Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, MM Abiy Ahimed waa'ee nageenya biyya keessaa, hidhattootaa, dinagdee fi TPLF maal jedhan?

Kora paarlaamaa har'a taa'ame irratti MM Abiy Ahimed gaaffii miseensota Paarlaamaa irraa ka'eef deebii kennaa. Dinagdeen Itoophiyaa %10 oliin guddachuu fi al-ergii irraa galiin kan waggoota 17 keessatti argame caalu waggaa tokkotti argamuu himan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Korri NATO Turkiitti eegale, Tiraamp baasiin waraanaa biyyootaa akka dabalu barbaada

    Korri NATO Turkiitti eegale, Tiraamp baasiin waraanaa akka dabalu barbaada, waayee odola Giriinlaandis dubbachuu fedha.

    CBS akka gabaasetti kora NATO Kibxata har'aa Tarkiitti eegalurratti PirezdantI Tiraamp biyyoonni miseensa NATO oomisha waliigalaa waggaa (GDP) isaanii keessaa 5% humna waraanaaf akka oolchan dhiibbaa gochuufi.

    Kun wayita US dhawaata qabeenya ishee tokko tokko Awurooppaa keessaa baasuuf jettu, yeroo inni Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii waliin wal-dhabdee isaa deebisee kaasuttii fi wayita fedhiin inni Giriinlaand bituuf qabu Awurooppaa naasisee fi mufachiisee jirutti dha.

    Pirezidant Tiraamp altokko tokko faayidaa fi itti fufiinsa NATO kan shakkii keessa galchu yoo ta'u, miseensonni gamtichaa 32 kanaa waan inni itti aansee dubbatu dhiphinaan afaan irratti akka eegan taasiseera.

    Tiraamp Kibxata har'aa ganama sa'aatii 01:00 dura Turkii kan gahe yoo ta'u, Pirezidantii TurkiiTayiib Erdohaaniin simatameera.

    Yaa'ii kun magaalaa guddoo Turkii Ankaraa keessatti gaggeeffamuun isaa xiyyeeffannoo akka argatu godheera.

    Hariiroon biyyoota Awurooppaa tokko tokko waliin qabu kan babbadde yoo ta'u,Tiraamp baroota bulchiinsa isaa lameen keessatti Erdohaan waliin hariiroo jabaa uumeera.

    Turkiin bara 1952 irraa jalqabee miseensa NATO kan turte, yeroo tokko tokko miseensa falmisiistuuudhas. Raashiyaa waliin hariiroo dinagdee walxaxaa qabdi, akkasumas gaaffii dhimmoota mirga namoomaa ta'an hedduu qabdi..

    Barreessaan Ol'aanaan NATO Maark Ruttee yaa'ii kana dura ji'a darbe Waayt Hawuusitti Tiraamp waliin wal arganiiru.

    Sababoota hedduu kanaan, Ministirri Dhimma Alaa US Maarko Ruubiyoo ji'a darbe yaa'ii kana "tarii kora seenaa NATO keessatti baay'ee murteessaa ta'e" jechuun waaman.

    Ajandaawwan ijoo kora kanaa:

    • Baasii waraanaa dabaluu: Biyyoonnis karoora baasii ittisaa GDP biyyootaa keessaa %5 irraan gahuuf qaban dhiyeessuu
    • Baasii Qooddachuufi Ittigaafatamummaa: Biyyoonni Awwurooppaa ittigaafatamummaa ittisa naannoo isaanii caalaatti akka fudhatan dhiibbaa gochuu
    • Deeggarsa Yukireeniif jabeessuu: Walgahicharratti deggarsa meeshaa waraanaa yuuroo biiliyoona 70 Yukreeniif kennamu mirkaneessuu.
    • Nageenya Ulaa Hormuuz mirkaneessuu
    • Mufii Tiraampii fi MM Xaaliyaanii Meloonii
  2. Iraan yoo doorsisni Ameerikaa itti fufte mariitti hin deebinu jette

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan waliin walii galteerra yoo hin ga'amne ''hojii jalqabne ni xumurra'' jechuun tibbana akeekkachiisan.

    Kana hordofee Ministirri Dhimma Alaa Iraan Ameerikaan Iraan doorsisuu yoo kan itti fuftu ta'e mariin biyyoota lamaan gidduutti adeemsifamaa jiru akka hin jalqanbne ibsan.

    Ameerikaa fi Iraan yeroo jalqabaaf magaalaa Jenevaatti mari’ata turan. Garuu mariin sun hanga sirni awwaalchaa hogganaa duraanii Iraan Ayatollah Ali Khamenei xumuramutti akka dhaabbatu Trump dubbatee ture.

    Tiraamp Wiixata galgala Waayit Haawus keessatti gaazexeessitoota waliin yeroo dubbatu:

    “Yookaan waliigaltee ni geenya, yookaan hojii keenya ni xumurra. kana xumuruun rakkisaa hin ta'u” jechuun dubbate.

    Akkasumas, “kara tokkoon ykn karaa biraatiin ni injifanna,warshaalee humna elektiriikaa isaanii rukutuu dandeenya...isanis ni beeku.” jedhan Tiraamp

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii dubbii kanaaf deebii kennaniin, yeroo doorsisni fi roorroon Iraan irratti raawwatamu itti fufee jirutti mariin waliigaltee lola biyyoota lamaanitti xumura godhu hin jalqabu jedhan..

    Araghchi kunis Keewwata 13ffaa waliigaltee mootummaa lamaan gidduu mallatteeffameen dhorkame akka jiruu ibsan.

    Akka keewwatichaatti, hanga waliigalteewwan irratti walii galame hojii irra hin oolletti, biyyoonni lamaan marii waliigaltee mootummaa xumuraa hin jalqabani jedha..

    Keewwatni biraan ammoo biyyoonni lamaan wal irratti humna akka hin fayyadamne yookaan wal hin doorsisne ni ajaja.

    Araagchiin “Uummanni keenya fi humni waraanaa keenya doorsisa kamiyyuu hin sodaatu' jechuun deebii kennan

  3. Tiraamp fi Erdogan maal qofatti mari'atan?

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yaa’ii NATO bara 2026 gaggeeffamu irratti hirmaachuuf magaalaa guddoo Turkii Ankaaraa dhaqan.

    Pirezdaantiin Turkii Recep Tayyip Erdohaan, buufata xiyyaaraa irraa kaasuun Pirezdaanticha kan simatan yoo ta'u dhimmoota addaa addaa kan naannoo fi dhimma idil-addunyaa irratti mari'atan.

    Hoggantoonni lamaan dhimma kana irratti ibsa waloo miidiyaaf kennu jedhamee eegama.

    Tiraamp walgahii NATO guyyoota lamaaf gaggeeffamu eegale irratti kan hirmaatan yoo ta'u, hoggantoonni biyyoota miseensa NATO 32 fi bakka bu’oota biyyoota michuu ta’anis maricha irratti hirmaataa jiru.

    Akka dhaabbati oduu mootummaa Turkii Anadolu jedhutti ajandaa ijoo walgahii NATO

    • Baasii ittisaa dabaluu,
    • Deeggarsa yeroo dheeraa Yukireeniif taasisuu fi,
    • Indaastirii ittisaa NATO cimsuu fa'i

    Barreessaan olaanaa NATO Maark Ruuteetii fi qondaaltonni biroo biyyoonni Awurooppaa baasii ittisaa guddisuuf waadaa galan akka eegaan yaa’ii kana irratti agarsiisuu akka qaban gaafataniiru.

    Walgahii kanarratti waliigalteewwan ittisaa gurguddoonis ni ifooma jedhamee eegama.

  4. Wayita Maakroon daawwachaa jiranitti dho'insa Damaasqootiin namoonni 18 madaa'an

    Sooriyaa walakkeessaa magaalaa Damaasqoo hoteela Pirezdantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon qubatanitti dho'insi mudachuu miidiyaan Sooriyaa gabaasan.

    Dho'iinsa kanaan namoonni 18 madaawuu miidiyaaleen kunneen gabaase.

    Miidiyaan mootummaa Sooriyaa Sana meeshaaleen dhoohan lama humnoota nageenyaan sakatta'amanii adda bahanii turan. Dhootuuwwan kanneen fashalsuuf humni addaa osoo carraaqqiitti jiru dho'an.

    Dhootuun tokko konkolaataa dhaabbate keessa ture, inni lammeessoo meeshaa qadaadame keessa ture.

    Maakroon magaalaa guddoo keessa gita isaa Siiriyaa Ahmad al-Sharaa waliin mariyachuuf masaraa mootummaa keessa ture.

    Aangawoonni isaa Maakroon nagaa isaa ti, dhohiinsa kanayyuu hin dhageenye jedhan.

    Pirezdantiin Faransaay Maakroon daawwannaa isaa Sooriyaa booda kora NATO'tiif gara Tarkiyyee imala.

    Miidiyaa Siiriyaa poolisoonni afur dhoyinsa kanaan kanneen madaayan keessayi. Ministeerri biyya keessaa dhoyinsi kun qaama kamiin akka raawwatamerratti qorannoo eegaluu gabaase.

    Viidiyoonni fi suuraawwan Wiixataa obboroo twiitaraa fi miidiyaalee hawaasaa biroo irratti maxxanfaman aarrii fi laboobni ibiddaa konkolaataa irraa magaalaa guddoo Sooriyaa keessatti dhiyeenya hoteelatti ka'uu agarsiisaniiru.

    Namni ijaan arge tokko dhimma kanaan walqabatee BBC tajaajila Arabaatti akka himetti, yeroo dhohiinsi wayita jalqabaa uumametti waajjira muummee ministeera tuuriizimii dhaabbatanii turan.

  5. 'Dubartii hamtuu, aangoon hin malleef'- deebii Kiliyaan Imbaappee senetara Paaraguwaayiif kenne

    Jifataan Faransaay Kiliyaan Imbaappee arrabsoo jibba sanyummaa seenaatara Paaraguwaay irraa dhagahameef deebii kenne.

    Kaleste Amarilla wayita Faransaay biyyashee Paraguwaay injifachuun Waancaa Addunyaa 2026 keessaa baastu miira mufannaan yaada kennite.

    Imbaappeen arrabsoo seenatarittiif wayita deebii kennu ''dubartii baayyee hamtuu'' jechuun ibse.

    Tapha Waancaa Addunyaa nuusa xumuraaf darbuuf taasifamu, Istaadiyeemii Filaadelfiyaa, bulchiinsa Pensalveeniyaa keessatti, Paraguwaay fi Faransaay gidduutti gaggeeffamerratti Kiliyaan Imbaappee peenaalitii galchee biyyasaa dabarse.

    ''Aadde Kaleste Amarilla, ati dubartii hamtuudha, aangoon ati irra jirtu siif hin malu,'' jedha Imbaappeen.

    ''Biyya kutannoo fi kabaja guddaa qabdu, Paraguwaay bakka hin buutu.''

    ''Jibba sanyummaa ati mul'isteef jecha addunyaan tattaaffii taphattoonni Paraguwaay Waancaa Addunyaarratti agarsiisan dagatteetti. Milkaa'ina gootummaa taphattoonni agarsiisan caalaa jecha dubartii dandeettii hin qabneetu mallattoo biyyattii ta'ee mul'ate,'' jedhe.

    ''Namoonni akka dubartii kanaa jibbiinsaa fi arrabsoo sanyummaa akka addunyaarratti facaasan hin eeyyamu.''

    Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Faransaay dubartii kanarratti himata banuuf karoora akka qabu ibseera.

    Pirezidantiin federeeshinichaa Filippe Diyaaloo ''gocha jibbiinsa sanyummaa kana cimseen balaaleffadha,'' jedhe.

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ''Imbaappeen goolii biraa galchuun jibba sanyummaa dura dhaabbateera. Onnee guutuunan deggara. Kabaja, birmadummaa, ulfina qabnaaf,'' jechuun deeggarsa taphataasaaniif qaban ibsan.

    Senetarri Paraguwaay erga gooli eegaan duraanii biyyattii tapha Faransaay waliin taphatanirratti ''garee Afrikaa waliin morkanna'' jedhee booda yaada kana deeggaruun barreessite.

  6. ABO fi TPLF dabalatee qabsaa'ota biyyattii hundaaf kabajaa fi beekamtiitu malaaf- MM Abiy

    MM Abiy Ahmad ibsa paarlaamaa biyyattiif kennan keessatti waa'ee qabsaa'otaa fi paartilee waggoota dheeraaf qabsoorra turanii kaasaniiru.

    Keessattuu TPLF fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irratti xiyyeeffachuun dubbatan.

    ''Namoonni an waggaa 40 waggaa 50 qabsaa'eera jechuun of saadan Tigraay keessa qofa osoo hin taane, Oromiyaa keessas jiru,'' jedhan.

    Qabsaa'uuunsaanii dhugaa haalamuu hin dandeenyedha kan jedhan MM Abiy Ahmad, garuu har'a biyyattii akka barbaadan gochuu akka hin dandeenye dubbatan.

    ''Fakkeenyaaf Oromoon seenaa qabsoo ABO busheessuuf yaalu hin jiru. Garuu isinittan hima- ABOn qabsaa'eera, Oromoo dammaqseera, gurmeesseera. Kun gonkumaa waan tuffatamuu fi haalamu miti, kabajatu malaaf. Garuu bulchiinsii fi siyaasi ammaa kan yeroo sanaarraa adda,'' jedhan.

    Siyaasaaf kan gurmaa'ee dhufe yoo jiraate ammoo waltuffachuun hin barbaachisu jedhan.

    ''Tuffiin yoo eegalame dhaloonni haaraanis waliin tuffatama.''

    TPLF keessatti Taaddasee Warradee, Tsaadiqaan fi Dabratsiyoon qabsoon isaan taasisan baayyee walirraa hin faggaatu. Tuffatamuu hin qaban. Garuu akkuma dulloomaa deemtu bu'aa deemta, fudhatama dhabaa deemta. Kana amanuun barbaachisaadha,'' jedhan MM Abiy.

    ABO keessatti fakkeenyaaf ''anii fi Daawud Ibsaa ilaalchaan tokko miti. Garuu goota ta'uusaanii hin haalu. Waggoota 40 darbaniif osoo adda hin kutin uummata Oromoof qabsaa'aniiru. An gootummaasaanii nan amana, kan isaan waliin qabsaa'e garuu hin amanu,'' jedhan.

    Hunduu goota kan jedhan MM Abiy, walxiqqeessuurra walirraa barachuutu barbaachisaadha jedhan.

    Akkuma kana qabsaa'onni naannolee hundaayyuu kabajamuu qabu.

  7. Yuniversitiin AI 'Maddamar' Itoophiyaa fi Afrikaa keessaa kan dorgomaa hin qabne ta'a- MM Abiy

    MM Abiy Ahmad gaaffii dhimma barbootaa irratti miseensa paarlaamaa Dr Dassaaleny Caannee irraa ka'eef wayita deebii kennan ''mootummaan isaanii damee kamuu caalaa damee barnootaan milkaa'uu,'' ibsan.

    Hanga ammaatti oolmaa daa'immanii kuma 35 ijaaruun dhalootarratti xiyyeeffachuun hojjetaa jiraachuu kan dubbatan MM Abiy, manni barumsaa moodelaa sadarkaa lammaffaa 35 ta'u ijaaramuu ibsan.

    Manni barumsaa moodelaa sadarkaa lammaffaa- Model High School maallaqa kitaaba ida'amuu irraa argameen karaa waajjira Giifti Duree ijaarame jedhan.

    Dameen barnootaa rakkoo keessa galuu ilaalchisee yaada Dr Dassaaleny kaasaniif wayita deebii kennan, rakkoon jiraachuu amananis ''garuu rakkoo waggootaaf walirratti tuulame hunda yeroo gabaabaa keessatti furuun akka hin danda'amne, ibsan.

    Xiyyeeffannaan mootummaasaanii sadarkaa yuniversitiitti osoo hin taane sadarkaa gadii ta'uu kan ibsan MM Abiy, ''bu'uura irraa eegaluun daa'imman barnootaan qaraa guddisuurratti akka xiyyeeffatan, himan.

    Sadarkaa yuniversitiitti ammoo saayinsii fi teeknooloojiirratti xiyyeeffachuun baayyina caalaa qulqullinarratti akka hojjetan himan.

    Kanaaf akka jalqabbiitti Yuniversitii AI Maddamar jedhamu ijaaraa jiraachuu ibsan.

    Yuniversitiin kun yoo baayyate waggaa tokko booda akka xumuramu kan ibsan MM Abiy, wayita hojii eegalu ''yuniversitii qulqullinaan Itoophiyaa fi Afrikaa keessaa gita hin qabne ta'a,'' jedhan.

    ''Yuniversitii addunyaarratti hawwinu haala kanaan Itoophiyaatti argachuuf deemna.''

  8. Waa'ee haleellaa Arsiitti dhiyeenya raawwachuun lubbuu galaafatee MM Abiy maal jedhan?

    MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa ''ofii du'anii nu jiraachisan qeequun'' rakkoo guddaa tahuu himan.

    Magaala Finfinnee dabalatee Baahirdaarii fi Gondaritti boombii qabaa akka turan himan.

    Gondaritti barattoota walitti qabamanii TV ilaalaa turan irratti boombii darbatamee namni du'eera jedhan.

    Haleellaa Arsiitti raawwatamee lubbuu namootaa galaafate ilaalchisee, MM Abiy haleellichaan namoota 11 du'e jedhan.

    Arsiitti humna uummata tiksuu fi haleellaaf bahe gidduutti dhukaasni banamuu ibsan.

    Namoota 11 du'an keessaa saddet miseensota poolisii fi milishaa uummata tiksuuf bahan akka tahan himan.

    ''Aarsaa isaan kaffalan gadi buusuuf akkaataatti ibsamaa turan nama qaanessa. Amantaa waliin wal qabsiisuuf yaadamee ture. Garuu haleellicha keessa uummata oolchuuf jedhanii musiliiimonni du'aniiru'' jedhan.

    Yeroo filannoo eegumsa guddaa waan gooneef gandicha irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatan jedhan. Garuu qaama hidhate jedhan malee eenyu akka tahe hin ibsine.

    Namoota haleellicha keessatti lubbuu dhabaniif kabajatu mala jedhan.

    Haleellicha keessatti qooda fudhachuun namoonni shakkaman 22 ol to'annoo jala oolaniiru jedhan.

    Namoonni baay'een haleellicha hammeessanis to'atamuu himuun namoonni %90 qe'eerraa bu'anis deebi'aniiru jedhan.

  9. Qaama nageenya keenya booressuu kamiyyuu qolachuuf humna nu dandeessisu ijaarreerra- MM Abiy

    MM Abiy Ahmad waa'ee nageenya Itoophiyaarratti wayita yaada kennan, ''gama keenyaan waan nageenya Itoophiyaa booressu maddasaa waan beeknuuf haleellaa kamuu ofirraa qolachuuf dandeettii qabna,'' jedhan.

    Nageenyi Itoophiyaa qaamolee biyyattii keessa socho'an hundaaf walqixa faayidaa kenna jechuun hunduu nageenyaaf tumsuu akka qabu dhaaman.

    Mana maree kanaaf ibsuu kanan barbaadu ''qaama birmadummaa, tokkummaa fi walabummaa Itoophiyaa balaarra buusuuf deemu kamuu qolachuuf humna nu dandeessisu ijaarrannee akka jirruudha,'' jedhan.

    Garuu walitti bu'iinsa keessatti kan miidhamu hunda keenya waan ta'eef obsuu barbaachisa jedhan.

    ''Waggoota 5 fi 6 darban Itoophiyaan hin kuftu yaada jedhun deddeebi'ee dhiheessaa ture. Amma Itoophiyaa hin kuftu kan jedhu miti dhimmi ijoon, kan kufe kaasti kan jedhutti darbineerra.''

    ''Itoophiyaa kan rafe kaastu, kan osoo fedhii misoomuu qabanii mirgaa fi carraasaa dhabaniif carraa kennitee gara badhaadhinaatti geessitu uumneerra,'' jedhan.

  10. MM Abiy waa'ee hidhattootaa maal jedhan?

    Waggoota darban mootummaansaanii waltajjiiwwan marii kuma 4 mijeessuu fi waltajjiiwwan 225 ta'anirratti kutaalee hawaasaa adda addaa waliin walarguu kan ibsan MM Abiy Ahmad, keessattuu waltajjii marii biyyaalessaan walitti bu'iinsi hir'achuu danda'eera jedhan.

    Erga mariin biyyaalessaa eegalee walitti bu'iinsi sabootaa, amantii fi naannolee gidduu ture hir'atus garuu ammallee gama nageenya mirkaneessuun hojiiwwan hafan jiru jedhan.

    Keessattuu hidhattoonni kutaalee biyyattii addaa addaa keessa socho'an ammallee baandaawwaniin deeggaramaa jiru jedhan.

    MM Abiy Ahmad bara weearara Xaaliyaaniirraa eegalee ''baandaan nu keessa seene ammallee nu keessaa hin baane,'' jechuun ammallee qaamoleen alaa hidhattoota tumsaa jiraachuu dubbatan.

    Qaamolee baandaa jedhaniin kunneen garuu maqaa hin dhoofne.

    Hariiroon mootummaa fi uummataa cimaa wayita deemu sochiin hidhattootaas hir'ataa deema jedha.

    Garuu hidhattoonni guutummaatti ni badu jedhanii akka hin amannes kaasan.

    Nageenyi Itoophiyaa birqabaan yoo ilaalamu yeroo kamuu caalaa fooyya'eera jedhan.

    Sirnoonni fi qophiiwwan hedduun, akkasumas buufataalee 50 caalanitti wayita filannoon gaggeeffamu rakkoon hagas mara guddaa ta'e hin mul'anne.

    ''Kanarra darbanii hidhattoota kutaalee biyyattii keessa socho'an waliin walitti dhihaachuun mari'annee rakkoo furuuf ammoo tattaaffiin ni taasifama. Isinis akka kana deeggartan nan abdadha.''

    ''Marii dhugaa fi hunda hammate akka gaggeessinuuf irra deddeebiin mana maree kanatti affeereera,'' jedhan MM Abiy, hidhattoonni Naannoo Oromiyaa keessa socho'an hedduun mariidhaan karaa nagaan deebi'aa jiru jedhan.

    ''Obboloonni keenya hafanis karaama kanaan akka deebi'an barbaanna.''

  11. MM Abiy Ahimed waa'ee rakkoo naannoo Tigiraay dubbatan

    MM Abiy Ahimed gaaffilee miseensota Paarlaamaa irraa ka'aniif deebii kennaa jiru. Itoophiyaan hin kuftu. Warra kifan kaasti malee'' jedhan.

    Rakkoo nageenyaa naannoo Tigiraay qaamolee sadiin kan hammaate tahuu himan. Waraanaaf dargaggoota dirqamaan guuruun rakkoo hamaa naannicha keessaa tahuus eeran.

    Namoota siyaasaa TPLF, Eertiraa fi qaama alaa biraa jechuun rakkinichaaf warra sababa jedhan himan.

    Kaayyoo mataa isaanii waan hin qabneef ergama qaama biraatiin naannicha rakkoo keessa galchaa jiru jechuun himan.

    Tigiraay keessa uummata jiraaturra dhalattoota Tigiraay naannoo biraa keessa jiraatan, uummata Oromoo naannoo Oromiyaa jirurra Oromoo naannoo biraa keessa jiraatu, Amaara naannoo Amaaraa jiraaturra warra naannoo Oromiyaa fi kaan keessa jiraatantu nagaa qaba jedhan.

    Kanaaf ammoo itti gaafatama ka godhan naannoo Oromiyaa, Tigiraay fi Amaara keessa hidhachuun qabsootti jirra qaamolee jedhanidha.

  12. Filannoo darbe irratti %15 morkattoonni akka galaniif dhiisneef- Abiy Ahimed

    MM Abiy Ahimed filannoon biyyaalessaa darbe milkaa'aa tahuu himan.

    Haa tahu malee filannichi karaa nagaa akka hin gaggeeffamneef ''diinonni irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turan'' jedhan.

    Paartiin Badhaadhinaa filannoo darbe irratti taa'umsa %85 ol dorgomuu hin qabu jechuun kan hafe morkattootaaf dhiise jedhan.

    Morkattoonni %15 akka galaniif nutti haa hafu jennee morkattota keenya hin dhiyeesine jedhan.

    Waan akkanaa biyya Afrikaa kamiyyuu keessatti hin argamu jedhan.

    Marii biyyaalessaa irratti kan ilaalamu mootummaan aangoo irra jiru marsaa lama caalaa aangoo irra turuu hin qabu jennee dhiyeesineerra jedhan.

  13. Ashamaa! Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ministirri muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed gaaffilee miseensota Itoophiyaa irraa ka'eef deebii kennaa jiru.

    Qaala'insa jireenyaa, gaaffii hulaa galaanaa, bulchiinsa gaarii, bu'uuraalee misoomaa fi kaan irratti gaaffileen MM Abiyyiif dhiyaataniiru.

    Kufaatii barnoota irratti mul'ate akkamiin furama kan jedhus gaaffii biraati.

    Deebii MM isiniif dhiyeessina. Nu hordofaa.