Taphataan Afrikaa Kibbaa Waancaa Addunyaarratti hirmaate boqote

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Taphataan sarara jidduu Afrikaa Kibbaa fi kilaba Mamelodi Sundowns dhaaf taphatu Jaayden Adaams, erga tapha Waancaa Addunyaa biyyasaatiif taphateen torbanoota muraasa booda, umrii waggaa 25tti du'aan boqateera.

Adams taphoota gareen Afrikaa Kibbaa taphate sadeen irrattuu kan hirmaate yoo ta'u, Afrikaan Kibbaa deemsa morkii kanaan gara garee 32tti erga dabartee booda, biyya waancaa qopheessite Kaanaadaadhan injifatamuun dorgommii keessaa baate.

"Du'aan boqochuu Jayden Adams naasuu guddaa fi gadda ulfaataadhaanin dhaga'e," jedhan ministirri ispoortii, aartii fi aadaa Afrikaa Kibbaa Gayton McKenzie ibsa baasaniin.

"Kubbaan miilaa Afrikaa Kibbaa dargaggoo collee dandeettii qaban keessaa tokko dhabeera, biyyi keenya maatii isaa, taphattoota garee isaa fi deeggartoota miliyoonaan lakkaawwaman kanneen akaadaamii keessatti guddatee bahee hanga taphataa guutuu Bafana Bafana ta'eetti guddatutti hordofaa turan waliin gadditeetti."

Poolisiin Afriikaa Kibbaa akka jedhutti, erga reeffi taphataa kanaa manasaa qarqara magaalaa Keep Taawun kan taate naannoo Shoschekulof keessaa Sanbata ganama argamee kaasee qorannoo eegalee jira.

Ministirri ispoortii, aartii fi aadaa Gayton McKenzie "Sababiin du'a Jaayden amma yoonaatti hin mirkanoofne, kanaan walqabatee miidiyaaleefi uummanni akka shakkiirraa akka of qusatan, akkasumas osoo ragaan hin mirkanaayin akka olola oofuu irraa of qusatan," jedhan.

Maatiifi kilabni isaa Mamelodi Sundowns yeroo baay'ee ulfaataa ta'e kanatti ulfinaa fi naatoo isaan barbaachisu akka argatani gaafatan.

"Ragaan dhimma kanaan walqabatu kamiyyuu yeroo isaa eeggatee qaama dhimmi ilaallatuun ifatatti ni dhiyaata."

Adams akkawoon isaa taphni jalqabamuun dura sa'aatii muraasa du'aan boqachuu ishee dhaga'ee boodas, tapha Ramaddii A keessatti taphata Afrikaan Kibbaa Rippaablika Cheek waliin 1-1n addaan baate irratti hiriiree taphatee ture.

Gamtaan Taphattoota Kubbaa Miilaa Afrikaa Kibbaa du'a Adams kan yeroo malee mudate kanaan "gaddi guddaan akka isaan quunname" ibsee, Adams biyya isaatiif tapha jalqabaa kan hirmaate bara 2022 keessa akka ta'e eere.

"Jaayden Waancaa Addunyaa 2026 irratti Afrikaa Kibbaa bakka bu'ee, abdii biyyasaa ta'ee ture, gootummaa fi dandeettii addaatiin qabus agarsiise.

"Du'aan boqachuun isaa maatii isaa, garee isaa, kilaboota, hawaasa kubbaa miilaa fi biyyattiif kisaaraa gita hin qabnedha."

Kubbaan miilaa Afrikaa Kibbaa taphataa dandeettii qabu, itti boonnu fi umrii dargaggummaa hedduu gumaachuu danda'utti dhabeera."

Adams jalqaba kubbaa miilaa kilaba Stellenbosch FC keessatti kan eegale yoo ta'u, Amajjii 2025 keessa gara Mamelodi Sundowns makamuun achitti waancaa liigii fi Waancaa Shaampiyonsi Liigii Afrikaa injifateera.

Gareen Afrikaa Kibbaa Waancaa Afrikaa bara 2023 irratti gara nuusa xumuraa ga'an keessa tokko kan ture yoo ta'u, gareen biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa leenjisaa Hugo Broos jalatti Waancaa Addunyaa baranaatiin seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif tapha gatanii darbuu akka injifatu godheera.

Prezidantiin FIFA Zyiyaanii Infaantiinoo, "Taphataan sarara gidduu Afrikaa Kibbaa Jaayden Adams, du'aan boqachuu isaa dhaga'uutti baay'ee gadduu," dubbatan.

"Qalbii fi gaddi kiyya, akkasumas kan dhuunfaa kiyyaa fi kan hawaasa kubbaa miilaa addunyaa maraa, maatii, michoota fi taphattoota garee isaa waliini.

Colleen Bafana Bafana fi Mamelodi Sundowns baay'ee yaadatama. Ekeraan isaa boqonnaa haa argatu."