Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomina ijaarrachuu isaanii ifoomsanii turan.

Dhimma kana ilaalchisee hanga yoonatti mootummaan ifatti ibsi kenname hin jiru.

Haa ta'uu malee, BBC'n dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa dubbiseera.

Akka qondaalli kun jedhanitti, gamtaan ijaarame kun kanneen duraaniyyuu ''diina waliin turan'' waan ta'eef, carraan waligalteen isaanii qabatamaan gara hojiitti hikkamuu ''xiqqaadha'' jedhu.

Akka qondaalli kun jedhanitti waligaltichi, ''qilleensa qofarra jira.''

Hidhattoonni Itoophiyaa bakkeewwan garagaraatti humnoota mootummaa lolaa jiran wal faana mootummaa loluuf 'wal ta'iinsa'' ijaarrachuu isaanii wayita ibsan qindoominni isaanii kan motummaa waliin kuffisuu ta'uu eeran.

Kunis tumsa yeroo malee wal ta'iinsaa tarsimoo siyaasaa akka hin ta'in akeeka.

Jeneral Hayiluun '' tumsa waligaltee siyaasaa hin qabne qabatanii lagayyuu waliin ce'uu hin danda'anii'' jedhu.

Walta'iinsa ijaarame keessaatti dhaabni waggoota 27f biyya bulchaa turee TPLF keessatti argama. TPLF fi WBO yeroo dheeraaf diina walii turan.

Waraan garee kana lamaanii gidduttiis ummatni Oromoo guddaa miidhamaniiru.

Jeneral Hayiluun balaa ga'eefi aarsaa guddaa ummanni kaffaleef, beekamtii tokko utuu hin kennin ykn dhiifama hin gaafatin WBO garee diina isaa ture kana waliin hiriiruun 'fuggisoo ummata keenya rifachiisedha'' jedhu.

Haa ta'u malee wayita waraana Kaaba Itoophiyaa gareen kun lamaan waligaltee waraanaa tolfachuun isaanii himamee ture.

Akka Qondaalli kun jedhanitti, '' tokkummaa umuun isaanii maqaafi saba hin qabsoofnaaf jedhantu garaagara malee, qaamni isaan duuba jiru tokko ta'uu mul'isa.'' jedhu.

Taateen kun aarsaan kaleessa qabsaa'otni itti kaffalan akka gatii dhabuu fi gaaffii keessa galu kan taasiseedhas jedhu.

Qindoomina kana duubas ''harki Masrii'' akka jiru himatu.

Kaayyoon qindoomina kana ''biyya kana jeequu fi rakkoo keessa galchuuf ajaja Masrii irraa kennamedha''jechuun qeeqan.

'Mootummaaf yaaddoo miti'

Mootummaan irra deddeebiin afaan qawweetin aangoo qabachuun akka hin danda'amne ibsaa ture.

Jeneraal Hayiluun jedhanitti, hidhattootni kun qofa qofaatti lolanis waliin lolanis mootummaaf yaaddoo akka hin ta'in dubbatu.

''Kaayyoon Masrii inni guddaan eenyu aangoo haa qabatu ykn hin qabatinii utuu hin taane carraa argatan kamiinuu biyyattii dadhabsiisuufi jeequdha. Shiftaa haa ta'uu, beekaa wallaalaa utuu hin jedhin nama isaaniif ergamu kamuu fayyadamanii biyya kana gadi deebisuudha.''

Wayita Ertiraan Itoophiyaa jalaa baatee walabummaashee gonfattus, ''kaayyoon ijoon Masrii ''Itoophiyaa galaanarraa daangessuu fi aadunyaarraa dhiibuudha.''

Kanaanis itti milkooftee Itoophiyaa Galaana Diimaarraa daangessuun amma tokko faayidaa biyyaalessaa ishee miidhaniiru. Ammatti sanaraa baratameera jedhu Jen. Hayiluun.

Akka isaan jedhanitti mootummaan Itoophiyaas kun akka dhufu waan beekuuf qophii barbaachisu dursee taasiseera.

Kanaaf gamtaan ''Re'ee fi Qeerransa mooraa tokkotti galchuuf taasifame kun, ofiifu walii hin deemsisan, deemanis laga ittin hin ce'anii,'' jechuun ibsan.

Haa ta'uu malee, bakka tokko tokkotti, ''akkuma amma godha jiran hojii shiftummaa fi ummata boqonnaa dhorkuu hojjachuu danda'u.''

Kanas ta'e sana garuu sadarkaa motummaatti qophiin malu waan taasifameef yaaddoo mootummaa akka hin taane dubbatu. ''Mootummaan akka dhufetti ofirraa deebisuuf ga'uumsa qaba.''

Mootummaan qophii ga'aa kan taasisee fi taasisaa jiru amma isaan kana waliin miti.

''Qaama hidhattoota kana booda jiruu fi rakkoo kanaaf bu'ura ta'e irratti.''

Kanaaf ''duras qofa qofaatti lolaa waan turaniif, maqaa tokko moggafataniif yaaddoon addaa motummaa irratti dhufu'' akka hin jirre eeran Jeneral Hayiluun.

''Maqaa fi biyya keessatti hogganaan biyyaa keessaa eenyu akka ta'e ifoomsan malee waan waggottaan saddettan darbe yaalanii dadhabanirraa waanti addaa isaan fidan hin jiru.''

Kanaafis yeroo yaalanii dadhaban waanti hundi bakkatti deebi'a jedhanii akka yaadan himan.

'Teenyee haa mari'annu'

Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessatti nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hanaga bakka isaan jiranitti deemanii mari'achuuf qophii ta'uu ibsanii ture.

Obbo Shimallis nagaa Oromiyaa keessatti fiduudhaf carraaqqii mootummaan isaanii taasisaa jiru ibsan.

Gama mootummaa Federaalanis sochiin hidhattootni taasisan miidhaa malee faayidaa akka hin qabne eeruun karaa nagaa akka galan waamichi wal fakkaataan taasifamaa ture.

Haa ta'uu malee waamichii irra deddeebiiin taasifamu kun, bu'aa barbaadame fidaa hin jiru.

Mariin dhimma kanaan wal qabatee taasifamees kan hanga yoonaa milkaa'e hin jiru.

Akka Jeneraal Hayiluu Gonfaa jedhanitti, ''ergama alaa dabalataan wanti hidhattoonni karaa nagaa didaniif inni biraa gaaffii aangooti.''

Mootummaan bakka teessumaa ykn aangoo isaan hin dhoowwannee jedhu.

''Yaadaa fudhatamaa qabu qabadhaati karaa nagaadhan, utuu qawwee hin dhukaasiin, utuu ummata hin fixin, qabeenyas hin balleessin koottadha.''

Hidhattootni tokko tokko garuu loojikii araaraa keessas hin jiranii jedhu qondaalli kun.

Kanaaf akka mootummaatti ammas waanti ganamas galgalas jennu ''teenyee haa mari'annuudha'' jedhan.

Itti dabaluunis ''kennanii fudhachuu irratti walii haa galludha'' yaadni mootummaa.

Akka Jeneraal Hayiluun jedhanitti hidhattootni, ammas ''yaada biyya alaa diinummaa Itoophiyaa qabatan keessa ba'aanii of danda'aanii yaada mataa isaaniin mariif yoo dhiyaatan''balballi marii akka hin cufamne himu.

Hidhattoonniifi xinxaltoonni biyyatti keessatti hedduun akka qawwee kaasanii sochii hidhannoo taasisaniif sababni mootummaa biyya bulchu ta'uu himatu.

Itoophiyaa keessatti dhiphachuu dirree Dimokiraasii hidhattootni akka heddumatan taasisera jedhu xinxaltootni.

Sababa wal diddaa mootummaa fi Hidhattootaa kanaanis waggoota saddeettan darban keessa, keessumaa naannoo Oromiyaa keessatti gaga'amni guddaan ga'eera.

Namootni guyyaa guyyaan ajjeefamuun, butamuu fi qe'ee isaanirraa buqqa'uun baratameera.

Dhiyeenya kanallee naannawa Wallagaa Bahaatti hidhattootni Faannoo jiraattota hedduu ajjeesuu fi qe'eerraa buqqisuu BBC'n gabaasaa ture.

Akkasumas torbanoota darban keessa Wallaga Dhihaatti konkolaattootni boba'aa fee'enii turan hedduu fi warhsaaleen gubataniiru.

Nama meeshaa hin hidhannee ajjeesuu fi qabeenya ummataa waraana waliin hidhata hin qabne haleeluun seera Idil addunyaatiin dhorkaadha.

Jeneraal Hayiluun, ''qabeenya ummataa barbadessuun yaada biyyattiif waan foyya'aa fiduuf qabsaa'uu utuu hin taane biyyatti dadhabsiisuti'' jedhu.

Ergamni biyyattii muddama keessa galchuu, maraanmartoo waraanaa keessa akka hin baane gochuu, misoomni akka hin hojjatamne gochuu fi ummata wal waraansisuu kan Masriiti jedhu Jen. Hayiluun.

Kan hidhattoota Faannoo mootummatu ijaare ummata lolchiisa jedhus ololuma afaanfajjessuu ''diinota alaa'' madde ta'uu eeran.

Garuu mootumman dhimmota kana irratti dursee qophii ga'aa waan godheef akka ''diinni yaadee fi kanneen ergamni itti kenname yaadaan'' galma ga'uu hin danda'uu jechuun ibsan.