyeessii ishee gara Raashiyaa, Ameerikaa fi Veenzuweelaa faa godhachuu eegaluu ishee gabaasaleen ba'an kan mul'isan.

    Chaayinaa, Hindii fi bittoota naannoo biroo dabalatee walumaagalatti boba'aan karaa ulaa kanaa darbu keessa kan gara dhibbeentaa 86 ta'u gara Eeshiyaatti qajeelu.

    Biyyoonni Eeshiyaa biroo hedduun walitti ida'amanii dhiyeessii waliigalaa naannoo kana keessa darbu keessaa dhibbeentaa 41 kan qaban yoo ta'u, kunis fedhii anniisaa addunyaa keessatti qoodni naannichi qabu murteessaa ta'uu mul'isa.

    Rakkoon ulaa Hormuuz ammas cufamuu dhabuun balaawwan kana daran hameessaa jechuudha.

  13. YOOYYAA!

    Akkam jirtu bakka jirtanitti?

    Tamsaasa kallattii har'aa ittiin odeeffannoo isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Nu waliin taanaan odeeffannoo waan Iraan, US, Baha Giddugaleessaafi guutummaa addunyaatti ta'u ho'aatti argattu.

    Odeeffannoo biyya keessaas ni jira.

    Tiraamp hanga walii galteen Iraan waliin taasifamutti US uggura Hormuz hin kaaftu jedhan

    Odeeffannoo guutuu dhimmoota waraana Iraan, Baha Giddugaoleessatti deemaa jiru dabalatee wantota amma addunyaarratti ta'aa jiran argachuuf: Marsartii, Facebook,Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    Erga Ameerikaan doonii fe'insaa Iraan to'attee, Iraan, US waliin marii haaraa taa'uuf karoora hin qabu jette

    Kanneen jedhaniifi kaaniif

    DHIYAADHAA!