Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karaalee shan maallaqa keessan ittiin bulchuu qabdan
Chaarlii Nuun hoji gaggeessaa olaanaa Baankii UK keessatti isa guddaa ta'e, Baankii Liyoodsi Giruuppiiti. Dhimma baasii, qusannaa fi liqii maamilootaa irrattis nama muuxannoo tuullaa qabani.
Maloota shan maallaqa keessan bulchuuf isin gargaaru jedhan akkasiin ibsu.
1.Qusannaa idileeffadhu
Akka Nuun jedhanitti, malli ijoon ittiin qusannaa cimsatan qusannaa idileeffachuudha. Kana jechuun qusannaa ji'a ji'aan ofii keessanii yaaddanii qusattan osoo hin taane si'a tokko ji'a ji'aan hanganan qusadha jettanii siistama baankii irratti guutuudha. Sanbooda ofumaan qusatama jechuudha.
"Maallaqa qabdan bakka qisaasuuf hin mijanne irra yoo oolchitan inni kuni karaa ittiin yaadama qusannaa ittiin jalqabdan isa salphaadha" jedhu.
Gama kaaniin ammoo galii argattan irraa idileedhaan gara herreega qusannaa kan galu qopheessuudha.
Nuun akka jedhanitti, wanti guddaan qusannaa xiqqaan eegaluu, dafanii eegaluu fi itti fufiinsan qusachuudha.
Galiin yeroo argamu baasiiwwan barbaachisan dura adda baasuun isa hafu qusadha yaada jedhu hin deeggaran.
Isa caalaa battaluma galiin argameen 'Hammana qusachuun qaba' jedhanii gara herreega qusannaatti dafanii galchuun filannoo gaariidha.
Qusannaadhaan alatti ammoo bajata yeroo balaa tasaa kaa'achuunis murteessaadha.
Fakkeenyaa konkolaataafaa suphisiisuuf ta'u mala. Hammami kan jedhu haala abbichaa irratti kan hundaa'u ta'ulleen, mindaa ji'a tokkoo hanga sadii ta'u kaa'uun filatamaa ta'uu gorsu.
2- Hariiroo manaa keessatti waa'ee maallaqaa mari'achuu
Nuun fi haati warraa isaa herreega baankii waliinii ta'e qabu. Kanaafuu galii fi baasii isaanii irratti iftoominatu jira.
Hariiroo kessatti balaa guddaa kan ta'u cimdiiwwan keessaa tokko nama maallaqa qisaasessu yoo ta'edha.
Ogeessa dinagdee kana ilaalchi maallaqa irratti qabu kan jijjiirame abbaa fi haatisaa erga bultii diiganii adda bahanii harmeen isaa ijoollee afur qofaa guddiste. Innis ijoollummaa irraa kaasee waa'ee baasii maallaqaa qalbiitti qabachaa guddate.
"Yeroo hunda waan maallaqa irratti baasnu sirritti yaadaa guddanne. Supparmaarkeetii keessatti meeshaalee gatii rakashaa fayyadamuu fi guyyaa ayyaana waggaa fi yeroo dabalataa qabnu hojii hojjennee galii argachuu qabnuu yaadaa guddanne" jedhu.
3- Ijoolleef maallaqa gephiitti qabatan kennaafii
Nuun akka jedhanitti, ijoolleen isaanii inni abbaa waan ta'eef gorsa homaatuu irraa hin fudhatan. Garuu gatii maallaqaa akka hubataniif nigargaara.
"Maallaqa kiishaa nikenninaaf. Bajata isaanii ofiin baasanii waan irra oolchan isaantu murteeffata" jedhu.
Ijoollee isaanii keessaa lama baasii baasuu jaalatu. Inni tokko ammoo uummamaan nama qusachuuu jaalatu. Kuni maamiloota baankii irrattis waan hubatamu.
Ijoolleen dargaggootaa dhimma maallaqaa irratti ittigaafatamummaa hin qaban jechuu miti. Wanti rakkoo ta'e amma odeeffannoo dogogorsiisaa miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifamudha.
Warra waliin dhooftota irraa karaan ittiin ofeegdu gaaffii gaafachuu fi qalbiidhaan waa ilaaluudha. Yoo waan karaa oonlaayinii akka kaffaltu gaafatamte irratti shakkii qabaatte raawwachuu dhiisuudha.
4- Bittaa osoo hin raawwiitiin dura qalbifadhu
Nuun akka jedhanitti, amma yaadoo guddaan karaa gabaa oonlaayinii waliin dhaha raawwatamaa jiru.
"Warri dargaggootaa teeknolojii irratti hubannoo gaarii qabaatanilleen ga'eessota caalaa rakkoo kanaaf baayyee saaxilamoodha" jedhu Nuun.
Wanti gochuu qabdu kaffaltii osoo hin raawwatin dura nama sana hanga dhumaatti amanuukee qalbifachuudha.
"Yoo shakki qabaatte malootni ittiin adda baafattuu fi gorsa argattu jiru. Yookan ammoo bilbilaan qulqulleeffachuudha" jedhan.
Baankiin Liloyid namootni karaa oonlaayinii bittaawwan akka tikeetii raawwataman dhugummaasaa suura bakka irratti galchanii mirkaneeffachuu danda'an qopheessee qaba.
"Malootni kuni waliin dhooftotni akka nun gowwoomsine gargaaruuf kan uumaman waan ta'eef isaanitti gorree adda baafachuu qabna" jedhu.
5- Warra dhiibbaa nurratti uuman irraa of Eeguu
Miidiyaan hawaasummaa waa'ee maallaqaa baruuf nugargaara. Garuu waa'een dhiibbaa uumtota dinagdee kan meeshaalee balaa qaban nutti erganii baayyee yaaddessaadha.
"Namootni kunneen beeksisoota kana hojjechuuf kanfalameefiiti. Kanaaf kaayyoon isaanii meeshaaleen suni akka gurguraman gochuudha malee maamilaaf mijataa moo miti kan jedhu miti" jedhan.
Namootni maallaqa gahaa hin arganne bittaawwan akkasii yoo raawwatan maallaqa isaanii dhabuu waan danda'aniif balaa akkasiii fudhachuu akka hin qabne gorsu.
Filannoo gaarii kan ta'u dursa waa'ee bittaa sanaa ittiyaaduu, balaa fi bu'aasaa madaaluu, filannoo adda addaa filatanii murteessuun gaariidha jedhu.