Lamiin Yamaal moo Imbaappee? Taphattoota urjii Laaligaa seenaa hojjechuuf xiiqeeffatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Lamiin Yamaal yeroo lamaa fi isaa ol sadarkaa kilebii fi biyyaatti Kiiliyaan Imbaappee waliin walitti dhufee mo'ateera.

Waancaa Laaligaa fi Waancaa Awurooppaa Imbaappee caaluun mo'ateera.

Har'a walitti aansinee yeroo sadii isaan mo'anna ykn nu mo'atanii yeroo jalqabaaf walitti aansanii xumura Waancaa Addunyaa taphatu jedhe Lamiin Yamaal.

Dembeelee waliin badhaasa Ballon d'Or irratti wal morkatanii Dembeeleen caalee badhaafameera.

Yamaal Imbaappee fi Dembeelee mo'achuuf har'a maal gochuuf deema?

Faransaayii fi Ispeen Kibxata galgala sa'aatii afur irratti tapha waancaatiif darbuuf ijibbaata falmatu.

Shaampiyooniin bara 2018 Faransaayi, yeroo sadiif walitti aansuun tapha waancaatiif gahuuf, Ispeen, kan waancaa addunyaa bara 2010 injifatte ammoo garee waancaa addunyaa fi Awurooppaa yeroo walfakkaataa keessa moo'ate ta'uuf qophaa'aniiru.

Gareen lamaanuu qaamaa qalbiin taphichaaf qophaa'aa jiraatanilleen qalbiin daawwattoota hedduu garuu Kiliyaan Imbaappee fi Laamiin Yaamaal irra jira.

Imbaappeen bahee kan mul'ate waancaa addunyaa bara 2018 irratti yeroo biyyi isaa garee warra Meesii injifatanii nuusa xumuraatiif darban ture.

Waggaa saddeetiin duuba mucaan yeroos ijoollee ture suni amma waancaa addunyaa irratti taphataa urjii ta'ee ifee mul'atu ta'eera.

Imbaappeen taphataa cimaa hin argamnedha

Bara taphaa darbe irratti Kilaba isaa maadiriirdiif taphoota 44 taphatee goolii 42 galche. Kanaanis laaligaa fi shaampiyoonsi liigii keessaa taphataa goolii hedduu galche ta'eera.

Tapha waancaa addunyaa baranaa taphatamaa jiru irrattis sararri Fuulduraa garee Faransaayi akkaan sodaatamaa akka ta'u warra godhan keessaa tokko Imbaappeedha.

Taphataa gatiin qaalii lammaffaa yoo ta'u, liyooneel Meesii waliin ammoo waancaa addunyaa baranaa irratti kophee warqeetiif morkachaa jira. Goolii ofii lakkoofsiseen alatti ammoo gooliin 11 akka galuuf gumaacheera.

Waancaa addunyaa irratti goolii 19 lakkoofsisuun rikardii hanga tapha baranaatti taphataa Jarman Miroslaav Kiloosiin qabame 16 darbuun Meesii, kan goolii 20 lakkoofsise hordofaa jira.

Tapha waancaa addunyaa baranaa irratti tapha jalqabaa irratti erga goolii galcheen booda tapha lammataa irratti hatiriikii hojjete.

Dargaggeessi ganna 27 Imbaappeen biyya isaa Faransaayiif taphoota 104 irratti goolii 64 lakkoofsiosuun Rikardii Oliver Jiruudiin qabamee jiru fooyyessee Taphataa Faransaayiif goolii hedduu galche ta'uun rikardii harkasaa galfateera.

"Anaaf hawwii fi ofitti amanamummaadha. Bakka deemu sirritti beeka. Inni gaggeessaadha. Yeruma ijoollummaarraa kaasee nama bilchina qabudha" jedhe Jiruud waa'ee Imbaappee yeroo gaafatametti.

Imbaappeen Rikardii danda'e hunda cabsuu barbaada. Akka Peelee waancaa addunyaa sadii moo'achuuf fedhii guddaa qaba.

Gaazexeessaan kubbaa miilaa Faransaayi Luke Intiwistil, "Inni garee isaa waancaa addunyaa sadii keessatti milkaa'inaan akka deeman gargaareera. Ilaalchi inni Fraansaayi keessattis ta'e alatti qabu garee keessatti taphataa murteessaa ta'uudha" jedha.

Zinaddiin Zidaanii fi Misheel Pilaatiiniin Faransaayiif taphattoota ciccimoo yeroo maraa jedhamanii ka'u ture. Ogeessi kubbaa miilaa Faransaay, Juliyaan Lawures ammoo Imbaappeen isaan caala jedha.

"Yeroo kubbaa miilaa dhaabutti inni waan hundaan kan jalqabaa ta'a. ammaan booda yoo xiqqaate waancaa addunyaa tokko nitaphata. Kanaaf fuula duratti taphataa collee yeroo maraa ta'a" jedha.

Waggootni 15 itti aanan bara Lamiin Yaamaal ta'u

Lamiin Yaamaal wixata darbe waggaa 19 guute. Umrii kanattuu taphataa cimaa sarara fuulduraa pilaaneetii kanaati.

Ga'umsi bara taphaa 2023/24 Baarseloonaa keessatti dabarse bara 2024 garee Ispeen keessatti akka hammatamuuf gargaareera. Akkuma Imbaappeen bara 2018 godhe inni hirmaannaasaa jalqabaa waancaa addunyaatiin ga'umsa gaarii mul'isaa jira.

Bara darbe umriisaa waggaa 18tti badhaasa Baalandooriif kaadhimamee ture. Miidhaan isarra gahe qophii waancaa addunyaatiif taasisaa turerratti dhiibbaa itti uumees ture.

Taphoota shan waancaa addunyaa baranaa irratti taphate keessatti goolii tokko qofa galche. Akka Kiliyaan Imbaappee fi Beelinghaam waancaa addunyaa baranaa irratti goolii hedduu galchuutti hin milkoofne.

''Akka tasgabbaa'u itti himeera. Barana waggaa 19 guuteera. Amma waa'ee dhiphina kana duraa dhiisee tasgabbaa'ee taphatti akka gammadu gorseera. Kubbaa miilaasaatti gammaduu qaba. Guyyaan waancaa addunyaa baranaatti inni gammadu dhufuuf jira" jedhan leenjisaan garee Ispeen Liwus Foonteen.

Lamin Yaamaalii fi Niko Wiliyaams jabina qaamaa cimaa dhabuun mala taphaa Ispeen irratti jijjiirama gpchuuf akka isana dirqisiise leenjisichi himu.

"Lamin Yaamaal bakka dhiphaa irratti taphata. Warri sarara Ittisaa isa nama lamaan qabu.kanaaf jecha mala taphaa keenya jijjiiruuf dirqamne" jedhan.

Ciminni garee ispeen kan waloo ta'ulleen ciminni dargaggeessa ganna 19 kanaa gaheensaa laayyoo miti.

"Dhiibbaan isaa akka guddatu kan godhe inni dirree keessatti waan godhu baayyee qaba. Gareen faallaa isa qabuu barbaada. Inni gaggeessaadha. Umrii Kanaan nama jijjiirama uumuu danda'u. waan Liyoon Meesii, Diyaagoo Maradoonaa, Peelee fi Ronaaldoo qofarratti argitu isarraa argita.

"Yoo sirnaan itti fayyadame waggootni 15 yookan 20 dhufan kan Lamiin Yaamaali" jedhan Leenjisaan garee Ispeen.

Birqabaan yoo ilaalaman taphattoota lamaan kessaa tapha baranaa irratti Imbaappeen fagootti Lamin Yaamaal caaleera.

Imbaappeen rukuttaa 30 keessaa goolii 8 galcheera. Kana jechuun dhibbeentaan yoo ilaalamu harka 27 jechuudha. Lamin Yaamaal ammoo rukuttaa 23 keessaa goolii tokko qofa lakkoofsise. Kuni dhibbeentaan harka 4 akka jechuuti.

Imbaappeen kubbaa goolii ta'e sadii mijeessee kennera. Lamin yaamaal kubbaa goolii ta'e tokkolleen mijeessee hin kennine.

Ammaan dura waancaa Addunyaa irratti Ispeeniifi Faransaayi bara 2006 kan walitti dhufan yoo ta'u, Farnsaayi duubaa ka'uun goolii 3 fi 1n moo'atte.

Tapha nuusa xumuraa yuuroo 2024 irratti Ispeen duubaa ka'uun 2 fi 1n moo'atte irratti Lamin Yaamaal goolii walqixxeesituu tokko lakkoofsisee ture.

Tapha nuusa xumuraa Uefa Nashin Liigii baranaa irratti Ispeen goolii 5 fi 4n yeroo moo'atte Lamin Yaamaal goolii lama kan lakkoofsise yoo ta'u, Imbaappeen goolii tokko galche.

Taphni walakkaa xumuraa waancaa Addunyaa Kibxata qalgala gareen Ispeenii fi Faransaayi waliin taphatan kanarratti gareen injifate carraan tapha dhumaa waancaa addunyaa bara 2026 Adoolessa 19, Niwjersiitti taphatamuuf jiru moo'achuu qabaachuu mala.