Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana US-Iraan kanaan itti aanee maaltu ta'u mala? Taateewwan ijoo afur uumamuu malan
Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuutiif marii marsaa lammaffaaf qophaa'aa akka jirtutu himama. Jilli Biyya Paakistaan angaa'ota Iraan waliin mari'achuuf Teehiraan jiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu torbee lamaaf labsamee ture US fi Iraan marii sa'aatii 20 caalu fudhatee kan Paakistaan mijeessiteen waliigalteerra gahuu hafanis dhukaasa dhaabuun torbee lamaa akkasumatti jira.
Kunneen armaan gadii ta'iiwwan ijoo afur kan waraana Kanaan itti aananii mudachuu malanidha.
1. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa hin taane (toftaa aara galfannaa)
Eebla 8, bara 2026 Iraanii fi Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu torbee lamaa labsuu isaaniitiin Teehiraan keesatti uummanni hiriira bahuun gammachuu ibsatee ture.
Torbeewwaniif wal haleelaa kan turan gareen lamaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni balaa uumame kana dhaabuuf gareen lamaanuu fedhii qabaachuu waan akeeku fakkaatee ture. Ta'ulleen wantoota ifa hin taane hedduu hordofsiise.
Garaagarteen hiikaa jechootaa waliigaltee kanarra ture, daangaan lafaa ibsame, qiyyaafannaawwan waliigaltee Kana keessati hammataman, fi hiikaan jecha 'Qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana sarbe' jedhamee kenname araara fulla'aaf osoo hin taane toftaa aara galfiiti jedhu xinxaaltonni.
"Yeroo lolli kuni eegalu alaa yoo ilaalamu carraan waliigalteerra gahuu zeeroo fakkaata ture. " jedha hundeessaan garee tiinktank kan waashington buufatee jiruu Behnam Ben Taleblu.
Kana malees yaadonni walfaallessoon angaa'ota gama lamaanii irraa kennaman dubbichi walxaxaa akka ta'u godheera.
Gama tokkoon warri Rippaabliika Islaamaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabaa jira jedhanii wayita himatan, US fi Israa'eel garuu waliigaltee kana hojiirra oolchuuf kutannoo laafaa ta'e akka agarsiisantu himama.
Walshakkiin gama lamaniin jiru kunimmoo gareen lamaanuu wal'amantaan qaban akka gadi bu'uu fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni fulla'aa ta'u akka hin dandeenye kan akeeku.
Yoo waldubbiin jara lamaanii gara mariititti dhufuuf mulkaa'uu dhabe garuu waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni waan yeroo ittiin bitachuu, gareen lamaanuu akka ofqopheessanii fi hiriira isaanii tolfatanii waraana marsaa biraatitti seenan ta'uun waan hin oolle.
Haalli kuni ammoo gareen dhagahamummaa gahaa hin arganne jedhu halleellaadhaan dhiibbaa uumuu filachuuti akka deemu hiree uuma.
Fakkeenyaaf Ameerikaan bu'uuraalee misoomaa barbadeessuu, maddawwan anniisaa, riqichootaa mancaasuu akka filannoo itti aanuutti qabachuu malti.
Tarkaanfiin akkanaa ammoo dhiibbaa yeroo gabaabaa argamsiisuufii malulleen balaa namoomaa fi dinagdee hamaa hordofsiisuun Iraanis Haleellaa cimaa akka fudhattuuf kakaasuu mala.
Gidduu kanatti ammoo Israa'eelis waraana kana keessaa qooda fudhattuu waan taateef waliigaltee kana qalbiidhaan hordofti.
"Israa'eel Filannoowwan akka namoota beekamoo Iraan ajjeessuu keessumaa kanneen marii araraa keessatti hirmaatan irratti xiyyeeffachuu dandeessi" jedhan qorataan hariiroo Idil Addunyaa Hamidreza Azizi.
"Doonaald Tiraamp imaammanni ulaa Hormuuz cufuu carraa dhiibbaa uumuu haalaan dabala jedhan. Kuni yoo paartileen kaanuu fedhii dhabanillee waan gochuuf deeman akka ta'e ibsan" jedhu.
2. Waraana ifa hin taane
Haala hammeessuun, garuu bifa daangeffameen bu'uuraalee misoomaa mancaasuun wiirtuuwwan waraanaa fi cancala dhiheessii hamma xiqqoon haleeluu fa'i dabalata.
Kana jechuun gareen lamaan yookan lola guutuu ta'etti hin seenan yookan ammoo tarkaanfiiwwan waraanaa guutumatti hin dhiisan akka jechuuti.
Yeroo kanatti ammoo gaheen warra bakka bu'iinsaan lolatti hirmaatuu haalaan guddata. Gareen warra Iraaniin deeggaramanii fi Iraaqii fi Galaana diimaarra socho'an haleellaa isaanii dabalu.
Gama kaaniin ammoo US neetworkii gareewwan kanarratti haleellaa cimsuun daangaa lolichaa kan bal'isu ta'a. taatee akkanaa kana xinxaaltonni 'Waraana ifaan duubaa' jedhuun.
"Gareen lamaanuu filannoo isaanii fayyadamuun osoo waraana guutuutti hin seenin hammeentaa dhiibbaa isaanii dabaluu barbaadu" jedha Hamidrezan.
"Yoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu sarbame, Iraan carraan deeggartootashee waliin ta'uun tarkaanfiiwwan haaraa keessumaa Yemen keesatti fudhattu haalan olaanaa ta'a" jechuun itti dabalu.
Haalli kuni garuu balaa hin qabu jechuu miti. Akkuma sodaan dabalaa deemu carraan herreega dogogoraa hojjechuus dabala. Osoo gareen lamaanuu waraana guddaa fi ifa ta'etti seenuuf fedhii dhabanii taateen tokkichi uumamee lolicha gara too'annoon ala ta'uutti geesuu mala.
3. Hariiroon dippilomaasii callisaan itti fufa
Waldubbiin Paakistaan milkii malee xumuramulleen yaaliin dipilomaasii kaan lafa jala inuma jiraatu. Kana jechuun mariin Paakistaan hin milkoofne jechuun mariitti hin dhufan jechuu miti.
Qindeessituun marii kanaa Paakistaan gareen teehiraanii fi Waashington gara mariitti akka deebi'aniif qofaa qofaatti marii fi ergaawwan dhaamaa jirti.
Gama kaaniin ammoo waraanni kuni too'annaan ala yoo ta'e kallattiidhaan nimiidhamna jedhanii warri amanan kanneen akka Kaataar, Omaan, sawudii Arabiyaa fi Ijipti marii kanaaf haala mijeessuuf nidhama'u.
Haaldureen Ameerikaan dhiheessite qabxii 15 qabuu fi kan Iraan dhiheessite qabxii 10 qabu yeroo madaalamus gareen lamaanuu fedhii isaanii tokko tokkorrati fe'uuf yaaduu kan mul'isu malee gidduutti waliigalteerra gahuu waan akeeku miti.
Kanaafuu mariiwwan itti aanan jiraachuu malanilleen yeroo gabaabaa keessatti waliigaltee qabatamaa ta'erra gahu jedhanii yaaduun garuu ulfaataadha.
4. Ulaa Galaanaa Cufuu Itti fufiinsa qabu
Iraan yoo Ameerikaan ulaa Hormuuz cufuu itti fufte dooniwwan Galaana diimaa, fi bo'oo omaan irra socho'an haleeluuf dhaadatteetti.
Pirezedaantiin Ameerikaa humni Galaanarraa biyyattii ulaa galaanaa Iraan cufuun dooniiwwan boba'aa ulaa hormuuz keessa darban dhorkuu ifoomsan.
kana malees biyyoota kanfalanii ulaa hormuuz irra doonii isaanii dabarsan irratti dhiibbaa gochuun, akka toftaa galii Iraan dadhabsiisuutti akka fayyadaan ibsan. biyya Iraan irraa boba'a heddumminaan bittu chaayinaas dabalata.
"Uggurri galaanarraa rippabliika Islaamaa basaasni gahaan, hordoffii fi qabeenyi gahaan yoo ramadameef akka gaariitti milkaa'uu danda'a. Tarkaanfiin akkanaa qabatamaan yoo hojiirra oole biyyattiin omisha alatti ergitu miidhuun balaa guddaa itti fida" jedhan Behnam.
Gama kaaniin ammoo tarkaanfii akkanaa fudhachuuf US gara daangaawwan Iraanitti siquu kan gaafatu waan ta'eef loltootashee haleelamuutiif saaxila xinxaaltonni jedhan jiru.
Kana malees karoorri akkanaa akka milkaa'uuf loltoonni galaanarraa gara daangaa Iraanitti siqanii yeroo dheeraaf bobbaafamuu kan gaafatu waan ta'eef baasii guddaa gaafata.
Karoora akkanaa hojiirra oolchuun gatii boba'aa addunyaa ammummaa dabala jiru hammeessa. Hidhattoonni Huutii ulaa Babal -Mandab danquuf carraa guddaa kan qaban waan ta'eef kunis waan gatii boba'aa hammeessuu malu.
Tasgabbii dhabuu qindaa'aa ta'e, kallattii haaraa naannichi itti adeemu
Iraanii fi US amma gulantaa haalli jiru takkaa lola takkaa mariitti jijjiiramuuf carraa guddaan jirurra. Kana jechuun daangaa marii fi lola gidduu qaxanaa kana keessatti qixatti sararamee sadarkaa hin jirrerra gahuu akeeka.
Milkii dhabuun marii Paakistaan carraan dippiloomaasii dhumachuu yookan ammoo waraana itti fufu hin akeeku. Isarra qaxanichi haala milaammilchaa kana jechuuf nama dhibu keessa seenuu akeeka.
"Gareen lamaanuu waraanichi akka xumura argatuuf fedhii qabaatanilleen yeroo gabaabaa keessatti waan ta'u garuu hin fakkaatu" jedhu Hamidreza Azizi.
Haala amma jiru keessatti murtiiwwan abshaalummaa, gaaffiiwwan iccitii, fi taateewwan xixiqqoon lafarra jiru haala nageenya naannichaa irratti bahii jabaa uumuu mala.
Kanaafi xiinxaltoonni hedduun haala amma jiru kana yoo ibsan ' Tasgabbii dhabuu tarsiimowaa' jechuun kan ibsan. Kana jechuun seerri taphichaa ifa kan hin taane, bahiin itti aanu tilmaamuunis rakkisaadha.
Haala akkanaa keessatti ibsama sirrii kan ta'u Iraanii fi US haala salphaatti lolatti yookan nagaatti jijjiiramuuf hiree qaburra gahuu isaaniiti.
Gareen lamaanuu humna waraanaa isaanii irratti ofabdatu. Carraa dippilomaasiitiifis ulaa isaanii kafaf godhanii bananii jiru