TPLF bulchiinsa yeroo diiguuf murteessuu hordofee jiraattonni naannoo Tigraay maal jedhan?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Addi Bilsa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) manni maree naannichaa filannoo osoo waraanni Tgiraay keessatti hin gaggeeffamiin dura tureen kanneen filataman gara hojiitti akka deebiyaan murteessuu isaa hordofee jiraattonni naannichaa yaadasaanii BBCf kennan "miirri walmakaa ta'e" akka isaanitti dhaga'ame dubbatu.

Namni maqaan kiyya hin dha'amiin jedhe tokko jiraattonni TPLF deeggaran jiraachuu himuun, "namoonni baayyeen ammoo murteen kun maal qabatee dhufa" jedhanii "burjaajiifi yaaddoo keessa" akka jiran BBCtti hime.

Jiraatonni murtee kana hordofee, "waraanni ka'uu mala" ykn "tajaajilli addaan cituu danda'a" jechuun sodaa keessa jiraachuu dabalee ibsa namni kun.

"Irra deebiin" rakkoo keessa galla sodaan jedhu akka isaan mudate kan dubbate jiraataan kun murteen paartichaa waan gaarii fida yaada jedhu akka hin qabne dubbata.

Namoonni tokko tokko murteen kun "akka feeteedhaan kan ta'edha" yaada jedhu qabu. Ibsa TPLF kana hordofee "waraana moo mariiti itti aanee dhufa" kan jedhuun yaaddoo keessa jiraachuu dubbatu.

Namoonni Tigraay jiraatan kan yaadan, "waa'ee jireenya guyyuu isaaniiti" kan jedhu jiraataan kun murteen TPLF "waan gaarii qabatee dhufa" yaada jedhu namni baayyeen akka hin qabne dubbata.

Jiraataan Maqalee BBCn dubbise kun "namni baayyeen magaalattii gadhiisee ba'aa jira" jechuun hanga Sambataatti balaliin xiyyaaraa jiru guutummaan guutuutti guutuu ta'uu isaa akka mirkaneeffate dubbata.

L/Jeneraal Taaddasee Warradee A L I Bitootessa 30, 2028 irraa kaasee MM Abiyiin turtiin aangoo isaa waggaa tokko dabalataaf dheereffameera.

Kana hordofee Boordii Filannootiin kan haqame TPLF barri aangoo Jeneraal Taaddesee dheereffamuu ilaalchisee ibsa baaseen "... mariin siyaasaa gam-lamee osoo hin taasifamiiniifi beekamtiin TPLF fi hirmaannaan isaa osoo hin jiraatiin murtee mootummaan Itoophiyaa addatti ofiin kenne" ta'uu ibsuun mormeera.

L/Jeneraal Taaddesee Warradee gama isaatiin hoggansa irra jiruun akka itti hin fufne dhiibbaan akka irratti taasifamaa ture dubbateera.

L/Jeneraal Taaddaseen gara Finfinnee deemuun raawwii hojii mootummaa Federaalaatiif erga dhiyeessee barri aangoo isaa dheereffameef booda TPLF "aangoo siif kennamu akka hin fudhanne" jedhamee TPLFn itti himamee akka ture ibseera.

Koreen giddugaleessaa TPLF A L I Ebla 11, 2018 walga'iisaa erga xumureen booda ibsa baaseen qaamni raawwachiiftuu naannichaa "hammataa" ta'ee akka hundeeffamu murteessuu isaa ibseera.

Mootummaan Federaalaa turtii bulchiinsa yeroo hirmaannaa TPLF malee dheeressuu isaa kan morme koreen giddugaleessaa kun, gochu kun waliigaltee walitti bu'iinsa dhaabuu "kan cabsee" fi "murtee dhuunfaan taasifame" ta'uu eera.

Ibsi TPLF baase "kan yeroosaa eeggatedha" kan jedhu jiraataan biraa ammoo, tarkaanfii paartichaa kun "hawaasicha ni fayyada" jechuun murtee kana deeggareera.

Bulchiinsi yeroo kun "yeroodhaaf ta'uun" bara lakkoofsisaa turuu isaarra murteen paartichaa ummatichaaf "haqaafi bilisummaa" karaa ittiin argamsiisu akka uumu dabalee ibseera.

Buqqaatonni qe'ee isaaniitti akka deebiyaniif murtee taasifamedha kan jedhu jiraataan kun, naannichaaf furmaata akka fidu amantaa qabu dubbata.

Baajanni deeggarsaa gara naannoo Tigraayitti ergamuu addaan cituu kan eere TPLF, "walumaagalatti Tigraay irratti dhorkaafi marsuun taasifamee, meeshaa waraanaafi humna makaanaayizidii gara Tigraayitti siqsuun irra deebiin waraana banuuf qophaa'aa jir" jechuun mootummaa federaalaa himateera.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo duraanii naannichaafi gorsaan dhimmoota Afrikaa Bahaa MM ABiy Ahimad, Obbo Getaachoo Raddaa, TPLF murtee isaa kanaan tarkaanfii waliigaltee Piritooriyaa diigu fudhate," jedheera.

Obbo Getaachoo Raddaa, murteen koreen giddu galeessaa TPLF bulchiinsa yeroo naanichaa diiguuf fudhate "tarkaanfii balaafamaa" jechuun ibsan.

"Mootummaan Jeneraal Taaddasaa Warradaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo ta'anii akka itti fufan gochuusaa TPLF ifatti kufaa gochuunsaa Waliigaltee Piritooriyaa ifatti diiguusaa kan agarsiisudha," jechuun TPLF naannicha gara rakkoo wal-xaxaatti geessaa akka jiru ibsan.

Murteen koreen giddu galeessaa TPLF fudhate naannicha waraana biraatti kan geessu ta'uu kan akeekan Obbo Getaachoon, garuu "uummanni Tigraay waraana biraatti seenuuf qophii miti" jedhan.

TPLF ofiisaatiin Waliigaltee Piritooriyaa keessaa bahuunsaafi bulchiinsa yeroo waraana booda hundaa'e diiguuf murteessunsaa "waraanni deebi'ee akka eegaluuf tuttuqqaa kaasuuf akka ta'e kan namatti agarsiisudha" jechuun hawaasi idiladdunyaa tarkaanfii TPLF fudhataa jiru akka quba qabaatu waamicha godhan Obbo Getaachoon.

Jiraataan biraa waliigalteen Piritooriyaa akka itti fufu barbaadu gamasaatiin, "kun deebisee gara gidiraatti kan galchuufi rakkoo kan fidu fakkaata," jedha.

Ibsa kanaan, "namoota dhuunfaa oolchuudha malee ummaticha ilaalaa kan jiran natti hin fakkaatu," kan jedhu jiraataan kun, adda durummaan itti gaafatamummaa jala aba'uudhaaf kan murtaa'e natti fakkaata jechuun tilmaama isaa kaa'eera.

Naannicha keessaa dargaggoonni bahaa osoo jiranii, rakkoo biraafi gaaga'ama biraaf saaxilamaa akka jiran kan himu jiraataan kun wanti isatti mul'atu "waan gaarii akka hin taane" BBCtti dubbateera.