'Finfinneefi Dirre Dhawaa dabalatee dhimmoota falmisiisoo Badhaadhinni Marii Biyyaalessaaf dhiyeessuuf jiru

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Paartiin biyya bulchu Badhaadhinni ajandaawwan marii biyyaalessaaf dhiyeessurratti miseensota mana maree paartichaa, kan duraan Koree Giddugaleessaa jedhamuun beekamu, waliin tibbana mariiyateera.

Mariin miseensonni mana maree paartichaa fi hoggantoota olaanoon naannolee murtaa'an, walumatti 300 ta'an irratti hirmaatan kun A.L.Itti Waxabajjii 23-25 guyyoota sadiif magaalaa Adaamaatti taa'amuu maddeen BBC himaniiru.

Waltajjii kana pirezdantii itti aanaa Paartii Badhaadhinaa Aadam Faaraah kan gaggeessan yoo ta'u, hoggantoonni paartichaa lama ajandaawwan marii biyyaalessaa ejjennoo paartichaati jedhan hirmaattotaaf dhiyeessanii jiru.

BBC'n waayee waltajjii kanaa fi dhimmoota ijoofi miseensota mana mareefi qondaalota olaanoo hirmaatan gidduutti falmii kaase kanarratti ka'an irratti miseensa mana maree paartii Badhaadhinaa waltajjicha irraa qooda fudhatan irraa odeeffateera.

Miseensi mana maree Paartii Badhaadhinaa eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafachuun BBCtti dubbatan ajandaa ijoon walgahii Adaamaatti taa'amerratti ka'an, marii biyyaalessaa gaggeeffamurratti ejjennoo paartichaa hoggansa olaanaa qabsiisuudhaaf kan kaayyeffate ta'uu himu.

Qondaalli mootummaa olaanaan kun akka jedhanitti, ajandaaleen dhiyaatan dhimmoota falmisiisoofi hirmaattota gidduutti falmii guddaa kaasanidha.

"Marii biyyaalessaa gaggeeffamurratti paartiin maal yaade kan jedhutu dhiyaate. Paartichi piroppozaala [ejjennoo] ofii dhiyeesse," jedhu.

Piroppozaalli kun bu'uurri isaa ajandaa saddeettan Komishiniin Marii Biyyaalessaa torban tokko dura dhiyeesserratti akka hundaawu kan himan aangawaan paartiii Badhaadhinaa kun, ajandaawwan saddeet komishichi dhiyeesse kanneen irratti ejjennoo paartiichaa kanneen calaqqisiisan irratti walgahii guyyaa sadiif Adaamatti gaggeeffamerratti mariiyatamuu himan.

Kanneen keessaa dhimmoota falmisiisoo turan BBC'tti himanii jiru.

Seensa heera mootummaa jijjiiruu

Ajandaawwan ijoo Paaartiin Badhaadhinaa walgahii qondaalota olaanoo irratti dhiyaate keessaa tokko seensi heera mootummaa Itoophiyaa amma jiru "akka jijjiiramu" kan jedhu ta'uu BBCtti himan qondaalli paartichaa wal-gahicharraa qooda fudhatan kun.

Seensi heera mootummaa Itoophiyaa (FDRI) amma jiruu "Nuti saboonni, sab-lammoonnifi uummatoonni Itoophiyaa" jechuun eegala.

Paartiin Badhaadhinaa garuu gaaleen kun akka jijjiiramu ejjennoo isaa hoggansa isaatiif dhiyeesseera.

Seensi heera mootummaa "Nuti saboonni, sab-lammoonnifi uummatoonni Itoophiyaa" jedhu "Nuti sab-daneeyyiin uummata Itoophiyaa (Inyaa hibrabiheeraawii YeItoophiyaa hizbi) kan jedhuun akka bakka bu'u dhiyeesse.

Paartichi seensi heera Itoophiyaa amma jiru "hacuuccaa irraa kan ka'uu fi mul'ata waloo waan hin agarsiifneef" jiijjiramuu qaba jedhee yaada akka dhiyeesse himu aangawaan kun.

Sababni lammeessoon paartichi dhiyeessu, kanneen eenyummaan keenya sabas, sablammiis miti "nuti lammiidha, Itoophiyaawiidha" jedhan akka hammatuufidha.

Dhimmi lafaa heeraan osoo hin taane labsiin akka bulu gochuu

Dhimmoota falmisiisoo waltajjii Paartiin Badhaadhinaa Adaamatti gaggeesse irratti ka'an keessaa kan lammeessoo dhimma lafaa ta'uu himu qondaalli BBCn dubbise kun.

Paartiin Badhaadhinaa, "Dhimmi lafaa hammattoo [dahoo] heera mootummaa keessaa bahee labsiidhaan haa bulu" jedhee dhiyeessuu kan himan aangawaan paartichaa kun, "lafti kan mootummaa, kan uummataa fi kan dhuunfaa ta'ee heerri akka fooyya'u" kan jedhu dhiyaachuu dubbatu.

Heerri mootummaa Itoophiyaa keewwatni 40, "Lafti hunduu qabeenya waloo mootummaa fi uummataati" jechuun tume.

Paartiin Badhaadhinaa "Gatiin lafaa yeroodhaa gara yerootti ni jijijjiirama, Kanaafuu, tumaa [dawoo] heera mootummaa keessatti akka barbaadanitti, yeroo barbaadanitti bituuf gurguruun waan rakkisuuf hammattoo heera mootummaa keessaa bahuu qaba jechuun yaada kana dhiyeessuu isaa ibsaniiru.

"Waayeen qabiyyee lafaa heera mootummaa keessaa bahe jechuun labsii barbaadde yeroo barbaadde, akka barbaaddetti ni baafta, ni fooyyessita" jechuu akka ta'e qondaalli kun akeekanii jiru.

Sababni biraa paartichi fooyya'iinsa kana dhiyeesseef tumaan heerri lafarratti tume "invastaroonni wabii waan dhabaniif amantaa horatanii akka alaa hin dhufne danqaa ta'e" kan jedhu jedhan.

"Gatii lafaa gabaan akka murteessitu, abbummaan qabiyyee lafaa eenyummaa, qabsoo fi seenaa uummataa waliin wal hin qabatu akka jechuuti" jedhan.

Dhimmi kun ajandaawwan dhiyaatan keessaa hedduu falmisiisaa akka ture qondaalli paartii kun himanii jiru.

Naannolee bifa haaraan gurmeessuu

Gurmaa'insi naannolee haala amma jiruun osoo hin taane "ji'oogiraafii [haala qubsumaa] fi diinagdee irratti hundaayanii ijaaramuu qabu" kan ajandaa paartichi dhiyeessuun hirmaattota gidduutti falmii cimaan irratti gaggeeffame ta'uu kaasu aangawaan kun.

Gurmaa'insi naannolee Itoophiyaa heera amma jiru keessatti akka eerametti qubsuma, afaanii fi eenyummaa bu'uura godhachuun kan caaseffamedha.

Haa ta'uu garuu, Paartiin Badhaadhinaa gurmaa'insi naannolee amma jiru "tokkummaa Itoophiyaatiif yaaddoo waan ta'eef" jijjiiramuun naannoleen bifa haaraan akka gurmaa'aniif paartiinsaanii yaada dhiyeessuu kaasu.

Yaadni kun "mirga hiree murteeffannaa [ofiin of bulchuu] sabootaa fi sablammootaa sarba," jedhamuun keessumaa hirmaattota Oromiyaa irraa ta'an irraa falmii cimaan akka mudate himu BBC kun.

Dhimma kana irratti mootummaan waan ibse jiraachuu baatus dhimmi daangaa bulchiinsa naannolee ajandaa marii biyyaalessaa keessaa tokko akka tahe Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa himeera.

Naannooleen ni qoodamu kan ejdhu garuu ifatti hin dubbanne. Garuu qabxiilee saddet cuunfee dhiyeesse keessatti dhimmi daangaa naannolee mariif akka dhiyaatu hime.

'...hanga foxxoquutti' kan jedhu heera mootumaa keewwata 39 irraa haqamuu qaba'

Komishiniin Marii Biyyaalessaa tibbana yeroo ajandaawwan uummata irraa sassaabe cuunfee ibse dhimmi heera mootummaa fooyyessuu fi aangoo heera mootummaa fooyyessuu kan jedhu ajandaa tokko tahuu kaaseera.

Kunis heera mootummaa keewwata 39, 104 fi 105 kanneen akka fooyya'aniif dhiyaatan keessaa tahuu eere.

Heera mootummaa FDRI keewwatni 39 yeroo dheeraaf Itoophiyaa keessatti mata duree falmii ta'ee kan itti fufeedha.

Keessumaa kanneen sirni federaalizimii amma Itoophiyaan ittiin bultu deeggaran heera mootummaa keewwata 39 akka "wabiitti" ilaalu.

Faallaa kanaa ammoo keewwanni kun egeree Itoophiyaaf yaaddodha jedhanii kanneen yaadaniifi jijjiiramuu qaba jedhanis jiru.

Wal-gahii Maanni Maree [Koreen Giddugaleessaa] Paartiin Badhaadhinaa gaggeesse irratti ajandaa falmisiisaa ta'ee kan dhiyaate keeyyata 39 ta'uu himu qondaalli BBCn dubbise kun.

Heerri Itoophiyaa keewwanni 39, "mirga hiree ofii ofii murteeffachuu hanga fottoquutti" sabaafi sab-lammootaf kan kenneedha.

Paartiin Badhaadhinaa garuu wal-gahicharratti gaaleen "...hanga foxxoquutti" jettu keeyyaticha keessaa akka haqamu jechuun yaada dhiyeessuu himan qondaalli kun.

'Finfinneefi Dirreedawaan of danda'anii naannoo akka ta'an'

Akka heera Itoophiyaatti magaalota Federaalaa jedhamuun kan beekaman Finfinnee fi Dirree Dhawaadha.

Komishiniin Marii Biyyaalessaas dhimma magaalota kanneennii ajandaa sadaffaa jechuun adda baaseera.

Akka qondaalli madda odeeffannoo BBC tahan himanitti "Finfinneen miseensa mana maree federeeshinii taatee akka naannootti hundaawuu qabdi'' yaada jedhu dhiyeesseera paartichi.

Akka heera mootummaatti manni maree federeeshinii qaama (caasaa) saboonni, sablammoonni fi uummatoonni bakka bu'ummaa keessatti qabani. Namni miliyoona tokko bakka bu'aa tokko mana maree kana keessaa qabaata.

Haala qabatamaa amma jiruun saboonni 76 mana maree federeshinii keessatti bakka bu'iinsa argatanii jiru.

Bu'uura kanaan "Finfinneen mana maree federeeshinii keessatti eenyuun bakka bu'uuf jirti, saba kamtu mana maree kana keessaa bakka bu'iinsa dhabe? kan jedhu falmii kaaseera.

Magaalaan Finfinnee magaalaa saboonni, sablammoonni biyyattii garaagaraa keessa jiraatanii fi magaalaa Chaartaraan bultudha.

Barbaachisummaa magaalaa Finfinnee sadarkaa naannootti gurmeessuurratti yaadni addaa paartichi dhiyeesse akka hin jirre maddi keenya himeera.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa magaalaa Finfinnee ilaalchisee akkaataa caasaa bulchiinsa ishee, hariiroo Finfinneen naannoo Oromiyaa waliin qabdu, daangaa Finfinnee fi Oromiyaa akkasumas afaan hojii magaalichaa ajandaawwan mariif adda bahan keessaa tokko tahuu himeera.

Bifuma wal fakkaatun, gurmaa'insi magaalaa Dirree Dawaa naannoo akka ta'uu fi Dirree Dhawaaanis mana maree federeeshinii keessaa bakka bu'iinsa akka qabaattu kan dhiyaate yoo ta'u, yaadni falmii gurmaa'insa haaraa Finfinneerratti ka'e asirrattis hirmaattotarraa ka'eera.

Faayidaa Addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu "dantaa walootti" akka jijiiramu

Heera mootummaa keewwata 49(5) jalatti dantaan addaa Naannon Oromiyaa Finfinneerraa argattu kan tumame yoo ta'u, qabxiin dantaa adda jedhamu akka hafu paartiin Badhaadhinaa dhiyeesseera.

"Dantaa waloo malee dantaan addaa hin jiru'' jechuun kan dhiyaate yaadni kun qabxii falmisiisaa turuu eeran qondaalichi.

Faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa argattu heera mootummaa keessatti kanadha jedhee adda hin baane. Garuu sichi seerota bahan irratti hundaa'a kan jedhutu jira.

Garuu teessoon mootummaa naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessa yoo tahu sunis heera irratti hin ibsamne.

Paartichi walgahii isaa kanaan dhimmoota mirga namoomaa fi kaan irrattis mari'achuu qondaalli paartichaa himaniiru.