'Gaaffii gaafachuu barbaannu yeroo hin eeyyamnetu jira' - Miseensa Parlaamaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dr Kafanaa Ifaa waggoota shanan darban paartii biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu'un Miseensa Parlaamaa ta'un tajaajilaniiru.

Paarlaamaa miseensonni paartii biyya bulchu sadarkaa guutummaan guututti jedhamuun guutan keessatti hirmaannaan paartii mormituu baay'ee xiqqaadha.

Miseensonni paarlaamaa seenanis miseensota muraasarra kan hafe gaaffii rakkoo ummata biyyattiif furmaata ta'u qabu hin gaafatan jedhamuun qeeqamu.

Ministirri Muummee Abiy Ahimadis waan kana yeroo itti waan biraatti qabanii qeeqan ni jira.

Hayyuun qonnaa Godina Shawaa Lixaatii Parlaamaa seenan, Dr Kafanaan, ''nageenyarratti kaasaan ture'' jechuun himu.

Isaan miseensota filannoo marsaa 6ffaan parlaamaa seenan yoo ta'u turtiin isaaniins turban kana xumurameera.

Yeroo turtii isaanii ummataaf maal gumaachan, wanti isaan ajaa'ibe, qormaata ta'e yoo jiraate BBC'n gaafateera.

Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.

Waggoota shanan darban ''bara hojii guddaan itti hojjetamedha'' jechuun ibsu. ''Rakkooleen garagaraa yeroo itti nu quunnamee ture.''

Parlaamaan kuni yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti itti fufee jirutti parlaamaa seeneefi bakka buutonni Naannoo Tigraay hin jirretti turedha.

Sababa filannoon Boordii Filannoo Biyyaalessaan beekamtii qabu Naannoo Tigraay keessa hin taasifamneef bakka buutonni naannichaa parlaamaa hin jiran.

Bara parlaamaa turan Dr Kafanaan ''labsiiwwan adda addaa yerootti bahedha'' jechuun akka gaaritti kaasu.

''Waggaa shanan darbe keessatti yeroo hunda dhimma ka'u gubbaarratti nageenyaaf akka dursi kennamu'' gaafataa turuu himu.

Waggoota torban darban walitti bu'iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan labsiin parlaamaa 'Shanee' jedhee waamu cimeera.

Walitti bu'iinsa kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, hedduun qe'eerraa buqqa'aniiru.

Sochiin hidhattootaa naannoo Oromiyaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad keessaa dhufanitti cime jiruufi jireenya hawaasichaa balaarra buuseera.

Filannoo marsaa jahaffaa irratti paartileen mormituu Naannoo Oromiyaa keessa sosso'an kanneen akka ABO fi KFO ''dhiibamne'' jechuun filannoorra hin hirmaanne.

''Warra hidhatanii bosona jiran wajjiin mariin akka taasifamu kallattiidhaan MM wajjiin illee hanga dubbachuutti kan geenyedha.

''Kuni anaaf legaasii kiyya kaayee darbedha jedhee kanan yaadudha. Garuu, yeroo hunda gaaffiin nuti dhiheessinu akka nuti barbaannutti nu hin kennamu.

''Akka nuti barbaannutti argachuu (carraa gaafachuu) hin dandeenyu,'' jechuun ''kana caalaa hojjechuu dandeenya turre'' jechuun dubbatu.

''Akka gareettis akka dhuunfaatti hojiin guddaan hojjetamuu danda'a ture. Garuu, iddoo sana gubbaarratti rakkinni tokko tokko mul'achaati ture.

''Kuni, biyyaafis hin fayyadu, mummicha ministeera keenyaafis gaarii miti. Maaliifi? Iddo tokko tokko gubbaatti danqaan tureera,''jedhu

Danqaan kuni maali?

Qorannoo fardeen Quundhudhoo irratti taasisaniin maqaan isaanii guddatee kan ka'u Dr Kafanaan, akka fedhanitti gaafachuu akka hin dandeenye himu.

''Yeroo tokko tokko gaafachuudhaaf gaaffii dhiheessinu gaaffii keenya fudhataniito muummee ministeeraa akka gaafannu yeroo nuuf hin eeyyamamne jira,'' jechuun himan.

BBC'n dhimma kana gubbaatti Parlaamaa Itoophiyaa irraa waan odeeffate hin qabu.

Haa ta'u malee, dhimma kanarratti kana duras miseensonni komii dhiheessan turan.

Isaan parlaamaa keessatti gaaffiin ka'u ''faayidaa biyyaa'' dursa kennanii akka gaafatan dubbatu.

''Yeroo kana gubbaarratti yeroo nuti waliigaluu dadhabnuyyuu ni jira. Kana wajjiin kan walqabatedha malee akka guddaatti kan ilaalamu miti,'' jechuun BBC'tti himan.

Akka Dr Kafanaan jedhanitti, qajeelfamni bara 2006 fooyya'ee baheen gaaffii dura galchanii gaaffiin isaanii yoo filame yookiin kallattiin paralaamaa keessas gaafachuu danda'u.

Miseensonni paarlaamaa Oromiyaa irraa filaman sochii guddaa jedhameen mootummaan akkuma TPLF waliin mari'ate hidhattoota WBO waliinis akka taa'u gaafataa turan.

Sochiin isaanii gama tokkoon 'gumaatee' mootummaan hidhattoota WBO waliin marsaa lamaan Tanzaaniyaatti mari'achuu akka fakkeenyaatti eeru, Dr Kafanaan.

Dabalataa, hidhattooti WBO, Faannoo fi kaan ''karaa nagaa filatan''seenan sochii mootummaan taasise akka ta'e kaasu miseensi parlaamaa kuni.

Fedha ummataamoo fedha paartiif dursa kennitu?

Dura taa'aan KFO, Pirof. Mararaa Guddinaa ALI bara 1997 paartii mormituu bakka bu'uun miseensa paarlaamaa tahanii waggaa shaniif tajaajilaniiru. Waggoota dheeraaf ammoo siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaataa jiru.

Miseensi Paarlaamaa tokko sammuu [hilliinaa] isaa fi uummata bakka isa buufateef malee paartiif bitamuu hin qabu jedhu.

Akka isaaniitti addunyaarratti paarlaamaa sadarkaa sadiitu jira. Inni jalqabaa paarlaamaa jabaa yoo tahu, kun seera gaarii baasuu fi hojiirra oolchuuf humna qaba.

Kan lammataa paarlaamaa seera gaarii baasu garuu hojiirra oolchuuf humna hin qabnedha.

Kan sadaffaa ammooo warri faranjii kan 'Talking shop'' jettudha. Kun paarlaamaa seera gaariis hin baasne, isa baases hojiirra oolchuuf itti rakkaatuufi rakkoo ummataaf sagalee tahuu hin dandeenyedha jedhan.

''Paarlaamaa Itoophiyaa yoo ilaalle isa sadaffaa kanaan gadidha. Seera gaariis baasuu hin danda'u, raawwachiisuus hin danda'u. Dabalata rakkoo uummataallee sodaa tokko malee dubbatee hin bahu,'' jedhan.

Pirofeesar Mararaan rakkoon kun kan maddu biyyi tokko sirna dimokiraasii gaariidhaan buluu dhabuu irraati jechuun ibsu.

Keessummaa rakkoo nageenyaa bal'aa Oromiyaa keessa jiruufi teessuma caalmaa naannichi Paarlaamaa keessatti qabuun sagalee hedduufi jabaatu dhaga'amuun irra ture jedhu namoonni.

''Warruma biyya bulchutu murteessa, warri paarlaamaa keessaa sagalee sabaa tahuu hin danda'an. Warruma isaan filachiisetu isaan ajajuufi to'achuu danda'a'' jechuun qondaalli nama siyaasaa kuni himu.

Walgahii paarlamaa Itoophiyaa tibbana taa'ame irratti miseensi paarlaamaa bakka bu'ummaa magaalaa Finfinnee qaban tokko tokko yoo gaaffii dhiyeessan ''miira ukkaamamuutu natti dhagahame'' jedhanii ture.

Parlaamaa keessatti fedhii paartiif moo ummataaf dursa kennitu jenneen kan gaafanne Dr Kafanaa akkana jedhu:

''Ilaalchi paartii jiraachuu danda'a, fedhiin paartii jiraachuu danda'a. Fedhii paartii sana kan mormu osoo hin taane fedhiin paartii sunimmoo tokkummaa biyyaa, nageenya biyyaa wajjiniin jaalala biyyaa wajjiniin kan walqabate ta'uutu irra jira.

''Maaliifi boru paartiin biraa dhufee bakka kana qabachuu danda'a. Biyyi kuni garuu itti fufti'' jechuun fedhiin paartii kan egeree biyyaan akka walqabatu qabu himu.

Kunis, ta'u sababa gaaffii gaafataniif ''maaliif kana gaafatte jedheeto namni gaafates hin jiru, dhiibbaan narra gahees hin jiru.''

Labsiin parlaamaa Itoophiyaas miseensi 'tokkoffaa sammuu isaaf lammaffaa ummata bakka bu'eefi jedha' jechuun eera jedhu.

'Hanqina guddaadha'

Miseensonni mormituu paarlaamaa keessa dhibuun rakkoon ummataa, mufiin ummataa akka hin mul'anne godheera yaada jedhu itti amanu.

''Mormitoonni bal'inaan paarlaamaa bakka bu'oota ummataa kana keessaa dhabamuun hir'ina guddaadha jedheen fudhadha.''

Silaa osoo jiraate ''biyyaafis, parlaamaafis galtee ta'a,'' ture jechuun dubbatu.

Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa torbaffaa irratti paartileen mormituu akka seenan balbala banuun kanaafi jechuunis dubbatan.

Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa torbaffaa irratti taa'umsa %85 ol dorgomuu hin qabu jechuun kan hafe morkattootaaf dhiise jechuun Ministirri Muummee Abiy parlaamaa keessa dubbataniiru.

Morkattoonni %15 akka galaniif nutti haa hafu jennee morkattota keenya hin dhiyeesine jedhan.

Namoonni siyaasaa mormituu tokko tokko immoo durumaa parlaamaa seenuun faayidaa buusu hin qabu jechuun qeequ.

Dr Kafanaan kanaan wal hin galan. ''Fedhii biyyaa, fedhii ummataa, rakkina ummataa, kaasuuf'' carraa akka kennu dubbatu.

''Biyyi kana [parlaamaa] hin qabne biyya hin jedhamtu.''

Ummata Aanaa Dandii mormii ummataa bulchiinsa Ministira Muummee Abiy aangootti fide ka'umsa ta'e bakka bu'uun ''yeroo hunda nagammachiisa'' jedhu Dr Kafanaan.

Filannoo marsaa torbaffaa irratti garuu deebi'anii hin dorgomne. Sababni maali?

Dr Kafanaan ''Fedhii paartii'' irraa kan ka'e akka ta'e akeekaniiru.

''Yeroo hunda yaada cimaa ta'e parlaamaa keessatti kaaftu tarii nama hunda gammachiisuu dhiisuu dandeessa.

''Kanaan ala sababa kana jedheeti sababni kaasu hin jiru.

''Fedhii ummataa nan beeka, fedhii paartii nan beeka. Garuu kana jedheeto miidiyaa gubbaarratti dubbachuun barbaachisaa miti.''