FIFA'n lakkoofsa biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii gara 64tti guddisuuf karoora akka qabu ibse.
Gaggeessaan FIFA Jiyaanii Infaantiinoo dorgommiin kun kan addunyaa hundaa akka tahuuf lakkoofsa hirmaattotaa dabaluun barbaachisa jedhan.
Wixineen kun kan dhiyaate waggaa darbe ture. Garuu Infaantiinoon jalqaba milkaa'ina biyyoota 48 ilaalla jechuun tursiise.
''Yeroo Waancaa Addunyaa qopheessinu biyyoota hundaaf qopheessina. Awurooppaaf ykn Ameerikaa Kibbaaf qofa kan qophaa'u miti. Guutummaa addunyaaf akka tahuttidha. Biyyi kamiyyuu abjuu dorgommicha irratti hirmaachuu isaanii milkeessuu qabu'' jedhe.
"Akkuma argitan gahumsi gareewwan hirmaatanii olaanaadha. Addunyaa guutuu irratti dorgommiin taasisan baay'ee guddataa dhufeera.
Yoo biyyoonni xixiqqoon akka hirmaatan carraa hin kennamneef deeggarsa waan hin arganneef osoo hin guddatiin hafu jedhe Infaantiinoon.
Biyyoota Afrikaa 10 keessaa sagal gara sadarkaa mo'atanii darbuutti darbuun milkaa'ina tahuu kan hime Infaantiinoon kana dura biyyoota shan qofatu hirmaata ture jedhe.
Biyyoonni 48 dorgommii Ameerikaa, Kanaadaa fi Meksiikoon waliin tahuun qopheessan kana irratti hirmaataniiru.
Kunis akka milkaa'aa ture Infaantiinoon himaniiru.