Korri NATO Turkiitti eegale, Tiraamp baasiin waraanaa biyyootaa akka dabalu barbaada
Korri NATO Turkiitti eegale, Tiraamp baasiin waraanaa akka dabalu barbaada, waayee odola Giriinlaandis dubbachuu fedha.
CBS akka gabaasetti kora NATO Kibxata har'aa Tarkiitti eegalurratti PirezdantI Tiraamp biyyoonni miseensa NATO oomisha waliigalaa waggaa (GDP) isaanii keessaa 5% humna waraanaaf akka oolchan dhiibbaa gochuufi.
Kun wayita US dhawaata qabeenya ishee tokko tokko Awurooppaa keessaa baasuuf jettu, yeroo inni Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii waliin wal-dhabdee isaa deebisee kaasuttii fi wayita fedhiin inni Giriinlaand bituuf qabu Awurooppaa naasisee fi mufachiisee jirutti dha.
Pirezidant Tiraamp altokko tokko faayidaa fi itti fufiinsa NATO kan shakkii keessa galchu yoo ta'u, miseensonni gamtichaa 32 kanaa waan inni itti aansee dubbatu dhiphinaan afaan irratti akka eegan taasiseera.
Tiraamp Kibxata har'aa ganama sa'aatii 01:00 dura Turkii kan gahe yoo ta'u, Pirezidantii TurkiiTayiib Erdohaaniin simatameera.
Yaa'ii kun magaalaa guddoo Turkii Ankaraa keessatti gaggeeffamuun isaa xiyyeeffannoo akka argatu godheera.
Hariiroon biyyoota Awurooppaa tokko tokko waliin qabu kan babbadde yoo ta'u,Tiraamp baroota bulchiinsa isaa lameen keessatti Erdohaan waliin hariiroo jabaa uumeera.
Turkiin bara 1952 irraa jalqabee miseensa NATO kan turte, yeroo tokko tokko miseensa falmisiistuuudhas. Raashiyaa waliin hariiroo dinagdee walxaxaa qabdi, akkasumas gaaffii dhimmoota mirga namoomaa ta'an hedduu qabdi..
Barreessaan Ol'aanaan NATO Maark Ruttee yaa'ii kana dura ji'a darbe Waayt Hawuusitti Tiraamp waliin wal arganiiru.
Sababoota hedduu kanaan, Ministirri Dhimma Alaa US Maarko Ruubiyoo ji'a darbe yaa'ii kana "tarii kora seenaa NATO keessatti baay'ee murteessaa ta'e" jechuun waaman.
Ajandaawwan ijoo kora kanaa:
- Baasii waraanaa dabaluu: Biyyoonnis karoora baasii ittisaa GDP biyyootaa keessaa %5 irraan gahuuf qaban dhiyeessuu
- Baasii Qooddachuufi Ittigaafatamummaa: Biyyoonni Awwurooppaa ittigaafatamummaa ittisa naannoo isaanii caalaatti akka fudhatan dhiibbaa gochuu
- Deeggarsa Yukireeniif jabeessuu: Walgahicharratti deggarsa meeshaa waraanaa yuuroo biiliyoona 70 Yukreeniif kennamu mirkaneessuu.
- Nageenya Ulaa Hormuuz mirkaneessuu
- Mufii Tiraampii fi MM Xaaliyaanii Meloonii