Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan Iraaniin otoo haleeltuu Ulaan Hormuuz banamuu qaba jetti
Ameerikaan otoo haleellaa akka haaraatti Iraan irratti raawwattuu Ulaan Hormuuz akka banamu watwaataa jirti. Iraan ammoo karaa bishaanii kana akkuma cuftetti jirti.
Lolli torbee darbe akka haaraatti eegale hamma Sambata darbetti qiyyafannoowwan 140 haleeleera. Haleellaan kan raawwate humnooti Iraan doonii eeyyma malee Ulaa Hormuuz keessa darbaa ture dhahuun booda dha.
Iraan ulaa kana fayyadamuun olaanuttaa agarsiisuuf yaalaa jirti. Gaafa Dilbataa hamma odeeffannoon dabalataa kennamutti ulaan kuni cufamuu beeksifte.
Warraaqsi Islaamaa Iraan buufataalee Ameerikaa irratti Dilbata kaleessaa haleellaa cimaa raawwataa kan ture yoo tahu kunisa lola hammeesseera.
Buufataalee Ameerikaa Jordaan, UAE, Qataar, Kuweet, Omaaniifi Baahireen keessa jiran haleellee misaayelaafi diroonii qolachuu himan.
Qataar biyyi jaarsummaa dhukaasa dhaabuu turte Ebla darberraa qabee haleelamtee hin beektu ture. UAE'nis akkasuma Caamsaa as kuni kan jalqabaati.
Ajajni Gidduugalaa Ameerikaa haleellaan marsaa haaraa Iraan irratti raawwachuu jalqabuu Dilbata galgala beeksiseera. ''dooniwwan idileefi daldalaa Ulaa Hormuuz keessa nagaan akka darban humna isaanii dadhabsiisuu itti fufneerra,'' jedhe.
Maddi Oduu Iraan gaafa Dilbataa diinni Odola Qeshim jedhamutti haleellaa rawwateera. Odolli kuni biyyoota Galoo-galaanaa keessatti akkaan murteessaa dha.
Wal haleeluun akka haaraatti jalqabe kuni dhukaasa dhaabuu yeroo baatii darbe waliigalameefi Ulaa Hormuuz banuun waraana guutummaan dhaaba jedhame rakkoorra buuseera.
Jalqaba torbee kanaa Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp haleellaa jalqabuun yeroon dhukaasa dhaabuu xumuramuu agarsiisa jedha. Ministarri Hajaa Alaa Ameerikaa Abbaas Araachii Ameerikaan seera idil addunyaa cabsite jedhan.
Haa tahu malee mariin akka itti fufeefi mariisiftoonni adeemsa akka haaraatti jalqabuuf akka jiran himan.
Miidiyaaleen US akka gabaasanitti qondaaloti Iraan haleellaan jalqaba torbee kanaa raawwate dogoggora akka tahe ibsan, garee keessaoo komataniiru.
Ajajni Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa Iraan doonii Saayippiras haleeltee imala itti fufuu hin dandeenye.
Dabaluunis miseensi tuuta doonii MV GFS Galaxy achi buuteesnaa hin baramne jedhe
''Iraan doonii daldalaa haleeluun gaafatamuun booda Waliigaltee Wal-hubannoorraa akka hin gorre carraan biraa kennameefi ture.'' jdhe Ajajni Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa ergaa X irratti barreesseen.
Buufataalee misaayelaafi diroonii dabalatee Ameerikaan qiyyaafannoowwan waraanaa Iraan 140 haleeluu dhaabichi himeera.
Hogganaan Waajira Waraanaa Ameerikaa Piit Hegseez, ''Iraan filannoo gaarii hin tolchine. Amma isaaf kaffalu,'' jedhe.