Waa'ee Saadaam Huseen wantoota ajaa'ibsiisoo shan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Gaggeessitoonni abbaa irree jedhaman humnaan biyya bulchuun alatti yeroo baay'ee amala adda isaan godhu hin dhaban.

Addunyaarratti gaggeessitoonni akka Adoolf Hitlar, Jooseef Istaaliin, Benitoo Musoloonii, Firaansiiskoo Firaankoofi Muhaammar Gadaafii fa'aa abbootii irree roorriisoofi biyyasaanii "dhiitanii bulchuun" alatti addunyaa biroo irrattuu dhiibbaa guddaa fidaniidha.

Gaggeessitoonni kunneen hunduu jechuun waan adda isaan godhu qabu.

Gaggeessaa Iraaq kan tureefi osoo Ameerikaadhaan qabamee hin ajjeefamin dura addunyaarratti maqaansaa beekamaa kan ture Saadaam Huseenis akkuma gaggeessitoota abbaa irree beekamoo kaanii wantoota adda isa godhan qaba.

Qabxiileen shan waa'ee gaggeessaa duraanii Iraaq Saadaam Huseen kunooti.

1. Badhaafamaa UNESCO

Saadaam Huseen bara 1968 hanga 1979tti itti aanaa pirezidaantii Paartii Baaz ture. Yeroo sanatti Iraaq keessatti hojiiwwan hawaasa biyyattii jijjiiran heddu akka hojjatetu himama.

Keessumaa sirna barnootaa Iraaq keessatti jijjiiramni guddaan akka dhufu gochuun sadarkaa idiladdunyaatti badhaafameera.

Manneen barnootaa guutummaa biyyattii bakka barnoonni hin geenyetti akka ijaaraman gochuun alatti lammiileen biyyattii barnoota dirqamaan akka hordofan gochuuf malli inni fayyadame ammoo bu'aa argamsiise.

Namni barnoota hin hordofne kamuu hidhaa waggaa sadiin akka adabamu labsii baasuunsaa ammoo barnoonni akka babal'atuuf bu'aa guddaa akka buusetu amanama.

Baruumsa babal'isuun alatti, hospitaalota, daandiifi tajaajilawwan bu'uuraa biyyattii keessatti babal'isuu keessatti Saadaam Huseen gahee guddaa bahateera.

Keessumaa Iraaq keessatti barnoota babal'isuun wallaalummaa hambisuu irratti shoora bahateef UNESCO irraa beekamtii idiladdunyaa argateera.

2. Joorj W. Buush waliin TV irratti dhiyaatee falmii gaggeessuu akka barbaadu ibsee ture

Ameerikaan bara 2003 Iraaq osoo hin weerarin dura weerara US hambisuu akka barbaadu Saadaam ibsee ture.

Kanas ammoo kallattiidhaan Pirezidaantii Ameerikaa yeroo sanaa Joorji W.Buush waliin TV irratti kallattiin dhiyaatee falmii gaggeessuuf qophii ta'uu dubbattee ture.

Saadaam Huseen pirezidaantii Ameerikaa waliin kallattiin TV irratti dhiyaatee falmii gaggeessuu akka barbaadu kan ibse af-gaaffii miidiyaa US kan ta'e CBS News waliin sa'aatii sadi kan ta'uuf taasiseen ture.

"Pirezidaanticha [Joorji W. Buush] waliin kallattiin dubbachuuf akkasumas mariiyachuuf ani qophiidha," jedhee ture.

Dubbii Saadaam kana booda Waayit Haawus ibsa kenneen, Saadaam marii akka barbaadu dubbatus, guyyaa ittaanu ammoo yaada isaa waan jijjiiruuf isa amanuun rakkisaa akka ta'e beeksise.

Saadaam Huseen kallattiin TV irratti dhiyaatee Pirezidaant Joorji W. Buush waliin mariyatee weerara US hambisuu akka barbaadu ibsus, weerarri Iraaq hin hafne.

Ameerikaan loltoota bobbaastee Iraaq erga qabattee booda, Saadaam Huseen hidhuun boodarra murtee du'aa itti muramee ajjeefame.

3. Lammiilee Ameerikaa mana hin qabneef mallaqa erguuf waadaa gale

Saadaam Huseen lammiilee Ameerikaatiif mallaqa erguuf waadaa galeefii gture.

Kunis lammiilee Ameerikaa mana hin qabneefi haala jireenyaa rakkisaa keessa jiraataniif akka qoodamuuf ture.

Hangi maallaqaa mootummaan Iraaq Saadaam Huseenin hogganamu gara UStti erguuf waadaa gale ammoo dolaara miliyeena 94 ta'uu ragaaleen ni agarsiisu.

Saadaam Huseen maallaqa deeggarsa lammiilee Ameerikaa mana hin qabneefi harka qalleeyiif oolu jechuun erguuf waadaa kan gale Pirezidaant W. Buush osoo aangoo hin qabatin dura ture.

Haa ta'u malee waadaan Saadaam Huseen lammiilee Ameerikaa harka qalleeyyiif gale sun hin milkaa'in hafe.

US Iraaq weeraruun mootummaa Saadaam Huseen kuffisuun mootummaa biraa bakka hundeessitee isa mmoo hidhaa buuste.

4. Quraanni dhiiga Saadaamiin barraa'e

Saadaam Huseen yeroo gaggeessaa Iraaq turetti Quraanni dhiigasaan akka barraa'u godhee ture.

Kunis turtii waggaa lamaa keessatti barraa'ee akka xumurame ragaan The Gurdian kan ibsu.

Turtii waggaa lamaa keessatti Saadaam yeroo yeroon narsootafi namoota dhiiga isaan Quraana akka barreessan godhaman waliin taa'ee dhiiga gumaacha ture.

Quraana dhiigasaan barreessuuf dhiiga liitira 27 akka gumaache ragaaleen ni agarsiisu.

Saadaam Quraana dhiigasaan akka barreessuuf nama Abbaas Shakiir Juudii jedhamu kan itti ramade yoo ta'u, namni kun dhiiga Saadaam fayyadamuun boqota ykn aayaa 6,000 yoo barreessu, walumaa galatti jechoota 336,000 barreesse jedhama.

US Baagidaad qabattee mootummaan Saadaam kufuu booda Quraanni dhiiga Saadaam Huseenin barraa'e bakka namoonni arganii akka fuudhamu godhamee ture.

5. Saadaam abjuu seera barachuu qabu milkeesse

Saadaam Huseen nama daa'imummaa kaasee abbaa malee guddateedha.

Abbaansaa daa'imummaatti maatiisaa dhiisee baduurraa kan ka'e haatisaa qophaa isa guddiste.

Jireenyasaa keessatti Saadaam akka fakkeenyatti ilaalaa kan guddate eessuma isaa ture.

Abbaa malee guddaachuu qofa osoo hin taane, obboleessi isaa quxisuun dhibee kaansariin jalaa du'e.

Haatisaa isa guddisuu waan dadhabdeef Saadaam eessuma isaa nama siyaasaa ta'eefi magaalaa Baagdaad bira deemee akka jiraatuuf isa ergite.

Ergasii Saadaam gara Masirii deemuun seera barate. Baruumsa isaa erga fixeen booda bara 1963, gara Baagidaaditti deebi'uun siyaasatti hirmaachuu eegale.

Boodas gaggeessaa paartii Baaz ta'uurraa ka'uun Pirezidaantii Iraaqifi namoota falmisiisoo addunyaa ta'an keessaa tokko ta'uutti gahe.