Moyyaaleetti taateen lubbuu shamarree galaafate, kantiibaa yaalii ajjeechaaf saaxile maali?

Madda suuraa, Moyale Town
Walitti bu'iinsa daangaa waliin walqabatee tibbana godina Kibba Oromiyaa, magaalaa Moyyaaleetti humnoota nageenyaa gama daangaa Oromiyaa fi Somaaleerraan jiran gidduutti mudateen shamarreen tokko ajjeefamuu fi taatee kana hordofees mormiin magaalattii keessatti gaggeeffamuu aanga'oonni magaalaa Moyyaalee BBCtti himan.
Shamarreen maqaan ishee Diqqoo Jaatanii jedhamtuu fi umuriin ishee waggaa 13 ta'e Onkoloolessa 18, 2026 ''alaabaa naannoo Somaalee seeraan ala Moyyaalee daangaa Oromiyaa keessa dhaabame'' jedhame mormuun lubbuushee akka dhabde namoonni miidiyaa hawaasaarratti barreessaafi qoqqoodaniiru.
Kana hordofees mormiin ummataa Moyyaalee dabalatee magaalaa biroo keessatti ka'eera.
Sababa walitti bu'iinsa dhalate kanaa fi mormii itti anee ka'een sochiin daldalaa fi geejjibaa magaalaa Moyyaalee addaan citee turuus BBCn odeeffateera.
Hokkara dhalate kana hordofees kantiibaa magaalaa Moyyaalee kan ta'e Obbo Galmaa Korophichaa ''yaaliin ajjeechaa humnoota nageenyaa Somaaleetiin'' irratti yaalamuu himaniiru.
Ka'umsii fi maddi walitti bu'iinsa kanaa maal akka ta'ee fi haala magaalaan Moyyaalee amma keessa jirtu aanga'oota Moyyaalee irraa BBCn iyyaafateera.
''Walitti bu'insa hin malle jarumati uume jechuun humnoota nageenyaa gama daangaa naannoo Somaaleen jiran,'' kan himate Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaan, ''ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti walitti bu'iinsa uumame ta'uu,'' eera.
Ummatichi bakka itti wal daangessuu fi waliin jiraatu qaba kan jedhu kantiibaan kun, daangaa fi caasaa bulchiinsaa irratti garuu wal kabajamuu akka qabu dubbate.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Daangaa kabajuu dhabanii darbanii daangaa keenya keessatti, bakka mana tajaajilaatti baandiraa [alaabaa] dhaaban. Alaabaa kanaaf kabaja qabna, alaabaa naannoo Somaaleeti; alaabaa Itoophiyaa keessa jiru keessaa tokkoofi kan jaallannudha. Ni kabanyas, garuu alaabaan kun bakka hin malle dhaabate jennee itti himne," jedha Obbo Galmaan.
Bakka sanarratti falmiin daangaa akka jiru yaadachiisuullee kan dubbatu Obbo Galmaa Korophichaa, ''hanga mootummaa fi paartiin irratti waliigalee waan tokko murteessutti rakkoon kun uumamuu hin qabu,'' jedhanii kadhachuu dubbata.
"Guyyaa lamaaf erga kadhannee booda gaafa guyyaa sadaffaa jalqaba sibiila dhaabani waan turaniif gaafa guyaa sadaffaa [bakka mana tajaajilaa naannoo Oromoiyaa keessa ta'e seenanii] alaabaa ol baasan.''
Walitti bu'iinsa uumame kanaan wal qabatee shamarreen tokko ajjeefamuu namoonni miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaa jiru.
Ajjeefamuun shamarree kanaa dhugaa ta'uu fi akkamitti akka raawwatame BBCn kan gaafate Obbo Galmaan, akkas jechuun ibse.
"Gaafa alaabaan kun ol ba'u, dubreen amma duute kun dhaloonni ishee ijoollee Booranaati, dhuftee alaabaan kun ol ba'uu hin qabu jettee gaafa buuftu achumatti jarri 'xiyyiitiidhaan' dhahe. Isheen ni wareegamtee, achiin booda fuudhanii mana hakiimii geessanii reeffa guyyaa afur bulchan. Reeffa kana irratti haadha itti godhanii, abbaa itti godhanii keenya jedhanii falman.
Haata'u malee, hospitaala keessatti gaafa qulqulleessan intalli kan booranaa taate," jechuun haala shamarreen kun itti ajjeefamte ibsa kantiibaan magaalaa Moyyaalee.
Jaarsi biyyaa kan Booranaa, kan Somaalee, akkasumas 'kan warra Garrii Somaalee ofiin jedhus jiru' waan tureef hundi isaanii ilaalanii mucayyoon maatiin ishee Boorana ta'uu waan murteessaniif akka gara isaaniitti deebisaniif murteessaniillee 'awwalleerra' jechuun diduu hima Obbo Galmaan.

Yaalii ajjeechaa kantiibaa magaalaa Moyyaalee irratti...
Nageenya boora'e hordofee mormiin erga dhalateen booda gara waaree booda haalli magaalaan itti jiru ilaaluuf wayita bahetti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamuu kan himu kantiibichi, waan isa mudateen booda gara manaatti galuu dubbate.
"Magaalaa keenya keessatti alaabaa dhaabates ilaalee... ammaan booda gara nagaatti deebisuu qabna jedhee yeroo ani magaala keessa socho'uu jalqabu konkolaataa kiyyarratti gochi akkasii raawwatame. Ani bakkan taa'uun konkolaataan rukkutame, anarra wanti tokkoyyuu hin geenye nagaadhaanan bahe, konkolaataan baayyee caccabe. Galata Waaqayyoo ani nagaan bahee jira."
Himannaa kanaa ilaalchisee deebii gama naannoo Somaaleetiin jiru argachuudhaaf aanga'aa magaalaa Moyyaalee gama naannoo Somaaleen jiru argachuudhaaf bilbilaan qunnamuuf irra deeddeebiin BBCn yaalii godhus, sababa walga'iirran jira jedhuun hanga oduun kun qindaa'etti argachuu hin dandeenye.
Miidhaan biraa namoota nagaarra gahe ykn qabeenya manca'e yoo jiraateef jecha BBCn Obbo Galmaa gaafateera.
Yaalii ajjeechaa isarratti raawwatame hordofee gara manaatti waan galeef isaan booda maaltu akka raawwate akka quba hin qabne dubbate.
Kana malees, naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduu daangaan adda bahee beekame ykn daanga'ee namni beeku hin jiruu? gaaffii jedhu kan dhiyaateef Obbo Galmaan, ''adda bahee akka hin beekamiin,'' ibseera.
"Hin jiru, hanga ammaa wanti murtaa'ee ummannis, mootummaanis beeku hin jiru. Seenessaan ala daangaan dhugaadhaan sararame tokkoyyu hin jiru, Ummanni kun lamaanuu biyyuma tokkorra jiraata, walumaanis dhalate."
Yeroo BBCn isa dubbisu kantiibaan kun achi akka hin jirre kan hime yoo ta'u, haala magaalattiin itti jirtu beekuu baatus alaabaan sun garuu achii ka'uu isaa dhaga'uu eereera.
Magaalaa Moyyaalee fi naannawaasheetti rakkoon nageenyaa sababa daangaa naannolee lamaan - Oromiyaa fi Somaalee gidduu jiruun uumamuun kun kan jalqabaa miti.
Kanaan duras yeroo gara garaatti walitti bu'iinsi uumamaa tureen magaalattiirraa nagaan yeroo itti fagaatee ture gabaafameera.
Rakkooleen baroota dheeraaf furmaata osoo argachuu malanii awwaalamanii turan hanga ammaatti qaawwa nageenyaa uumaa jiraachuu dubbatu jiraattonni kanaan dura BBCn dubbise.




























