Abbaas Araagchii: Namni dippilomaasii Iraan harkaa qaban kun eenyudha?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dippilomaatii Iraan yeroo ammaa maqaansaanii miidiyaaleen addunyaa lafa hin keenyedha. Dhimma Iraan wal-tajjiiwwan idiladdunyaarratti argamuun ibsuun beekamu. Keessumaa waraana Iraan ilaalchisee miidiyaalee addunyaaf yaada kennuun beekamu.

Waxabajjii, 2025 yeroo Israa'elifi Iraan waraana guyyaa 12 fudhate gaggeessanii kaasee ammoo maqaansaanii akka malee beekame.

Maqaansaanii guutuun Saayid Abbaas Araagchii jedhama. Yeroo ammaa Ministiira Dhimma Alaa Iraan ta'uun tajaajiluun alatti marii dhimma nikularaafi araaraa irratti Iraan bakka bu'uun wal-tajjiiwwan garaa garaa irratti dhiyaachuun beekamu.

Yeroo ammaa qondaalota Iraan muraasa haleellaa US-Israal irraa hafan keessaa tokko Abbaas Araagchidha.

Abbaas Araagchii nama akkamiiti? Siyaasa Iraan keessatti akkamiin beekamtii argatan? Gaggeessaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatolaa Ali Kameenii dabalatee qondaalonni waraanaafi siyaasaa olaanoon biyyattii yeroo ajjeefaman, Abbaas Araagchii akkamiin ajjeechaa irraa hafan?

Waggoota 30 oliif siyaasa Iraan keessatti gulantaa garaa garaa irratti hojjataniiru. Irra jireessa hojii dippilomaasiifi hariiroo alaa Iraan irratti hojjatan. Dhaabbanni Doha Forum akka ibsetti Abbas Araagchii biyyoota garaa garaa keessatti ambaasaaddara Iraan ta'uun tajaajilaniiru.

Pirezidaant Maasuud Pezeeshkiyaan akkuma filannoo injifatanii aangotti dhufaniin kaabibnoota haaraa hundeessan keessaa tokko Ministiira Dhimma Alaa Abbaas Araagchidha.

Abbaas Araagchii gaheessa ganna 61 yoo ta'an, bulchiinsa Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan waajjira dhimma alaa haala gaariin akka hogganantu himama.

Dippilomaatiin Iraan kun aangotti dhufanii waggaa tokko booda biyyisaanii waraana hin eegne keessa seente. Waxabajjii 2025 Israa'el osoo Iraan hin eegin waraana irratti bantee gaggeessitoota waraanafi saayintistoota nikularaa heddu jalaa ajjeeste.

Iraanis misaa'elaafi dirooniin Israa'el haleeltee waraanichi guyyoota 12 booda dhaabbate. Abbaas Araagchii keessumaa yeroo waraanni guyyaa 12 Iraanifi Israa'el gidduutti gaggeeffame irraa kaasee maqaansaanii miidiyaalee idiladdunyaarratti heddu dhagahamaa dhufe.

Abbaas Araagchii dippilomaatii olaanaa Iraan ta'uun kan muudaman ministiirri dhimma alaa duraanii Amiir Abdollaahiyaan bara 2021 balaa helikoptaraan du'uu hordofeeti.

Iraan bakka bu'uun dhimma sagantaa gabbisa nikularaa biyyattiirrattis yeroo garaa garatti biyyoota lixaa waliin mariyataa turuusaanii miidiyaan Iraan Press TV gabaase.

Keessumaa bara Baaraak Obaamaan pirezidaantii ta'uun US gaggeessaa turanitti dhimma waliigaltee sagantaa gabbisa nikularaa Iraan The Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhamuun beekamu Iraan bakka bu'uun kanneen adda dureen mariyataa turan keessaa tokko Abbaas Araagchiti.

Waliigaltichi bara 2015 kan mallatteeffamee ture yoo ta'u, Iraan gabbisa yuraaniyeemii akka xiqqeessituufi to'annoof banaa gootu kan jedhuudha. Bakkasaa ammoo qoqqobbiin UNfi US fa'aa irra kaa'an akka irraa ka'uudha.

Haa ta'u garuu, Tiraamp yeroo bulchiinsa isaa jalqabaa keessa bara 2018tti US waliigalticha keessaa akka baatu taasisuun qoqqoobbiin akka Iraanirra kaa'amu godhe.

Tarkaanfii US hordofee Iraanis hanga yuraaniyeemii gabbistuu dabaluuf mirga akka qabdu beeksistee turte.

Abbaas Araagchii bara 2015 yeroo dhimma nikulara Iraan ilaachisee wal-tajjii garaa garaa irratti mariif dhiyaatan caalmatti beekamtuu argachuu eegalan.

Maatii daldaaltotaafi amantii leellisan keessaa kan dhalatan dippilomaatiin Iraan kun, kitaaba dhimma mariifi dippilomaasii illee barreessuusaanii miidiyaan Iraan Press TV gabaase.

Abbaas Araaghii kitaabsaanii 'The Power of Negotiation' jedhu keessatti maatii daldaaltota ta'an keessatti guddachuun dippilomaasiifi mariin akkamitti agga gaggeeffamuuf bu'uura akka kenneef illee ibsuusaanii gabaasi miidiyaa Iraan kun ni ibsa.

Waraana Iraanifi Iraaq giduutti bara 1980-1988tti waggoota saddeet guutuu gaggeeffamerratti akkamu daraggoota Iraan heddu godhan, Abbaas Araagchii illee hirmaachuusaanii ragaaleen ni agarsiisu.

Humna Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) keessatti hirmaachuunsaanii ammoo hirmaannaa siyaasa biyyattii keessatti amma qabaniif gumaata guddaa akka gummaachefitu himama.

Bara 1989, waraanni Iraanifi Iraaq gidduutti gaggeeffame dhumee waggaa tokko booda, ifatti Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan keessaa bahuun miniteera dhimma alaa biyyattii seenuun hojjachuu eegalan.

Baruumsi isaanis dippimomaasiifi hariiroo idiladdunyaatiin kallattiin kan wal-qabatuudha. Abbaas Araagchii digriisaanii jalqabaa saayinsii Hariiroo Idiladdunyaa yoo baratan, digrii lammaffaa ammoo Saayinsii Siyaasaan bara 1991 Islamic Azad University in Tehran irraa eebbifaman.

Digriisaanii sadaffaa ammoo UKtti kan argamu Yuunivarsiitii Kent irraa kan eebbifaman yoo ta'u, hariiroo idiladdunyaafi dippilomaasii irratti caalmatti hubannoo kan itti argataniidha.

Bara 1999 hanga 2002tti Fiinlaanditti ambsaaddara Iraan ta'uun tajaajilaniiru. Bara 2002 hanga 2004 dhimma nikulara Iraan irratti biyyoota akka UK, Faransaayifi Jarman fa'aa waliin mariyachuuf ministeera dhimma alaa keessatti kutaa hariiroo biyyoota lixaa hogganaa akka turan ragaaleen ni agarsiisu.

Abbaas Araagchii dippilomaasii Iraan keessatti beekamtiifi guddina agarsiisuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.

Hasan Ruhaanii bara 2013 pirezidaantii Iraan ta'uun yeroo filaman, Abbaas Araagchii ministiira dhimma alaa duraanii Iraan kan ta'an Jaavaad Zaariif jalatti ittaanaa ministiira dhimma alaa ta'uun muudaman.

Jaavaad Zaariif waliin Abbaas Argachii dhimma nikulara Iraan wal-tajjii garaa garaa irratti biyyoota lixaa waliin mariyataniiru.

Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan aangotti dhufuu hordofee Ministiira Dhimma Alaa Iraan ta'uun kan muudaman Abbaas Araagchii, hariiroo alaa Iraan irratti jijjiirama guddaa akka fidantu himama. Keessumaa hariiroo Iraan biyyoota akka Chaayinaa, Raashiyaa, Biraaziilifi Indooneeshiyaa fa'aa waliin qabdu fooyyessuufi cimsuurratti heddu hojjachuusaanii ragaaleen miidiyaaleen Iraan irraa argaman ni ibsu.

Abbaas Araagchii garuu yeroo qormaanni cimaan Iraan mudatetti waajjira dippilomaasii Iraan gaggeessuu eegalan.

Donaald Tiraamp irra deebiin pirezidaantii US ta'ee filamuun, Iraanitti qormaata cimaa fidee dhufe. Tiraamp akkuma aangoo qabateen wantoota inni irratti fuullafate keessaa tokko dhimma nikulara Iraan ture.

Iraan battalatti marii jalqabdee US waliin waliigalteerra akka geessu Tiraamp akeekkachiisuu hordofee, Abbaas Araagchii adda durummaan jila Iraan dursuun marsaa shaniif dippilomaatota US waliin wal-arganii mariyatan.

US waliin marii marsaa 6ffaa gaggeessuuf yeroo guyyoonni lama hafutti Israa'el Waxabajjii 12, 2025 haleellaa tasaa Iraanirratti banuun, mariin Abbaas Araagchii marsaa shaniif itti dadhaban "tasa ta'e".

Waraana guyyaa 12 Iraanifi Israa'el gidduutti gaggeeffamee ji'oota muraasa booda, dhimma nikulara Iraanirratti mariin irra deebiin akka eegaluufi biyyoonni akka Omaan fa'aa tattaaffii godhaniin, Abbaas Araagchii ammas jilasaanii dursuun biyyoota akka Omaanifi Siwizarlaand fa'aatti marmaaruun marii taasisaa turan.

Iraanifi US Jeneevitti wal-gahanii mariyatanis, waliigalteerra osoo hin gahin hafan. Biyyoota lamaan walitti fiddee mariisisaa kan turte Omaan mariin akka itti fufuuf osoo tattaaffii gochaa jirtuu Guraandhala 28, 2026 USfi Israa'el wal-ta'uun Iraanirratti haleellaa tasaa banan.

Gaggeessaa Olaanaa duraanii Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, dabalatee qondaalonni waraanafi siyaasaa olaanon haleellaa kanaan ajjeefamanis, Abbaas Araagchii ammayyuu ajandaa Iraan qabatanii miidiyaafi wal-tajjii idiladdunyaatti dhiyaachuun falmaa jiru.

Jaarsummaa Paakistaaniin waliigalteen dhukaasa dhaabuu torban lamaa taasifamee mariin magaalaa Islaamaaditti akka geggeeffamu godhamerratti jila Iraan hirmaatan keessaa tokko Abbaas Argaachidha.

Marii Paakistaanitti gaggeeffame adda durummaan kan dursan af-yaa'ii paarlaamaa Iraan kan ta'an Mohaammad Baghaar ta'anis, Abbaas Araagchii isaan waliin hirmaataniiru.

Qondaalota Iraan muraasa haleellaa US-Israa'el irraa hafan keessaa Abbaas Argaachiifi Mohaammad Baghar isaan ijoodha.

Israa'el Abbaas Araagchiifi Mohaammad Baghar ajjeessuuf bakka argama isaanii erga adda baafattee booda, US akka gidduu seentee hambistuuf Paakistaan gaafachuurraa kan ka'e, qondaalonni Iraan kun lamaan galmee namoota ajjeefamuuf barbaadamanii keessaa haqamuusaanii maddi oduu Rooyitars maddeen Paakistaan waabeffachuun gabaasee ture.

Sababni Abbaas Araagchiifi Mohaammad Baghar akka hin ajjeefamneef Paakistaan gidduu galteef, waraana US-Israa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffamu mariin furuuf qondaalonni Iraan lubbuun hafaniifi murteessoo ta'an isaan lamaan akka ta'eedha gabaasi Rooyitars kan ibsu.