Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa abbootii warraa Itoophiyaa irraa gara Keeniyaa baqatan 1,000 caalan gargaaraa jiraachuu ibse

Dhaabbati Fannoo Diimaa Keeniyaa namoota rakkoo nageenyaa magaalaa kibba Itoophiyaa daangaa Keeniyaa irratti argamtu, Moyaalee, keessatti mudate baqachuun daangaa Keeniyaa seenan gargaaraa jiraachuu ibse. Gargaarsi jalqabaa abbootii warraa 1,000 ta'an qaqqabuu ibse jaarmiyaan kun.

Guduunfaa

  • Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa abbootii warraa Itoophiyaa irraa gara Keeniyaa baqatan 1,000 caalan gargaaraa jiraachuu ibse
  • Masiriin rakkoon Yamanitti dhalate furmaata siyaasaa argachuu akka qabu waamicha dhiheessite
  • Atileetiin Itoophiyaa fiigicha maraatooniin beekamtuu fi Maraatoonii Tookiyoo bara 2019 injifatte Ruut Aagaa qoricha dhorkamaa ''methylprednisolone'' jedhamu qabattee argamuun ykn fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte.
  • Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaleetti mudateen jiraattonni magaalattii gara Keeniyaatti baqataa jiraachuu mootummaan Keeniyaa beeksise.
  • Haleellaan Huutii hammaannaan US dippiloomaatonnishee Saa'udiitii akka bahan ajajje
  • UKn haleellaa Huutiin Sa'ud Araabiyaarratti gaggeessu qolachuuf xayyaarota waraanaa bobbaasufi
  • Humni TPLF akkamitti yeroo gabaabaa keessatti magaalota hedduu dabalatee kutaalee naannichaa harka caalu gadhiisee ba'uu danda'e? Itti aanee maaltu mudachuu mala?
  • Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. RSF beekaa hospitaalotarratti qiyyaafate - Qorannoo BBC

    Hidhattoonni RSF Sudaan keessatti waraana biyyattii lolaa jiran yeroo magaalaa el Faasher marsanii turaniifi waggaa dura yeroo to'atan bu'uuraalee fayyaa magaalattii tooftaadhaan mancaasuu qorannoon BBC'n taasise bira gahe.

    Argannoo BBC kana irratti kan dubbatan hogganaan olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa UN Volker Tuurk, ''waan baay'ee nama jeequ'' jedhan.

    Hidhattoonni RSF garuu argannoo kana balaaleeffataniiru. Kuni maqaa hidhattoota keenyaa balleessuuf taasifamaa jirudha jedhan.

    BBC'n maddeen lafa jiran irraa yoo xiqqaate haleellaa garagaraa 43 hospitaalotaafi buufataalee fayyaarratti raawwate walitti qabeera.

    Akkaataa seera idil addunyaatti yeroo walitti bu'iinsaa dhaabbilee fayyaafi hojjettoota isaanii irratti xiyyeeffachuun seeraan aladha.

    Magaalaan El-Fasheer Lixa Sudaanitti kan argamu yoo ta'u waraanni Sudaanitti waggaa sadii ol dura eegale ammallee hin dhaabbatiin jira.

  2. 'Ameerikaan sichi Ulaa Hormuuz to'achuu hin dandeessu'- Iraan

    Ajajaan Humna Galaanaa Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC), Alii Azmaayii, Ameerikaan Galoogalaana Peershiyaa gadhiistee baateetti jechuun dubbatan.

    Alii Azmaayii ibsa isaaniin: "Har'a Ameerikaanonni Galoogalaana Peershiyaa keessa hin jiran. Ulaa Hormuz irraa fageenya kiilomeetira 600 hanga 700 ta'utti duubatti deebi'aniiru, akkasumas dooniiwwan isaanii naannawa kanatti hin mul'atan," jedhan.

    Kana malees, Ameerikaan sichi Ulaa Hormuz keessatti gahee tokkoyyuu akka hin qabne ibsan. Ibsi kun kan kenname erga Ameerikaan lammiileen ishee naannoo Galoogalaana Peershiyaa gadi dhiisanii akka ba'an ajajjee guyyoota lama boodadha.

    Sa'aatii muraasa dura, Prazidentiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, filannoo marsaa walakkeessaa kan Ameerikaa dura odeeffannoo sobaa waa'ee dhukaasa humna galaanaa fi lola doonniwwan Ulaa Hormuz keessatti godhaman irratti dubbachuun, Iraan gatii boba'aa ol kaasuf yaalaa jirti jechuun qeeqan.

    Tiraamp akka jedhetti, yeroo ammaa boba'aan gatii lolaan dura ture caalaa Ulaa Hormuz irraa ergamaa jira, Iraan gatii boba'aa ol kaasuf maloota adda addaa fayyadamuuf yaalaa jirti jedhan.

    Har'a, gatiin jikitaa boba'aa Bireent doolaara Ameerikaa 113 olitti kan ol ka'e yoo ta'u, kunis ji'oota shan darban keessatti isa ol aanaadha.

  3. Israa'el misaayela akka qolattuuf Ameerikaan doolaara biiliyoona 11 baasteetti- Iraan

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araagchii deeggarsa waraanaa Ameerikaan Israa'eiif taasiftu morman.

    Abbaas akka jedhanitti waggoota sadan darbaniif ittisa misaayelaa Israa'eliif Ameerikaan doolaara biiliyoona 11 baasteetti.

    ''Ameerikaan waggoota sadan darban keessatti maallaqa gibira ummataarraa funaanamuun sirna ittisa misayelaa Israa'eliif doolaara biiliyoona 11 baasteetti,'' jechuun X irratti barreessaniiru.

    Dabaluunis ''Israa'el eeguuf jecha misaayeloonni Ameerikaan dhukaaste baayyina misaayelaa Israa'el qabdu ni caala,'' jedhaniiru.

    Abbaas xiinxalaan imaammataa Isteefan Seemlar sanadoota Peentaaganiifi maddeen kaan fayyadamuun odeeffannoo ifa godhan fayyadamuun waraanni Ameerikaa bara 2023 irraa kaasee Israa'el tiksuuf jecha meeshaalee misaayela qolatan ykn faccisan 609 fayyadamteetti jedhan.

    ''Kuni faayidaa waloo kan kabachiisu osoo hin taane hirkattummaa dha,'' jechuun ergaa X irratti barreessaniin ibsaniiru.

    Ameerikaafi Israa'el Guraandhala darbe waliin tahuun Teehraan haleelanii waraana bananiiru.

    Iraan ammoo deebii kanaan buufataalee waraanaa Ameerikaa biyyoota michuushee keessa jiran haleelti.

    Kana malees sarara galaanaa boba'aan dhibbeentaa 20 keessa darbu Ulaa Hormuuz cufteetti.

    Kanaanis gatiin boba'aa addunyaa akkaan dabaleera.

  4. Abbootii warraa rakkoo nageenyaan Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti baqatan 1,000 ol gargaaraa jirra- Fannoo Diimaa Keeniyaa

    Dhaabbati Fannoo Diimaa Keeniyaa namoota rakkoo nageenyaa magaalaa kibba Itoophiyaa daangaa Keeniyaa irratti argamtu, Moyaalee, keessatti mudate baqachuun daangaa Keeniyaa seenan gargaaraa jiraachuu ibse.

    Gargaarsi jalqabaa abbootii warraa 1,000 ta'an qaqqabuu ibse jaarmiyaan kun.

    Fannoo Diimaa fi aanga'oonni mootummaa akka jedhanitti walitti bu'iinsa torban kana keessa Moyaaleetti mudateen dubartoota, daa'imman fi dargaggoota dabalatee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman daangaa Keeniyaatti baqataniiru.

    Rooyitarsi jiraattota magaalaa Moyaalee irraa odeeffachuun akka gabaasetti ammallee sagaleen dhukaasaa bal'inaan dhagahama.

    Magaalaan Moyaalee kan daangaa Keeniyaa keessatti argamtu garuu birqabaan nagaa qabdi.

    Garuu erga Moyaalee Itoophiyaatti dhukaasi banamee poolisiin daangaa Keeniyaa eegumsaa fi of eeggannoo nageenyaa cimseera.

    Dhaabbati Fannoo Diimaa Keeniyaa dawoo ykn mooraa yeroof ijaaruu eegaluu ibseera.

    Akkasumas dukkaana, uffata halkanii, meeshaalee bishaanii, meeshaalee nyaata itti qopheeffatan fi soorata tokko tokko dhiheessuu akka jalqabe ibseea.

    Dhaabbati kun ibsa Kamisa kaleessaa baaseen ''namoonni hedduun harka qullaa dhufan. Deeggarsa hatattamaa barbaadu. Bakka qubatan, soorata, waan uffatan fi dawaa hatattamaan argachuu qabu,'' jedhe.

    Dhukaasi Moyaalee Itoophiyaa keessatti eegale daangaa Keeniyaa keessattis miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu poolisiin ibseera.

    Rooyitarsi gabaasa poolisiin Keeniyaa baase argachuun akka gabaasetti rasaasi fagoorraa dhukaafame Moyaalee Keeniyaa keessatti dubartii tokko mormarra rukuteera.

    Dubartiin kun mana yaalaa geeffamuu fi yeroo ammaa fayyummaanshee haala gaariirra jiraachuu ibse gabaasi poolisii.

    Aanga'oonni naannoo gama Moyaalee Keeniyaan jiran walga'uun akkaataa namoota baqatan gargaaruun danda'amurratti furmaataa kaa'uuf jiru.

  5. Masiriin rakkoon Yamanitti dhalate furmaata siyaasaa argachuu akka qabu waamicha dhiheessite

    Ministirri Dhimma Alaa Masrii biyyi isaanii waldhabdee Yaman keessatti uumame mariidhaan furuuf karaa danda’amu hunda yaaluu akka barbaaddu ibsaniiru.

    Ministirichi kana kan dubbatan loltoonni Masirii waraana gareen Huutii deeggarsa Iraaniin socho'an Sa'uudii Arabiyaa waliin gaggeessaa jiran irratti mootummaa Sa'uudii deeggaruuf yaadi dhiheesse torban dhufu paarlaamaaf dhihaatee sagaleen irratti kennamuuf wayita beellami qabamee jirutti.

    Hirmaannaan kallattiin waraana Masrii waldhabdee Sa’uudii fi Huutii gidduu jiru haalaan hammeessa yaaddoon jedhu jira.

    Dilbata darbe Pirezdaant Abdel Fattaa Al-Sisii Sa’uudii Arabiyaaf deeggarsa waraanaa kennuudhaaf hayyama argachuuf yaa’iin paarlaamaa hatattamaa akka gaggeeffamu gaafataniiru.

    Walgahii cufaa Dilbata darbe geggeeffame hordofuun miseensonni paarlaamaa sagalee kennuu Wiixata dhufutti akka dabarsan murteessan.

    Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellatii fi Hogganaan tikaa biyyattii Hasan Rashaad Roobii darbe gara Riyaad imaluun xalayaa preezdaant Siisii ​​irraa ergame Ilma mootii Sa’uudii Mohammad Bin Salmaaniif dabarsan.

    Pirezidanti Siisiin deeggarsi waraanaa Masrii ittisa naannoo fi daangaa Sa’uudii Arabiyaa qofa irratti kan daangeffame ta’uu ibsuun, Yaman keessatti haleellaa banuuf karoorri akka hin jirre ibsaniiru.

    Deeggarsa Masriin gochaa jirtu sirriin maal akka ta'e ammallee ifa miti.

    Kamisa darbe Badir Abdellaatii akka ibsetti Masriin furmaata siyaasaa irra ga’uuf karaa danda’amu hunda yaaluu akka barbaaddu ibsaniiru.

  6. Chaansilariin Jarman biyyasaanii irratti basaasni 'guddaan' geggeeffamaa jiraachuu himan

    Jarman qiyyaafannoo basaasaa 'olaanaa' tahaa jirti jedhan Chaansilariin Fireedriik Meerz. Kunis lammiin Yukireen Raashiya otoo basaasuu qabamuun booda dhagahame.

    Akka qondaaloti jechaa jiranitti shakkamaan Vaadiim Y jedhamu Jarmanirraa odeeffannoo waraana waliin wal qabatu funaanaa ture.

    Merz dubbiin kuni saaxilamuu ''milkaa'ina'' jechuun yoo ibsan ''of gowwomsuu hin qabnu- hojii tajaajila tikaa Raashiyaa walitti fufinsaan sadarkaa hammaataarra jira,'' jedhaniiru.

    Namoonni baayyee Raashiyaafi biyyoota kaaniif hojjechaa turan waggaa kana Jarman keessatti to'atamaniiru.

    Raashiyaan Yukireen bara 2022 weeraruun as Jarman Yukireeniifi meeshaa waraanaa dhiyeessuun biyya Awurooppaa sadarkaa duraa irra jirtu dha.

    Shakkamaan Vaadiim Y jedhamu tajaajila tikaa Raashiyaa waliin bara 2025'n irraa qabee hariiroo akka qabu qondaaloti Jarman himaniiru.

    Lammiin Yukireen kuni ''oomisha konkolaattota waraanaafi meeshaalee dhuka'an,'' irratti odeeffannoo walitti qabaa ture.

    Jimaata har'a dhaddachatti ni dhiyaata.

    Amajji darbes dubartiin tokko Barliinitti embaasii Raashiyaa achi jiruuf odeeffannoo walitti qabaa turte.

  7. US to'annoo dhibee Iboolaa cimsuufi labsii imaltootaa haaraa baaste

    Ameerikaan to'annoo Iboolaa irratti godhamu labsii imaltootaa haaraa baasuun cimsuufi.

    Mootummaan Ameerikaa namootni Iboolaan qabaman gara biyyashee akka hin seenne ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhattu dabaluufi.

    Kanaafis kanneen gara US imalan guyyoota 21'f Dimookiraatawa Rippaablika Koongoo kan hin turre ta'uu mirkanaawuu qabu akka ibsa US Rooytarsi argateetti.

    Dhaabbanni to'annoo fi ittisa dhukkubootaa CDC Ameerikaa Caamsaa darbe qajeelfama baaseen imaltootni gara Ameerikaa imaluuf yoo xiqqaate torban sadii as DRC keessa kan hin turin ta'uu qabu jedhee ture. Uggurri kun Adoolessa keessaS dheereffamee ture.

    Qajeelfammni haaraan CDC kun immoo Sadaasa 03 irraa jalqabee hojiirra kan oolu yoo ta'u, imaltoonni xiyyaaraan gara US deeman hunduu ragaa dijitaalaa ykn waraqaa akka qabaatan gaafata.

    Dhaabbileen daandii qilleensaa Ameerikaa, kan xiyyaarota akka United Airlines , American Airlines, Southwest Airlines fi Delta Air Lines bakka bu'u, yeroof yaada hin kennine.

    CDC'n immoo xiyyaarota gurguddoo US fi kan alaa waliin jimaata har'aa waltajjii marii bilbilaa kan geggeessu yoo ta'u, kunis daandiiwwan qilleensaa kunneen ulaagaalee haaraa kanaan akkamitti akka wal-simanii hojjetan bal'inaan ibsuufi.

    Akka qaama tarkaanfilee Iboolaa to'achuutti CDC'n jalqaba bara kanaa kaasee namoota biyya alaa lammii US hin ta'in, yoo torban sadan darban keessa Yugaandaa ykn Sudan Kibbaa keessa turan, gara US akka hin seenne hubachiise.

  8. Atileetiin Itoophiyaa qoricha hin eeyyamamne fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte

    Atileetiin Itoophiyaa fiigicha maraatooniin beekamtuu fi Maraatoonii Tookiyoo bara 2019 injifatte Ruut Aagaa qoricha dhorkamaa ''methylprednisolone'' jedhamu qabattee argamuun ykn fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte.

    Jaarmiyaan Athletics Integrity Unit jedhamu atileetiin umrii waggaa 32 Ruut Aagaa jalqaba waan qoricha dhorkame kana fudhachuun ishee mirkanaa'eef waggaa lamaaf fiigicharraa akka ugguramtu murtaa'uu ibse.

    Jaarmiyaan kun atileetittiin qoricha kana gorsa ogeeyyii fayyaan fayyadamuushee ragaa dogoggoraa dhiheessuun qorannoo isheerratti gaggeeffamaa ture waliin dhahuu isheen waggaan afur itti dabalamuu ibse.

    Walumaagalatti waggaa ja'aaf fiigicha ugguramte jedhe.

    Qorichi kun dhukkubbii fi dhadhabbii ykn mukaa'uu kan hir'isuu fi hatattamaan akka dandamatan kan nama gargaaruudha.

    Atileet Ruut Aagaa erga Bitootessa darbe fiigicha walakkaa maraatoonii Chaayinaatti injifattee booda rakkoo kana keessa buute.

    Atileetiin Itoophiyaa kun Fulbaana 10 irraa eegaltee fiigicharraa ugguramteetti.

    Atileet Ruut Aagaa fiigicha maraatoonii gurguddoo addunyaa irratti hirmaachuun yeroo sadi lammaffaan, yeroo lama ammoo sadaffaan xumurteetti.

  9. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Rakkoo nageenyaa Mooyaalee fi taateewwan biyya keessaa akkasumas odeeffannoo addunyaarra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.

    Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.