Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsa Moyyaaleetti mudaterratti hanga amma kan beeknu
Walitti bu'iinsa daangaan walqabatee tibbana magaalaa Moyyaaleetti mudateen shamarreen tokko ajjeefamuu fi taatee kana hordofees mormiin magaalattii keessatti gaggeeffamuu aanga'oonni magaalaatti BBCtti himan.
Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaa Korophichaa, "walitti bu'insi uumame kun kan hin malledha" kan jedhan Obbo Galmaan, humnoota nageenyaa gama naannoo Somaalee himatan.
Himannaa kanaa ilaalchisee BBCn kantiibaa magaalaa Moyyaalee gama naannoo Somaalee dubbisuudhaaf yaalii godhus 'sababa walga'iirran jira' jedhuun hanga oduun kun qindaa'etti deebii argachuu hin dandeenye.
Kantiibaan magaalaa Moyyaalee gama Oromiyaa Obbo Galmaan, ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti kan uumame ta'uu dubbatan.
Obbo Galmaan shamarreen alaabaa naannoo Somaalee "seeraan ala Moyyaalee daangaa Oromiyaa keessa dhaabame waan mormiteen lubbuu dhabde," jedhan.
Sababa walitti bu'iinsa dhalate kanaa fi mormii itti anee ka'een sochiin daldalaa fi geejjibaa magaalaa Moyyaalee addaan cite turuus BBCn odeeffateera.
Hokkara dhalate kana hordofees Obbo Galmaa, "yaaliin ajjeechaa humnoota nageenyaa Somaaleetiin narratti yaalameera," jechuun himataniiru. BBCn himannaa kana garuu addatti qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.
Obbo Galmaan ka'umsa walitti bu'iinsa kanaa yoo ibsanitti akkas jedhan: "Daangaa darbuu daangaa keenya keessatti, bakka mana tajaajilaa baandiraa [alaabaa] dhaaban. Alaabaa kanaaf kabaja qabna, alaabaa naannoo Somaaleeti; alaabaa Itoophiyaa keessa jiru keessaa tokkoofi kan jaallanudha; ni kabanyas, garuu alaabaan kun bakka hin malle dhaabate jennee itti himne."
Bakka sanarra falmiin daangaa jiraachuu yaadachiisuullee kan dubbatan Obbo Galmaa, "mootummaa fi paartiin hanga irratti waliigalee murtee argatuttu rakkoon kun uumamuu hin qabu," jedhanii kadhachuu dubbatan.
Shamarreen ajjeefamte jedhame attamiin lubbuun ishee akka darbe Obbo Galmaan akka itti aanu kanaan BBCtti himan.
"Gaafa alaabaan kun ol ba'u, dubreen amma duute kan dhaloonni ishee ijoollee Booranaa taate, dhuftee alaabaan kun ol ba'uu hin qabu jettee gaafa buuftu achumatti jarri 'xiyyiitiidhaan' dhahe. Isheen ni wareegamtee, achiin booda fuudhanii mana hakiimii geessanii reeffa guyyaa afur bulchan. Reeffa kana irratti haadha itti godhanii, abbaa itti godhanii keenya jedhanii falman. [Haata'u malee], hospitaala keessatti gaafa qulqulleessan intalli kan Booranaa taate."
Itti dabaluunis, "Jaarsi biyyaa kan Booranaa, kan Somaalee, akkasumas kan Garriis waan turaniif, hundi isaanii ilaalanii mucayyoon maatiin ishee Boorana ta'uu waan murteessaniif gara isaaniitti akka deebisaniif murteessaniillee 'awwalleerra' jechuun didan," jedhan Obbo Galmaan.
'Yaalii ajjeechaa ...'
Guyyaa rakkoon kun uumametti nageenya boora'e hordofee mormiin erga dhalateen booda gara waaree booda haalli magaalaan itti jiru ilaaluuf wayita bahetti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamuu kan himu Obbo galmaan, waan isa mudateen booda gara manaatti galuu dubbate.
"Magaalaa keenya keessatti alaabaa dhaabates ilaalee... ammaan booda gara nagaatti deebisuu qabna jedhee yeroo ani magaala keessa socho'uu jalqabukonkolaataa kiyyarratti gochi akkasii raawwatame. Ani bakkan taa'uun konkolaataan rukkutame, anarra wanti tokkoyyu anarra hin geenye nagaadhaanan bahe, konkolaataan baayyee caccabe. Galata Waaqayyoo ani nagaan bahee jira."
Himannaa kanaa ilaalchisee deebii gama naannoo Somaaleetiin jiru argachuudhaaf kantiibaa magaalaa Moyyaalee gama naannoo Somaaleen jiru argachuudhaaf bilbilaan qunnamuuf irra deeddeebiin BBCn yaalii godhus, sababa walga'iirran jira jedhuun hanga oduun kun qindaa'etti argachuu hin dandeenye.
Miidhaan biraa namoota nagaarra gahe ykn qabeenya manca'e yoo jiraateef jecha BBCn Obbo Galmaa gaafateera. Yaalii ajjeechaa isarratti raawwatame hordofee gara manaatti waan galeef isaan booda maaltu akka raawwate akka quba hin qabne dubbate.
Kana malees, naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduu daangaan adda bahee beekame ykn daanga'ee namni beeku hin jiruu? gaaffii jedhu kan dhiyaateef Obbo Galmaan, adda bahee akka hin beekamiin ibseera.
"Hin jiru, hanga ammaa wanti murtaa'ee ummannis, mootummaanis beeku hin jiru. Seenessaan ala daangaan dhugaadhaan sararame tokkoyyu hin jiru, Ummanni kun lamaanuu biyyuma tokkorra jiraata, walumaanis dhalate."
Yeroo BBCn isa dubbisu kantiibaan kun achi akka hin jirre kan hime yoo ta'u, haala magaalattiin itti jirtu beekuu baatus alaabaan sun garuu achii ka'uu isaa dhaga'uu eereera.
Haata'u malee, bulchaan aanaa Moyyaalee Obbo Galmaa Haroo haalli amma magaalattii keessa jiru tsgabbaa'ee sochiin daldalaa fi tajaajilli geejjibaa bakkatti deebiyuu himuun, bakka Oromiyaan bulchaa jirutti naannoo Somalee irraa ce'anii alaabaa dhaabuu isaaniitiin akka ta'e ibseera.
Magaalaa Moyyaalee fi naannawaasheetti rakkoon nageenyaa sababa daangaa naannolee lamaan - Oromiyaa fi Somaalee gidduu jiruun uumamuun kun kan jalqabaa miti.
Kanaan duras yeroo gara garaatti walitti bu'iinsi uumamaa tureen magaalattiirraa nagaan yeroo itti fagaatee ture gabaafameera.
Rakkoon kun kan baroota dheeraaf furmaata osoo argachuu malanii awwaalamanii turanitu hanga ammaatti qaawwa nageenyaa uumaa jiraachuu dubbatu jiraattonni kanaan dura BBCn dubbise.
'Jiraattonni gara Keeniyaatti baqataa jiru'
Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaleetti mudateen jiraattonni magaalattii gara Keeniyaatti baqataa jiraachuu mootummaan Keeniyaa beeksise.
Komishinara Kaawuntii Marsabeet kan ta'an Istaanleey Kamaandee akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa walitti bu'iinsicha baqachuun gara Keeniyaatti baqataa jiru.
Daa'immaniifi ijoollee dabalatee namoonni walitti bu'iinsa Moyaaletti mudate baqachuu kan himan Komishinarri Marsabeet, lakkoofsa lammiilee Itoophiyaa gara Keeniyaatti baqanii hin ibsine.
Sababa walitti bu'iinsa mudate kanaan imalli geejjibaa, daldalliifi tajaajilliwwan garaa garaas danqamuutu himame.
Jiraattoonni magaalaa Moyaalee irraa BBCn dubbise akka jedhanitti, walitti bu'iinsa mudateen yoo xiqqaate namoonni torba du'uu himu. Sochiin daldalaafi idilees akka hin jirre kan himan jiraattonni, humnoota nageenyaa gama Oromiyaafi naannoo Somaalee gidduutti walitti dhukaasuun itti fufuu himan.
Lakkoofsa namoota du'anii BBCn addatti qaama walabaa irraa hin mirkaneeffanne.