Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaletti mudateen jiraattonni gara Keeniyaatti baqataa jiru jedhame

Komishinara Kaawuntii Marsabeet kan ta'an Istaanleey Kamaandee akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa walitti bu'iinsicha baqachuun gara Keeniyaatti baqataa jiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan dooniiwwan boba'aa fe'an torba osoo Ulaa Hormuuz keessa darbuuf yaalanii haleelamuu beeksiste

    Iraan dooniiwwan torba halkan osoo Ulaa Hormuuz keessa darbaa jiranii dhootuun ykn fanjiin rukkutamanii abiddi itti qabachuu beeksisteetti.

    Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraanitti humni galaanaa gaafa Kamisaa Galoo Galaanaa Faares gama Kaabaa keessatti dooniiwwan daddabarsa seeraan alaa boba'aa irratti hirmaatan afur hordoffiin erga irratti taasifameen booda rukkutamanii abiddi itti qabateera jechuun ibse.

    Itti dabaluun, dooniiwwan dabalataa sadii Ulaa Hormuuz gama Lixaan fanjiitiin rukkutamanii abiddi itti qabateera jedheera.

    Eegduun Warraaqsaa kun yeroo itti aanutti tutuqqaan kan jiru yoo ta'e buufatawwan waraanaa qaxnaa sana keessa jirurratti tarkaanfii deebii kannuu baayyee bal'aa ta'e akka fudhatus akeekkachiiseera.

    Tarkaanfiin Teehran kun qaxanaa sana keessatti waraanni deebiyee ka'a sodaan jedhu yeroo cimaa jirutti kan raawwatamedha.

    Filannoon Israa'elitti gaggeeffamu, akkasumas filannoon bara walakkeessaa Ameerikaatti taasifamuun yeroo torban muraasni hafee jiru kanatti haleellaan Iraan kun gatii boba'aa irratti daballii guddaa uuma jedhamee sodaatameera.

    Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan irratti raawwatan irra deebiin ni jalqabu sodaan jedhus akkaan dabaleera.

    "Netaaniyaahuun Iraaniin haleeluu barbaada, kun waan wal nama gaafachiisu miti," jechuun dhaabbata Nageenya Biyyaalessaa Israa'elitti qorataa kan ta'e Daanii Siitiriinoowiich Assoosheetid Pireesitti dubbateera.

    Qorataan kun kanaa duras dhaabbata waraanaa fi basaasaa Israa'el keessatti ogeessa dhimma Iraan ta'uun kan tajaajiledha.

    Israa'el osoo tarsiimooshee hin fooyyeessiin Iraan waliin gara walitti bu'iinsa biraatti seenuuf ariifachaa jirti jechuun yaada isaa kenneera qorataan kun.

    Filannoo guyyoota shan booda gaafa Onkoloolessa 27 gaggeeffamuun Netaaniyaahuun ifatti mo'atee jennaan carraa inni haleellaa gaggeessuu baayyee ol aanaadha ykn waan mirkanaa'aadha jechuun ni danda'ama jechuun yaada isee dhiyeessa Daaniin.

  2. Ilhaan Omaar erga maannishee sakatta'amee gadhiistee ba'uuf akka dirqamte dubbatte

    Miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa Ameerikaa kan taate Ilhaan Omaar torban darbe erga qaamoleen nageenyaa manashee sakatta'aniin booda, sakatta'iinsi taasifame kun teessoo ishee kanneen biroof kan saaxile ta'uu danda'a yaaddoo jedhuun mana jireenyaashee Waashingiten keessa jiraachuu akka hin dandeenye dubbatte.

    Ilhaan Omaar erga mannishee qaamoleen nageenyaa federaalaatiin sakatta'amee booda gaaffiifi deebii yeroo jalqabaaf kenniteen, "doorsisne ajjeechaa anarra ga'aa jiran akuuma jirutti ta'ee, anii fi ijoolleen koo mana sana keessa jiraachuun kanaan booda amansiisaa miti," jette.

    Ilhaan Omaar miidiyaan biyya keessaa MSN Now jedhamutti hojjetoonni nageenya biyya keessaa bilbilootashee dabalatee dabtaroota yaadannoo fi meeshaaleen baayyee maqaa qorannoof jedhuun fudhachuu dubbatti.

    Mootummaan Ilhaan Omaar yakka maaliin akka shakkamte dubbachuu baatullee sakatta'insi kan taasifame "qorannoo yakkaa federaalaa waliin kan walqabate" ta'uu ibseera.

    Ilhaan mannishee osoo hin sakatta'amiin dura bara 2020 lammummaa Ameerikaa argatte dabalatee gaaffileen baayyeen irratti ka'aniiru.

    Adeemsa qorannichaa keessatti, miseensota maatii Ilhaan Omaar irratti waamichi mana murtii 12 ol ta'u irratti ba'eera.

    Akka gabaasaaleen agarsiisanitti taanaan, kompiitaroonnishee dhuunfaa, akkasumas paaspoortiin ishee qabeenyaashee qabaman keessatti argamu.

    Ilhaan sakatta'insa mana isheerratti gaggeeffame sa'aatiiwwaniif ture ilaalchisee yaada MSN Now jedhamuuf kenniteen, "kun dhugaadhumatti hunda keenya naasiseera," jette.

    Ilhaan miseensonni nageenyaa ishee fi abbaan warraashee irribarra osoo jirani "karra keenya raabaniiru" jechuun haala sakatta'insi kun itti taasifame ibsiteetti.

    "Iyyaa turre," kan jette Ilhaan, dhisaa fi niitiin kun kutaa ciisichaa isaaniitii gara karraatti fiigaa bahanii banuu isaanii haalichi " baayyee kan namaaf hin galle" akka ture ibsiteetti.

    Ilhaan Omaar miseensonni nageenyaa 15 hanga 25 ta'an man ishee marsuu himuun, ajaja mana murtii qabataniiru yoo ta'eef jecha gaafattee jennaan agarsiisuu isaaniillee dabaltee himteetti.

    Yeroo miseensonni nageenyaa sakatta'aa turan soofaarra teessee ilaalaa akka turte kan ibsite Ilhaan, sakatta'insa sa'aatii shan fudhate gaggeeffamuus dubbatteetti.

    BBCn Biiroo Haqaa Ameerikaa dubbisuuf gaafatullee gara biiroo nageenya biyya keessaatti qajeelfameera.

    Mootummaan karaan ittiin qorannoo kana taasise kan qeeqameef Ilhaan Omaariin doorsisuuf yaadamee akka ta'e ibsiteetti.

  3. Moyyaaleetti taateen lubbuu shamarree galaafate, kantiibaa yaalii ajjeechaaf saaxile maali?

    Walitti bu'iinsa daangaa waliin walqabatee tibbana godina Kibba Oromiyaa, magaalaa Moyyaaleetti humnoota nageenyaa gama daangaa Oromiyaa fi Somaaleerraan jiran gidduutti mudateen shamarreen tokko ajjeefamuu fi taatee kana hordofees mormiin magaalattii keessatti gaggeeffamuu aanga'oonni magaalaa Moyyaalee BBCtti himan.

    Shamarreen maqaan ishee Diqqoo Jaatanii jedhamtuu fi umuriin ishee waggaa 13 ta'e Onkoloolessa 18, 2026 ''alaabaa naannoo Somaalee seeraan ala Moyyaalee daangaa Oromiyaa keessa dhaabame'' jedhame mormuun lubbuushee akka dhabde namoonni miidiyaa hawaasaarratti barreessaafi qoqqoodaniiru.

    Kana hordofees mormiin ummataa Moyyaalee dabalatee magaalaa biroo keessatti ka'eera.

    Sababa walitti bu'iinsa dhalate kanaa fi mormii itti anee ka'een sochiin daldalaa fi geejjibaa magaalaa Moyyaalee addaan citee turuus BBCn odeeffateera.

  4. Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaletti mudateen jiraattonni gara Keeniyaatti baqataa jiru

    Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaleetti mudateen jiraattonni magaalattii gara Keeniyaatti baqataa jiraachuu mootummaan Keeniyaa beeksise.

    Komishinara Kaawuntii Marsabeet kan ta'an Istaanleey Kamaandee akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa walitti bu'iinsicha baqachuun gara Keeniyaatti baqataa jiru.

    Daa'immaniifi ijoollee dabalatee namoonni walitti bu'iinsa Moyaaletti mudate baqachuu kan himan Komishinarri Marsabeet, lakkoofsa lammiilee Itoophiyaa gara Keeniyaatti baqanii hin ibsine.

    Sababa walitti bu'iinsa mudate kanaan imalli geejjibaa, daldalliifi tajaajilliwwan garaa garaas danqamuutu himame.

    Jiraattoonni magaalaa Moyaalee irraa BBCn dubbise akka jedhanitti, walitti bu'iinsa mudateen yoo xiqqaate namoonni torba du'uu himu. Sochiin daldalaafi idilees akka hin jirre kan himan jiraattonni, humnoota nageenyaa gama Oromiyaafi naannoo Somaalee gidduutti walitti dhukaasuun itti fufuu himan.

    Lakkoofsa namoota du'anii BBCn addatti qaama walabaa irraa hin mirkaneeffanne.

    Sababi walitti bu'iinsa kanaa humnoonni mootummaa naannoo Somaalee daangaa Oromiyaatti cehuun alaabaa naannoosaanii dhaabuu akka ta'e BBCtti himan Kantiibaan magaalaa Moyaalee Obbo Galma Korophichaa.

    Gochaa humnoota naannoo Somaalee mormuun wal-qabatee gaafa Onkoloolessa 18, 2026 shamarreen maqaan ishee Diqqoo Jaatanii jedhamtuu fi umuriin ishee waggaa 13 taate ajjeefamuu kan himan Obbo Galmaan, isaanirrattis yaaliin ajjeechaa gaggeeffamuu BBCtti himan.

    ''Walitti bu'insa hin malle jarumati uume jechuun humnoota nageenyaa gama daangaa naannoo Somaaleen jiran,'' kan himate Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaan, ''ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti walitti bu'iinsa uumame ta'uu,'' eera.

    Dabaluunins, "Daangaa kabajuu dhabanii darbanii daangaa keenya keessatti, bakka mana tajaajilaatti baandiraa [alaabaa] dhaaban. Alaabaa kanaaf kabaja qabna, alaabaa naannoo Somaaleeti; alaabaa Itoophiyaa keessa jiru keessaa tokkoofi kan jaallannudha. Ni kabanyas, garuu alaabaan kun bakka hin malle dhaabate jennee itti himne," jedhan Obbo Galmaan.

  5. 'Biyyi Afrikaa yaaddoo balaa Iboolaarraa bilisa tahe hin jiru' - Wiirtuu To'annoo Dhukkubaa Afrikaa

    Wiirtuun To'annoofi Ittisa Dhukkubaa Afrikaa (Africa CDC) biyyi Afrikaa yaaddoo dhibee Iboolaarraa bilisa tahe hin jiru jedhe. Naayijeeriyaan waggaa kudhan booda nama dhukkuba Iboolaan qabame jalqabaa mirkaneessiteetti.

    Hogganaan Olaanaa Africa CDC Jiin Kaaseeyaa dhibeen kuni Naayijeeriyaatti argamuun biyyooti Afrikaa kaan dhibee kanaaf deebii kennuuf qophaa'uu qabu, iddoon jiran lafa iboolaan argamerraa fagoo tahus jedhaniiru.

    ''Yeroo ammaa kanatti namni bilisa tahu hin jiraatu. Kanaaf, waloomnee dhukkuba kana to'achuuf qophaa'u qabna. Kana garaa koorraan dubbadha,'' jedhan Kaaseeyaan.

    Naayijeeriyaa iddoo iboolaan argame Dimookiraatawaa Riippaabliika Koongoo irraa fagaatteettee jiraattus garuu amma dhukkubni kuni achitts argameera jedhan.

    Ogeessi kun balaan kuni iddoowwan Afrikaa baayyee qaqqabuu akka danda'u akeekkachiisaniiru. Kanaaf, biyyooti kallattii hundaan akka waldubbisaa hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

    Naayijeeriyaan nama dhukkuba Iboolaan qabame jalqabaa Onkololeessa 20 mirkaneessite. Saamudni dubartii jalqabaa poostiiv taanaan namoonni 44 biroo ishee waliin tuttuqqaa qabu jedhaman adda baafamanii jiru.

    Dhibeen Iboolaa yeroo ammaa kana Deemookiraatawa Riippaabliika Koongoo fi Keeniyaatti tamsa'aa jira.

    Dhaabbanni Africa CDC sirna calallii fi dhibee kanaaf tarkaanfii hatattamaa kennuuf biyyooti waloomaan akka hojjetan waamicha dhiyeesseera.

    Kana malees, dhaabbatichi gaafa Onkololeessa 28 ministeerota fayyaa biyyoota Afrikaa walitti qabuun dhibee kana ittisuufi to'achuuf kora geggeessa.

  6. 'Yaaddoon Iraan mootummaa buqqisuu qofaan fala argata'- Netaaniyaahuu

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu, yaaddoon Iraan irraa qabnu guutummaatti kan furmaataa argatu mootummaa biyyattii buqqisuudhaan qofa jedhan.

    Magaalaa kibba Israa'el taate Dimoonaa keessatti duula filannoo irratti haasaa kan taasisan Netaaniyaahuun, Iraan Israa'el balleessuu akka barbaaddu, garuu biyyi isaanii kana ittisuuf humna qabdu maraa fayyadamuu ishee dubbataniiru.

    Kana malees, carraaqqiin Iraan meeshaa waraanaa niwukilarii hidhachuuf gochaa jirtu gufachuu ibsan.

    Ta'us biyyattiin ammas carraaqqii kana itti fufaa akka jirtu himaniiru.

    Kan dhiheenya kana Iraan irratti jecha jajjabaa fayyadamaa jiran Netaaniyaahuu, "haala kana jijjiiruuf karaan tokkichi jiru mootummaa Iraan buqqisuu dha," jedhaniiru.

    Dhimma kana ilaalchisee waraana Israa'el (IDF), dhaabbata tikaa Moosaadii fi dhaabbilee nageenyaa biyyattii hundaaf qajeelfama kennuu isaanii dubbataniiru.

    Ta'us Nataaniyaahuu ajajni kun yoom ykn akkamitti akka hojiirra oolu gadi fageenyaan hin ibsine.

    Iraan meeshaa waraanaa niwukilarii hidhachuu barbaaddi jedhamee himannaa irratti dhiyaachaa ture yeroo dheeraaf mormaa turte.

  7. Ameerilkaan waraana ishee Baha Jiddugaleessaa hir'isaa jirti

    Ameerikaan suuta waraana ishee Baha Jiddugaleessaa keessaa hir'isaa jirti.

    Haleellaa walirraa hin cinne kan Iraan fi Huutiin geggessaa jiran irraan kan ka'e, buufatawwan waraanaa Baha Gidduugala jiran keessaa baay'ina loltoota ishee dhoksaadhaan hir'isaa jiraachuu CBS gabaaseera.

    Gabaasa kana hordofuun, dubbi-himaan Ajaja Giddu-galeessaa Ameerikaa (CENTCOM) Kaapteen Tiim Haawkins humna waraanaa fi meeshaalee sochoosuun qophaa'ummaa waraanaa guddisuuf akka ta'e ibsaniiru.

    Dhiyoo haleellaan Buufata Xiyyaaraa Kiing Faahd kan baha magaalaa Saa'udii Damaam irratti raawwatame nama lama yoo ajjeesu saddeet immoo maddeesse.

    Eegdonni Warraaqsa Iraan (IRGC) Kamisa darbe dooniiwwan kan boba'aa doonii biraatti erga Ulaa Hormuuz kan Iraan uggurte fayyadamuun karaa Galoogalaana Pershiyaa dabarsaa turan afur haleeluu himan. IRGC'n dooniiwwan biroo sadi fanjii galaanaa jalaarra cehuun gufachuu beeksisan.

    Ministirri Haajaa Alaa Iraan Abbaas Araagchii akka jedhanitti, yaada dhukaasaa guyyoota torbaaf dhaabuu kan Pireezidantiin Ameerikaa Doonald Traamp ji'a darbe duraan didan irratti, ammas karaa jaarsolii araaraa mariin al-idilee ta'e Ameerikaa waliin itti fufee jira.

  8. UAE'n dippiloomaatii dubartii dorgommii hoggantummaa UN'f dhiyeessite

    Yunaayitid Arab Imireetis Biyyoota Gamtoomanitti bakka buutuu biyyattii duraanii Laanaa Nuuseebee kaadhimamtuu gochuun hoggantummaa UN'f dhiyeessite.

    Hoggannaan UN amma jiran Antooniyoo Guuteeres marsaa lamaaf dhaabbaticha geggeessuun booda bakka buufamuuf baatii sadii qofaatu hafe.

    Laanaa Nuuseebee ministara ittaantuu ministeera hajaa alaa UAE yoo taatu kanaan dura UN'tti bakka buutuu biyyattii tahuun waggaa kudhaniif tajaajilteetti.

    Yeroo rakkoon addunyaa walxaxaa tahaa dhufetti shoora UN lola karaa dippiloomaasiin hiikuu irratti qabu haaressuu akka feetu himte.

    Laanaan yoo filamte dubartii jalqabaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii hoggantu taati.

    Teessoo kanaaf kaadhimamtoonni biroo jahas dorgomaa jiru.

    Sagalee marsaa jalqabaan dubartii Koostaarikaa Rebeekaa Giriinsapaan dursaa jirti.

  9. Feesbuukiin fayyadamtoota 'sobuun' doolaara biiliyoona 25 akka kaffalu ajajame

    Dhaabbati haadhoo Feesbuuk, Instaagiraam fi WhatsApp Meetaan doolaara biiliyoona 25 akka kaffalu mana murtiin ajajame.

    Dhaabbatichi odeeffannoo fayyadamtootaa haala itti qabatu irratti waggootaaf uummataaf odeeffannoon kennaa ture 'soba' jechuun mana murtii Niiw Meeksikootti itti murameera.

    Meetaan adabbii kanaan dura itti muramerraa kuni isa olaanaa dha.

    Adeemsi mana murtii torbee lamaaf ture yeroo xumuramu daanyaan ''sobni kuni akkaataa qabannaa odeeffannoo Feesbuukii qofa osoo hin taane, akkaataa daldalaa Feesbuukii illee ni ilaallata,'' jedhaniiru.

    Abukaatoon muummee Meetaa Siijee Maahoonii murtoon dhaddachaa ''Niiw Meeksikootti akka hojii hin hojjenne nu godha,'' jedhaniiru. Meettaan dhimma kana akka ol iyyatu himeera.

    Meetaan kanaan duras himannaa irratti dhiyaataa tureen adaabbiin maallaqaa irratti muramee ture. Murtoo dhihoo irratti darbe keessaa nageenya ijoollee tiksuu waliin wal qabatee doolaara miiliyoona 18 akka kaffalau godhamee ture.

    Feesbuukiin odeeffannoo fayyadamtoota miiliyoonaan lakkaa'aman dabarsee kennuun dhiibbaa siyaasaa gochuuf ooluunsaa taatee ''Leeyyoo Keembiriij Anaaliitiikaa'' jedhamuun beekama.

    Kunis bara 2016 Donaald Tiraamp pireezidantii tahuun akka filaman gochuu fa'i waliin wal qabata.

    Meetaan haalli itti odeeffannoo fayyadamtootaa itti tajaajilamu tahe jedhee dogoggorseera jedhameera.

  10. Puutin jaarsummaa qaama sadeessoon Yukreenii fi US waliin marii itti fufuuf waliigale

    Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yukireen waliin marii jaarsummaa US'tiin dursamu yoo xiqqaate ji'a itti aanu itti fufuuf akka jiru Kireemliin beeksise.

    Puutiin ergamaa addaa US Istiiv Wiitkoof wal arguun waraana Awurooppaatti banamee fi erga Waraana Addunyaa 2ffaatii as isa hamaa lubbuu hedduu baase kana dhaabsisuuf marii'atan.

    Marii magaalaa Piitarsberg keessatti godhame miilanaa kana dabalatee Wiitkoof Puutin faana yeroo saglaffaaf wal arge.

    Raashiyaan barsiisaa US qabattee turte Isteevan Huubar hiikun fuula gaarii agarsiifte. Barsiisaan kun akka gad lakkifamu Donaald Tiraampi itti gaafatamaa waajjira masaraa Kireemliin gaafatee ture.

    Kun yeroo Kiyiivi fi michoonni ishee wayita Raashiyaan haleellaa raawwachaa fi kominikeeshinii ishee danqaa jirtutti US Yukireen irraa dugda galaa jiraachuu fi odeeffannoo tikaa kennuu harka keessa qabachuun isaan yaaddessaa jirutti.

    Tiraamp akkan filannoo mo'adheen sa'aatii 24 keessatti waraana Yukireen nan dhaabsisa jedhee waadaa galee waggaa lama booda ammallee waraana Yukireen dhaabsisuu Tiraamp jaarsummaa taa'aa jira.

    Kireemliin akka jettutti mariin qaama kun sadarkaa teeknikaatti, Abudaabii keessatti kan taa'amu yoo ta'u, Yukireeniifi Raashiyaaf wabii nageenyaa mirkaneessuu fi waraanicha yeroo dhumaaf dhaabuurratti xiyyeeffata.

    Mariin kun naannoo Sadaasa 10 akka eegalu himama. Mariin jaarsummaa US'n durfame yeroo dhumaatiif Guraandhala darbe waraanni Iraan eegaluu dura taa'ame.

  11. US dippiloomaatonnishee Saa'udiirraa akka bahan ajajje

    Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa haleellaa Huutiin Saa’udii irratti raawwatu hammaannaan dippiloomaatonnii fi maatiin isaanii achi akka bahan ajaje.

    Qondaalotni Saa'udii akka jedhanitti haleellaa diroonii Huutiin bu'uura misoomaa boba'aa irratti raawwachuuf fashalaa'eera.

    Tahus cabaa diroonii fashalaa'eerraa foxxoqeen namoonni lama lubbuu dhabaniiru. Namni biraan tokko ammoo haleellaa Buufata Xayyaaraa Mootii Fahaad, naannoo Damaam jirutti haleellaa raawwateen du'eera.

    Lolli garee hidhataa Yaman, Huutii Iraaniin deeggaramuufi Saa'udii Arabiyaa gidduu erga baatii darbee deebi'ee hammaateera.

    Warri Huutii haleellaa Saa'udiin raawwattuuf buufata xayyaaraa, bu'uuralee aannisaa fi buufataa waraanaa irratti haleellaa banuun deebii kennaa jiru.

    Haleellaan dhihoo Buuafata Xayyaaraa Riyaad'tti raawwatan seenaa biyyattii waggoota keessatti isa balaafamaa dha jedhameera.

    ''Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa hojjettoonni Ameerikaa waajjira yeroo balaafi hatattamaa keessa hin hojjenne maatii isaanii waliin achii akka bahan ajajeera,'' jedhan dubbihimaan ministeerichaa.

    Dubbiihimaan kuni ''lolli amma adeemaa jiru saffisaan hammaachuu danda'a,'' jedhaniiru.

    Haleellaa miilanaa Buufata Xayyaaraa Kiing Fahaaditti raawwateen namoonni saddeet ''miidhaan jabaa'' irra gaheera.

  12. Iraan Huutii fi Sa'ud Arabiyaa walitti araarsuuf akka barbaaddu beeksiste

    Iraan hidhatoota Huutii Yaman fi Sa'ud Arabiyaa jaarsa taatee walitti araarsuuf akka barbaaddu beeksifteetti.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii Sa'ud Arabiyaa fi gareen fincilootaa Yaman, Huutiin wal loluu akka dhaabaniif yaada walitti ararsuu Iraan dhiyeessiteef lachuu deebii hin kenniin jiru jedhe.

    Akka Rooyiters gabasetti, Abbaas Arraagchiin erga haleellaan Huutiin Sa'ud Arabiyaa irratti gaggeessu jalqaba ji'a kanaarraa hammaachaa dhufee jara lamaan walitti fiduun araasuuf yaada dhiyeessuu hime.

    Ibsa Masiriin waraana Sa'ud Arabiyaan Huutii waliin taasisaa jirturratti akka deeggaru baasterratti yaada kan kenne Ministirri Dhimmaa Alaa Iraan kun, "giddu-seentummaa qaama alaa kamiyyu haala jiru daran ulfaataa taasisa," jedhe.

    Masiriin akka ibsitetti, Sa'ud Arabiyaan nageenyashee akka eeggattuuf gargaarsa barbaachisu kamiyyu dhiyeessuufiif qophiidha.

    Odeeffannoo kanaan wal qabatan biroo:

  13. Raashiyaan lammii Ameerikaa osoo Yukireeniif lolaa jiruun qabadhe jette gadhiisuuf akka jirtu dhaga'ame

    Raashiyaan lammii Ameerikaa umuriin isaa waggaa 74 ta'e osoo Yukireeniif lolaa jiruun qabadha jechuun hiitee turte gadhiisuuf waliigaluu ishee Pirezidant Vilaadmiir Puutin dubbachuu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

    Puutin ambaasaaddara Ameerikaa Istiiv Wiitkoof waliin Seent Piitarsibargitti marii wayita taasisanitti Isteefen Habaard gara buufata xiyyaaraa Pulkoovitti gaaffeameera jedhame.

    Barsiisaa fi jiraataa Michigaan kan ture Habaard bara 2024 ture Yukireeniif hiriiree loleera jedhamee erga himatameen booda hidhaan waggaa torbaa kan itti murtaa'eera.

    Abbaan alangaa erga Mooskoon waggaa lama dura Yuukireeniin guutummaatti erga weerartee booda osoo baayyee hin turiin magaalaa baha Iiziiyeem keessatti kan argamu Iizii Humna Ittisaa Yukireen keessa tajaajilaa ture jechuun himateera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kanaan dura Habaardiin "dogoggoraan hidhameera" kan jedhe yoo ta'u Kibxata Pirezidant Doonaald Tiraamp ammoo waa'ee nama kanaa Puutin waliin dubbachuu isaa himeera.

    Tiraamp gaazexeessitootatti "maaltu akka ta'u ilaalaa, xiyyeeffannoon keenya Habaard irratti" jedheera.

    Ameerikaatti miidiyaan michuu BBC ta'e CBS News Habaard rakkoo fayyaa akka qabuu fi wallaansaaf gara Teksaas akka geeffamu gabaaseera.

    BBCn dhimma kanarratti Waayit Hawus irraa yaadaa argachuuf gaafatullee ammatti deebii hin argatiin jiru.

  14. MM Abiy iddoowwan wiirtuuwwan anniisaa nukilaraa itti ijaaraman sadi adda bahuu ibsan

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad ijaarsa wiirtuu annisaa nukilaraaf iddoowwan soddoma caalan sakatta’amaa turuu ibsuun, kanneen keessaa dhumarratti sadi filatamuu ibsaniiru.

    Aanga’aan Itoophiyaa kun kana kan jedhan wayita Roobii har’aa Onkoloolessa 21, 2026 komishinii anniisaa nukilaraa daawwatanitti.

    MM Abiy yeroo ammaa biyyattii keessatti teeknooloojiin nukilaraa sadarkaa jaarmiyaa cimaatti dhaabbachuu ibsan.

    Kanaafis gareen qorannoo ijaaramuu, dhaabbatichi seeraan bu’uureffamuu, hojjettoonni fi hooggantoonni ramadamuu akkasumas caasaan biiroo fi humna namaa hunduu guutuu ibsan.

    MM Abiy iddoowwan wiirtuun anniisaa nukilaraa irratti ijaaramu jedhamuun adda ba’an jalqaba 30 achirraa gara 13, booda ammoo gara shaniitti xiqqaachuu ibsan.

    Dhumarratti iddoowwan sadi calalamuun filatamuu ibsan.

    ‘’Bakkeewwan kunneen akka filataman nuti raggaasisuu hin dandeenyu,’’ kan jedhan MM Abiy, ‘’dhaabbileen alaa iddoo filachuu fi mijataa ta’uu mirkaneessuu qabu,’’ jedhan.

    Bakki filatame mijataa ta’uun erga mirkanaa’ee booda iddoo qopheessuu, dhaabbata teeknooloojii nukilaraa kennu waliin waliigaltee mallatteessuun akka irra jiraatu dubbatan.

    Hojiin anniisaa nukilaraa akka Hidha Haaromsaa Guddichaa yeroo tokko kontiraata kennuun yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu akka hin taane ibsan MM Abiy.

    ‘’Jaarmiyaalee fi dameelee ogummaa fi barnootaa hedduu kan tuquudha. Pirojektii yeroo dheeraati. Humna namaa fi qophii guddaa gaafata,’’ jedhan.

    Ministira Muummee Itti Aanaa fi Afa-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa dabalatee aanga’oota mootummaa waliin ta’uun Komishinii Anniisaa Nukilaraa Itoophiyaa kan daawwatan MM Abiy ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ‘’jaarmiyaan kun mul’ata misoomaa yeroo dheeraa Itoophiyaan qabattee jirtuuf faayidaa tarsimaawaa akkaan murteessaa ta’e qaba,’’ jedhan.

    Itoophiyaan qabeenya uumamaa hammaaramee hin dhumneen yeroo dheeraaf kan beekamtu ta’uu kan dubbatan MM Abiy, ‘’boqonnaa haaraan ammoo qabeenya faarfaman kunneen gara misooma qabatamaa, guddina teeknooloojii fi badhaadhina walootti geeddaruudha,’’ jedhan.

    MM Abiy ijaarsa anniisaa nukilaraa kan eegalsiisan ALI Qaammee 4, 2014 ture.

    Yeroo ijaarsa anniisaa nukilaraa kana eegalsiisan anniisaan nukilaraa kun ‘’nagaaf qofa’’ kan oolu ta’uu ibsanii turan.

  15. Huutiin wiirtuu leenjii loltoota mootummaa Yaman haleeluun namoota 73 ajjeese

    Haleellaa hidhattoonni Huutii wiirtuu leenjii loltoota mootummaa Yaman bulchiinsa Shabwa keessatti argamu irratti raawwataniin namoonni 73 ajjeefamuu miidiyaan naannawa sanaa gabaase.

    Aanga'oonni naannawa kanaa misaayeloonni baalistikii sadi wiirtuu leenjii kana haleeluu himan.

    Haleellaan kun Wiixata darbe raawwate. Ergasii hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 73 ga'eera.

    Rooyitarsi viidiyoo loltoota miidhamanii fi reenfa namoota lafarra ciisanii mul'isu dhugaa ta'uu mirkaneesseera.

    Bulchaan naannawa kanaa Awad al-Wazir haleellaa kanaan namoonni 200 caalan madaa'uu ibse.

    Dubbi himaan Huutii Yahyaa Saaree wiirtuun leenjii sun humnoota Sa'uudiin haleelamuu hime.

    Aanga'oonni Sa'uudii dhimma kanarratti gaafatamanis battala deebii hin kennine.

  16. MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Iraan irratti haleellaa haaraa eegaluuf Tiraampiif waamicha dhiheesse

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haasaa bilbilaan taasisan keessatti Iraan irratti haleellaa haaraan banamuuf akka jedhu akeekan.

    Haasaa bilbilaa miidiyaa hawaasummaarratti qoodame kana keessattu Neetaaniyaahuun filannoo biyyaalessaa torbee dhufu gaggeeffamuuf deeggarsa Tiraamp taasiseef galateeffateera.

    ''Doonaald! hojii xumuruu qabnutu jira. Akkuma ati jette waliin taanee xumurra. Kan biraa homaa gochuu hin danda'u, xumuruu qofa,'' jechuun Tiraampitti dubbate Neetaaniyaahuun.

    Pirezidant Tiraamp filannoo bara giddugaleessaa yeroo aangoo pirezidantiitti gaggeeffamu dura Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne armaan dura ibsanii turan.

    Haata'u malee aanga'oonni lameen torbee darbe duula haleellaa haaraa eegaluu miidiyaan US Axios jedhamu gabaaseera.

    Miidiyaan kun maddeen sadi wabeeffachuun akka gabaasetti aanga'oonni lameen kan dubbatan Tiraamp filannoo US dura Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne ibsuu dura.

    Aanga'oonni Waayit Haawus Tiraamp fi Neetaaniyaahuun waraana Iraan deebisanii eegaluuf mari'ataniiru oduu jedhu ''soba'' jedhan.

    Garuu loltoonni US fi Israa'el qophiidhaan jiru.

    Yoo tarii Tiraamp ejjennoosaa [filannoo dura Iraan haleeluu dhiisuu] kan jijjiiru ta'e jechuun qophiin eegaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

  17. Ameerikaan yeroo waggaa lama hin guunne keessatti viizaa 300,000 haquu himte

    Viizaan namoota kuma 300 ta'anii kun kan haqame erga Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo lammaffaaf aangoo qabatee ta'uu ibse bulchiinsi Tiraamp.

    Ministeerri dhimma alaa US yeroo biyyattiin tarkaanfii baqattoota irratti fudhatu cimsitettidha viizaan namoota kuma 300 ta'anii haqamuu kan ibse.

    Adeemsi kun torbanoota darban keessa tarkaanfiin viizaa haquu akkaan dabaluu akeeka.

    ''Viizaan kuma 300 ol haqameera. Lakkoofsi kun ammas dabalaa jira. Kanneen viizaa qabaniif dhaamsi qabnu salphaadha. Seerota keenya kabajaa. Yoo kana hin taane mirga gara Ameerikaa imaluu dhabdu,'' jedhan Ministeera dhimma alaa Ameerikaatti gargaaraan barreessaa waajjira dhimmoota qonsilaa Mooraa Naamdaar.

    Qondaalli kun ergaa karaa X dabarsaniin ''Pirezidant Tiraampiif akkasumas ministira dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoof biyya keenyaa fi uummata keenya eeguun hojii ijoodha,'' jedhan.

    Waayit Haawus bara bulchiinsa Tiraamp yeroo kamuu caalaa saffisaa fi baayyinaan viizaa haqeera jedhan qondaalli US kun.

    Dubbi himaa Ministeera dhimma alaa US kan ta'an Toomii Piigoot lammiileen alaa viizaan isaanii haqame kanneen gocha seeraan alaa keessatti hirmaatan ykn yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'aniidha jedhan.

  18. Iraan ammas hanga fedhiin ishee eegamutti Ameerikaa waliin mariin akka hin jirre ibsite

    Iraan hanga fedhii fi dantaan ishee mirkanaa'utti Ameerikaa waliin mariin gaggeessitu akka hin jirre Paakistaanitti himuu miidiyaan biyyattii gabaase.

    Haalli kun, Paakistaan tattaaffii jaarsummaa taasisaa jiraattus haalli marii US fi Iraan daran ulfaataa ta'aa jiraachuu mul'isa.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Ministira ittisaa Paakistaan Fiild Maarshaal Asim Muniir waliin Tehraanitti walarguun dhimma kanarratti mari'ataniiru.

    Paakistaan jaarsummaa US fi Iraan gidduutti eegalte ammallee biraa hin deebine.

    Sababa jaarsummaa kanaa waliigalteen wal hubannoo Waxabajjii darbe irra ga'amee turus garuu bu'aa eegame fiduu hin dandeenye.

    Waliigalteen mallattaa'ee torban osoo hin guutin US fi Iraan wal haleeluutti deebi'an.

    Munir Afa-yaa'ii Paarlaamaa Iraan Mohammad Baqir Qalibaaf waliinis walargeera.

    Qondaalli Iraan kun hanga haaldureewwan torba biyyisaanii dhiheessite guutamutti mariin akka hin jiraanne ibsan.

    Iraan ji'a darbe Ulaan Hormuuz akka banamuuf haaldureewwan torba tarreessitee turte.

    US buufataalee handaara galaanaa Iraanitti gufuu ta'uu akka dhaabdu, qoqqobbiin boba'aa isheerraa akka ka'u akkasumas dhukaasi adda waraanaa hunda irraa akka dhaabbatu kanneen jedhan haaldureewwan Iraan dhiheessite keessati.

  19. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Qoccolloon Iraan fi US ammas itti fufeera.

    Jaarsummaan Paakistaan qormaata keessa galeera.

    Dhiima kanarratti xiyyeeffanna.

    Dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaan akkasumas odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Odeessaalee karaa tamsaasa kallattiin armaan dura dabarsaa turre asii argattu.

    Bakka nagaa oolaa!